Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan

Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee 7560 keessaa wallakkaan ol kan ta'an yoo fayyan, kanneen lubbunsaanii dhaban ammoo 127 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mormii hawaasa Oromoo lafoo haga qilleensarraan

  2. Reeffi jumlaa namoota 180 Burkinafaasootti argame

    Biyya Burkinafaaso bakka owwaalcha jumlaa tokkotti reeffi namoota 180 argamuu garee mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach (HRW) gabaasa baaseen ibse.

    Bakki reeffi namootaa argame kuni bakka humnoonni mootummaa Jihaadistoota waraanaa jiranidha.

    Namoonni kuni dhihoo magaalaa Jibo riqicha jala, dirreerra akkasumas qarqara daandii hanga 20 baay’atanii kan awwaalamanidha.

    Seeratti dhihaatanii yakkamaa ta'un isaanii osoo hin mirkanaa'in waraana biyyattiin ajjeefamuu isaaniif kuni ragaadha jedheera HRW.

    Gareen kuni qaama bakka ''dirree ajjeechaa'' taasise kana akka qoratu mootummaa gaafateera.

    Ministirri Ittisaa biyyattii Moominaa Sheerif Sy hidhattoonni uffata waraanaa hatanii uffatan kana gochuu hin oolani jedhan.

    Mootummaan waan raawwate nan qoradha jedheera.

  3. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa koronaavaayirasiin qilleensaan darbuu akka danda'u amane

  4. Miseensa Kongirasii US: ’Mootummaan Itoophiyaa kanneen jibba facaasan seeratti haa dhiheessu’

    Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaatti dura teessuun koree xiqqaa dhimma Afrikaa kan ta’an Kaaran Bayiz mootummaan Itoophiyaa lammiilee hundaaf furmaata akka kennu gaafatan.

    Miseensi Kongirasii kun du’a Hacaaluu Hundeessaafi hookkara ergasii biyya keessatti dhalate irratti ibsa baasaniin (Afaan Ingiliziitti nama geessa) maatii Hacaaluufi kanneen ajjeechaa booda lubbuu dhabaniif jajjabina hawwaniiru.

    Kaaran Bayiz sagaleen ummata Itoophiyaa kamuu dhagahamuu qaba jechuun ibsan.

    Haalli Itoophiyaa keessa jiru muddama keessa seeneera, lammiileenis aaraniiru.

    Yeroo kanatti mootummaan lammiilee Itoophiyaa hundaaf furmaata kennuu qaba jechuun gaafatan.

    Mootummaan riiformii jijjiiramaaa fidutti akka hojjechuu itti fufu dhaamanii, intarneetiin cufame akka banamu gaafatan.

    Biyya waldhabdeen hubametti tasgabbii mirkaneessuun kanneen jibba facaasuuniifi hookkara jajjabeessuun biyyattii keessa wal-qoodinsa fidan seeratti akka dhiheessan gaafataniiru.

  5. Daarektara FBI: Chaayinaan ‘yaaddoo guddaa’ Ameerikaati

  6. Delhii keessatti qorichoonni Covid-19 karaa seeraan alaa gabaarra oolaa jiru

    Qorichoonni dhukkubsattoota Covid-19 lubbuu baraaru jedhaman remdeziviir fi tookilizumaab Hindii keessatti karaa seeraan alaa gabaarratti gatii miyaa ta'een akka gurguramaa jiran qorannoon BBCn taasise mul'ise.

    Abbaan Abhiinaav Saarmaa wayita hoospitaala Deelhii tokkotti simataman qaamni akka malee ho'ee harganuus rakkachaa turan.

    Koroonaavaayirasii qabdu jedhamee dooktaroonni maatiin isaanii remdeziviir akka bitaniif ajajaman.

    Qorichi kun Hindiitti dooktarootaan wal'aansa tasaaf akka ajajamu raggaasifameera.

    Haa ta'u malee, qoricha kana eessaayyu argachuun waan hin yaadamne ta'e. Remdeziviir gabaarra hin jiru.

