Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan

Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee 7560 keessaa wallakkaan ol kan ta'an yoo fayyan, kanneen lubbunsaanii dhaban ammoo 127 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Indiyaatti sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 24,000 Covid-19 qabaman

    Lakkoofsi kunis akka biyyattiin lakkoofsa dhukkubsattoota Covid-19 Raashiyaa akka caaltu ishee taasiseera.

    Kanaanis biyyattiin addunyaarratti lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii 697,413 fi kan du’anii 19,693 qabaachuudhaan sadarkaa sadaffaarratti argamti.

    Biyyattiin tatamsa’inna koronaavaayiras ittisuuf ji’a Bitootessaa keessa uggura labsitee kan turte yoo ta’u, Waxabajjii keessa immoo diinagdee cimsuuf uggura laafistee turte.

    Yeroo ammaa kanatti waajjiraaleen adda addaa, manneen nyaataa fi sochiileen manaan alatti taasifaman gar-tokkeedhaan banamaniiru.

    Lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabaluu biyyattiin namoota hedduuf qorannoo koronaavaayiras taasisaa jiraachuushee kan ibsudha.

    Biyyattiin guyyaa tokko keessatti namoota 250,000’f qorannoo koronaavaayirasii taasifti jedha gabaasni miidiyaa biyya keessaa.

  2. Talaalliin Covid-19 yoom hojiirra oolaa?

    Kanaan dura Indiyaatti talaallii argachuudhaaf yaalii taasifamuun walakkeessa baatii Hagayyaa keessa hojiirra oola kan jedhamu qabatamaa miti jedhan gareen saayintisitootaa Indiyaa.

    Kanaaf talaalliin koronaavaayirasii ittisuu danda'u yoom akka hojiirra oolu abdii maaltu jiraa?

    Ogeessonni akka jedhanitti talaallii tokko argachuudhaaf waggootaaf turuu barbaachisa. Haata'u malee, saayinstisoonni guutummaa addunyaarra jiran talaallii Covid-19 saffisaan argachuudhaaf hojjechaa jiru.

    Yeroo ammaa kanatti talaalliiwwan 120 ta'an biyyoota addunyaa garaa garaa keessatti qopheessuudhaaf hojjetamaa jira. Yunvarsiitiin Oksifoordiifi Impeeriyaal Kollejjiin Landan namarratti yaalii talaallii gaggeessuu jalqabaniiru.

    Talaalliin kun yoom hojiirra oola kan jedhuuf ogeessonni fayyaa tokko tokko akka jedhanitti talaalliin kun baatii Muddee gara dhumaa yookiin ammoo baatii Amajjii gara jalqabaa akka hojiirra oolu abdachaa jiru. Tokko tokko garuu shakkii ni qabu.

  3. Barattoonni Afriikaa Kibbaa tibbuma vaayirasichi sodaachisaa jirutti barnootatti deebi’aa jiru

    Ministeerri Barnootaa Afriikaa Kibbaa namoonni vaayirasichaan qabaman osuma dabalaa jiruu manneen barnootaa suuta banuu itti fufeera.

    Barattoonni sadarkaa R, 6 fi 11 kan warra sadarkaa lammaffaa erga banamee ji’a tokko booda har’aa kaasee barnootatti deebi’aa jiru.

    Waxabajjii darbe barattoonni waggaa xumuraa barnootatti erga deebi’anii as vaayirasichaan kan qabaman jiraachuutu himama.

    Hoggantoonni manneen barnootaa qajeelfamoota ba’an akka hordofan Ministirri Barnoota Bu’uuraa Anjii Moorsheekgaa akeekkachiisanii jiru.

    Barnoonni erga eegalee as barsiisonni 2,740 fi barattoonni 1,260 vaayirasichaan qabamuus dabaluun himaniiru.

    Barsiisonni 11 fi barattoonni sadii ammoo vaayirasichaan lubbuun darbuutu beekame.

    Dabaluu lakkoofsa namoota koroonaan qabamanirraa ka’uun maatii, barsiisonniifi barattoonni, manneen barnootaa akka cufamaniif waamicha dhiheessaa turani.

    Biyaattiitti namoonni kumaatamni guyyaa guyyaan qabamaa akka jiran himama, lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan qabamaniis 196,750 ga’eera. Kan lubbuun darbe ammoo 3,199.

