Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan

Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee 7560 keessaa wallakkaan ol kan ta'an yoo fayyan, kanneen lubbunsaanii dhaban ammoo 127 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Covid-19 Afriikaa keessatti saffisa akkamiin tatamsa'aa jira?

  2. Lakkoofsi namoota ajjeechaa Haacaaluun shakkamanii to'ataman 14 gahe

  3. Zimbaabween narsoota sababii kaffaltiin hojii dhaaban hidhaa jirti

    Zimbaabweetti poolisoonni narsootaafi bakka bu’oota gamtaa narsootaa kaffaltii gadaanaan wal-qabatee hojii dhaaban hedduu qabaa jiru.

    Narsoonni mindaan sababii qaala'iinsi jireenyaa %800 dabalaa jiruu mindaasaanii gatii dhabsiiseef jecha akka doolaara Ameerikaatiin kaffalamuuf gaafataa jiru.

    Waldaan Narsoota biyyattii ‘‘yoo xinnaatee miseensoonniifi bakka bu’oonni keenya 13 ta’an tibba hiriira Hospitaala Haaraaeetti gaggeefameetti hidhamaniiru’’ jedheera.

    "Ammaan tanas buufata poolisiitti argamu. Garuu himannaan attamii akka irratti banamuuf jiru wanti beeknu hinjiru,’’ jechuun ture pirezdaantiin waldichaa AFP’tti kan himan.

    Hojjattoonni fayyaa to’annoo jala oolfaman kunneenis Kibxata harraa mana murtiitti akka dhiyaatan nutti himameeras jedhan.

    Gamtaan ogeessootaa kan narsoota dhaabbilee motummaa keessa hojjatan 15,000 bakka bu’u kunis, torban darbe ture kanfaltii gadaanaa wal-qabatee miseensoonni akka hojii dhaabaniif waamicha taasisee kan ture.

    Mormiin kunis wayita tamsa'inni Covid-19 biyyattii keessatti baay'ataa jiruutti kan gaggeeffame.

    Zimbaabweetti namoonni 716 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa’ee yoo ta’u, hanga amaattis namoonni saddeet lubbusaanii dhabaniiru.

  4. Afriikaa Kibbaatti namoonni Covid-19'n qabaman 200,000 caale

    Afriikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 200,000 ol qaxxaamuruun himame.

    Ministirri Fayyaa biyyattii Ziwelii Mkhizee akka jedhaniitti, keessattuu naannooleen biyyattii afur keessa haala tatamsa’ina vaayirasichaatiin haala sodaachisaa keessatti waan argamaniifu, uggura kaa'uun waan hin oolle.

    Naannooleen biyyatti facaatii vaayirasichaatiin garmalee miidhamanis Gaa'uweng, Lixa Keep, Baha Keep fi KwaZuluu Naataal akka ta’an ibsame.

    Lakkoofsi namoota guyyaan qabamaniis kumaatamatti ol ka’utuu himama.

    Ministeerri Fayyaa ammas biyyattiin yoo tarkaanfii uggura kaa’uutti kan hindeemne ta’e waan cimaatu mudachuuf jira jechuun akeekkachiise.

    Biyyattiin torban kana keessa sadarkaa uggura kana dura keessee turte keessaa dabareedhaan bahaa amma manneen barnootaa deebistee barattoota baay'eef saaquratti argamti.

    Kana malees, biyyattiin wal'aansa qoricha Covid-19 kan Yunvarsitii Okfordiin oomishamee namoota irratti yaaluu keessatti hirmaataa jirti.

  5. Dr Koongootti hojjattoonni fayyaa sababii kaffaltiin hojii dhaaban

    Hojjattoonni fayyaa Magaalaa guddittii Dimokiraatik Rippabilik Koongoo, Kinshaasaa keessatti wallaansa koronaavaayirasiirra hojjataa jiran, hanga kaffaltii argataniitti akkuma hojii dhaabaniitti turu.

    Hojjattoonni kunneenis erga mindaan kaffalameefii baatii sadii darbeera.