    Akkuma yeroon dabalaa deemuun fayyummaan eessumasaa kan isa yaaddesse Obbo Shaarmaan namoota hedduu biratti bilbiluun maaloo qorsa kana naaf barbaadaa jechuutti ka'e.

    ''Ijjikoo imimmaaniin guutamee ture. Eessumnikoo lubbuu isaaf wallaansoo qabaa ture, animmoo qorsa tarii lubbuusaa oolchuu danda'u argachuuf xaaraan ture,'' jedhe.

    ''Bakka hedduu ergan bilbilee booda qoricha kana gatii dachaa torba ta'uun bite.

    Gatii kamiyyuu kaffaluuf fedhiin qaba ture. Namoota kaffaluu hin dandeenyeef garuu nan gadda,'' jechuun hime.

    Seenaan Obbo Shaarmaa maatii magaalaa Delhii jiran hedduu waliin wal-fakkaata. Nama jaalatan oolchuuf gatii kamiyyuu kaffaluuf warra qophaa'e.

  7. US keessatti namoonni Covid-19n qabaman miiliyoona 3 darbe

    Ameerikaa keessatti weerarri koronaavaayirasii erga jalqabee kaasee namoota miliyoona 3 caalanirratti dhibeen kun argamuu isaa Niiwuu Yoork Taayimsiifi NBCn gabaasaniiru.

    NBC akka gabaasetti Kibxata kaleessaa qofaatti namoonni haaraan 45,000 dhibee kanaan qabamaniiru.

    Ameerikaan lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin irratti argameetiin addunyaarratti tokkoffaadha.

  8. Naayiroobiitti poolisoonni hiriirtotatti gaazii imimmaansu gadhiisuun, rogeeyyii siyaasaa hedduu hidhan

    Magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti rogeeyyiin hirmaatan hedduu hidhaman..

    Hiriira mormii’guyyaa torbaaffaa ji’a torbaffaa’’ jedhamu bulchiinsa abbaa irree pirezedant duranii arab Moyi ganna 30ffaa yaadachuu hiriira bahame. Hiriirri kun mootummaa balaaleeffachuun gaggeeffamaa ture.

    Hiriira kanarratti miidhaa miseensonni poolisii wayita uggura sochii kabachiisanbiyyatti keessatti qaqqabsiisan dheekkamsa uume ibsachuu karaa saaqe.

    Jaarmiyaaleen mirganamoomaaf falman poolsonni biyyatti wayita labsii uggura namoota daangessee kabachiisan Bitootessaarraa kaasanii namoota 20 ool ajjeesu ibsan.

  9. Dhaabbata Fayyaa Addunyaa; dhibeen buuboonik kan Du'a Gur'aachaqaqqabsiisu ‘ balaa guddaa kan qaqqabsiisu miti’

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarrii dhibee buuboonik jedhamuu kan Du'a Gur'aacha qaqqabsiisu ‘ balaa guddaa kan qaqqabsiisu miti’ jedhe.

    Kaabaa Chaayinaa naannoo Moongoliyaa keessatti argamuu hordofee, Dhaabbatichi‘ itti dhiyeenyaan‘ hordofaa jirra‘ jedheera.

    Dubbi himtuun dhaabbatichaa Margareet Haaris, sirnaan to’atamuu himan.

    Dhibeen kun jaarraa tokkoo oliin wajjin ture, Chaayinaatti namni qabame jiraachuu arginerra,dhibeen kun sirnaan to’atameera jedhan.

    Dhibeen buubonik dhibee baayyee sodaatamu kan ture yoo ta’u,amma salphatti qorichaan wal’aanuun ni danda’ama.

    Jaarraa 19ffaa keessa weerarri dhibichaa biyyoota Indiyaa fi Chaayinaa keessatti ka’e lubbuu namoota miliyoona 12 galaafachuusaatu yaadatama.

  10. Dhukkuboonni bineensotarraa namatti dabran dabaluun yaaddoo uumaa jiran

  11. Lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii daballaan daarektarri fayyaa Isra’eel aangoo gadhiisan

    Daarektarri fayyaa hawaasaa Isra’eel Sijiyaal Saditizikii tatamsa’inni vaayirasii baay’annaan aangoo gadhiisan.

