Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’

Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gidduu Galli hojii suphee magaalaa Finfinneetti ijaaramuun eebbifame

    Jidduugalli moggaasa "Insiraa’’ jedhamuun beekamuufi hojii suphee hojjatu tokko magaalaa Finfinneetti ijaaramuun eebbifame.

    Gidduugalli Hojii suphee kunis ji’a tokko keessatti ijaaramee xumurame eebbifame.

    Itti Aanaan Kantiibaa Injiiner Takkalaa Uumaa gidduugala kana eebbisiisaniiru.

    Haadholiin 1000 tahanis gidduugala kanatti bakka itti hojjetaniifi gurguran meeshaa guutuu waliin akka qophaa’e himame.

    Injiiner Takkalaan hojiin suphee hanga dadhabbii isaa bu’aan kan irraa hin argamnee fi akka ogummaa isaatti immoo kan hin kabajamnedha jedhan.

    Midiyaan biyya keessaa akka gabaasetti, hojiin suphee kun gabaa biyya keessaarra darbee biyyoota alaa biroottis gabaa akka argatuuf daandii qilleensa Itoophiyaa fi ambaasaderoota biyyattii waliin dubbataa akka jiran himaniiru.

    Kana malees hojii xibiraaf kan oolu gidduugalli biraa naannoo Shiroo Meedaa jedhamutti hijjetamaa jira.

  2. Magaalaan Meeksiikoo karoora uggura kaasu dhiisuu ibsite

    Magaalaan Meeksiikoo karoora duraan dhaabbilee daldalaa banuuf turte hanga tatamsa’inni vaayirasichaa hir'attutti akkuma cufamaniitti tursiifte.

    Kantiibaan magaalattii akka jedhaniitti vaayirasichi biyyattii guutuu faca’aa jira.

    Duraan haaluma adeemsa uguura laaffisuutti magaalattiin hoteeloota, resitoraantiifi jiddugala suuqiiwwan abdatte turte.

    Kantiibaan magaalatii Kilaawudiyaa Sheenbaawum har'a akka jedhaniitti, magaalattiin hanga torban dhufuutti uggura sadarkaa olaanaa jala turti.

    ‘‘ Banuudhaaf labsiinee turre. saaquu hin dandenyu, hanga vaayirasichi gadi bu’uutti eeggachuu itti fufna,’’ jedhaniiru kantiibichi.

    Weerarri Covid-19 Meeksiskoo keessatti ganaa sadarkaa dhummaarra akka gahu eegamaa kan jiru yoo ta’u, namoonni du’an Jimaata 20,000 darbe.

    Kunis biyyattii kanneen addunyaa irratti weerara kanaan garmalee miidhaman keessaa tokko taasiseera.

    Walumaa galattis Meekiskootti manoonni 170,000 vaayirasiichaan qabamunsaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, sababii qorannoon murtaa’aa ta’een walqabatee lakkoofsi dhugaa kana akka caaluu eegama.

    Magaalaan Meeksiikoo ammaa naannoolee biyyatti hunda caalaa vaayirisichaan miidhamte.

  3. Giiftii Eelizaabet manguddoo Gaanaa ganna 95 deeggarsa walitti qabaa turan badhaasuuf

  4. UK’n seera adda bahanii turuu lammiilee biyyoota muraasa laaffisuuf

    UK'n baatii Adooleessaa dhufuu kana irraa kaastee lammiilee biyyoota muraasaaf seera adda baasanii turuu laaffsuuf ta’u beeksiifte.

    Dhimmuma kanarrattis biyyoota akka Poortugaala. Faransaay, Xaaliyaanii, Giriik fi Ispeen waliin mari’aachaa akka jirtu himte.

    Haaluma kanaanis namoonni biyyoota kanneen irraa gara biyya kaanii seenan dirqama adda baafamanii turuu hin qabaatan jechuudha.

    Seerri adda baasanii turuus torban sadiin kan fooyyeeffamu akka ta’e himamee ture. Murtee irra gahanis dhuma baatii kanaa ni ibsu jedhamee eeggama.

    Haa ta’u malee lammiilee biyyoota UK waliin waliigaltee qabaniin alaa kaan ammas adda baafamuun tursiifamuuf ni dirqamu jechuudha.