    Dureen mormii kanaas haala balaa dhibee kanaatiin walqabatee waliigaltee mallatteesuuf kan didaman yoo ta’u, hakiimoonnifi narsoonni yoo qabaman hojiirraa harii’atamu.

    Baayyina namoota Dr Kongoo keessatti vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’ee 7,500 keessaa baayyeen isaanii magaalaa guddoo kana keessatti argamu.

    Caamsaa keessas, ministirri mummee vaayirasicha ittisuuf doolaarri miliyoona 10 ramadamu himanii turan.

    Haata’u malee, namni dhimmisaa ilaallatu kan harkasaa gahe miliyoona 1.5 gadiidha.

  6. Paartiin siyaasaa Gaanaa yeroo jalqabaatiif dubartii I/aantuu pirezidaantummaaf kaadhimate

    Gaanaa keessatti paartiin mormituu inni guddaa yeroo jalqabaatiif kaadhimamtuu itti-aantuu pirezidaantii ifa taasise.

    Naan Opoka Agyeman pirezidaantiin biyyattii durattii Joon Diraamanii Mahamaa kan filannoo Muddee dhufu gaggeefamurratti deebii’ee mo’achuuf dorgomuttimakamti.

    Pirofesar Naanaa Jane Opoka Agyeman ministira barnootaa duraaniifi itti-aantuu Chaansilara Yunvarsitii Keep Kostiiti turte.

    Yoo filannoo bara kanaatiin paartiin mormituu NDC kun mo’ataa ta’e, isheenis itti-aantuu pirezidaantii Gaanaa kan jalqabaa taati.

    Miseensoonni paartichaa muraasnis muuxannoo, tasgabbiifi fiixaan bahiinsaa gumaachitti jechaa jiru.

    Filanoon Muddee 7 gaggeefamu kanaanis pirezidaantii Nanaa Akufo-Addoo kan walitti aansuun yeroo lammaffaatiif aangoo irra turu barbaadan jidduutti dorgommii cimaan akka gaggeefamu eegama.

  7. 'Haacaaluun walaloo artistootaaf wayita barreessullee maqaakoo hin fayyadaminaa jedha'

  8. Pireziidaantiin Biraazil bu’aa qorannoo isaanii eegachaa jiru

    Pirezidaantiin Biraazil, Jaa’ir Bolsonaaroon erga irra deebiin ho'i qaamaa itti dhagahameen booda qorannoo Covid-19 kan biraa taasisan.

    Bolsonaaroon sombsaa qoratamuufi ‘nagaa’ ta’uu hima. Bu’aan qorannoo isaa garuu harra eegamaa waan jiruuf jecha namootaan walitti dhufeenya dhaabaniiru.

    Kana duras pirezidaantichi yeroo afur kan qorataman yoo ta’u, hunduu nagaatiiviidha.

    Bolsonaaroon kana dura waa’ee vaayirasichaa baayyee tuffachuun akka ‘qufaa xiqqootti’ ilaalaa turunsaanii ni yaadatama.

    Biyyisaanis lakkoofsa namoota vaayirasichaan du’aniitiin addunyaarratti sadarkaa lammaffaarratti argamti.

    Guyyaa Dilbataa, ministirri haajaa alaa biyyattii, suuraa ofiisaa, kan pirezidaantichaafi kan biroo maaskii osoo hin kaawwatiin osoo Imbaasii US keessaatti guyyaa walabumaa kanabajamuu argasiisu maxxansanii ture.

  9. 'Sirni durii sun guutuumaan haqamu malee jijjiramnii dhugaa hin dhufu'

  10. Delhii keessatti namoonni Covid-19 qabaman kuma 100 guutuuf

    Magaalaa guddoo Indiyaa, Delhii keessatti namoonni Covid-19n qabaman 100,000 guutuuf jira.

    Hanga ammaatti namoonni 99,444 qabamuun kan mirkanaa’ee yoo ta’u, isaan keessaa harka sadii kan ta’an ammoo bayyanachuun himameera.

    Gama biraatiin ammoo namoonni kuma sadii lubbusaanii dabaniiru.

