Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’

Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hojjettoonni warshaa Jarman 1,000 ol Covid-19’n qabaman

    Hojjettoonni 1,000 ol ta’aniifi warshaa foon qixeessu keessa hojjetan koronaavaayirasiin qabaman.

    Warshaan Toonis jedhamu kuni Lixa Jarmanitti kan argamu lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argame dabaluu akka danda’u yaadama.

    Yeroo ammaa hawaasatti akka hin dabarreef jecha hojjetoonni 7,000 akkasumas maatiin isaanii akka adda of baasan ta’eera.

    Namni siyaasaa Jarman tokko namni hammanaa bakka tokkotti yoo qabamu akkuma biyyoota Gamtaa Awuroppaayyuu isa guddichadha jedhaniiru.

    Waraanni biyyattii gargaarsa akka taasisu waamichi dhihaateeraaf.

    Warshicha keessa qulqullina sirriitti eeguu dhabuun vaayirasichi namoota hedduutti akka tamsa’uf madda akka ta’u danda’u shakkameera.

    Kanneen foon warshaa kanaa hin bitinaa jedhanii waamicha dhiheessanillee ni jiru.

  2. Sa'uudii Arabiyaan uggura koronaavaayirasii to'achuuf keesse kaaste

  3. Ispeen uggura imalarra keesse kaasuun tuuristoota simachuu eegalte

    Ispeen uggura imalarra keesse kaasuun turistoota Gamtaa Awurooppaafi zoonii Shangan akkasumas UK irraa dhufan simachuu eegalte.

    Kanneen daawwannaaf biyyattii seenan hundi buufata xiyyaaraatti qorannoon ho’a qaamaa taasifamaaf.

    Ragaa qorannoo kanaafi teessoo isaaniis ni kennu.

    Turistoonni kan dhufu eegalan erga Ispeen weerara koronaavaayirasii ittisuuf ji’a sadii darbaniif labsii yeroo muddamaa labsitee turte kaaste boodadha.

    Turistoota kanaaf bakkeewwan walirraa fagaachuun hin danda’amnetti haguuggii fuulaa yookiin maaski godhachuun dirqamadha.

    Ispeen waggaatti turistoonni miiliyoona 80 kan daawwataniin yoo ta’u galiin damee kanarraa argattuus Oomisha Waliigalaa Biyyattii keessaa %12 dha.

    Biyyattiitti namoonni 245,000 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u 28,000 kan ta’an du’un isaanii ni yaadatama.

    Kunis, biyyoota vaayirasii kanaan haalaan hubaman keessaa tokko ishii godha.

  4. Itoophiyaan dhorkaawwan sababa Covid-19n kaa'aman irratti fooyya'iinsa taasiste

    Weerara koronaavaayirasii to'achuuf kan labsamee ture labsii yeroo muddamaa jalatti seeronni kaa'amanii turan akka armaan gadiitti fooyya'aniiru.

    1. Namni tokko manattis ta'e dhaabbilee fayyaatti yoo boqote bakka maatiin fedhanitti awwaalamuu danda'a.

    Saamudi erga fudhatamee booda akka kanaan duraa eguun hin barbaachisu. Bakka awwaalaatti garuu akkuma kanaan duraa namoonni 50 ol argamuu hin qaban.

    2. Namoonni karaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gara Itoophiyaa seenan bakka turanirraa waraqaa ragaa Covid-19 irraa bilisa ta'uusaanii mul'isu qabatanii dhufnaan mana isaanii akka adda of baasan eeyyamameera.

    Haa ta'u malee, qorannoon isaanii suni Finfinnee gahuu isaanii 72 dura taasifame qofa ta'uu qaba.

    Lammatammoo, bilisas ta'ani saamuda kennaniiti gara manaa kan deeman. Manattis ta'u garuu guyyoota 14'f adda of baasanii turu.

    Akka kana duraatti taanaan hoteela turuu qabu ture.

    3. Imaltoonni waraqaa ragaa vaayirasicharraa bilisa ta'uusaanii mul'isu hin qabnemmoo guyyoota torbaaf iddoo qophaa'e erga tursiifamanii booda qoratamanii manatti galu.

    Manattis guyyoota torbaaf adda of baasanii turu.

    4. Namni koronaavaayirasiin shakkame yookiin mallattoo vaayirasichaa sasalphoo agarsiise ammoo yoo meeshaa wal'aansaa manaa qabaate manatti adda of baasuu danda'a.

