Koronaavaayirasii: Biraaziliitti namoonni Covid-19 qabaman miliyoona darbe

Maxxanfame

Biraaziil keessatti ammallee tatamsa'inni vaayirasichaa cimee osoo jiruu namoonni miliyoona tokkoo ol koronaavaayirasiin qabamuusaanii mirkanneessuun addunyaarratti biyya lammaaffaa taatee jirti.

Haa ta'u malee, sababii hanqiinsa qorannoo biyyattii keesa jiruun walqabatee baayyinni namoota mirkanaa'e jedhame kunis kana caaluu akka danda'u amanama.

Kanaanis addunyaarraa US qofaatu namoota vaayirasichaan qabaman baayyee qaba. Itti aansee Biraazil ammoo sadarkaa lammaffaarratti argamti.

Ministeerri Fayyaa Biraaziil akka jedheetti, namoonni 1,032,913 Covid-19 qabamunsaanii mirkanaa'eera. Oggeessoonni ammoo weerarri ammallee sadarkaa olaanaarra qaqabuuf torbanootatu hafaa jechaa jiru.

Keessattuu namoonni hiyyeeyyiifi kanneen jalqabuumaa biyyasaanii ta'e (indigenous) weerarichaan garmalee miidhamaa jiru.

Pirezidaantiin biyyattii Jaa'ir Bolsonaaroo baaa kana ittisuuf tarkaanfii fudhataniin baayyee balaalleefamu. Ogganaan garee warra faa-raayiti kan ta'e kunis, jalqabarratti dhukkubicha akka 'qufaa xiqqootti'' ibsanii ture.

Sababii kananis irra deddeebiin aanga'oota bulchinsootaa fi kantiibaawwan weerara vaayirasichaa to'achuuf seera ugguraa baasaa turan waliin walitti bu'aa turan.

Mr Bolsonaaroon dhiibbaan ugguura kaa'uuun dinagdeerratti qabaatuu kan vaayirasichaan qaqabu maluu caala jechuun mormaa turan. Eejjannoon pirezidaantichaa kun namoota biraa baayyeen deeggarsa argate ture.

Haata'u malee haalli adeemsa to'annoo weerara kanaatiif pirezidaantiin biyyattii qabaniin kan ka'ees aanga'oota ministira fayyaa kan ta'an doktaroonni lama aangoosaanii gadhiisaniiru.

Haalli Biraazil amma maal fakkaata?

Biraazil keessa sadarkaa biyyaaleessaatti ugguurri kaa'amee waan hin jirreeffu, bulchiinsootiifi magaalootiin tarkaanfii ittisaa mataasaanii kaa'aatan.

Uggura baatiin boodaatiinis osooma tatamsa'inni vaayirasichaa baayyataa jiruu kaan isaanii waljalaan ugguricha laaffiisaa jiru.

Bakkeewwan tokko tokkoottis sirni fayyaa biyyattii haala weerara biyya keessa jiruuf deebii kennuuf dandeettii akka hinqabne yaaddoo kan kaasan jiru. Kanaafuu naannoo hiyyummaan itti baayyatuufi baadiyaa lafa tajaajjilli fayyaa gahaa hinargamneetti vaayirasiichi hariitiin babalataa jira jedhame.

Haaluma walfakkaatuunis, biyyattii keessatti kufaatiin dinagdee %6 fi %8 ta'u qaqabuun bara kanatti carraan hojii dhabdummaan miliyoonaan lakkaa'amu umamuu akka danda'u xinxaltoonni dinagdee raagaa jiru.

Motummaan ummattoota weerarichaan hubaman deeggaruuf kanfaltii yeroo kan eegalee yoo ta'u, haa ta'u malee namoonni lakkoofsi isaanii hedduu ta'ee hiyyummaa keessa akka galan eegama.

Hanga ammaattis Ministeerri Fayyaa Biraazil namoonni kuma 49 Covid-19 du'usaanii mirkanneesseera. Haa ta'u malee ammas dhugaan kana akka caalu amanama.

Ameerikaan namoota vaayirasiin qabaman miliyoona 2.2 addunyaarratti kan jalqabaati. Namoonni US keessatti Covid-19n lubbuusaanii dhaban ammoo kuma 119 akka rgaan Yunivarsitii Joons Hopkins mullisuutti.