  4. Hokkarri uumamuun 'marii Hidha Guddichaa Abbayyaa boodatti hambise'

  5. Bidiruun galagalauun namoonni 21 achi buuteen dhabame

    Baha Naayijeeriyaatti yoo xiqqaate namoonni 21 balaa bidiruu mudateen achi buuteen isaanii dhabame.

    Akka gabaasa miidiyaalee biyyattiitti bidiruun kun laga Beenuwee jedhamurra wayita deemaa turtetti namoota 23 feetee turte jedhame.

    Namoonni lama baraaramuu poolisiin naannoo Beenuwee ibseera.

    Namoonni bidiruu sanarra turan wal-ga’ii kiristaanaa irratti hirmaachuuf imalaa akka turanis himameera.

    Bidiruun sun humnaa ol feetee akka turte ragaa nama ijaan arge wabii godhachuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.

    Poolisiin namoota badanii jiran barbaadaa jira.

  6. Sudaan mormiin booda dursaafi itti-aanaa poolisii angoorraa ari’atte

    Mootummaan ce’umsaa Sudaan mormiin riiformii siyaasaa olaanaaf gaafatu biyyattii guutuutti erga gaggeefameen guyyootaan booda dursaafi itti-aanaa humna poolisii biyyattii aangoorraa ar'iite.

    Ministirri Mummee Sudaan Abdallaa Haamdok haasaa taasisaniin, Daarektarri Waliigalaa humna Poolisii Sudaan Adel Mohammad Baasha’er nama biraa Ess Eldin Sheekiih Amii jedhamuun bakka bu’uu himan.

    Booda keessa ammoo kaabinee biyyattii ibsa baaseen, itti aanaan Mr Baasha’eer kan ta’an Othmaan Mohammadis arii’atamuu himeera.

    Haata’u malee, hanga ammaatti harii’atamuu qondaaltoota kanneeniif sababiin kanname hin jiru.

    Hasaa torban darbee Ministirri Mummee biyyattii Adballaa Haamdok taasisaniin jijjiramn taasifamaa akka jiru waadaa galanii ture.

    Kunis namoota kumaatama rifoormii siyaasaa qabatamaan biyyattii keessatti akka dhufuuf gaafataa jiraniif deebii kennuuf ture.

    Erga pirezidaantiin duraanii Omaar al-Baashir bara darbee keessaa hiriira mormii baatiiwwaniif tureen booda loltootaan aangoorraa kaafamniin as, jijjirama gadaanaa qofa biyyattii keessatti taasifameen hawaasa keessa abdii kutannaan jiraachuutu himama

  7. Raachi biyya fagoo muuzii supparmaarkeetii keessatti argamte

    Raachi biyya fagoo gabaa biyya Weelis muuzii keessatti argamuun ishee gabaafame.

    Raachi kun Ameerikaa Kibbaaraa kiloomeetira 8,000 ol xayyaara keessa dhokattee imaluun biyya Weellis geesse.

    Hojjetaan supparmaarkeetii Asda Magaalaa Carmarthenshire'tti argamu tokko raacha daran bicuu taate muuza keessaa arguun, qondaaltotatti gabaasa godhe.

    Raachi maqaa Asdaa jedhamu argatte kun, Kolombiyaarraa dhufuusheetu himame.

    Biyyattiin kuduraaleefi fuduraalee hedduu oomishuun UK'f ergiti.

    Amfibiyaanonni sirna nyaataa qaama isaanii tasgabbeessuun naannoo hin baramne keessa lubbuun of tursiisuu danda'u jedhama.

    Haaluma kana fayyaddamuun raachi kun qabbaneessituu haalaan dilallaa'u kana keessa yeroo dheeraa kana dandamatte jedhamee tilmaamama.

    Asdaan amma iddoo turtii bineensotaa 'Silent World Zoo To You' jedhamutti geeffamteetti.

  8. Naayijeeriyaan 'haleellaa helikooptara UN haaloo bahuuf'

    Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii mootummaan isaanii haleellaa heelikooptara UN lubbuun namoota lamaa ittiin darbe haaloo baana jedhan.

    Pireezidantichi haleellaa kutaa biyyaa Bornootti tahe kana ''hammeenya guddaadha'' erga jedhanii booda, callisanii akka hin ilaallees dubbachuu miidiyaan gabaaseera.

    Namoota lama halleellaa Sambata Duraa kanaan lubbuu dhaban keessaa tokko daa'imni ganna lamaa keessatti argama.

    Milishoota naannichatti socho'antu kana raawwate jedhame.

