Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan

Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee 7560 keessaa wallakkaan ol kan ta'an yoo fayyan, kanneen lubbunsaanii dhaban ammoo 127 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biraaziilitti duuti koronaavaayirasii 70,000 gahe

    Biraazil keessatti lakkoofsi namoota sababa koronaavaayirasiin du'anii 70,000 caaluu ragaaleen mootummaa biyyattii mul'isan.

    Sa'aatii 24 darbe qofa nama 1,200 kan du'e.

    Biraazil Ameerikaatti aanuun lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii fi du'anii isa olaanaa qabdi.

    Kuni ta'ees biyyattiitti weerarri vaayirasichaa fiixee isaa hamaarra hin geenye jedha WHO'n.

    Ji'a dhufu caalaatti hammaachuu mala jedhe.

    Haa ta'u malee, Saa'oo Pooloo fi Riyoo dabalatee magaalotni biyyattii hedduun sochii idileetti deebi'aniiru.

    Jalqaba torbee kanaa vaayirasichaan qabamuu kan himan pireezidantiin biyyattii Jaayir Bolsonaaroo amma wayyoo qabu.

  2. Ajeechaa Haacaaluu - ibsi haadha alangaa 'shakkii uume'

  3. Kanneen Hacaaluuf haqa gaafatan halluu diimaa maaliif filatani?

  4. Ajjeechaa Haacaaluun booda gaazexeessitoota kamtu hidhame, kamtu hin hidhamin?

  5. Taphataan Ingilaand waancaa Addunyaa kaase du'aan boqote

    Jaak Chaarlitan kan Ingilaand waliin Waancaa Addunyaa bara 1966 kaase du’aan boqote.

    Taphataan ittisaa kilaba Liids duraani kuni dhukkubsate yaalamaa ture.

    Jaak obboleessa isaa Boobi Chaarlitan waliin garee waancaa addunyaa isteediyeemi Wembileey keessatti ol kaasee ture.

    Rippablika Ayirlaand waliin ta’uunis milkaa’eera.

    Maatiin isaa ibsa baasaniin Jaak Chaarlitan gaafa Jimaataa umrii isaa 85 du’u beeksisaniiru.

    Chaalitan Sheefald, Midilisboorow akkasumas Niwkaasil leenjiseera.

    Garee kubbaa miilaa Ayirlaand waggaa 10’f yeroo leenjise kubbaa miilaan akka ciman guddaa gumaate.

    Du’a isaan kanneen gaddan gadda isaanii ibsataa jiru.

  6. Jawaar fi kaan wanni ittiin shakkaman 'ta'e jedhamee raawwatame' jedhan

  7. Maaliitti warri mormiif hiriira bahan miidiyaa biyyaalessaa qabatan

    Namoonni magaalaa guddoo Maalii Bamaakootti hiriira bahan miidiyaa biyyaalessaa biyyattii qabachuun tamsaasi akka adda citu dirqisiisan.

    Poolisiin mormitoota kana bittimsuuf rasaasaa fi gaaza imimmaanessu dhukaaseera.

    Mormitoonni pireezidantiin biyyattii Ibraahim Boobakar Keetaa angoo akka gadi dhiisuu gaafatanii hiriira yoo bahan ji'a tokko keessatti yeroo sadaffaafi.

    Karaan magaalattii keessaa wantoota gubatuun cuccufamee ture.

    Mormitoonni wayita gara mooraa mana maree biyyaalessaa biyyatti seenuuf yaalanitti yoo xiqqaate namni tokko ajjeefamuu Rooyitars gabaaseera.

    Biyyattii ganna hedduuf lola warra amantaa mankaraarsanii, gaaga'ama diinagdee fi wal diddaa dhimma filannoo keessa turte.

  8. Hogganaan farra malaammaltummaa Naayijeeriyaa hojiirraa kaafaman

    Pirezidantiin Naayijeeriyaa Mumaammadu Buhaari hogganaa waajjira farra malaammaltummaa hojiirraa dhorkan.

