Biraaziilitti duuti koronaavaayirasii 70,000 gahe
Biraazil keessatti lakkoofsi namoota sababa koronaavaayirasiin du'anii 70,000 caaluu ragaaleen mootummaa biyyattii mul'isan.
Sa'aatii 24 darbe qofa nama 1,200 kan du'e.
Biraazil Ameerikaatti aanuun lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii fi du'anii isa olaanaa qabdi.
Kuni ta'ees biyyattiitti weerarri vaayirasichaa fiixee isaa hamaarra hin geenye jedha WHO'n.
Ji'a dhufu caalaatti hammaachuu mala jedhe.
Haa ta'u malee, Saa'oo Pooloo fi Riyoo dabalatee magaalotni biyyattii hedduun sochii idileetti deebi'aniiru.
Jalqaba torbee kanaa vaayirasichaan qabamuu kan himan pireezidantiin biyyattii Jaayir Bolsonaaroo amma wayyoo qabu.