    Helikooptarri kun qarqaarsa namoomaa naannoo waraana yeroo dheeraan hubame kanaaf deddeebisaa ture.

    Kanuma hordofee UN, naannichatti qarqaarsa taasisu adda kuteera.

  9. 'Ertiraan akka ammaa kanatti dhimma Itoophiyaa keessa galuu waan hin dandeenyeef lola jalqabde'

  10. Awustiraaliyaan daangaawwan ishee bebbeekamoo lama cufte

    Awustiraaliyaatti bulchiinsoonni lama Vikitoriyaafi Niiw Saawiiz Weelsi erga Covid-19 mudatee asi yeroo jalqabaatiif daangaawwan isaanii cufan.

    Kunis sababii tatamsa’inni vaayirasichaa Meelboorn keessa garmalee babalateef jedhameera.

    Torban lamaan darba keessa magaalaa guddoo Vikitoriyaatti namoonni dhibbaan lakka’aman vaayirasichaan qabamaniiru.

    Kana keessaayos kan %95 ol ta’u haaraa kan qabamaniidha jedhaneera.

    Hanga ammaattis bulchiinsoonni lamaan kunneen daangaasaanii saquu tursiisanii turan.

    Daangaa cufuun kunis Wiixata irraa kaasee eegaluun heeyyam imalaa argachuurras irraa uggara ni kaa’a jedhameera.

  11. 'Falli jiru anga'oonniifi mormitoonni walitti fufinsaan mari'achuudha'

  12. Tamsasa keenya Kallattii eegalleerRa

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo tamsaasa keenya kallattii kan Wiixataa 06, 2020 amma eegalleerRa.

    Odeessaalee biyya keessaafi addunyaa gagabaabaa ulaa kanaan waan argattaniif nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii isni hawwiina!

  13. Itoophiyaatti har'a namoonni 178 Covid-19n yoo qabaman, lama ammoo dhibee kanaan du'aniiru

    Itoophiyaatti qorannoo sa’aatii 24 darban keessaa saamuuda 3,315 irratti gaggeefameen namoota 178 irratti koronaavaayirasiin argamuu Ministirri Fayyaafi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksaiisan.

    Gama biraatiin ammoo namoonni vaayirasichaan qabamusaanii adda bahananii wallaansa hordofaa turan keessaa 116 harra bayyanataniiru jedhameera.

    Haaluma kanaanis waliigalatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii fayyan 3,134 gaheera. Akkasumas, namoota vaayirasichaan qabaman keessaa namoonni lama dabalataan lubbuunsaan kan darbe yoo ta’u, waliigalatti namoon Covid-19 du’an 118 gaheera.

    Erga koronaavaayirasiin biyyattii keessatti argamee kaasee hanga harraa saamuuda 263,897 irratti qorannoo gaggeefameen, namoota 6,564 irratti vaayirasichi argameera.

  14. Poolisonni Iraan namoonni akka maaskii godhataniif dirqisiisuuf bobbaafamuuf

    Iraanitti har’aa jalqabee namoonni maaskii akka godhataniif ni dirqisiifamu.

    Namoonni maaskii keewwachuu didan tajaajila hawaasummma hin argatan, ni qoqqobamu.

    Pirezedantiin Iraan Hasan Rohaaniin poolisonniifi loltoonni dambii namoonni maaskii akka keewwatan taasisuuf dirqamni itti kennamuu himan.

    Magaalonni biyyattii weerara covid-19 marsaa lammaffaa sodaachuun deebi’anii cufaman.

    Iraan biyya biyyoota Baha Giddu-galeessaatti hunda caala weerara kanaan midhamte taateetti. Biyyattiin namoota 11,000 du’aan dhabdee, namoonni 237,000 ta'an ammoo vaayirasichaan qabamaniiru.

  15. Dhukkubsataa hospitaalonni 18 wal'aanuu didan lubbuun darbuu naasuu uume

    Lammiin Indiyaa hospitaalonni 18 hin wal’aannu jedhanii didan Covid-19’n du’uun naasuu uume.

    Kibba Indiyaa bulchiinsa Baangiloor keessatti hospitaalonni dhukkubsataa wal’aansa barbaadu wal’aanuu diduun du’uu isaa hordofee mootummaan hospitaalota wal'aanuu didan qorachuu eegaleera.