    Namoonni manatti adda of baasanii turuu hin dandeenyemmoo iddoo qophaa'e tursiifamu.

  5. Tiraamp qondaaltonni qorannoo koronaavaayirasii akka hir'isan ajajan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Oklahomaa keessatti haasawa taasisaniin qondaaltonni qorannoo koronaavaayirasii akka hir'isan ajajan.

    Lakkoofsi namoota qabamanii akkaan dabalaa waan jiruuf qorannoo hir'isaa jedhan Tiraamp.

    Akkuma qorannoon heddummaataa deemuun namoota qabaman heddumminaan argaa waan jirruuf qorannoo hedduummeessuurraa of qusachuu qabna jedhan.

    Qorannoo waan cimsineef lakkoofsi namoota qabamanii biyya keenya keessatti akkasitti dabaluunsaa waan badaadha jedhan Tiraamp.

    Wayita weerara koronaavaayirasii wantoota dhowwaman keessaa tokko walitti heddummaachuu hawaasaati.

    Tiraamp garuu seera sana cabsuun duula na filadhaa gaggeessan.

    Qorannoon koronaavaayirasii hir'achuu qaba kan jedhanii dubbatanis duula na filadhaa kanarratti.

    Ameerikaatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 2.2 caalan kan qabaman yoo ta'u, 120,000 kan ta'an du'aniiru.

    Osoo qorannoon cimuu baatee kana caala namoonni baay'ee miidhamu jedhu ogeeyyiin fayyaa.

    Dhaamsi Tiraamp qondaaltota Waayit Haawus biratti akka qoosaatti ilaalamee bira darbame.

  6. Lixaafi Kaaba Itoophiyaatti gaadiddeessituun aduu mul’atte

    Guyyaa har’aa A.L.I Waxabajjii bultii 14, 2012 bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti, keessumaa Lixaafi Kaaba biyyattiitti mul’ateera.

    Ta’een eegamaa ture kuni biyyoota Bahaafi Giddugala Afrikaattillee kan eegamaa turedha.

    Gaaddiddeessuun aduu kun wayita addeessi lafa fi aduu gidduu ooltu uummama.

    Gaaddiddeessuun aduu kun guyyaa Dilbata har'aa ganama sa'aa 12:45 hanga 3:20 Itoophiyaa keessatti akka turu durfamee himamee ture.

    Kunis sa'aa lama fi daqiiqaa 35f tura jechuudha Itoophiyaa keessatti.

    Suuraaleen kunneen kan magaalaa Laalibalaatti kaafaman yoo ta’u namoonni yeroo bahanii ilaalan mul’isa.

  7. Qondaala Koongoo malaammaltummaan waggaa 20 itti murani

    Manni Murtii Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo Itti – gaafatamaa Waajjira Pirezidantii Feeliks Shisedekii malammaltummaa raawwachuun irratti murteesse.

    Qondaalli Vitaal Kaamerhe jedhaman irratti hidhaan umrii 20 hojii humnaa wajjiin gaafa Sambataa murtaa’eera.

    Badiin itti shakkamanis qabeenya ummataa dolaara miiliyoona 50 qisaasessuuni.

    Deeggartoonni Kaamerhe garuu ergama siyaasaa akeeku qaba, pirezidantummaaf akka hin dorgomne yaadameetu jechuun himatu.

    Abbaan seeraa dhimmicha ilaalaa turan baatii darbe ajjeefamanii turan.

    Namni dhihoo pirezidantii duraanii, Kaamerheen, qondaala olaanaa malaammaltummaan biyyattiitti himatamnidha.

    Qarshiin qondaalli kuni balleessaniiru jedhame silaa ijaarsa manneenif oola ture.

    Lammiin Lebaanoon biraallee waggaa 20 kan irratti murtaa’e yoo ta’u qondaala biraa irratti garuu waggaa 2 qofatu murtaa’e.

    Kaamerheen erga hidhaa bahe booda waggoota 10’f pirezidantummaaf dorgomuu akka hin dandeenyellee irratti murtaa’eera.

    Haa ta’u malee, abukaatoon isaanii hojiin humnaa heera biyyattiin kan dhorkame waan ta’ef akka ol iyyatan himuu isaanii AFP’n gabaaseera.