    Dhaabbanni Komishinii yakka diinagdeefi faayinaansii jedhamu silaa hojii farra malaammaltummaa gaggeessa ture.

    Haa ta’u malee, hogganaan isaa Ibraahim Maagu himannaa hannaan waan qoratamaa jiranif hojiirraa akka kaafaman ta’e.

    Ibsi Ministeerri Haqaa baase akka agarsiisutti Obbo Ibraahim ‘’qorannoon akka hin gufannef’’ yaadameeti hojiirraa kan kaafaman.

    Oduun bakkaa kaafamuu qondaala kanaa guyyoota sadiif jette jeteedhaan erga dhagahamaa turee booda ibsa ministeerichaatu dhugaa ta’u mirkaneesse.

    Haa ta’u malee, qondaaltonni Naayijeeriyaa himannaa Obbo Ibraahim irratti odeeffannoo dabalataa hin kennine.

  9. Doktoroota biyyoota lamatti lubbuu dhukkubsattootaa baraaraa jiran

  10. Paartiin Singaappor bulchu filannoo irra aane, garuu deeggarsi hanqate

    Paartin Singaappor bulchu filannoo weerara koronaavaayirasii keessatti taasifame irra aane.

    Paartiin ‘People's Action Party (PAP)’ jedhamu erga bara 1965 aangoorra jira.

    Filannoo kaleessan teessuma paarlaamaa 93 keessaa 83 kan ofii godhate.

    Kunis, sagalee kenname keessaa %61.2 jechuudha.

    Bara 2015 garuu sagalee kenname keessaa kan paartii PAP filatan %70 turani.

    Paartiin mormituu ‘Paartii Hojjettootaa' jedhamu teessuma 10 argateera. Kunis, paartichaaf isa guddaadha.

    Biyyi xiqqoo kunoo biyyoota muraasa yeroo weerara koronaavaayirasii filannoo gaggeessan kessaati.

  11. Tibbana Oromiyaatti miidhaan lubbuu namaafi qabeenyaarra gahe maali?

  12. Emireet hojjattoota 9,000 hojiirraa dhaabuufi

    Daandiin Qilleensa Emireet sababa weerara koronaavaayirasiin hojjattoota 9,000 hojiirraa dhorkuufi.

    Pirezidantiin dhaabbatichaa Sar Tim Kilaark dhaabbanni isaan hogganan akka kaani hin miidhamne jechuun BBC'tti himan.

    Weerara kana dura dhaabbatichi hojjettoota 60,000 qaba ture.

    Sababa weerara koronaavaayirasiin imalli waan dhorkameef indastiriin balalii haalaan miidhameera.

    Waldaan Geejjiba Qilleensaa Idil- Addunyaa jedhamuufi daandiilee qilleensaa 290 bakka bu’u bara kana dhaabbileen tajaajila balalii kennan dolaara biiliyona 84 ol dhabu jedhee tilmaameera.

    Dabalataan, hojjetoonni miiliyoona tokkollee hojii dhabu jechuun tilmaame.

  13. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Sambataa eegale.

    Dhimma biyya keessaafi alaa kallattiin isin biraan geenya.

    Guyyaa gaarii.

  14. Kan hardhaa fixne!

    Tamsaasa kallattii keenna hardhaa asumarratti xumureerra.

    UK'n seerota ugguraa laafisaa jiraachuusheerraa kan ka'e bakkeewwan tuuristoonni daawwatan keessa isa tokko kan ta'e 'Tower of London' irra deebiidhaan banteetti.

    Namoonni kunneenis eega Tower of London irra deebiin banamee namoota jalqabaa bakkicha daawwatan ta'aniiru.

    Waan nu faana turtaniif galatoomaa! Boru ganama walitti dachaana! Nagayaan bulaa/oolaa!

