Televizyiniin
biyyaalessaa Kooriyaa Kaabaa akka gabaasetti, barreefamooti jibbinsaa kanneen namoota Kooriyaa Kaabaa gananiifi Kooriyaa Kibbaatiif qophaa’aa jiru.
Kooriyaan Kaabaa barreeffamoota kunneen daangaa biyyoota
lamaaniirratti akka bittinsitu himte.
‘’Uummatni Kooriyaa
Kibbaatti baayyee gadde waraqaawwan bittinfamuuf jiran qopheessaa jira,’’ jechuun
ejensiin oduu biyyattii Kooriyaa Seentaraal Niiws Ejensii gabaaseera.
‘’Tuullaan waraqaa
bittinfamuuf jiruu hamma tulluu gaheera,’’ jechuun immoo televizyiniin
biyyaalessaa himeera.
Namoonni
Kooriyaa Kaabaa irraa baqatanii Kooriyaa Kibbaa galan afuuffeewwan kumaatamaan
lakkaa’aman gara biyya isaanitti ergu.
Isaan qofas
miti falmitoonni mirgoota namoomaa Kooriyaa Kibbaa jiran afuuffeewwan ergaawwan
garaagaraa qabatan gara biyya ollaa isaanitti ergu.
Ergaawwan
kunneen Kooriyaan Kaabaa lammiilee ishee cunqursaa keessaa jiraachisuu akka
dhaabdu kan gaafatani dha. Barreefamoonni gariin immoo qoccollaa dha.
Yeroo kaan immoo chekoleetii fi barreeffammoonni hawwii gaarii
qaban afuuffeewwan keessa kaa’amanii ergamu. Gochaan kun yeroo dheeraaf
Kooriyaa Kaabaa dheekkamsiisaati tureera.
Kanaafimmoo warra biyya gananii Kooriyaa Kibbaa seenan komatti.
Torbee dabarsine kana keessatti Kooriyaan Kaabaa waajira
biyyoota lameen walitti dhiyeessuuf jecha daangaa irratti baname
barbadeessiteetti.
Waajirri kun waggaa lama dura ture kan baname.
Waajirichi barbadaa’un walitti dhufeenya biyyoota lamaanii
gidduu jiru kan gara ijibbaataatti geessu dha jedhameera.
Ministirri Kooriyaa Kibbaa biyyoota lameen walitti dhiyeessuuf
hojjetan, waan Kooriyaan Kaabaa gochuuf jirtu ‘kan baayyee gaddisiisu’
jedhaniiru. Karoora kana akka dhiistus gaaftaniiru.