Gidduu Galli hojii suphee magaalaa Finfinneetti ijaaramuun eebbifame
Jidduugalli moggaasa "Insiraa’’ jedhamuun beekamuufi hojii suphee hojjatu tokko magaalaa Finfinneetti ijaaramuun eebbifame.
Gidduugalli Hojii suphee kunis ji’a tokko keessatti ijaaramee xumurame eebbifame.
Itti Aanaan Kantiibaa Injiiner Takkalaa Uumaa gidduugala kana eebbisiisaniiru.
Haadholiin 1000 tahanis gidduugala kanatti bakka itti hojjetaniifi gurguran meeshaa guutuu waliin akka qophaa’e himame.
Injiiner Takkalaan hojiin suphee hanga dadhabbii isaa bu’aan kan irraa hin argamnee fi akka ogummaa isaatti immoo kan hin kabajamnedha jedhan.
Midiyaan biyya keessaa akka gabaasetti, hojiin suphee kun gabaa biyya keessaarra darbee biyyoota alaa biroottis gabaa akka argatuuf daandii qilleensa Itoophiyaa fi ambaasaderoota biyyattii waliin dubbataa akka jiran himaniiru.
Kana malees hojii xibiraaf kan oolu gidduugalli biraa naannoo Shiroo Meedaa jedhamutti hijjetamaa jira.