    Saditizikiin mootummaan labsii sochii namoota uggure ariifatee kaase jechuun qeeqa dhiyeessan.

    Biyyattii labsii weerara dhibee to’achuuf baafte ji’a tokkoo booda deebistee laaffisuu eegalte.

    Torban darbe keessa lakkooofsi namootavayirasichaan qabamanii 1,000 guute.

    Ministirri muummee Beenjamiin Neetanahoon biyyattin guutummaatti marsaa lammaaffaaf akkan cufamneef tarkaanfii murta’ee fudhachaa jirra jedhan.

  12. Akkam jirtu hordoftoota keenyaa

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo Adoolessa 08, 2020 jalqabneeerra.

    Toora kanaan oduu ho'aa gaggabaabsinii jala jalaan isin biraan ni geenya.

    Itti dhiyaadhaa!

  13. Gareen abukaatoo Jawaar Mohaammad, Jawaar akka hin argine dhorkamuu himan

    Gareen abukaatoo namoota jaha qabu Jawaar Mohaammad dubbisuuf har'atti beellamni qabamuufillee wayita deemanitti Jawaar dubbisuu akka dhorkaman himan.

    Abukaatoowwan kanneen keessaa tokko kan ta'an Dr Tokkummaa Dhaabaa OMN'tti akka himanitti Jimaata darbes Jawaar dubbisuuf wayita dhaqanitti dhorkamanii har'atti beellamni qabameefi akka ture himu.

    Haa ta'u malee guyyaa har'aas Jawaar waliin wal qunnamuu dhorkamuu himu.

    Kibxata har'aa naannoo sa'aatii 8 wayita dhaqan manni hidhaa humna jabaan marfamee eegamaa ture kan jedhan Dr Tokkummaan, 'yeroo muraasaaf hin galchinaa nuun jedhaniiru, deemaa sin galchuu hin dandeenyu' jedhanii nu deebisani jedhu.

    Mooraatti siquuyyuu hin dandeenye jedhu Dr Tokkummaan.

    Obbo Jawaariifi Obbo Baqqalaan Kamisa darbe mana murtiitti kan dhiyaatan abookaatoo malee ture.

    Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaafi kaanneen isaan waliin to'ataman jiddugala Aadaa Oromootti aanga'oota mootummaa olaanoo walgahiirra turan ajjeesisuun ajjeechaa Waxabajjii 15 kan baraa darbee irra deebi'uuf yaalii godhanii turan jedhe poolisiin Federaalaa.

  14. Pireezidantiin Biraazil Jaayir Boolsonaaroo koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa’e

    Pirezedantichi mallattoon gubaa qaamaa erga irratti mul’ateen booda ture yeroo afraffaaf qoratamanii kan poozatiivii ta'uun isaanii barame.

    Kanaan duraa Boolsonaaroon Covid-19’n 'qufaa laaftuudha, otoo na qabees baay'ee nan miidhu' jechaa turan.

    Pirezedantichi labsiin sochii namootaa uggure diinagdee biyyaas miidheera kanaaf bulchitoonni naannolee biyyatti uggura labsame kana laaffisuu qabu jechaa turan.

    Otoo seerri maaskii akka uffatan isaan dirqisiisuus, maaskii malee iddoo gara garaatti mul'ataniiru pireezidantichi.

    Amma Wixata darbe kanaatti biyyatti keessatti vaayirasichi lubbuu namoota 65,000 galaafachuun, namoota miliyoona 1.6 qabeera.

  15. Itoophiyaatti namoonni haaraa 108 koronaavaayirasiin qabaman, namni tokko du'e

    Qorannoo laaboraatorii sa'aatii 24 darban keessa namoota 1,969f taasifameen namoota 108 irratti vaayirasichi argamuun mirkanaa'ee jira.

    Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 6,774 gaheera.

    Kanneen haaraa dandamatan 102 dabalatee namoonni 3,301 vaayirasicharraa bayyanatanii jiru.

