Koronaavaayirasi: Covid-19 Itoophiyaatti guyyoota 100 keessaatti

Maxxanfame

Koronaavaayirasiin addunyaa kanarratti mudachuu isaa erga himamee dhuma bara 2019 irraa kaasee saffisaan babalachuun amma addunyaa mara waliin gaheera.

Guyyaa dhukkubni kun weerara addanyaa mudachuunsaa himamee kaasees biyyoonni lammiileesaanii baraaruuf seerawwan baasuudhaa qabee hojjiwwan garaa garaa hojjataa turan.

Itophiyaanis akkuma biyya kamiitti, osoo Covid-19 biyya keessa haalaan hinbaballatiin duraa qabdee hanga ammaatti hojiwwan adda addaa raawwataa turte, ammas ittuma jirti.

Koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti namoota irratti argamuun erga mirkanaa'ee amma guyyoota 100 dabarseera. Ofi guyyoota kanneen keessatti hojiiwwan ittisa dhukkuba kaanaa sadarkaa biyyaatti raawwataman maal fakkaatu?

Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif namni Covid-19'n qabamuun qorannoon kan mirkanaa'ee, Bitootteessa 13, 2020 ture.

Ergasii qabees, hanga kaleessaatti vaayirasichi biyyattii keessatti babalachuun namoota 4,663 ta'an yoo qabaman, 75 ammoo sababiidhuma kanaan walqabateen lubbunsaanii darbeera.

Mee guyyoota dhibba kana keessatti maaltu raawwatamee?

Guyyoota 100 darban keessa gama saamuda qorachu, meeshaalee barbaachisan guutuufi humna oggeessa fayyaa dabaluutiin akkasumas kanneen namoota vaayirasiin irratti argame waliin hidhata qaban hordofanii adda baasuutiin hojiiwwan gurguddaan hojjatamu ibsameera.

Hanga ammaatti saamudi namoota 219,566 laaboraatooriin qoratamee, namoonni 4,663 ta'an irratti vaayirasichi argameera.

Akkasumas namoota kanneen vaayirasichi irratti argamee waliin tuttuqqaa qabu jedhamuun adda baafaman 31,573 keessaa kanneen 708 ta'an irratti vaayirasichi argameera.

Akka ragaan Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa irra argame mullisutti, namoonni miliyoona 32 ta'an ammo, qorannoo mana mana irra adeemuun taasifamuun sakatta'amaniiru.

Namoota qoratanii adda baasuu qofas osoo hintaane, bakkee namoonni dhukkubsataniifi kannneen adda baafaman ciisan ilaalchisees qophiin adda addaa taafamaa bahe.

Haaluma kanaanis sireewwan ciisichaa namoota cisanii wallaanamaniifi kanneen adda baafamaniif oolan 17,435 qopheeffamaniiru.

Gama biraatiin ammo, Amajjii 24 irraa qabee hanga ammaatti imaltoonni 764,948 adda bahanii akka turan ta'eera.

Sochii tatamsa'in vaayirasii kanaa hirrisuufi kanneen Covid-19'n qabaman wallaanuu keessatti gaheen hojjattoonni fayyaa bahaa jiran murteessaadha. Haaluma kanaanis lakkoofsa hojjattoota fayyaa dabaluudhaafis hojiiwwan hojjatamaa turan.

Kanaanis hojjattoonni ogummaa fayyaa 4,500 dabalataan kan mindeeffaman yoo ta'u, namoonni fedhiidhaan ummata kakaasaniif hojjiiwwan ittisa vaayirasichaa kana keessatti gumaatan 12,000 qopheeffamaniiru.

Oggeessoota kanneen qopheessuu qofti tatamsa'ina weerara kanaa xiqqeessu waan hindendeessineefu, meeshaalee gana Kanaan barbaachisanis dhiyeessuf hojii hojjatamaa ture.

Haaluma kanaanis meeshaalee oggeessoonni fayyaa ittiin akka of akka eeganiif ooluufi meeshaalee wallaansa fayyaa baasii qarashii miliyoona 513 ta'un bitamuun guutuu biyyattiif raabsamuu odeerrannoon Institiyuutii Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa irra argame ni mullisa.