Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’

Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daldalli seeraan alaa harrootaa ammas Itoophiyaatti yaaddoo uume

  2. Saayintistoonni maaskii of qulqulleessuufi irra deebiin fayyadu kalaqan, Saayintistoonni maaskii of qulqulleessuufi irra deebiin fayyadu kalaqan

    Saayintistoonni Israa’el maaskii irra deebiin fayyaduufi koroonaavaayirasii ho’aan ajjeesuu danda’u kalaqne jedhan.

    Maaskichi chaarjii elektiriikii ofitti fudhachuun faayibarii kaarboonii keessa jiran hanga digrii faaraanaayitii 158 ho’isuu danda’a, kunimmoo vaayrasicha ajjeesuuf ho’a gahaa tahe dha jedhu.

    Maaskichi yeroo of qulqulleessutti fayyadamtoonni akka hin keewwanne gorsu qorannoo kana kan hogganan Yaa’iir Een Eelii, maaskichi qulquqllaa’uuf daqiiqaa 30 fudhatas jedhu.

    Een Eeliin maaskii kana akka hojjetan kan isaan kakaase garaagarummaa dhiyyeessi fi fedhii maaskii kanaa akka addunyaatti jiru dha jedhan.

    Qorattoonni mirga abbeentaa maaskichaa Ameerikaatti kan galmeessifatan yoo tahu,gurgurtaaf dhiyeessuuf karoorsaa jiru.

  3. Obbolaa sababii Covid-19n taaziyaa harmeesaanii karaa 'zoom' raawwatan

  4. Manguddoon Wallagga Bahaa ganna 85 Covid-19n du'an

  5. Yugaandaan hidhamtootaa fi daayaaspooraan filannoorratti akka hirmaatan eeyyamte

    Manni Murtii Olaanaa Yugaandaa lammiileen daayaaspooraa tahaniifi hidhamtoonni filannoo irratti hirmaachuu qabu jechuun murteesse.

    Ogeessi seeraa Isteevan Kaalaaliin iyyannoo kana waggaa lama dura mana murtiitti kan galche yoo tahu,Roobii darbe immoo eeyyamame.

    Ogeessi seeraa kun gareewwan hawaasaa lamaan kana akka hin filanne dhorkuun mirga isaanii bu’uuraa sarbuu dha jedheetu falmaa ture.

    Koomishiniin filannoo biyyattii adeemsi seeraa warri daayaaspooraa fi hidhamtoonni akka filatan eeyyamu hin jiru ture jedheera.

    Haa tahu malee manni murtii biyyattii gareewwan hawaasaa kana moggaatti dhiisuun mirgaafi bilisummaa heeraan isaaniif kennametu Koomishinii Filannootiin sarbamaa ture jedhe.

    Yuugaandaan bara 2021tti filannoo waliigalaa gaggeessiti jedhameetu eegama.

    Weerarri koroonaavaayirasii ammumallee qophii filannoof taasifamu irratti dhiibbaa uumeera. Duulli fillannoo dhorkameetu jira.

  6. Itoophiyaatti guyyaa 100tti namoonni 4000 jala siqan COvid-19n qabaman

    Itoophiyaatti erga koronaavaayirasiinbiyyattii keessatti argamee guyyoota 100 keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii kuma afur jala gaheera.

    Ministeerri Fayyaa itoophiyaa Kamisa kaleessaa gabaasa guyyuu koronaavaayirasii guyyaa 100ffaa baase.

    Gabaasa guyyaa 100ffaa kanaan namoonni 195 kan qabaman yoo ta'u waliigalatti namni qabame 3954 gaheera.

    Namoonni vaayirasichaan lubbuunsaanii darbuun mirkanaa'ees 65 gahuu Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiise.

  7. Hakiimonni Tuniziyaa Covid-19n wal-qabatee mormiirra jiru

    Hojjettoonni fayyaa Tuniziyaa hospitaalota uummataa keessaa hojjatan sirni fayyaa haa foyya’u jechuun mormiirra jiru.

    Hakiimota, narsootaa fi teeknishaanoti minisiteera fayyaa biyyattii magaalaa guddootti argamu fuuldura walitti qabamaniiru. Hojjattoonni kunneenis osuuma weerara Covid-19 ittisuuf lolaniitu mormiitti bahaa jiru.

    Tuuniziyaan biyyoota addunyaa sababii koroonaavaayirasiin du’a gadi-aanaa galmeessan keessaati. Hanga yoonaattis namoota 50tu dhukkubichaan lubbuun drabe.

    Torbee kana dhorkaawwan tamsa’ina dhukkubichaa ittisuuf kaawwamaan baayyeen ka’aniiru

  8. Tamsaasi keenya kallattii eegaleera

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo attam bultan?

    Tamsaasa keenya kallattii ittiin odeessaalee biyya keessaafi biyyaa alaarraa isin biraan keenyu kunoo eegalleerra.

    Guyyaa gaarii qabaadhaa!

  9. Sidaamaan naannoo Itoophiyaa 10ffaa ta’uun ifatti hundeeffame

    Naannoon Sidaamaa sirna aangoo dabarsuu yaa’ii atattamaa 2ffaa Caffee Naannoo Kibbaa 5ffaa kan waggaa 5ffaa iarra gaggeefame irratti naannoo haaraa ta’uun hundeefameera.

    Caffeen naannoo Kibbaa, Sidaamaan akka naannootti akka gurma’u murteessuu isaatii amma Itoophiyaan naannolee 10 fi bulchiinsa magaalotaa lama qabdi.

    Yaa’ii atattamaa gaggeessaa jiruun gaaffii miseensota Caffichaarra ka’eefis Pirezedaantiin Itti-aanaa Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawu deebii kennaniiru.

    Obbo Ristuun, naannoo Sidaamaa of danda’ee bahuun gurmaa’uun ummattoota biroorratti dhiibbaa uumu hin qabaatu jedhuusaanii midiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Ummanni waliin jirachuun duraanis baroota dhufaa darbaa kan ture waan ta’eef kan cimee itti fufudha kan jedhan Obbo Ristuun, naannoon Kibbaafi naannoo haaraa ijaarame kun guddina walootiif waltumsinee hojjenna jedhan.

    Miseensonni Caffee Naannoo Kibbaas naannoo Sidaamaa haaraa hundeeffameen baga gammadde jedhaniiru.

  10. Tik Tok tajaajila barnootaa kennuuf ogeessota qacaruu jalqabe

    Miidiyaan hawaasummaa guddichi Tik Tok qabiyyeewwan barumsa kennan qopheessuuf ogeessotaafi dhaabota dhibbaan lakkaa’aman qacaruuf karoorseera.

    Yunivarsiitiiwwaniifi tola ooltonni warreen qabiyyee barnootaa kana qopheessuuf qacaraman keessaati.

    Barnootni kennamu kun karaa haaraa barnoota ittii argatan tahuuf adeema jedhan ogeeessi tokko.

    Appiin Tik Tok Andirooyidii fi iOS irratti ala biiliyoona lama gad-buufameera. Miidiyaan hawaasummaa bara 2017tti jalqabe kun namoonni viidiyoo sekandii 15 dheeratu muuziqaa waliin akka waraabanii fe’an isaan taasisa.

    Miidiyaan hawaasummaa viidiyoo bashannanaa fayyadamtoonni hojjetaniin milkaa’ina argateera.

    Qabiyyee barnootaa akka qabaatu gochuun immoo irra caalaa tajaajila isaa akka daneessu isa gargaara. Bananiisa sagantaa kanaarratti taatoon Biriitiish Siyaan Sagaar fi ogeessi herreegaa gorsa kennuun jalqabsiisu.

    Awurooppaatti hoggantuun Tik Tok Riich Waatarworz miidiyaan hawaasummaa kun viidiyoo barnootaaf fedhii akka qaban hubanneerra.

    Namoonni biiliyoona 7 tahan Tik Tok irratti baradhaa (#LearnOnTikTok) haashtaagii jedhu ilaalaniiru jedhan ‘’Gara fuulduraatti aangoo #LearnOnTikTok qabu barnootaaf oolchuu dha. Namoonnis bashannanaa barachuu danda’u,’’ jedhaniiru.

  11. ETn gaaga'ama Covid-19 akkamiin dandamataa jira?

  12. Raashiyaatti ogeeyyiin fayyaa 489 sababa Covid-19 du'an

    Raashiyaatti ogeeyyiin fayyaa 489 sababa koronaavaayiras du'uusaanii qaamni tajaajila fayyaa biyyattii hordofu 'Roszdravnadzor' beeksise.

    Ji'a darbe ogeeyyiin fayyaa 101 sababa koronaavaayiras lubbuunsaanii akka darbe kan ibsame yoo ta'u, kana ammaa kun ji'a tokko keessattis ogeeyyiin 300 ol du'uunsaanii naasuu uumeera.

    Hogganaan 'Roszdravnadzor' Alaa Saamoo'ilovaa akka jedhanitti hanqinni meeshaalee of eeggannoo lubbuu darbuu ogeeyyiitiif sababa ta'eera jedhan.

    "Dhugaa dubbachuuf jalqabarratti rakkinni ni jira ture," jedhan.

    Biyyattii keessatti sa'aatii 24 darbanitti namoonni 7,790 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, kunis lakkoofsi namootaa hamma ammaatti qabamanii 561,000 ol akka gahu taasiseera.

    Lakkoofsi kunis addunyaarratti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii ol'aanaa qabaachuudhaan sadarkaa sadaffaarratti akka argamtu ishee taasiseera.

    Raashiyaa keessatti namoonni 7,760 sababa koronaavaayiras lubbuusaanii dhabaniiru.

  13. Kitaabni haaraan gorsaa nageenyaa duraaniin barraa'e Tiraamp saaxile

  14. Itoophiyaatti namoonni haaraan 195 Covid-19n qabaman

    Itoophiyaatti sa'atiiwwan 24n darban keessatti namoonni 4,853 koronaavaayirasiif qoratamanii namoota 195 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.

