Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin Afrikaa Kibbaa 'abbaa warraa seetee nama biraa awwaalte, guddaa gaddite'
Lammiin Afrikaa Kibbaa abbaa warraa ofii seete nama biraa awwaalu ishee miidiyaaleen biyattii gabaasan.
Sababa kanaaf, si'a lama sirni owwaalchaa taasifameera.
Kuni kan ta'e reeffi namoota koronaavaayirasiin du'ani waan dogongoraan wal jijjiireefi.
Akka News24 gabaasetti, dubartiin Nomsaa Noodaa jedhamtu abbaa warraa ishee gaafa Dilbataa waan owwaalte itti fakkaate ture.
Ta'us, guyyoota sadii booda nami owwaalcha raawwachiisuufi paastariin dhufanii dogongorri jira ittiin jedhaniiru jedha gabaasni News24.
Sababa kanaaf, owwaalchi biraa gaafa Kamisaa raawwateera.
Aadde Nodaan akka himanitti, maqaan namoota lamaan koronaavaayirasin du'anii waljala darbuu hin oolle.
Wanti akka sababaatti ka'u yeroo reeffi dhufe sababa vaayirasichaan fuula abbaa warraa ishee arguu hin dandeenye.
Kunis, vaayirasicha tamsaasa jedhamee waan sodaatameefi.
''Guddaan gadde, nan jeeqame,'' jechuun ishee gabaafameera.
Biyyi Afrikaa Kibbaa biyyoota Afrikaa koronaavaayirasiin dura- aantummaan miidhaman keessaa tokkodha.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras