Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan

Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee 7560 keessaa wallakkaan ol kan ta'an yoo fayyan, kanneen lubbunsaanii dhaban ammoo 127 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoohiyaatti namoota COvid-19n qabaman keessaa walakkaan bayyataniiru

    Ajjeefamuu Artist Haacaaluu waliin walqabatee mormii dhalateen saamuda laaboraatoorii sassaabuun rakkisaa akka ture Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Guyyaa kaleessaa ammo saamuda 2,192 qoratameen namoonni 169 koronaavaayirasiitiin qabamuun isaanii mirkanaa’eera jedhe ministeerichi.

    Haaluma kanaan lakkoofsi waliigalaa namoota Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argamee 6,386 qaqqabeera.

    Kana keessaa ammoo walakkaa kan ta’u, 3,018 dhibee kanarraa bayyanachuun ibsameera.

    Itoophiyaatti hanga ammaatti namoota 260,582 ta’aniif qorannoo koronaavaayirasii taasifameeraa.

  2. 'Haacaaluun jiraatti weelluun akkuma godhe du'a isaattillee Oromoo tokko taasise'

  3. Meksiikootti namoonni Covid-19n du'an kuma 30 caale

    Biyyoota Laatiin Ameerikaa keessaa weerara koronaavaayirasiin hedduu kan miidhamte Meksiikoon hanga ammaatti namoota 30,000 ol dhabuun ishee ibsameera.

    Akka ministeerri fayyaa jedhetti,lakkoofsi namoota du’anii Sanbata 523n kan dabale yoo ta’u, walumaagalatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19n lubbuun isaanii biyyattii keessatti darbe 30,366 qaqqabeera.

    Kanarraa kan ka’een biyyattiin lammileen ishee 29,000 ol dhibee koronaavaayirasiitiin kan dhabde Firaansiin dursuun sadarkaa 5ffaa irratti argamti.

    Haata’u malee, osoo qorannoon gahaa ta’e gaggeeffamee jiraatee lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamaniis ta’e du’anii caaluu akka malu himama.

    Akka gabaasa Yunvarsiitii Joon Hopkiinsitti, biyyoota Laatiin Ameerikaa keessaa Meksiikoon Biraazilitti aantee lakkoofsa namoota sababa dhibee Covid-19'n du’aniin lammaffaa irratti argamti.

    Biyyattiin garuu sochii dhorkuu sababa weerara koronaavaayirasiitiif keessa kaasaa jirti.

    Biraazilitti namoonni miliyoona 1.5 ol kan ta’an koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta’u, namoonni 64,000 ammoo dhibee kanaan lubbuun isaanii darbeera.

  4. ''Hiriyyaa kiyya gootichi rasaasaan galaafatame'

  5. Tamsaasa kallattii Adoolessa 05, 2020 jalqabneerra.

    Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii ittiin odeeffannoo biyya keessaafi kan addunyaa gaggabaabsuun qixeessinee battalumaan isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Nu hordofaa.

  6. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 6,386 gahe

  7. Dubartiin Afrikaa kibbaa ‘abbaa warraa seete nama biraa awwaalte’

  8. AL-Shabaab lubbuu namoota jaha Somaaliyaatti galaafate

    Balaan kuni Kibba Somaaliyaa magaalaa Baayidowaatti boombii dhoohen kan dhaqqabedha

    Gama kaaniin, of galaafataan boombii ofirratti hidhee dhihoo magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishootti dhoo’en immoo 7 miidhamaniiru.

    Al-Shabaab dhoo’insa lamaanuu duuba natu harkaa qaba jedheera.

    Mootummaan biyyattii deeggarsa UN’n socho’u bakkeewwan biyyattii to’achuuf al-Shabaab waliin waggaa 10 oliif falmii cimaa taasisaa jira.

    Baayidowaatti boombiin dhohe kanneen taaksii sassaabaa turaniifi resturaantii keessa walgahii gageessaa turan irratti kan xiyyeeffate ture

  9. Balaa lolaa Jaappaanin hedduun du’aniiru jedhame sodaatame

    Balaa lolaa biyya Jaapaaniin 15 du’aniiru jedhamee yeroo amanamu sagal immoo achi buuteen isaanii hin baramne.

    Balaan kuni odola Kiyushuu jedhamtutti mudate.

    Lolaan kuni rooba cimaarraa kan madde yoo ta’u sigigia lafaallee dhaqqabsiiseera jedhameera.

    Kanneen du’an keessaa 14 mana tokko bakka kunuunsa argatan keessatti du’anii argamani.

    Qondaaltonni namoonni 200,000 ol qe’eerraa akka baqatan dhaamaniiru.

    Loltoonni 10,000 immoo gargaarsa akka taasisan bakkatti ergamaniiru.

