Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofuun namoonni 4,700 ol hidhaman
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofuun hokkoraa fi walitti bu'iinsa uumame keessatti kanneen qooda qabu jedhaman, namoonni 4,700 ol hidhamuu Waajjirri MM hime.
Pirees sekreetariin Waajjira MM Obbo Nigusuu Xilaahun FBC'tti akka himanitti, namoonni kunneen to'annoo jala oolanii dhimmi isaanii qoratamaa jira.
Namoonni kunneen hokkora uumuuf karorsuu irraa eegalee hanga raawwachuutti hirmaannaa adda addaa warra qabani jedhan Obbo Nigusuun.
Mootummaan rakkina amma mudate akka irra hin deebinetti furuuf kutannoo jabaa qabas jedhaniiru.
Gareen hokkora kanaaf ka'umsa tahe ammas odeeffannoo dharaa tamsaasa waan jiruuf uummatni of eeggachuu qaba jedhan.
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofuun qondaalota nageenyaa dabalatee namoonni 200 ol ajjeefamuu aanga'oonni himaa turan.