Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’

Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Jiraattota Shebel maaltu qe'eerraa buqqise? Amma akkamiin jiru?

  2. Gidduugallii To'annoofi Ittisa Dhibee US, Covid-19 Ameerikaa ''jilbeeffachiiseera'' jedhe

    Gidduugallii To'annoofi Ittisa Dhibee US, Covid-19 Ameerikaa ''jilbeeffachiiseera'' jechuun Kongireesii biyyattiif gabaasa dhiyeesseera. Weerarri kun haala nama sodaachisuun dabalaa jira jechuunis ogeeyyiin biyyattii yaaddoo isaanii ibsaa jiru.

    Hoogganaan dhaabbatichaa Roobert Redfiild ''Vaayirasii kana to'achuuf waan dandeenyu hunda gooneera, dhugaan jiru garuu biyya kana jilbeefachiisuu isaati'' jedhan.

    ''Vaayirasii xiqqoon'' kun doolaara tiriiliyoona torba nu baasiftis jedhan.

    Waltajjiidhuma kanarratti kan dubbatan gorsaan Waayit Haawus Antooniiy Faawuchii kutaalee Ameerikaa tokko tokko keessatti vaayitrasiin kun ''akkaan hammaachuu'' ibsan.

    Kutaaleen biyyaa ''humna namaa, sirnaa fi qorannoo'' gochuu danda'uu qabu, dhukkubsattoota adda baasuu fi tuttuqqaa isaanii fo'uus qabu jedhan.

  3. Taphataa beekamaan teenisii covid-19'n qabamuusaaf 'dhiifama' jedhe

    Addunyaarratti tapha teenisiin sadarkaa jalqabaarratti kan beekamu Jokooviich tapha waahillansaa waliin taphateen booda hunda isaaniirrattuu koronaavaayirasiin argamuu ibseera.

    Kanaafis dhiifama gaafate.

    Jokooviich taphattoota ji'ootaaf dorgommii malee taa'aa turan gara sochiitti deebisuuf jedhee sirna dorgommii mataasaa qopheessee ture.

    Kan qopheesses dirree dorgommii isaarratti ture.

    Kanneen dorgommii Jokooviic qopheesse irratti hirmaatan Djokovic, Grigor Dimitrov, Borna Coric fi Viktor Troicki hunduu vaayirasichaan qabamaniiru.

    Wayita taphataa turan namoonni kunneen walitti siqanii harkafaa walirraa kaa'achaa turan.

    Jokooviich rakkoo mudate hundaaf anatu sababa jechuunidha dhiifama kan gaafate.

    ''Dorgommiin taphaa an qopheesse balaarra waan nu buuseef dhiifama' jedhe.

  4. Poolisiin Naayijeeriyaa hojjettoota 300 warshaa keessa 'itti cufamee ture' baraare

    Warshaa ruuzii Kaaba Naayijeeriyaa naannawa Kaanoo jedhamu keessatti hojjettoonni 300 ta'an wayita weerara koronaavaayirasii hojii hojjetanii argaman.

    Hojjettonni kunneen Bitootessa darberraa eegalanii warshaa kana keessaa akka hin baane dhorkamaa turan jedhameera.

    Yeroo hojiirratti dabalataan kan warshicha keessa turanii hojjetaniif miindaasaanii doolaara Ameerikaa 72 ji'aan argatanirratti doolaarri 13 waadaa galameeraaf.

    Kanneen yaada kana fudhachuu didan ammoo ari'amaa turan.

    Hooggantoonni warshaa qabeenya warra Hindii ta'ee kanaa shan to'annoo seeraa jala oolaniiru.

    Dubbi Himaan Poolisii Abdullaahii Harunaa, warshaan kun amma cufameera jedhan.

    Namoonni hojjettoota fedhiisaanii malee hojjechiisaa turan qoratamaa jiru jedhan.

    Hojjettoonni komiisaanii dhiyeessanis, yeroo nyaataa, yeroo kadhannaa fi yeroo boqonnaa qabaachaa akka hin turre ibsan.

    Naayijeeriyaa keessatti hanga ammaatti namoonni 20,000 caalan koronaavaayirasiin qabamaniiru.

  5. 'Kiliippii muuziqaa Oromoo guddisuuf cimseen hojjedha' - Leencoo Fiqiruu

  6. Kirkirri lafaa cimaa ta'e Meeksikootti namoota 5 galaafate

    Kirikirri lafaa cimaa ta’eefi gamoowwan raase bulchiinsota Meeksikoo jaha keessatti yaaddo cimaa uume.

    Hanga yoonaa yoo xiqqaate namoota shan galaafateera jedhameera.

    Sababa weerara koronaavaayirasiin ugurri namootarra waan ka’ameef namoonni hedduu manaa dalagaa turani.

    Haa ta’u malee, ergaa akeekkachiisa mootummaan kenneen jiraattoonni balaan dhufe miidhaa hamaa osoo hin geessisiin manaa bahuu danda’aniiru.

    Kirkirri lafaa cimaa bulchiinsa Kibba-Lixa ‘Oaxaca’tti kan galmaa’e yoo ta’u rektar iskeelii 7.4’tu galmaa’e.

    Hammi namoota miidhamanii bulchiinsa qarqara Garba Gurraachaa paasifikii jirtu kanarraa kan gabaafamedha.

    Waggaa lama duras kirkirri lafaa Meeksikootti nama dhibbaan lakkaawaman kan galaafate ture yoo ta’u kanneen kumaan lakkaa’aman immoo bakka itti jiraatan dhabanii ture.

    Manneen 200 ta’an magaalaa ‘La Cruceita’ keessatti miidhamuu isaanii qondaaltonni himaniiru.

    Waan qabnu hunda yeroo muraasatti dhabne jedheera namni Vinsente Romeeroo jedhamuufi suuqii qabu isaa Rooyitarsiif hime tokko.

  7. Ashamaa!

    Akkam bultan hordoftoota BBC Afaan Oromoo.

    Tamsaasni kallattii keenya har'aa eegaleera.

    Oduu fi odeeffannoo waytawoo biyya keessaafi alaa kallattiin isin biraan geenya.

    Akka nu hordoftan isin affeerre.

    Guyyaa gaarii!

  8. Ka hardhaa, ya obbaasne!

    Gabaasi keenyi kallattii kan Kibxataa har'aa asumarratti raawwata bor ganama hanga walitti dachaanu, suuraa armaan gadii kanaan nagaa isinitti dhaamanna.

  9. Covid-19 Itoophiyaatti - Guyyoota 100

    Koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti namoota irratti argamuun erga mirkanaa'ee amma guyyoota 100 dabarseera.

    Biyyattiitti yeroo jalqabaatiif namni Covid-19'n qabamuun qorannoon kan mirkanaa'ee, Bitootteessa 13, 2020 ture.

    Ragaa Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa dhiyeesse gara Afaan Oromootti deebisuun haala kanaan isinii dhiyeessineerra.

  10. Taphataan teenisii addunyaarra 1ffaa tahe- Jokoovich Covid-19'n qabame

  11. Haalli Covid-19 biyyoota Laatin Ameerikaa maal fakkaata?

  12. Amma nu gahe, Itoophiyaatti sa’aatii 24 darbanitti namoonni 115 Covid-19 irraa bayyanatan

  13. Poolisiin Keeniyaa uggura kabachiisuuf daa’ima ganna 13 rasaasaan dhahe, ajjeechaan himatame

  14. Haleellaan boombii Moqaadishuuttii qaqabeen namni lama ajjeefaman