    Namtichi ganna 52 Bahaawarlaal jedhamu otoo hospitaalota tokkorraa kaanitti daddabarfamuu, balbala hospitaala tokkoorratti lubbuun keessaa baate.

    Obboleessi Bahaawarlaal wal’aansisuuf oliif gadi joore ijibbaatee otoo hin milka’iin hafes gaddee imimmaan dhanquu buusa.

    Jalqaba obbolessi konkolaataa bajaajiidhaan hospitaalatti muddamaan 5km qaxxaamuree hospitaala dhiyoo jiru geesse. Harganuu akka dadhabe ogeeyyittis himaafi ture. Nama isa wal'aanu garuu hin arganne.

    Boodarraa ambulaansiidhaan gara hospitaaloota kaanitti dabarsullee,ogeeyyiin fayyaa dhibeesaa qorachuu didan.

    Ilmi dhukkubsataa wal’aansa barbaadan kanaas fageenya dheeraa qaxxamure hospitaalota 32 bilbile, 120km imalee nama abbaasaa yaaluuf dhama'eera.

    Hospitaalonni inni geessu garuu Bahaawarlaal wal’aanuu dhabuusaanitiin lubbuun darbeera.

    Indiyaa keessatti namoonni Covid-19’n qabaman wal’aansa dhabanii du’aan akkuma dhukkubsata kana jiraachuutu dhaga'ame.

  16. Pirezedantiin Gaanaa shakkii Covid-19 qabamuu malu jedhuun adda ofbaasan

    Pirezedantiin Gaanaa Naanaa Akufoo-Addoo namni isaanitti dhiyaatu tokko koronaavaayirasiin irratti argamuun waan mirkanaa'eef shakkii qabamuu malu jechuun doktoroonni akka guyyoota 14'f adda of baasaniif gorsan.

    Mootummaan ibsa Sanbata darbe baaseen akka jedhetti, namni isaan itti dhiyaatan dhibeen kun irratti argameef Pirezidantichi akka adda ofbaasanii turan taasifaman.

  17. Isaayyaas Afawarqii har'a ganamaan Masriitti qajeelaan

    Jiilli Pirezedaantii Eertiraa Isaayaas Afawarqiin durfamu daawwannaa hojii guyyoota sadiif gara Masritti qajeeluu Ministeerri Odeeffannoo biyyattii ibseera.

    Daawwannaa kanaan Misitirri Dantaa Alaa Biyyattii Osomaan Salaah fi gorsaan pirezedantichaas waliin jiru, akka ergaa Ministirri Odeeffannoo fuula tiwiitera isaarratti barreessetti.

    Isaayyaas dhyeenya Itoophiyaafi Sudaan haala walfakkaatuun daawwataniiru.

    Hidha Laga Abbayyaarratti Itoophiyaan ijaaartu ilaalchisee mariin addaan ciccitaa ture wayita gaggeeffamaa jiru kanatti Isaayyaas biyyoota Lagni Abbayaa kun walitti isaan fidu daawwachuutti jiru.

  18. Namoonni macha’aan walirraa fageenya hin eeggatan’

    Ingilaanditti weerara Covid-19’ to’achuuf uggurri namoonni manneen dhugaatti akka walitti hin qabamne dhorkamee ture laafusaatiin namoonni Sanbata kaleessaarraa eegaluun walitti qabamuu eegalan.

    Ministirri fayyaa biyyattii garuu namoonni akka of eeggatanfi of hin daganne akeekkachiseera.

    Federeshiniin poolisii biyyattimmoo namoonni dhuganiii macha’aan teessoo isaaniillee akka walirra hin butanne( waliirraa hin hiiqne) hubachuun nama hin rakkisu, kuni dhugaa ifatti mul’atu jedheera.

    Akka poolisiin ibsetti, namootni harki caalan garuu itti-gaafatamummaa qaban bahachuun bashannaanaa turan jechuun galateeffatera.

    Gama biraatiin, magaalaa guddoo Ingilaand Landanitti dhuganii macha’uun himannaan wal qabatu 1,000 ol galma’uu poolisiin beeksiseera.

    Labsii namoonni akka walitti hin qabamne ji’oota sadan kaa'amee ture kaafamuu hordofuun namoonni dhibbaan lakka’aaman iddoon itti walitti qaban jiraachuun ibsameera.

  19. Waajjirri OBN Intarnaashinaal ajjeechaa Haacaaluun dheeekkamaniin caccabe hojii dhaabuu ibse

  20. Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan