Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’

Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lafeen namoota 19 waggoota 30 booda qotamee bahuun qoratamuufi

    Bara 1989 yeroo Ameerikaan Paanaamaa weerarte namootni ajjeefaman 19 bakka awwaalamanii lafeen isaanii bahuun qoratamuufi.

    Jalqaba namootni du’an hundi bakka tokkotti kan awwaalaman yoo tahu booda irra deebiin Panaamaa bakka Jardin de Paz jedhamutti awwaalamaniiru.

    Reeffi namoota yeroo sana du’anii gariin eenyu akka turan adda hin bane.

    Maatiin miidhamtootaa ammoo eenyummaan namoota yeroo sana ajjeefamanii akka adda baafamuuf gaafataa turan.

    Nagaa akka argataniif waggoota 30’f hojjechaa turre jedhan pirezidaantiin Waldaa namoota miidhaman adda baasuuf hojjechaa turee Tirinaadad Ayolaa.

    Mootummaan Paanamaa lakkoofsa namoota haleellichaan du’anii akka adda baasuuf komishinii tokko hundeessera.

    Lammiileen Biyyattii ammoo Mudde 20 guyyaa gaddaa kabajamu akka tahuuf gaafataa jiru.

  2. Lammiilee Itoophiyaa Libaanoos irraa biyyatti deebii'uuf kadhataa jiran

  3. Pireezdaantiin duraanii Afrikaa kibbaa Jakoob Zuumaa mana murtiitti dhiyaatan

    Pireezdaantiin duraanii Afrikaa kibbaa Jakoob Zuumaa gurguurtaa meeshalee waranaa bara 1990 keessa tureen walqabtee himmannaa malaammaltumma irratti dhiyaateen mana murtii olaanaa bulchiinsa KiwaZulu-Natal’tti dhiyaatan.

    Himmanaan kun gurgurtaa meeshalee waraanaa doolara biiliyoona lama dhaabbata ittisaa Firaans, Taalees jedhamu waliin gaggeesaniin wal qabata.

    Zumaan homaa hin ballesiinee jechuun haalu.

    Midiyaan Afrikaa Kibbaa eNCA vidiyoo yeroo Zuumaan Mana Murtii Olaanaa Pitermaritiizbarg ga’an agrasiisu Tiwiitara gubbatti maxxansaniiru.

  4. Filooridaatti namootni koroonaavaayirasiin qabaman 100,000 caale

    Ameerikaatti namootni koroonaavaayirasiin du’an 120,000 caale. Kan Filooridaa ammoo namootni vaayirasichaan qabaman 100,000 taheera.

    Wiixata qofa namootni 3000 tahan haaraan vaayirasiichaan qabamaniiru.

    Filooriidaatti namootni bakka wal irraa siquuun hin danda’amnetti maaskii fuulaa akka uffatan jedhame.

    Ogeessotni fayyaa namootni salphaatti vaayirasichaaf saaxilaman kanneen umuriin isaanii ganna 65 ol tahe manaa bahuu akka hin qabne jedhan.

    Filooridaan Isteetii 7ffaa US namoota vaayirasichaan qabaman 100,00 ol galmeessiste taateetti.

    Isaan kaan Niwu Yoorki, Kaalifoorniyaa, Niwu Jersii Ilinoyis, Teksaasii fi Maasachuseetisdha.

    Bulchaan Filooridaa Ron. DeSaantis qorannoo bal’aan gaggeeffamuufi namoota umuriin 20 fi 30 gidduu jiranis hammatamuu dubbatan.

  5. Yaada Tiraampi 'Somaaliyaan jeeqxota (Anarchy)'jechuun dubbatan irratti Somaaliyaan calliste

    Dubbii Doonaaldi Tiraampi Somaaliyaa ilaalchisee dubbataniif biyyattiin deebii hin kennine

    Doonaaldi Tiraampi sanbata darbe Somaaliyaatti kan dhalatte Ilhaan Omaar dubbiin wayita tuqan ‘’isheen Ameerikaa akkuma biyya irraa dhuftee san karaa ‘’jeequmsaan’’ ‘Anarchy‘ qajeelchuuf yaaddi" jedhan

    Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa BBCtti akka himanitti sanbata darbe dubbiiT iraampi dubbataniif deebii hin qabu jedhan.

