Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’

Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kooriyaan Kaabaa ammas loltuu erguuf dhaadatte

    Kooriyaan Kaabaa gaaffii Kooriyaan Kibbaa muddama amma dhalate tasgabbeessuuf ergamaa addaa erguuf yaada dhiyeessite hin fudhadhu jette.

    Loltoota ishees gara daangaa biyyoota lameenii waraanarraa bilisa haata'u jedhameetti erguuf dhaadatteetti.

    Kooiyaan Kaabaa ibsa kana kan kennite har'a. Kaleessammoo walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf jecha waajira waloo dachee ishee keessa ture rukuttee barbadeessiteetti.

    Biyyoota lamaan gara muddama kanaatti kan galche namoota Kooriyaa Kaabaa gananii Kibba taa'anii ergaawwan ololaa afuuffeen dhaamaa jiraniidha.

    Waliigaltee bara 2018'tti biyyoonni lamaan mallatteessan Sewuul cabsiteetti jechuuniis Piyoongiyaang ni komatti.

    Obboleettiin Kiim Joong Uun , Kiim Joong Kooriyaan Kibbaa jala deemtuu Ameerikaati jechuun dubbatteetti.

    Kooriyaan Kibbaa gama isheen haasawaaf balballi kiyya banaadha jetti. Haleelamuu waajira isaanii waloo kanaan garuu waan hiika hin qabneefi gaaga'aa dha jechuun balaaleffatteetti.

    Ministirri tokkummaa(unification) Kooriyaa Kibbaa muddama dhalate kanaan duuba aangoo gadhiisuuf iyyata galfataniiru.

  2. Puutiin vaayirasii irraa ittisuuf bo'oon farra-vaayirasii qophaa'ee

    Pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin koronaavaayirasii irraa ittisuuf bo'oo ykn tubboon addaa qoricha farra vaayirasiin guutame qophaa'e.

    Namni pireezidanticha bira dhaquu kamuu tubboo kana keessa darbe gara iddoo jireenyaa pireezidantichaa seena.

    Wayita tubboo kana keessa darbus uffatni isaa fi qaamni isaa guutuu qoricha farra vaayirasiin qulqullaa'a.

    Eebla darbe dubbi himaan Puutiin Dimiitrii Peskoov namni pireezidanticha argu hunduu dura qoratamuu qaba jedhee ture. Baatii tokko booda ofumaa vaayirasichaan qabamee argame.

    Raashiyaa keessatti namni 500,000 ol vaayirasichaan qabameera, kuni US fi Biraaziilitti aanuun lakkoofsa olaanaa sadaffaadha.

  3. Biraaziilitti guyyaa tokkotti namni 35,000 koronaavaayirasiin qabame

    Biraazil erga weerarri vaayirasichaa biyyattii seenee lakkoofsa nama vaayirasichaan qabamee isa olaanaa galmeessite.

    Sa'aatii 24 keessatti namni vaayirasichaan qabame 34,918. Namni 1,300 kan du'e yoo ta'u waliigalatti namni vaayirasichaan du'e 45,241.

    Kuni guyyaa aanga'aan olaanaa biyyattii tokko weerarichi to'annaa jala jira jedhetti ta'e.

    Biraazil nama vaayirasiin qabame 930,000 qabaachuun Ameerikaatti aantee lammatarra jirti.

    Mootummaan weerarri vaayirasichaa to'annoo jala jira haa jedhu malee tatamsa'inni vaayirasichaa babal'ataatuma jira.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dhuma torbee kana miliyoona akka guutu eegama.

  4. Keeniyaan deeggarsa Covid-19 ittisuuf arjoomame hatameera jette qorachaa jirti

    Keeniyaan deeggarsi koroonaavaayirasii ittisuuf kennameef eessa akka bu’e qorachaa jirti.

    Qorattootni BBC'tti akka himanitti maallaqa hundumaa ittisa koroonaavaayirasiif kallattii garaagaraan arjoomame maalirra akka jiru qorachaa jiru.

    Maallaqni doolara miliyoonota hedduu tahuu fi meeshaaleen ittisa vaayirasichaaf oolan hatamaniiru jennee amanna jedhan.

    Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamaniifi du’anii dabalaama jira.

    Qorannoon kun akka jalqabamuuf ka’umsa kan tahe meeshaaleen ittisa koroonaavaayirasiif oolan $2m tahu kan mootummaan Chaayinaa arjoome dhabamuun saaxilamuudha.

    Keeniyaan tujaara Chaayinaa Jaak Maa, Dhaabbata Maallaqa Adunyaa fi Gamataa Awurooppaa irraa deeggarsa argataa turte.