    Ministirri Muummee Jaappaan Shinzo Abbe ummanni akka dammaqe of eegu dhaamaniiru

  10. Ameerikaatti poolisoonni sadii suuraa nama gurraachaa yeroo hudhan agarsiisu gadhiisan hojiirraa ari'aman

    Poolisoonni Ameerikaa Koloraadoo sadii suuraa nama gurraachaa yeroo hudhan agarsiisu qooduun hojiirraa ari’aman.

    Elijaa Makleen dargaggoo ganna 23 ture. Bara darbe ji’a Adoolessaa keessa ture daandiirratti poolisiin dhaabsifamee erga hudhameen booda wal’aansoo tureen lubbuun kan darbe.

    Poolisoonni sadan kunneen suuraa dargaggoo kana yeroo hudhan agarsiisu qooduun yoo ari’aman, poolisiin biraa tokkoo ammoo sababuma kanaan hojii gadhiiseera.

    Hogantuun Poolisii Denver naannoo Aruraa bakka dargaggoon kun itti du’ee Vanessaa Wiilsan, suriichaan yakka namoomaatu irratti raawwate jechuun ibse.

    Ni qaanofne, nama dhukkubsa akkasumas baayyee nama aarsa jechuun ibsite.

    Gochaa akkasii kana balaaleffachuu qabnas jette. Ji’a darbe keessa ajjeechaan nama gurraacha lammii Ameerikaa Joorji Filooyid poolisiin raawwateen walqabatee adunyaa guutuutti dheekkamsa kaasee ture.

    Dargaggoon ajjeefame Elijaan osoo daandii irra deemuu ture poolisiin waamamee gaafa bakkicha gahu odeeffannoon argate Elijaa waliin wal fakkannaan kan dhaabsise.

    Meeshaa qabattee jirta sakata'ami yeroo jedhan mirga kootti hin bu’inaan jechuun wal’ansoo wal qaban. Booda daqiiqota 15 oliif erga humnaan hudhanii qabuuf yaalanii gidduutti human poolisii dabalataa waamuun qoricha akka of wallaallu taasifame.

    Erga hospitaala gaheen booda Adooleessa 27tti achumaan du’uunsaa himame.

  11. UNtti Komishiniin mirga Namoomaa hookkaraa fi qabinsa mirga namoomaa Itoophiyaa irratti ibsa baase

    UNtti Komishiniin mirga Namoomaa Humnootni nageenyaa Itoophiyaa tarkaanfii humnaa jabaa fudhachuu irraa akka of qusatan gaafate.

    Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirga Namoomaa haalli nageenyaa Itoophiyaa keessumaa Oromiyaa keessaa erga Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame nu yaddeessera jedhe.

    Ajeechaan weellisaa beekamaa kanaa magaalaa Finfinnee dabalatee naannoo Oromiyaa keessatti mormii guddaa kaaseera. Mormiiwwan gariin karaa nagaa yommuu gaggeeffaman kaan ammo gara jeequmsaatti kan jijjiirame tahuu odeeffannera jedhe dhaabbatichi.

    Mootummaan mormii kana dhaabsisuuf jecha tajaajila interneetii waan addaan kuteef lakkoofsa namoota ajjeefamaniifi miidhamanii qulqulleeffachuun baay’ee ulfaataa nutti taheera jedhe.

    Akka mootummaan jedhutti humnoota nageenyaa dabalatee namootni 80 ol ajjeefamaniiru.

    Dargaggootni haleellaa sabummaa irrati xiyyeeffatee di jeequmsa yaaddoo ageenyaa jiru hammeessu raawwachuu irraa akka of qusatan waamicha taasifna jedha ibsi komishiniin kun baase.

    Humnootni nageenyaa yeroo hiriiraa fi mormii kana tasgabbeessan tarkaanfii humnaa jabaa fudhachuu irraa of qusachuu akak qaban dhaameera.

    Tajaajila interneetii addaan kutuun yaaddoo keenya biraadha kan jedhu dhaabbatichi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi mirga odeeffannoo barbaaduu, fudhachuufi dabarsuu kan dhiibe tahuu ibseera. Kun yaaddoo jiru daran hammeessa jedhe. Mootummaan osoo hin turiin tajaajila interneetii deebisuu qaba jedhe.

    Maatiin Haacaaluu Hundeessaas murtoo haqaa, fi dhugaa tahe argachuu qabu jedhe.

    Komishinii Mirga Namoomaa Itopphiyaa sarba mirga namoomaa gaggeeffamu akka qoratuuf deeggarsa barbaachisu ni taasfna jedheera komishiniin Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii.

  12. Atileetiin Keeniyaa Wiilsan Kipsaang waggaa afurif adabame

    Atileetiin Keeniyaa kana dura riikardii maaraatoonii galmeesse ture Wiilsan Kipsaang sababa qoricha humna dabalu fudhateen waggaa afurif adabame.