    Humni UN mootummaa Somaaliyaa deeggaru kan magaalaa Mooqadishoo jiru guutummaa daangaa biyyattii to’achuu hin dandeenye.

    Hidhattoota al-Shabaab waliin yeroo dheeraa wal haleelaa turan.

    Tiraampi, Illan Omariin akkas jechuun ibsan. ‘’Jibbaan kan guutamte, Ameerikaa sooshaalizimii leellistu.Carraa Ameerikaanotaa eenyu akka murteessu ilaalla mee Joy Baayiden filannoo dhufu haa mo’aniitii jechuun dubbatan."

    Illaan Omar immoo ‘’sanyummaa nama leellisu’ jettee Minesotaa keessatti sagaleen argachuu danda’u gadi bu’uu akka danda’u waan hubateef jette.

    Joy Baayiden filannoo Onkoloolessa keessa gaggeeffamu irratti morkataa cimaa Tiraampi tahuun dhiyaata jedhamee eegama

  6. Itoophiyaatti hidhaa Abbayyaan walqabatee haleellaa intarneetaan yaalamee ture

    Itoophiyaatti dinaagdee, xiinsammuufi siyaasa irratti dhibbaa uumuuf halleellawwaan karaa interneeta qophaa’anii turan fashaleessuu isaa Eejansiin Nageenya Odeeffannoo Neetwoorkii Itoophiyaa beeksise.

    Teessuma isaanII Masriin kan godhatan yakkamtoonni inteerneeta gubbaa Itoophiyaatti dinaagdee, xxinsammuufi siyaasa irratti dhibbaa uumuuf halleellawwaan karaa interneeta qophaa’anii turan fashaleessuu isaa Eejansiin Nageenya Odeeffannoo Neetwoorkii Itoophiyaa beeksise.

    Haleellaa inteerneetarraa taasisuuf kan turan gartulee yakkamtoota inernaata Cyber_Horus Group, AnuBis.Hacker fi Security_By_Passed jedhaman fayyadamuun akka ture ibseera.

    Yakkamtoonni kun yeroo dheeraaf qophaa’aa kan turaniifi eejansichaa kan hordofaa turan ta’uufi keessummaa Waxabajjii19 fi 20 irratti haleellaa inteerneeta guddaa tasiisuuf yaaluu isaanii kan ibse eejansiin kun yeroo kanatti marsariitii dhabbilee mootummaa 13 fi mit-mootummaa 4 addaan kutuuf yaalii goochuu isaani beeksiseera.

    Gartuleen kun yaalii kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatan yoo ta’u karoorri isaani inni ijoo dhimmaa hidhaa Abbayaa keessummaa waa’ee bishaan guutamuun kan wal qabate irrratti dhibbaa uumuuf yaaluun akka rawwatan ibsaniiru.

  7. Maanguddoon Aanaa Dagamiitti manni jalaa gubate eenyu?

  8. Yugaandaan ‘sadarkaa hamaa’ weerara koronaavayirasiitti adeemaa jirti

    Pirezidaantiin Yugandaa Yoweerii Musevenii biyyattiin sadarkaa hamaa weerara koronaavaayirasitti adeemaa jirti jechuun akeekkachiisan.

    Ibsa TV irratti Wiixata galgala kennaniin Museveeniin erga manneen barnootaafi geejjibni uummataa deebi’ee banamee booda kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti namoota eessa vaayirasichi akka isaan qabate addaa baafamuu hin dandeenye argamaniiru jedha.

    Kanaan dura namootni vaayirasichi irratti argame bayyeen isaanii kanneen biyyaa biraarraa deebi’aniif konkolaachistoota dangaa daddarbuun konkolaachisan irrattidha.

    Uggurri geejjiba uummataafi dhunfaa yoo xiqqaate bulchiinsota daangaarra jiran 33'f akka kaafamu pireezdaantichi dubbatniiru.

    Ta’us garuu bulchiinsoti lakkoofsa baqattoota guddaa qaban ykn daddabsaa daangaa gurguddoo kan qaban seera gejjiba irratti ka’aman hordofuu qabu.

    Qajeelfamootni biroo hojirraa jiran sa’aatii sochii dangeessuufi manneen barnootafi manneen amantaa cufamanii jiru.

    Hanga ammatti biyyattii keessatti namootni 774 koronaavayirasiin qabamanii, 631 bayyaannatanii namni du’e garuu hin jiru.

  9. Akkaadaamiin Ispoortii Dargaggootaa Itoophiyaa gidduugala waldhaansa Covid-19'tti jijjiirame

    Akkaadaamiin Ispoortii Dargaggootaa Itoophiyaa gidduugala waldhaansa Covid-19'tti jijjiiramuu Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr. Liyaa Taddesssee beeksisan.

    Akkaadaamanii amma gara gidduu gala wadhaansaatti jijjiirame kun dhukkubsattoota hanga 300 ta'an kan mallattoolee salphaa fi mallattoo hin agarsiifne garuu mana turuuf haala mijataa hin qabneef qophaaye jedhan Dr. Liyaan.

    ''Amma dhukkubsattoota simachuuf qophii ta'eera'' jedhan.

    Itoophiya keessatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii 4,663 yoo ta'an kan du'an ammoo 75.

    Kan hanga ammaatti bayyanatan 1,297.

  10. Sababa hin beekamneen daa’imman sadii ta’anii dhalatan Covid-19’n qabaman

    Dhiyeenya Meeksikootti daa’imman sadii ta’anii dhalatan koronaavayirasiin qabamaniiru.

    Anga’oonni fayyaas kun wanta kanaan dura dhaga’amee hin beeknedha jechuun dubbatan.

    Daa’imman kun kan qorataman dhalatanii sa’aatii tokko keessatti yoo ta’u nama vaayirasichaa qabuu waliinis wal qunnamtii hin qaban turan.

    Saayintistoonni tarii vaayirasichii dubartii ulfaarra daa’ima garaa jirtutti darbuu danda’aa kan jedhu irratti hubannoo kennuu danda’a jechuun amanu.

    “Karaa saayinsiitin kun kan hin eegamnedha,” jedhu hogganaan dhaabbata fayyaa hawaasaa Saan Luwii Potoosi, Migeel Angel Lutzoo.

    Da’imman lama haala gaariirra kan jiran yoo to’u daa’imni tokko rakkoo hargansuuf wal’aanamaa jira.

    Anga’oonni fayyaa akka jedhanittii abbaafi haati daa’imman kanaa tarii vaayirasicha qabaatanii mallattoo hin agarsiisne ta’a jedhanii amanu.

    Ta’us hanga bu’aan qorannoo isaanii baramutti adda baafamanii jiru.

  11. WHO : Yaaddoon guddaa walta’uumsi dhabamuudha

    Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adihaanom G/Iyyasuus yaddoon guddaa ammaa vaayirasiicha qofa miti jedhan.

    ‘’Yaaddoon guddaa amma nu qunname vaayirasicha qofaa miti, walta’umsiifi hoggansii idil – addunyaa dhabamuudha,’’ jedhan.

    ‘’Addunyaa qoodameen weerara kana ofirraa faccisuu hin dandeenyu’’ jechuun konfiransii viidiyoodhaan taasifame irratti dubbataniiru.

    Kana duras, Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutereez yaada wal fakkaataa kaasaniiru.

    Dr Teedroos maqaa bulchaa Pirezidantii Ameerikaa ifatti dhahuu baatanis, Donaald Tiraamp baatii darbe biyyi isaanii ammaan achi dhaabbaticha akka hin tumsine beeksisanii turani.

    Ameerikaan biyya deeggarsa guddaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasistu turte.