  5. Biraaziliitti namoonni Covid-19 qabaman miliyoona darbe

    Biraaziil keessatti ammallee tatamsa'inni vaayirasichaa cimee osoo jiruu namoonni miliyoona tokkoo ol koronaavaayirasiin qabamuusaanii mirkanneessuun addunyaarratti biyya lammaaffaa taatee jirti.

    Haa ta'u malee, sababii hanqiinsa qorannoo biyyattii keesa jiruun walqabatee baayyinni namoota mirkanaa'e jedhame kunis kana caaluu akka danda'u amanama.

    Kanaanis addunyaarraa US qofaatu namoota vaayirasichaan qabaman baayyee qaba. Itti aansee Biraazil ammoo sadarkaa lammaffaarratti argamti.

    Ministeerri Fayyaa Biraaziil akka jedheetti, namoonni 1,032,913 Covid-19 qabamunsaanii mirkanaa'eera. Oggeessoonni ammoo weerarri ammallee sadarkaa olaanaarra qaqabuuf torbanootatu hafaa jechaa jiru.

  6. Lammiileen Eeshiyaa Kibbaa hedduun erga hospitaala galanii du’u

    Hospitaala Giret Biriteenitti lammiileen Eshiyaa Kibbaa baay'een erga hospitaala galanii booda kan du’an ta’u qorannoon tokko mul'ise.

    Kunis sababii sadarkaan dhukkuba sukkaaraa isaanii ol ka'aa taheef walqabachu mala jedhan.

    Qorattoonnis imaammanni namoota lafa hojiitti ittisuu fi talaalicha eenyutu argachu qaba jedhu amma geeddaramuu qaaba jedhan.

    Institiyuutiiwwan 27 guutuu UK jiran, yunivarsitootaafi qaamoolee fayyaa uumataa dabalatee, akkasumas hospitaaloonni 260 qorannoo kana irratti qooda fudhataniiru.

    "Lammiileen Eshiyaa Kibbaa irra caalaa Covid-19 hospitaalaatti du’aa jiru. Garuu ammoo warra guaracha irratti dhiibbaa cimaa hin agarre,’’ jedhaniiru Pirofesar Eween Haarson Yunivarsitii Idinbarg irraa BBC’tti yoo himan.

    Warra adiin wal bira qabamee yoo ilaalamuus %20 lammiilee Eshiyaa Kibbaa du’aa jiru jedhame.

    Kanaafu qorannichi eenyu caalaa wallaansa hospitaalaa kan barbaachisu ta’uu kan mul'ieedha jedhameera.

    Maatii warra Eshiyaa Kibbaa keessa parsantaa 40 kan ta’an gosa dhukkuba sukkaaraa ta’e qabu. Warra adii biratti ammoo dhibeen sukkaaraa parsantaa 25 jedhameera.

  7. Covid-19 osoo barana namarratti hin mul'atiin dura bara darbe Xaaliyaanii keessa ture jedhame

  8. Obbo Awwaluu Abdii pirezidaantii Akkaadaamii Mallas ta'uun muudaman

    Obbo Awwaluu sadarkaa ministiraatti pirezidaantii Akkaadaamii Mallas ta'uun muudamuu isaanii dhagahame.

    Obbo Awwaluu Abdii aangoo isaanii paartii Badhaadhinaa keessatti qaban irraa kaafamuun muudamni haaraan kun kan kennameef.

    Obbo Awwaluun Paartii Badhaadhiinaatti sadarkaa Ministiraattti Qindeessaa Damee Dubbi-himaa Uummataafi Idil-addunyaa tahuun hojjechaa turan.

  9. Tamsaasa kallattii keenya eegaleerra

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo guyyaan harraa guyyaa nagaa akka isiniif ta'u hawwiina.

    Akkuma barame egaa odeessaalee biyya keessaafi biyya alaa irraa gaggabaabsuu ulaa kanaan argattuu waan ta'eef, millachuu hindagatiinaa.

    Guyyaa Sanbataa dansaa qabaadha!

  10. Malaalaa Yuusuufzaayi Yuunivarsiitii Oksifoord irraa eebbifamte

    Falmattuu mirga namummaa kan taatan Malaalaan Yuunivarsiitii Oksifoord irraa eebbifameesheetiin “gammachuu” itti dhagahame ibsiteetti.

    Shamarreen ganna 22 haleellaa Taalibaan jalaa hafte tun, yuunivarsiitichatti gosa barnootaa siyaasa, falaasamaa fi ikoonoomiksii baratte.