    Atileetiksiin Addunyaa Ebla bara 2018 hanga Caamsaa bara 2019 atileetiin kuni qorannoo afurif barbaadame si’a afur bakka beellamaa dhabameera jedheera.

    Atileetiin kuni maaraatoonii Landan si’a lama irra aanee ture.

    Akka seera Atileetiksii Adduunyaatti ji’a 12 keessa si’a sadii beellamarraa hafun akka dhorkamu taasisa.

    Kipsaang qorannoo Caamsaa 2019 sababa tiraafikaan qaqqabuu akka hin dandeenye suuraa kaasee dhiheessuus, suurichi kan baatii Hagayyaa ta’e argameera.

    Sababa kanneenif, dhaddachi Atileetiksii Addunyaa atileetii Keeniyaa Amajjiirraa eegalee waggaa afuriif kan isa dhorke ta’u ibse.

    Torban muraasa dura atileetiin Itoophiyaa waggaa 12’f adamuun ishee ni yaadatama.

  13. Porchugaal murtee UK’n aaruu beeksiste

    Guyyaa kaleessaa tarreen lammiilee biyyootaa yeroo gara UK dhufan adda of baasuun dirqama hin taaneef ifa ta’eera.

    Haa ta’u malee, tarree kana keessa kan of dhabde Porchugaal gadduu ibsiteetti.

    Ministeerri Dhimma alaa Porchugaal biyyi isaanii dhabamuun ‘maraachadha’ jechuun qeeqan.

    Awugustoo Saantos BBC’tti akka himanitti Porchugaal biyyoota adda of baasuun dirqama hin taaneef keessa biyya isaanii dhabuun sirrii miti.

    Ministirri Muummee UK Booris Joonsan biyyoota koronaavaayirasii sirriitti hin to’anneef guyyaa 14’f adda of baasuun dirqama jedhaniiru.

    Awugustoos hammi namoota vaayirasichi irratti argame UK keessa jiru kan Porchugaaliin dachaa torba ta’a jechuun ‘biyya michuu akkanaan hin simatan’ jedhaniiru.

    Biyyoonni biroo tarree biyyoota adda of baasuurraa bilisa ta’an keessa hin jirre Ameerikaa, Chaayinaa, Maaldivisiifi Siwiidinidha.

    Murteen kuni Adoolessa bultii 10 hojiirra oola jedhameera.

  14. Daandiin Qilleensa ‘Air France’ hojjettoota 7,500 ari’uufi

    Sababa weerara koronaavaayirasiin Daandiin Qilleensa ‘Air France – KLM’ jedhamu hojjettoota 7,500 hojiirraa ari’uufi.

    Dhaabbatni kuni Awuroppaarraa dhabbata guddinaan lammaffaa dha.

    Ibsa kaleessa baaseen weerarri koronaavaayirasii yoom akka dhaabbatu wanta hin beekamneef bakka duriitti deebi’un yeroo fudhachuu mala jedhe.

    Murteen namoota hojiirraa gaggeessu kuni waggaa sadii keessatti hojiirra oola.

    Sababa weerara vaayirasichaan dhaabbatichi guyyaatti galii yuuroo miiliyoona 15 dhabaa akka jiru beeksiseera.

    Bakka duriitti deebi’uufis hanga bara 2024 yeroo fudhachuu mala jedhe.

  15. Hawaasni Oromoo biyya alaa jiru hiriirra mormii gaggeessaa jira

    Hawaasni Oromoo biyyoota addunyaa garaagaraa jiran ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatameefi hidhamuu hooggantoota siyaasaa mormituu balaaleffatu gaggeefamaa jira.

    Dubbi himtuun hawaasa Oromoo Minesotaa kan kanaa kan taatee Najaat Hamzaa bulchiinsa sadarkaa gadi jirurraa qabee hanga Federalaatti gaaffii isaanii dhiyeeessaa akka jiran BBC'tti himte.

    ''Wanni nuti gaafataa jirru Hooggantootni keenya hidhaa jiran akka gadlakkifamanfi mirgi Oromoo akka kabajamu dhiibbaa gochaa jirraa,'' jette.

  16. Akkam bultan!

    Hawaasni Oromoo bakkeewwan gara garaa jiru ajjeechaa weellisaa Hacaaluu mormuun daandiirra bahuu itti fufaniiru.

    Dhalattuun Somaaliyaafi miseensi kongirasii US Ilhaan Omaar ajjeechaa Hacaaluu irratti raawwateef haqni akka argamu Ameerikaan akka gargaartu waanin danda’e hunda nan godha jechuun fuula fesbuukii ishee irratti barreessite.

    Dabalataan biyyoonni biroo keessoo Itoophiyaa keessa seenuun jeequmsa akkasumas qoodinsa gara caalu akka hin finne akka eeggatan dhaamte.

    Mootummaan Itoophiyaallee intarneeta cufe akka banu gaafatte.