    Sababni Tiraamp dhiheessaniis dhaabbaticha Chaayinaatu harkaa qaba jechuun ture.

    Dr Teedroos kana ni balaaleeffatu.

  12. Harka fuune!

    Tamsaasni Kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Oduu fi odeeffannoo wayitawaa biyya keessaafi alaa kallattiin isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii.

  13. Joosee Mooriinoo qeeqa taphattoota fuulduraaf irratti dhiyaateef deebii kennan

    Joosee Moorinoon qeeqa taphattoota sarara duraa ilaalchisee kennameefiif deebii kennan.

    Joosee Mooriinoo jalattii Haarii Keen galchii 20 fi 30 lakkoofsisuu hin danda’u jechuun xiinxalaan kubbaa miilaa Pool Meersen Joosee qeeqan.

    Akkas jechuun deebisan: "Taphattoota sarara fuulduraan waliin hojjedhen isiniif kaasa."

    Dideer Diroogbaan tokko. Waggaa afur leenjisaa isaa tahee yeroon hojjechaa ture waliigalaan galchii

    186 lakkoofsise. Kana jechuun waggaa tokko keessatti gidduugaleessaan galchii 46 jechuudha jedhan Jooseen.

    Taphataan biraaammo amma kan Juuvantasiif taphatu Kiristiyaan Roonaaldoodha.

    Waggaa sadii leenjisummaakoo jalatti naaf taphateera. Waliigalaan waggaa sadiitti galchii gadhee 168 lakkoofsise. Kana jechuun waggaatti 56 jechuudha.

    Beenzeemaan ammoo yeroo baay’ee jijjiiramee galee taphata ture. Waggaa sadiitti galchii 78 lakkoofsise. Waggaatti 26 gidduugaleessaan jechuudha. Kanaafuu tooftaan leenjisummaa koo jalatti Haarii keen galchii 25 hanga 30 lakkoofsisuu hin danda’u waan jedhamu soba jechuun qeeqa irratti dhiyaateef deebii kennan Leenjisaan Tootenaam Joosee Mooriinoon.

  14. Itoophiyaatti namoonni dabalataa 131 Covid-19 qabaman

    Itoophiyaatti sa’aatii 24 darban keessatti qorannoo saamuda 3238 irratti taasifameen, namoonni haaraa 131 Covid-19n qabamuusaanii Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise.

    Kunis lakkoofsa namootaa hanga ammaatti vaayirasichaan qabamanii gara 4663’tti ol guddiseera.

    Qorannoo kanaan vaayirasichaan qabamuusaanii kan mirka’aane dhiirota 94 fi dhalaa 37 yoo ta’u, umuuriinsanii ammoo ganna 2-80 kan argamu jedhame.

    Isaan keessas namoonni 130 lammii Itoophiyaa yoo ta’an, namni tokko lammii biyya biraati.

    Qorannoo walii galatti samuuda reeffaa 26 (10 dhaabbilee fayyaa fi 16 hawaasaa keessaa) irratti taasifameeen ammoo, maanguddoon ganna 80 jiraataa Finfinnee ta’an tokko hawaasaa keessa vaayirasiin irratti argameedha.

    Nama tokko sa’aatii 24 darban keessa luubuunsaa darbe kana dabalatees, hanga ammaatti namoonni 75 du’aniiru.

    Gama biraatiin ammoo namoonni haaraan 84 kan bayyanatan yoo ta’u, kunis lakkoofsa namoota fayyanii 1,297 akka gahu taasiseera.

  15. Afriikaa Kibbaatti taaksiiwwaan hojii dhaabuun jiraattoota rakkinaaf saaxile

    Waldaan taaksii Afriikaa Kibbaa maallaqa deegarsaa mootummaan ramadameef hin fudhadhu jechuun mormii hojii dhaabuu taasisan.

    Ministirri Geejjibaa biyyatti Fiikiilee Mibaaluulaa, waldaan taaksii raandii biyyattii biiliyoona tokko mootummaan ramadameef dideera jechuun beeksisaniiru.