    Akka Ministirri Fayyaa biyyattii Dr Liyaa Taaddasaa gabaasa lakk. 100ff baasanirratti ibsanitti namoonni qabaman hunduu lammiilee Itoophiyaa umriinsaanii waggaa tokkoo hanga 85 gidduu jiruudha.

    Namoota har'a qabaman dabalatee hanga ammaatti walii galatti namoonni 3954 Itoophiyaattii koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    Namoota har'a qabaman 195 keessaa 144 Finfinnee, 12 naannoo Amaaraa,torba Affaar, torba Dirree Dhawaa, afur naannoo somaalee, afur Oromiyaa, sadi Gaambeela fi lama naannoo harariiti.

    Namoota har'a du'an lama dabalatee hanga ammaatti namoonni 65 Itoophiyaa keessatti Covid-19n du'aniiru.

    Kan har'a dandamatan 85 dabalatee ammoo hanga ammaatti namoonni 934 dandamataniiru.

  15. 'Masiriin Hidhi Abbayyaa waan miidhuuf osoo hin taane ol-aantummaa siyaasaaf mormiti'

  16. Hooggantootni Sudaan Kibbaa Bulchiinsa naannoorratti waldhabdee mudate furan

    Pireezidantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiiriifi Itti aanaa isaanii Ra'iik Machaar gidduutti bulchitootaa mootummoota naannolee 10 muuduu irratti waldhabdeen mudatee ture furame.

    Aangoo mootummoota naannoo gartuulee Siyaasaa jiraniif akka hunduu waliigalutti qooduufi dhimma naannolee boba'aan badhaadhaniitu Mootummaa ce'uumsaa ji'oota dura hundaa'etti mataa bowwoo ta'e.

    Roobii kaleessaa garuu gartuuleen waggootaaf wal waraanaa bahan kan Ra'iik Machaariifi Saalvaa kiir masaraa mootummaa magaalaa Jubaa keessa jirutti waliigalteerra gahaniiru.

    Odeeffannoon waajira Pireezidantii irraa argameen qoodinsi aangoo naannolee kan kanaa gadii fakkaata:

    • Gartuu Pireezidant Kiir: Kaaba Bahaar El- Gahaazal, Waraap, naannoo Leeks, naannoo gidduugala Ikuwaatoriyaa fi Yuunitii.
    • Gartuu Pireezidantii Itti aanaa Machaar: Lixa Bahaar El- Gahaazal, Lixa Ikuwaatoriyaafi kutaa bobaa akkaan omishu Appar Naayil
    • Tokkummaa Mormitootaa Sudaan Kibbaa: Jiingilii
  17. ‘Sirni fayyaa Indiyaa dadhabaa waan ta’eef maatii kiyya dhabe’

  18. UStti imalaan maaskii godhachuu dide xiyyaararraa akka bu’u godhame

    Ameerikaatti Imalaan Daandii Xiyyaaraa maaskii godhachuu dide akka xiyaaraan hin deemne dhorkame.

    Taateen kunis US keessatti kan jalqabaati jedhameera.

    Biraadaan Istaraakaan osoo xiyyarri imalasaa Niiw Yoork irraa gara Daalaas taasisuu hin jalqabiin dura ture akka bu’u kan godhame.

    Xiinxalaan Tiwiitararratti hordoftoota hedduu qabu tokko taateen kun “fudhatama hin qabu” jedhuun qeeqeera.

    Yeroo ammaa kanatti US keessatti seerri imaltoonni xiyyara keessatti maaskii godhachuu qabu jiraachuu baatus, daandileen xiyyaaraa seera mataasaanii hojiirra oolchuu garuu ni danda’u.

    Jalqaba torbee kanatti Daandiileen Xiyyaaraa Ameerikaa fi shan biroo imaltoota maaskii hin godhanne isaan waliin imaluu akka hin dandeenye ibsaniiru.

    Namoonni rakkina fayyaa qaban garuu godhachuun irra hin jiraatu.

  19. Dubartii hidhaan Afaanifi muuziqaa Oromoorraa duubatti hin deebisne

  20. Lakkoofsi dhugaan namoota Covid-19'n du'anii hangami?

    Qorannoo BBC'n gaggeesseen namoota hanga ammaatti sababa Covid-19'n addunyaa guutuutti lubbuu dhabaniiru jedhamee gabaafame 440,000 olitti dabalataan namoootni 130,000 du'uu ibse.

    Ragaan dheedhiin namoota du'anii biyyoota 27 irraa argame akka agarsiisutti duuti akka waliigalaatti mudate kan gabaafameen ol ta'uu agarsiiseera.

    Qorannoo kanaan walumaagalatti guutuu addunyaatti lakkofsi namoota Covid-19'n du'anii kan mootummootni gabaasan kan caalu ta'uun mirkanaaheera.

    Sababni kun ta'eef keessaa muddamni sirna fayyaa biyyootaa mudate tokko dha.