  15. Amma nu gahe, Covid-19: Itoophiyaatti lakkoofsi namoota bayyanatanii 4,000 dabre

    Itoophiyaan sa’aatii 24 darban keessatti namoota 5139’f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee namoota 282 irratti vaayirasichi argamuu ministirri fayyaa biyyattii ibseera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota hamma ammatti Covid-19 qabaman 7,402 gaheera.

    Namoota 282 keessaa Dirree Dawa 75, Finfinnee 179, naannoo Gambeellaa 15, Oromiyaa 2, Tigraay 7, Affaar 2, Sidaamaa 1 fi Beeneshaangul 1.

    Sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 239 yoo dandamatan, hamma ammaatti namoonni 4152 koronaavaayirasiirraa dandamataniiru.

    Biyyattiin eega qorannoo Covid-19 taasisuu jalqabdeerraa hamma ammatti namoota 281,069’f qorannoo taasiftee jirti.

    Qorannoo sa’aatii 24 darban keessatti namni lubbuun darbe hin jiru.

  16. Itoophiyaatti barattoonni gara kutaa ittaanutti akka dabran murtaa'e

    Ministeerri barnootaa Itoophiyaa barattoota kutaa 8 fi 12n alatti, kutaaleen hafan cufti gara kutaa itti aanutti, qormaata malee akka dabran murteessuusaa beeksise.

    Miidiyaan biyya keessaa Fana - FBCn akka gabaasetti, barattoota kutaalee ittaananitti qormaata malee dabran kanaaf barnootni jalaa hafe ni kennamaaf jedha.

    Ministirri Barnootaa Dr. Getaahuun Makuriyaa akka beeksisanitti, kanneen qormaata biyyaalessaafi naannoo qoramaniif, waqtiin barnootaa wayita eegalamutti, guyyoota 45f barnoota jalaa hafe fudhachuun qornmaataaf taahu jedhaniiru.

    Qormaata kutaa 12ffaa yookaan seensa barnoota olaanoo gama onlaayiniin laachuuf manneen barnootaa filatamaa akka jiran ministeerichi ibseera.

    Manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa kan galmee eegalan dhuma torban ji'a Hagayyaarraa akka tahus ibsameera.

    Manneen barnootaa dhuunfaas kaffaltii barnootaa bara dhufuu dabaluu akka hin dandeenyes ministirichi beeksisuusaanii Faanaan gabaaseera.

  17. Tarkiin godambaa Haagiyaa Soofiyaa gara Masjiidatti jijjiiruuf

    Pireezidaantiin Tarkii Reesiip Erdoogaan Haagiyaa Soofiyaan kan asiin dura Kaateederaala ture gara Masjidatti akka jijjiiramuuf murtoo dabarsan.

    Haagiyaa Soofiyaan waggoota 1,500 dura ture kan Kaateederaal ta’ee ijaarame. Warroonni Otomaan Tarkiin immoo gara Masjidatti jijjiiran.

    Ta’us garuu bara 1934 godambaa taasifame.

    Godambaan kunis UNESCO irratti galmaa’eera. UNESCO’n gamasaatiin Tarkiin marii malee haallisaa akka hin jijjiiramne barbaada.

    Musliimonni Tarkiin godambaan kun akka gara Masjidatti jijjiiramu waggoota hedduuf gaafataa turan.

    Hundeessaan Tarkii ammayyaa kan turan Musxafaa Kamaal Ataaturk Haagiyaa Soofiyaa akka godambaa ta’uufi bara 1934 murteessee ture.

    Namoonni yaada walaba ta'e qaban immoo murteen biyyattiin godambaa kana gara Masjiidatti jijjiiruuf murteessite sirrii miti jedhaniiru.

    Achii booda godambaan kun hordoftoota amantii hundaaf banaa taasifameera.

    Hogganaan Bataskaanaa Ortodoksii yaada kana mormaniiru.

    Bataskaanni Ortodoksii Raashiyaa, Tarkiin murtee kana dabarsuun ishee sirrii miti jedhe. Murteen kunis wal qoodinsa guddaa fiduu danda’a jedheera.