    Ammatti namoonni vaayirasichaan qabamanii jiran 3,351 yoo ta'an kanneen keessaa 31 haalaan dhukkubsatanii akka jiran ibsi Ministeera Fayyaa ni mul'isa.

    Sa'aatii 24 darbe keessa namni tokko vaayirasichaan yoo du'u, namoonni du'an 120 gahaniiru.

    Walumaa galatti Itoophiyaan namoota 268,292f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.

  16. "Oromoon bilisa baheera, amma kan barbaachisu misooma"

  17. Burundiin namoota koronaavaayirasiin qabaman adda baasuuf qorannoo jumlaa eegalte

    Mootummaan Burundii pireezidantii haaraa aangoo qabateen durfamu weerara koronaavaayirasii to’achuuf kan kaayyeffate duula eegaleera.

    Pireezidantiin duraanii biyyatti Piyeree Nikurunziizaa ‘Waaqayyoo Burundirraa vaayirasicha ni qulqulleessa’’ jechaa turan.

    Pireezidant Nikurunziizaan xumura ji’a darbeetti dhukkuba onneetiin du’an.

    Pireezidantiin biyyattii haaraa muudaman Ivaristii Nidayishimiyee, ’koronaavaayirasiin diinaa Burundiiti, diina kana qolachuu eeggalleera ’jedhanii dubbatan.

    Pireezidantichi erga Waxabajjii 18 aangootti dhufee as namoota 1900 oliif qorannoon koronaavaayirasii taasifamee jira.

    Biyyattiin erga Bitootess darbe weerarichi mudatee nama 1200 qofa qoratte turte.

    Walumaa galatti namoota qorataman 3200 ta'an keessaa namoonni 191 qabamuun mirkanaa’ee jira.

    Weerarri vaayirasichaa sadarkaa maaliirra akka jiru baruuf qorannoon duulaan taasifamu itti fufa jedhe Ministeerri Fayyaa biyyatti.

  18. Vaayirasiin hammaannaan Meelbarni uggura guutuutti deebite

    Lammileen magaalaa guddittii Awustiraaliyaa Meelbarni miliyoona 5 ta'an torbee jahaaf manaa akka hin baane dhorkaman.

    Kunis lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii daran dabaluu isaatiini.

    Guyyaa tokkotti namni 191 vaayirasichaan erga qabameen booda murteen kun darbe.

    Awustraaliyaa keessatti namni 9,000 vaayirasichaan yoo qabamu, 106 kan ta'an lubbuu dhabaniiru.

    Uggura amma labsame kanaan lammiileen magaalaa Meelbarni jiraatan dhimmoota murteessaa qofaaf manaa bahuun hayyamamaaf.

    Manneen barnoota barnoota fagoo kennuutti deebi'u, manneen nyaata warra fudhatanii deeman qofa keessummeessu.

    Uggurri kunis Roobii irraa ka'ee hojiirra oola.

  19. Obbo Dajanee Xaafaafi Kol. Gammachuu Ayyaanaa to'annoo jala oolan

  20. Manneen barnootaa Keeniyaa hanga 2021’tti cufaa turu jedhame

    Ministeerri Barnootaa Keeniyaa manneen barnootaa sadarkaa jalqabaafi lammataa bara 2021 (A.L.I Amajjii bara 2013) banamu jedhan.

    Waggaa dhufus barattoonni amma jiran hunduu kutaa amma jiranirraa itti fufu jechuun beeksise.

    Ministirri Barnootaa Joorj Maagohaa barattoota sadarkaa tokkoffaafi lammaaffaaf qormaatni walii galaa hin jiraatu jedhan.

    Silaa qormaatni kuni baatii Onkololessaafi Sadaasaa keessa kennama ture.

    Haa ta’u malee, kollejjiwwaniifi yunivarsiitiin baatii Fulbaanaa keessa qajeelfama cimaa waliin ni banamu jechuun himan.

    Sababa weerara koronaavaayirasiin manneen barnootaa Keeniyaa keessaa baatii Bitoteessaa eegalee cufaa jiru.