    Magaalaan kun sababii weerarri garmalee keessatti baayyataa tureen Waxabajjii keessaa mata duree oduu taatee turte.

    Haa ta’u malee, tarkaanfii attattamaa cimaa aanga’oonni naannichaa fudhataniin torban darbee as haalichi kan gadi bu’e fakkaata.

    Aanga’oonni naannichaa guutuun magaalatiitti baayyina namoota qoratamanii haalaan dabalutu himama.

    Guyyaa Wiixataa, Indiyaan Raashiyaa caaluun addunyaarratti baayina lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin sadarkaa sadaffaa taatee.

    Baayyinni namoota biyyattii keessatti Covid-19n qabamanis 690,000 ol gaheera.

    Guyyoota muraasa darbaniittis, guyyaatti namoota kuna 20 oliituu vaayirasichaan qabama.

    Biyyattiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman baayyee qabaattuulleen, baayina namoota du’anitiin sadarkaa saddeettaaffa irratti kan argamtu ta’u odeeffannoon Yunvarsitii Joonsi Hopkiinsi irraa argame ni mullisa.

  11. Naannoo Amaaraa Aanaa Dawwee Haarawaatti maaltu ta'e?

  12. Viidiyoon waa’ee koronaavaayirasiirratti odeeffannoo dogoggoraa kennuu miliyoonotaan daawwatame

    Viidiyoon waa’ee koronaavaayirasiirratti odeeffannoo dogoggoraa kennuu barame si’a miliyoonotaan ilaalame.

    Viidiyoon odeeffannoo dogoggoraa kennu kun Covid-19’n bu’aa siyaasaatiif argachuuf Ameerikaatti qopheeffame jechuun odeeffannoo namoota burjajeessu kan kennu ture.

    Si'a miliyoona shan kan ilaalame yoo ta’u, namoota 100,000 ta’anitu toora feesbuukiirratti viidiyoo kana qoode.

    Viidiyoo kana amma argachuun kan danda’amu ta’ullee, toora feesbuukiifi Youtube irratti odeeffannoo dharaa kan kennu ta’uusaa namoota ilaalaniif akeekkachisni barreeffameera.

    Viidiyoon kun Ameerikaatti warreen dimokiraatotaa bara filannoon gaggeeffamu kanatti weerara uuman jechuun himannaas kan dhiyeessu ture.

  13. Tamsaasni TV Dimsti Wayyaaneefi TVn Tigraay adda cite

  14. Tamsaasa keenya kallattii kunoo amma eegaleerra!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Gara tamsaasa kallattii Adoolessa 07, 2020tti anaa haa dhufu jenne!

    Kallattii kanaan oduu biyya keessaafi kan addunyaa gagabaabaa qixeessinee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

  15. Kan hardhaa xumurre!

    Tamsaasa kallattii keenna guyyaa hardhaa asumarratti xumurra. Nu waliin turuu keessaniif galata qabdu.

    Boru ganama walitti deebina. Nagaan bulaa!

  16. Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbanitti namoonni haaraa 102 Covid-19 qabaman

    Itoophiyaatti sa’aatii 24 darban keessatti qorannoo saamuda 2,426 irratti taasifameen namoota 102 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

    Ibsa har'a Ministeerri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasa biyyattii waliin ta’uun baasaniin, namoonni 65 ammoo dhukkubicha irraa bayyanataniiru.

    Gama biraatiin ammo sa'aatii 24 darba keessatti namni tokkoo lubbuusaa dhabeera.

    Waluumaagalattis erga vaayirasichi biyyattii keessa galuun baramee kaasee namoonni 266,323 kan qorataman yoo ta’u, namoonni 6,666 vaayirasichaan qabamuun barameera.

    Isaan keessaas namoonni 3,199 dhukkubicha irraa bayyataniiru.

  17. Israa’eel namoonni Covid-19 qabaman daballaan irra deebiidhaan uggura labsite

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii daballaan Isra’eel sochii namoota irra deebitee uggurte.

    Wiixatarraa eegalee manneen dhugaatii, giddugalli ispoortii fi iddoowwan namoonni walitti qabaman cufaadha.

    Guyyaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ji’a Eblaa 1,000 ture dachaan dabaleera.

    Ministirri Muummee biyyatti Beenjamiin Neetahoon weerarri vaayirasii hammaachaa jiraachuu akeekkachiisan.

    Neetanahoon uggura sochii deebi’anii labsuun barbaachisa ta’uu itti dabalanii himan.

  18. Burundii fi Sudaan Kibbaa gartuu hawaasa Afrikaa bahaa Afrikaa(EAC) keessaa baafamuufi

    Burundii fi Sudaan Kibbaa gartuu michummaa diingadee mootummoota bahaa Afrikaa keessaa baafamuufi.

    Biyyoonni lamaan miseensaa michummaa dhaabbata EAC keessaa baafamuun tasgabbii biyyoota naannicha dhabsiisaa yaaddoon jedhus jira.

    Biyyoonni lamaan kun kaffaltii miseensummaa waan hin kaffalleef baasuuf biyyoonni miseensota garee kanaa gartuu kana keessaa baasuuf murteessan.

    Biyyoonni gartuu michummaa biyyoota baha Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Ruwaandaa, Taanzaaniyaa fi Yugaandaa waggaatti tokko tokkoon isaanii doolara Ameerikaa miliyoona 8 kaffaluutu irraa eegama ture.

    Burundiin garuu waggoota afran darban homaa hin kaffalle, Sudaan kibbaa garuu doolara miliyoona 10 kaffaltee turte.

    Jubaan kufaatii diinagdee walwaraansaan mudate wajjiin wal’aansoo qabuttti turte.

  19. Madagaaskaar weerara Koronaavaayirasii to’achuuf sochii namoota ugguruufi

    Madagaaskaar magaalaa guddoo biyyatti dabalatee kutaalee biyyatti keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii daballaan uggura sochii labsuufi.

    Uggurri sochii kun Adooleessa 20 irraa eegale hojiirra akka oolfamu mootummaan biyyatti ibse.

    Uggurri sochiii kunis weerara vaayirasichaa hir’isuuf karoorfame.

    Ammatti biyyatti keessatti namoonni 2,941 vaayirasichaan qabaman keessaa namoonni 32 du’aniiru. Biyyatti keessatti namoota 24,000 ta’anitu qoratame.

    Ji’a Ebla darbe keessa pirezedantiin biyyatti Andirii Raajolinaa baalli qorichummaa qabu biyyatti keessatti argame koronaavaayirasiirraa akka nama fayyisuu fi ittisu dubbachuun isaanii midiyaalee idila-addunyaarraa xiyyeeffannoo akka argatan taasisee ture.

    Baalli pirezedantichi qorichummaa qaba kan jedhaniin kanas barattoota biyyaattif bilisaan qoodamaa tureera.

    Otoo qorichummaan isaa saayiinsiin hin mirkanaa’iin biyyoonni Afrikaa muraasni qoricha kana argachuuf ajajataa turaniiru.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garuu batttaluma sanatti namoonni cuunfaa balaa san akka hin fayyadamneef akeekkachiisa kennee ture.

  20. Konkolaachisaan Faransaay haleellaa irra gaheen 'sammuun du'e'

    Konkolaachisaan awutoobisii Faransaay, namoota haguuggii afaaniifi funyaan (maaskii) hin godhanne hin yaabbattan jechuun haleellaan erga irra gahe booda, sammuun isaa du'eera (brain dead).

    Namoonni afur tikkeeta baasii koruu hinqabneefi maaskii hin godhanne, shufeera ganna 59 kana irra deddeebiin bunyaan dhaanan.

    Awutoobisii koruuf maaskii godhachuun Firaansi keessa dirqama.

    Namoota haleellaa kana godhan keessaa tokko to'annoo poolisii jala jiraachuu qondaalli poolisii AFPtti himeera.

    Waahillan nama kanaa kan tahan shufeeronni hedduun hojii dhaabuun mormiisaanii dhaggeessisaa jiru - tajaajilli awutoobisiis iddoo baayyeetti addaan citeera.