Lafeen namoota 19 waggoota 30 booda qotamee bahuun qoratamuufi
Bara 1989 yeroo Ameerikaan Paanaamaa weerarte namootni ajjeefaman 19 bakka awwaalamanii lafeen isaanii bahuun qoratamuufi.
Jalqaba namootni du’an hundi bakka tokkotti kan awwaalaman yoo tahu booda irra deebiin Panaamaa bakka Jardin de Paz jedhamutti awwaalamaniiru.
Reeffi namoota yeroo sana du’anii gariin eenyu akka turan adda hin bane.
Maatiin miidhamtootaa ammoo eenyummaan namoota yeroo sana ajjeefamanii akka adda baafamuuf gaafataa turan.
Nagaa akka argataniif waggoota 30’f hojjechaa turre jedhan pirezidaantiin Waldaa namoota miidhaman adda baasuuf hojjechaa turee Tirinaadad Ayolaa.
Mootummaan Paanamaa lakkoofsa namoota haleellichaan du’anii akka adda baasuuf komishinii tokko hundeessera.
Lammiileen Biyyattii ammoo Mudde 20 guyyaa gaddaa kabajamu akka tahuuf gaafataa jiru.