    Hojjettootni fayyaa ammoo hanqina meeshaalee ittisa vaayirasichaa akka qaban himatu.

    Kanaaf mootummaan deeggarsa argame maalirra akka oolche irratti gaafatamaa jira.

    Keeniyaa keessatti namootni 3727 tahan vaayiarsichaan kan qabaman yoo tahu 104 kan tahan lubbuu dhabaniiru.

    Du’aatii guddaan ammoo ji’a Fulbaanaa keessa dhaqqabuu danda’a jedhamee eegama.

  5. Qorichi koronaavaayirasii lubbuu baraaruu danda'u argame

  6. Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa qoricha Covid-19'f beekamtii kenne

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa bu'aa qorannoo qorichi dexamethasone Covid-19 yaaluu danda'a jechuun ogeeyyiin UK beeksisaniif beekamtii kenne.

    Qorichi kun namoota Covid-19'n qabamanii akka malee dhukkubsachaa jiran du'arraa baraaruu akka danda'u dhukkubsattoota irratti yaalamee bu'aa qabatamaa fiduu qorattoota Yunivarsiitii Okisfoorditu beeksise.

    Bu'aan qoricha kanaa kanneen dhukkuba jabaa keessa jiran irratti malee kanneen dhukkubbii jabaa hin qabnerratti guddoo akka hin mul'anne Dhaabbatichi ibsa baaseen himee jira.

    Daayireektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adihaanoom, kun oduu guddaadha jedhan.

    Mootummaa UK, Yunivarsiitii Okisfoordiifi hospitaalotaafi dhukkubsattoota yaalii kanaaf gumaachaniis galateeffatan.

    ''Injifannoo saayinsaawaa lubbuu baraarudha'' jechuunis qorichi sababa Covid-19'n du'a mudatu xiqqeesssu kun argamuu leellisan.

  7. Namichi addabaabaayiirratti dhuufe birrii 19,000 adabame

    Addabaabaayiittii dhuufuu gadhiisuun safuu cabsuu tahuu mala qarshiidhaan garuu nama hin adabsiisu ture.

    Ostiriyaa, Veenaatti garuu namichi poolisiitti dhuufe qarshii 19,000 adabameera.

    Poolisiin magaalatti maaliif akka namicha adabe yeroo ibsu akkas jedhe,

    ‘’Eeyyeen eenyuyyuu akka tasaa ijaa dhuufuu gadhiiseef hin adabamu."

    ‘’Namichi garuu naamusa addabaabaayitti eegamuu qabu cabse, inumaayyuu poolisiin yoo itti dhiyaatu amala gaarii hin agarsiisne, gargaarsaafillee fedha hin qabu ture."

    Iddoo paarkiitti teessoo isaarraa ka’ee beekaadhuma ’’poolisiitti ija babaaseetu dhuufuu guddaa tokko gadhiisee,’’ jedha himannaansaa.

    Miseensonni poolisii deebisanii itti dhuufuu mannaa gatii isaa kennaniifis jedheera poolisiin isa adabe.

  8. Beejiing weerarri vaayirasii marsaa lammataa hammaannaan imala dhorkite

    Dabalataan namoonni haaraa 31 vaayirasichaan kan keessatti qabaman Beejiing, irra deebiin manneen barnootaa cuftee, imalas daangessitee jirti.

    Torbee darbee eegalee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 137 gaheera.

    Weerarri vaayirasichaa akka haaraatti irra deebiin osoo hin ka'iin magaalattiin guyyoota 57 namuu osoo vaayirasichaan hin qabamiin turte.

    Weerarri marroo lammataa kun jiddugala gabaa nyaataa 'Xinfandi' jedhamurraa ka'uu akka hin oolle yaadama.

    Weerara marsaa lammataa kana hordofuun namootni ollaawwan magaalattii 28 keessa jiraatan magaalaa bahuu hin danda'an.

    Namni biraas kan magaalaa bahu fedhu yoo jiraate dura qoratamee bilisa ta'uu qaba.

    Manneen barnootaa, kolleejjiiwwan, jiddugalawwan ispoortii hundi cufamanii jiru. Haa ta'u malee warshaalee fi hojiin itti fufee jira.

  9. Ashamaa!, Gabaasa kallattii biraan deebineerra!

    Weerara koronaavaayirasii fi tateewwaan gurguddoo biyya keessaa fi alaa fuula tokkorratti asii argattu.

    Gabaasaalee guyyoota darbanii dubbisuuf as cuqaasaa.

    Koronaavaayirasii irraa of eeggachuu ammoo hin dagatinaa.

    Nagaan oolaa!