    Isheenis akkas jechuun Tiwiitarsheerratti maxxansiteetti: “Fuuldurarratti maaltu akka ta’u hin beeku. Ammaaf garuu ‘Netflix’ daawwachuu, dubbisuu fi rafuudhaan yeroo kiyya dabarsa.”

    Shamarreen tun sababa dubartoonni barachuu qabu jetteen ture kan haleellaan irra gahe.

    Isheenis osoo mana barnootaarraa deebitu ture haleellaan kanaan mataa, mormaa fi ceekuu irra rasaasaan kan dhahamte.

    Haleellaa saniin booda maatiishee waliin Birmiinghaam jiraachuu eegalan.

    Isheenis bara 2014 yeroo ganna 17 Badhaasaa Noobeelii gama nageenyaatiin fudhateetti.

    Kunis namoota badhaasicha fudhatan keessaa ishee umurii xiqqoo akka taatu ishee taasiseera.

    Waggoota sadi booda Yuunivarsiitii Oksifoorditti barnootashee jalqabde.

    Isheenis suuraa barnootaashee akka xumurte mul’isu fuula Tiwiitar irratti maxxansiteetti.

  11. Itoophiyaatti har'a namoonni dabalataa torba Covid-19 du'an, 116 ammoo qabaman

    Itoophiyaan sa'aatii 24'n darban keessatti namoonni dabalataa torba Covid-19'n du'uu gabaaste.

    Qorannoo sa'aatii 24'n darban keessatti namoota 4809 taasimeen booda namoota 116 irratti vaayirasichi argamuus Ministirri Fayyaa biyyattii Dr Liyaa Taaddasaa beeksisaniiru.

    Kanneen har'a sababa koronaavaayirasiin lubbuu dhaban torba dabalatee hanga ammaatti biyyattii keessatti namoonni 72 vaayirasichaan du'aniiru.

    Kan har'a qabaman 116 dabalatee ammoo hanga ammaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 4070 ga'eera.

    Namoonni haaraa qabaman kunneen hunduu lammiilee Itoophiyaa umriinsaanii waggaa sadii hanga 78 gidduu jiruudha.

    Gama kaaniin ammoo kanneen har'a dandamatan 93 dabalatee hanga ammaatti namoonni 1027 vaayirasicharraa dandamataniiru.

  12. Guyyaa Baqattoota Addunyaa fi yaaddoo Covid-19

    Guyyaan Baqattoota Addunyaa bara kana yeroo addunyaan weerara koronaavaayirasii waliin qabsoo keessa jirtutti kabajame.

    UN lakkoofsi namootaa hawaasa keessatti vaayirasichaan qabamanii dabalaa waan deemuuf biyyoonni of qopheessuu qabu jedhe.

    Afriikaa Bahaa keessatti namoonni 21,000 vaayirasichaan qabamaniiru.

    Akkasumas biyyoota Afriikaa Bahaa keessatti baqattoonni miiliyoona 4 fi namoonni qe’eesaaniirraa buqqa’an miiliyoona 8 ta’an vaayirasichaaf saaxilamoodha.

    Ebla keessa mootummaan Keeniyaa tatamsa’ina vaayirasichaa daangessuuf sochii gara kaampiiwwan baqattootaa Dadaab (namoonni 200,000 keessa jiraatu) fi Kaakumaatti taasifamu akkasumas achi keessas akka hin bahamne godheera.

    Keeniyaa keessatti hamma ammaatti namoonni 4,000 vaayirasichaan qabamaniiru.

    UN sababa Covid-19 galmee fi odeeffannoon baqattootaa fi koolu-galtootaa haaraa raawwachuun ulfaataa ta’eera jedhe.

  13. Mootummaan UK dhaabbilee biizinasii kiraa irraa bilisa gochuu ittuma fufe

    Mootummaan UK dhaabbileen hojii biizinasii hojjetan sababa weerara koronaavaayirasiin akka hojii keessaa hin baaneef jecha kiraa manaa irraa bilisa godhee ture.

    Mootummaan hojiin kana ammas akka itti fufu murteesseera.

    Bitootessa darbe keessa suuqii,hoteelaa fi reestooraantiiwwan ji'oota sadiif kaffaltii kiraa manaa irraa bilisa akka ta'an mootummaan murteessee ture.