    Mootummaan maallaqicha kan ramadeef indastirii taaksii sababii koronaavaayirasiitiin miidhamee akka bayyanatu deeggaruuf ture jedhame.

    Haa ta’u malee waldichi maallaqni ramadame hin gahu jechuu kan morme yoo ta’u mootummaanis sana caalaa hin dabalu jedheera.

    Mormii kanaanis namoonni dhimma garagaraatiif mana saaniitii bahanii tura Wiixata har'aa baay'ee rakkataa jiraachuun gabaafameera.

    Afriikaan Kibbaa weerarri Covid-19 biyyattii galuun walqabatee uggura sochii cimaa keessee turte.

  16. Ispeen deebiiftee daangaashee banuun lammii gammachiise

    Ispeen imaltootaa biyyoota Awuroppaa irraa deebii'aniif daangaashee bante.

    Biyyattiinis tatamsa'inna koronaavaayiras ittisuuf Bitooteessaa keessa ture seera ugguraa kan labsite.

    Dabalataanis labsii yeroo muddamaa labsitee turtees kaafteetti.

    Hamma ammaatti addunyaarratti namoonni miiliyoona 8.9 ta'an koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

    Ispeen keessatti ammoo namoonni 246,272 Covid-19n yoo qabaman, kanneen 28,323 ta'an du'aniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hopkiins irraa argame.

  17. ‘Hanga yoonaa haqa hin arganne - Maatii Janaraalota ajjeefamanii

  18. Siidaan Tiwoodor Roosivoolt godambaa Niiw Yoork keessa kaafamuufi

    Siidaan boorrajjii pireezidaantii duraanii US Tiwoodor Roosivoolti sababa wanta jibba sanyuummaafi loogii agarsisu qaba jedhameef kaafamuuf jira.

    Siidaan balbala godambaa Seenaa Ameerikaa Niiw Yoork fulduratti argamu kun Tiwoodor fardarra taa’ee namootni lammii Afrikaafi dhalataan Ameerikaa jalqaba (native American) yeroo fardasaa harkiisaniif agarsiisa.

    Namni pireezdaantiichi akakileesaa ta’es, seenaa Tiwoodor kan mul’isu waan hin taaneef ka’uu qaba kan jedhutti walii galeera.

    Pireezdaant Doonaldi Tiraamp garuu: “Sirri miti, akka hin kaafne,” jechuun Tiwiitara gubbaatti barreeseera.

    Erga du’a Joorji Filooyidiin US keessatti siidaaleen tokko tokko ka’uu qabu ykn hin qaban kan jedhu irratti falmiin cimaa ka’eera.

    Siidaan kun kan dhaabame bara 1940 keessa ture.

  19. Weerarri marroo lammaffaa maali? Yoom ka’a?

  20. 'Uggurri, hiyyeessa liiqaaf saaxilee durreessa caalaa sooroomse'

    Uggurri sababii Covid-19n kaa’amee maatii iyyeessa kisaaraa cimaa keessa galchuun himame.

    Qorannoon garee qondaaltoota gorsitootaatiin UK keessatti gaggeefame tokko akka jedheetti, maatiiwwan galii gadaanaa qaban tibba uggura Covid-19 kanatti kan olkaawwataniifi liiqeeffachuun jiraachaa jiru.

    Gama biraatiin ammo maatii dureessi imalliifi alaa nyaachuun waan uggurameef karaa ittiin maallaqa bashannanatti balleessaan waan hinqabneef baayyee kuufachaa jiru jedheera.

    Haaluma kanaanis idaan liiqaa maatii warra galiinsaanii gadaanaa, kan maatii warra dureessaa caalaa dacha lamaan dabaleera jedheera qorannichi.

    Akkasumas garaa garummaan qabeenyaa biyyattiis guddachaa jiraachu kan hime qorannichi, garaa garummaan qabeenyaa guutuu Landanii fi Kibba Bahaa jidduu bara 2016 hanga 2018’tti %32 ture amma gara %38’tti ol guddateera jedheera.