  8. Tiraamp yeroo weerara Covid-19 duula na filadhaa gaggeessuun komataman

  9. Biraaziliitti namoonni Covid-19 qabaman miliyoona tokko darbe

  10. Hojjettoonni Itoophiyaa Lebaanan jiran kaffaltii malee bakkeetti darbataman

    Lammiileen Itoophiyaa gara Lebaanan imaluun hojii manaa hojjetaa turan amma hojjettoota isaaniitiin ari'amaa jiraachuu BBC'tti himan.

    Imbaasii Itoophiyaa Beeruut jiru fuulduratti lammiileen Itoophiyaa darbamaniifi dhibba caalan deeggarsa gaafachaa jiru.

    Mootummaan Libaanoon bakka dahoo argatan akka geessaa jiru hima.

    Dhimma kana irratti yaada Imbaasii Itoophiyaa achi jiru argachuuf yaaliin taasifame hin milkoofne.

    Ji'oota jahan darban hammi bituu maallqa Libaanoon %70 waan gadi bu'eef diinagdeen biyyattii rakkoo keessa seeneera.

    Weerarri koronaavaayirasii immoo hammesseera.

    Namoonni hojjettoota kunneen hojjechiisaa turanis sababa diinagdeensaanii hir'ateef jecha miindaa kaffaluufii akka hin dandeenye ibsun hojjettoota alatti baasaa jiru.

    Libaanoon keessa hojjatoota manaa nuusa miiliyoonaa jiran keessaa harki caalan lammiilee Itoophiyaadha.

  11. Akkam bultan!

    Tamsaasni kallattii marsariitii BBC Afaan Oromoo Dilbata ganamaa eegaleera.

    Oduufi odeeffannoo kallattiin isin biraan geenyu nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii!

  12. Itoophiyaatti namootni haaraan 399 Covid-19 qabaman

  13. Istaadiyeemiin Faransaay deeggartoota kubbaa 5,000'f banaa ta'uuf

    Deeggartoonni kubbaa miilaa Faransaayii Adooleessa dhufurraa kaasee istaadiyeemii akka galaniif mootummaan biyyattii beeksiise.

    Kunis qaama tarkaanfii ugguura ittisa Covid-19tiif kaa’amee ture laaffeeessuutii jedhameera.

    Jalqabarratti deegartoota 5,000 qofati istaadiyeemii akka galaniif kan hayyamamuu yoo ta’u, lakkoofsi kun waljalaan kan fooyyeeffamu ta’a jedhame.

    "Kanarratti hundaa’uun haalli sadarkaa fayyaa biyyattii erga wallaakkeessa Adooleessaa keessa xinxalameen booda, gara tarkaanfii uggura laaffeessuu marsaa lammaffaatti kan deemamu ta’a’’ jedhe mootummaan.

    Kan jechuunis dorgommiiwwan xumuraa kubbaa Miilaa Faransaayiifi Liigii deeggartoota isaanii fuduratti xabatama.

    Dorgommiiwwan kunneen lamaaniyyuu sababii weerara Covid-19 tiin guyyaa hin murtoofneetti dabarfamanii turan.

  14. Masriin UN dhimma Hidha Abbayyaatiif jidduu akka galu waamicha taasifte

  15. Kooriyaan Kaabaa barreefama ololaa Kooriyaa Kibbaa jibbisiisu qopheessaan jira jette

    Televizyiniin biyyaalessaa Kooriyaa Kaabaa akka gabaasetti, barreefamooti jibbinsaa kanneen namoota Kooriyaa Kaabaa gananiifi Kooriyaa Kibbaatiif qophaa’aa jiru.

    Kooriyaan Kaabaa barreeffamoota kunneen daangaa biyyoota lamaaniirratti akka bittinsitu himte.

    ‘’Uummatni Kooriyaa Kibbaatti baayyee gadde waraqaawwan bittinfamuuf jiran qopheessaa jira,’’ jechuun ejensiin oduu biyyattii Kooriyaa Seentaraal Niiws Ejensii gabaaseera.

    ‘’Tuullaan waraqaa bittinfamuuf jiruu hamma tulluu gaheera,’’ jechuun immoo televizyiniin biyyaalessaa himeera.

    Namoonni Kooriyaa Kaabaa irraa baqatanii Kooriyaa Kibbaa galan afuuffeewwan kumaatamaan lakkaa’aman gara biyya isaanitti ergu.

    Isaan qofas miti falmitoonni mirgoota namoomaa Kooriyaa Kibbaa jiran afuuffeewwan ergaawwan garaagaraa qabatan gara biyya ollaa isaanitti ergu.

    Ergaawwan kunneen Kooriyaan Kaabaa lammiilee ishee cunqursaa keessaa jiraachisuu akka dhaabdu kan gaafatani dha. Barreefamoonni gariin immoo qoccollaa dha.

    Yeroo kaan immoo chekoleetii fi barreeffammoonni hawwii gaarii qaban afuuffeewwan keessa kaa’amanii ergamu. Gochaan kun yeroo dheeraaf Kooriyaa Kaabaa dheekkamsiisaati tureera.

    Kanaafimmoo warra biyya gananii Kooriyaa Kibbaa seenan komatti.

    Torbee dabarsine kana keessatti Kooriyaan Kaabaa waajira biyyoota lameen walitti dhiyeessuuf jecha daangaa irratti baname barbadeessiteetti.

    Waajirri kun waggaa lama dura ture kan baname.

    Waajirichi barbadaa’un walitti dhufeenya biyyoota lamaanii gidduu jiru kan gara ijibbaataatti geessu dha jedhameera.

    Ministirri Kooriyaa Kibbaa biyyoota lameen walitti dhiyeessuuf hojjetan, waan Kooriyaan Kaabaa gochuuf jirtu ‘kan baayyee gaddisiisu’ jedhaniiru. Karoora kana akka dhiistus gaaftaniiru.

  16. Buufanni xiyyaaraa UK imaltoota qorannoof $170 kanfalchiisuun guyyaa adda bahamee turamu hirrisuuf

    Buufanni xiyyaaraa UK imaltoota garas dhaqan Covid-19 qorachuuf $170 kanfalchiisuun, guyyoota adda baafamuun itti turamu ammoo gara guyyaa lamaatti akka fiduuf yaadni dhiyaate.

    Adeemsi yaadni sadarkaa karooraa irratti argamu kunis, imaltoonni qoratamanii sa’aatii 24 keessatti bu’aan kan argamu ta’u hima.

    Dhaabbanni karoora kana duuba jiru, Swiissport UK'n, akka himeetti adeemsa Kanaan ilmatoonni bu’aan qorannoo isaanii negaativii ta’ees guyyoota dabalaataa 13’f adda of baasuu irraa hafu.

    Imaltoota guyyoota 14 adda baasuun tursiisuun buufataalee xiyyaa UK hundatti Waxabajjii 8 irraa eegale hojjiirra kan oolfame yoo ta’u, dureewwan daandii qiilleensaa garuu ‘adeemsa amma dhiyaate’ irratti of qusannaa cimaa akka qaban ibsaniiru.

    Waajjiirri Dhimma biyya keessaa gama isaatiin karoora dhiyaateen walii hingallee. Itt dabalunis, tarkaanfiin adda baasanii tursiisuu dambalii vaayirasii lammaffaa dhaabuuf bakka jiru kana keessa deebi’amee ilaalamu qaba jedheera.

  17. Zimbaabuween Ministira fayyaashee malaamaltummaa koronaavaayirasiitiin himatte

  18. 'Kana booda waa'een godina Walaayitaa kan isa ilaallatu mana maree saba kanaa qofa dha'

  19. Magaalli guddoo Maalii Bamakoon galaana mormiin raafamaa jirti

    Lammiileen Maalii kumaatamaan lakkaa’aman pireezidantiin Maalii akka aangoo gadhiisu gaafataa jiru.

    Lammiileen addabaabaayii Bilisummaa jedhamu kan magaalaa guddoo biyyattii Bamakoo jirutti walitti qabamanii pireezidantiin biyyattii akka bu’u gaafataa jiru.

    Mormii kana kan waaman Imaamiin beekamaa biyyattii Maahaamuud Diikoo dha.

    Mormitoonni kunneen pireezidant Ibraahim Aboobaakir Keeyitaan akka bu’an kan barbaadan hokkorri warreen jihaadistii fi hawaasaa gidduutti hammaannaani.

    Pireezidantichi mootummaa tokkummaa mormitoota ofitti dabalate akka ijaaran jalqaba torbee kanaatti dubbatanii turan.

  20. Waa'ee gaaddiddeessuu aduu guyyaa Dilbataa Itoophiyaatti mul'atuuf jiruu maal beektu?