    Kunimmoo ji'a kana gaafa bultii 30 waan dhumatuuf ji'oota sadan itti aananiif ammas mootummaan kiraa irraa bilisa akka ta'an murteesseera.

    Namoonni hojii biizinasii keessa jiran ammallee deggersi dabalataa akka isaan barbaachisu gaafatu.

    Dhaabbileen biizinasii biyyattii keessatti ammallee cufamanii jiru, garuu kaffaltiin kurmaana kanaa ammoo Ji'a kana gaafa 24ti.

  14. Sigiga lafaa Ivory Coast mudateen lubbuun namoota 13 darbe

    Sigiga lafaa Ivory Coast keessatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 13 du’aniiru.

    Sigigni kunis magaalaa guddoo biyyattii kan taate Abijaan keessatti mudate.

    Biyyoota Lixa Afriikaa keessatti roobni jabaan roobaa tureera.

    Balaa mudate kanaanis manneen 20 akka miidhaman qondaalli naannichaa ibsaniiru.

    Jiraattoonni naannichaas firoottansaanii badan barbaacha dhoqqee qotaa turan.

  15. Naayijeeriyaa fi Kaameruun dhukkuba pooliyoo irraa bilisa tahuu labsan

    Dhhaabbatni Fayyaa Addunyaa Naayijeriyaa fi Kaameruun dhukkuba daa’imman waggaa shanii gadi hubu kanarraa bilisa tahuu mirkaneesseera.

    Afgaanistaanii fi Paakistaan qofatu yeroo ammaa kana vaayirasii pooliyoon namoota qabaman qabu.

    Mootummoonni Gamtoomanii Naayijeriaan dhukkubicharraa bilisa akka taate waraqaa ragaa akka kennu eegama, Afrikaan immoo bilisa tahuu ni labsa.

    Hogganaan ejensii kunuunsa fayyaa Naayijeriyaa Dr Fayisal Shu’aabii milkaa’ina kana ‘’hunduma keenya kan boonsudha’’ jedhan.

    Ministeerri Fayyaa Kaameeruun Maalaachii Maanoodaa biyyattiin dhukkubicharraa bilisa tahuusheef waraqaa ragaa akka argatte mirkaneesseera.

    Ogeessonni fayyaa biyyattii jijjiirama dhufe fudhatanis, of eeggannoon akka itti fufu garuu gorsaniiru.

    Biyyi tokko vaayirasii pooliyoo irraa bilisa tahuuf dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu namootaa dabaluufi waggoota walitti aanan sadiiftamsa’inni mul’achuu dhabuu hammata.

    Sirna hordoffiii fi qophaa’na akka jirutti itti fufsiisuunis ulaagaawwan keessaati.

  16. Dahuumsa tibba Covid-19 - Yaadannoo deessuu Itoophiyaa

  17. Itoophiyaatti 'Deksaametaazoon' yaala Covid-19'f akka oolu murtaahe

    Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr. Liyaa Taaddesee qorichi 'Deksaametaazoon' kan qorattootni UK du'a Covid-19'n mudatu ni xiqqessa jedhan, kanneen akkaan dhukkubsataniif akka kennamu murtaahuu beeksisan.

    Qoricha kana akkamiin yaala Covid-19'f oolchuun danda'ama kan jedhurratti garee gorsaa Ministeerichaafi Mana Maree ogeeyyii Fayyaarraa yaada erga walitti qabee murtee kana murteessuu Dr. Liyaan himaniiru.

    Yaada ogeeyyii kanaa bu'uureffachuun 'Deksaametaazoon' dhukkubsattoota Covid-19 ''veentileetaraan ykn Oksijiniin gargaaramaa harganaa jiraniif ajajaa fi hordoffii ogeeyyii fayyan'' akka kennamu murtaahuu ibsan.

    Qajeelfamni fayyadama qoricha kanaa dhiyeenyatti ni bahaa kan jedhan Dr. Liyaan, ammatti qorichi kun akka qoricha waldhaansa yeroo balaatti fudhatamaa jedhaniiru.

  18. Uhuruu Keenyaataan haala aangoorra turuu malan irratti yaada kennuu didan

    Pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keenyaataan erga yeroon aangoo pireezidantummaa isaanii xumurameen booda Ministira Muummee ta'uun haalli aangoorra turan jiraachuu gaafatamanii yaada kennuu irraa of qusatan.