  18. Namoonni daandiirra jiraatan 16 Covid-19n lubbuu dhabaniiru

    Inglilaanditti namoonni mana hin qabneefi daandii gubbaa jiraatan yoo xiqqaate 16 tahan, uggura biyyattii ji'a sadii keessatti vaayirasichaan du'uun gabaafame.

    Waajjirri Istaatistiksii biyyattii waan jedhe, lakkoofsi namoota daandiirra jiraataniifi koroonaavaayirasiin du'anii kana taruu dandaya - sababni du'aa hunduu waan hin beekamneef.

    Akka waajirra kanaatti namni tokko kana mana hinqabne (homeless) jedhamuuf, kan ala jiraatan, dawoo fi hosteelota keessa qubatan, yookaan kanneen dawoowwan weerarichaaf jecha qophaa'an keessa kan jiraatanidha.

    Haa tahu malee, kanneen mana dhuunfaa kireeffatanii jiraataniifi barattoonni iddoowwan barattootaaf qophaa'e keessa qubatan lakkoofsa kana keessa hin galle.

    Kanneen obba'an keessaa garri caalu dhiirootadha, umuriin isaanis giddugaleessan 58.

    Waraqaan ragaa du'asaanii akka mul'isutti Covid-19 kallattiidhaan kan du'an yookaan vaayirasichi du'asaaniif akka sababa tokkootti jedha.

    Akka waliigalaatti umuriin giddugaleessaa kanneen vaayirasichaan du'anii 79 yogguu tahu, kan jara kanaa garuu 58.

  19. Ruwaandaan namoota afur wirtuu Covid-19 keessaa miliqan to'atte

    Poolisiin Ruwaandaa namoota afur mana barnootaa namoonni Covid-19n qabaman yaaluuf qophaa'ee keessaa miliqan to'annaa jala oolche.

    Namoonni kunneen guyyaa Roobii halkan keessaa sa'aatii 3:30'tti kan miliqan ta'us guyyaa itti aanuu to'annaa jala oolfamaniiru.

    "Odeeffannoo namoota miliqanii hordofuun gargaarsa qaamolee nageenyaa fi hawaasatiin achi buuteesaanii beekuu dandeenyeera," jedhan dubbi himaan poolisii naannoo bahaa.

    Dabalataanis waan jedhan, "Gaafa Kamisaa eega eenyummaansaanii ifa godhame booddee namoonni isaan argan saffisaan ture kan poolisiidhaaf bilbilaa turan."

    Ogeeyyiin fayyaa fi qaamoleen nageenyaa tatamsa'inna koronaavaayiras ittisuuf namoota namoota miliqan waliin tuttuqqii godhan adda baasuuf waliin hojjataa jiru.

    Ruwaandaa keessatti hamma ammaatti namoonni 1,210 vaayirasichaan yoo qabaman lama immoo du'aniiru.

  20. Keeniyaan yeroo duraaf doktora tokko sababa Covid-19 dhabde

    Keeniyaa keessatti haakimoonni waahila isaanii sababa koronaavaayiras duuteef gaddasaanii ibsataa jiru jedhe gamtaan haakimootaa.

    Waahilli ishee tokko akkas jette: "Haakima dargaggeettii fi hawaasa kanaaf waan baay'ee tajaajiluu dandeettu turte."

    Haakimni duute kunis ogeettii gadameessaa turte. Dhukkubsattoonni kabaja isheen ogummaasheetiif qabduun baay'ee jaalatamtu turte.

    Ministirri fayyaa biyyattii jalqaba ji'aa irratti ogeeyyiin fayyaa 186 ta'an koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru jedhee ture.

    Akkasumas haakimni sababa Covid-19 du'e tokkollee akka hin jirre ibsee ture.

    Lammiileen Keeniyaa du'a haakima kanaatiin gadda itti dhagahame ibsataa jiru.