    Amma aangoon Ministira Muummee jedhu waan hin jirreef akka deebi’uuf wixinee dhiyaate irratti fuulduratti rifarandamiin gaggeeffamee murtaa’a.

    Gaaffiif deebii gaazexeesituu ‘Financial Times’ Katiriinaa Maanson waliin godhan irratti gita aangoo ammaaf hin jirre irratti yaada kennuu didan.

    Haa tahu malee yeroo lama caalaa filamuun aangoo pireezidantummaa irra turuu akka hin dandeenye himuun kun heerri biyyattii fi uummata Keeniyaaf ifa jedhan.

    "Pireezidantiin heera kana cabse hin jiru. Anis kana cabsuuf yaadaa hin qabu’’ jedhan.

    Lammiileen Keeniyaa dhiyeenyatti keewwata heera biyyattii akka fooyya’u barbaadan irratti filannoo riifarandamii akka gaggeessan himan.

    Mormii farra sanyummaa Ameerikaa keessatti deemsifamaa ture kan Black Lives Matter’’ jedhu irratti Uhuruu Keeniyaataa Lubbuun nama hundaa gatii qaba ‘’All Lives Matter’’ jedhanii gareen kamiyuu addatti cunqurfamuu hin qabu jedhan.

  19. Keeniyaan Jabuutii mo’achuun teessuuma Mana Maree Nageenya UN argattee

    Keeniyaan sagalee caalmaa argatteen Jabuutii mo’attee Afriikaa bakka bu’uun miseensummaa Mana Maree Nagaa Motummoota Gamtomanii argatte.

    Adeemsa kenniinsa sagalee guyyaa Kamisa kaleessaa taasifameen, Keeniyaan sagalee 129 kan argatte yoo ta’u Jabuutiin ammoo 62 argateetti.

    Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa akka jedhaniitti, mo’ichi kunis ‘‘maqaa gaarii fi dhiibbaa biyyattiin hawaasa adunyaa keessatti qabdu guddachuusaa fi misoomaaf kan itti michooman ta’ushee kan agarsiisu,’’ jedhan.

    Itti dabalunis Jabuutiin ‘dorgomtuu cimtuu’ ta’usheetiif galateeffachuun akkasumas Gamtaa Afriikaas beekamtii kenneef ulfaadhaa jedhaniiru.

    Biyyoonni lamaanuu; Keniyaafi Jabuutiin kenniinsa sagalee marsaa tokkooffaarratti sagalee harka sadii keessaa lama ta’e 128 argachuu dadhabanii ture.

    Pirezidaanti Keeniyaataanis biyyiisaanii Mana marichaa keessatti ejjannoo biyyoota Afriikaatiif sagalee ta’uun ajandaawwan qabxilee 10 duula isaa keessatti tarreeffaman kan cimsan ta’uu himaniiru.

  20. Feesbuukiin mallattoo Naazii Tiraamp fayyadaman haqe

    Feesbuukiin beeksisa duula filannoo marsaa lammataa gaggeessaniif mallattoo Naazii Jarmanii fayyadaman haqeera jedhe.

    Dhaabbati Feesbuuk qabiyyeen beeksisichaa rog-sadee diimtuu gad-gargalate mallattoo Naaziin mormitoota kanneen akka koomunistii ittiin waamuuf fayyadamaa ture of keessaa qaba jedhe.

    Gareen duula Tiraamp gaggeessan mallatticha gareewwan mormitootaa Antiifaa jedhamaniif kan kaayyeefame dha jedhan.

    Feesbuukiin beeksisichi imaammata dhaabbatichi ‘jibba qindaa’e’ irratti qabu ni sarba jedhe.

    ‘’Mallattooowwan dhaabota ilaalcha jibbaa bakka bu’an hin eeyyamnu, yoo qabiyyee maxxanfamu keessatti balaalefatan malee,’’ jedhe hogganaan nageenyaa dhaabbatichaa Naatinaa’el Giliicheer.

    ‘’Beeksisaafi dhimma biraa irrattillee yoo mallatticha argine tarkaanfii wal fakkaataa fudhanna,’’ jedheera

    Beeksisni peejii Feesbuukii Pireezidant Tiraamp irratti maaxxanfame sa’atii 24 kan ture yoo tahu otoo hin haqamiin al kuma dhibbaa ol ilaalameera.