Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

Akka ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins mul'isutti wayita ammaa addunyaarratti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caalee jira. Kana keessaa nuusaa ol Ameerikaa keessatti qabamani. Duuti hedduunis achitti mudate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ispeen torban dhufaarraa kaastee biyyoota EUtiif karrashee saaquuf

    Buufata Ispeen

    Madda suuraa, AFP

    Ispeen biyyoota Gamtaa Awurooppaa (EU) waliin wal keessa deemuu eegaluuf akka jirtu Ministtirri Mummee biyyattii Pedroo Saanchez himan.

    Biyyoota kanneen waliin hidhanni imalaa Dilbata dhufaa irraa kaasee kan eegaluu wayita ta’u, Poorchugaal waliin qofa garuu hanag Adooleessa 1’tti daangaan cufameetuma ture jedhan.

    UK karoora kana keessatti kan hammatamte ta’ulleen garuu Waajirri Komanwolziifi Haajaa Alaa UK imaloota idil-addunyaa baayyee murteessaa ta’aniin alatti ammalleen imala hundaa akka turuuf gorseera.

    Iseep jalqaba imalwwan biyyoota EU gutummaatti Adooleessa 1’tti eegaluuf karoorfattee kan turte yoo ta’u, ta’uulleen ‘sakatta’iinsa daangaa biyyoota miseensaa hunda Waxabajjii 21tti kaasuuf murteessuu,’’ MM biyyattii haasaa TV biyyattiirratti harra taasisanii himaniiru.

    Biyyattii uggura biyyoota Awurrooppaa isa cimaa keessee kan ture yoo ta’u, Caamsaa 4 irratti garuu mootummaan karoora uggura laafiisuu eegaluu sadarkaa arfaffaa baafte turte.

  2. Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii mil. 8 ta'uuf

    Ragaa yuunvarsiitii Joon Hopkiins

    Ebla 3, bara 2020 lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miliyoona tokko ture. Ji’a lama booda garuu dachaa saddeetiin dabaluun amma miliyoona saddeet guutuuf jira.

    Lakkoofsi namoota qabamanii hundi kan lakkaa'amu osoo ta'ees kana kan caaluu akka ta'ee ogeessoonni ni himu.

    Sababni biyyoonni tokko tokkoos hanqina meeshaalee itti qoratanii kan qaban yoo ta'u, biyyoonni kaan ammoo keessattuu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii gadi xiqqeessanii waan ibsaniif dhugaa jiru gutummaan hubachuun rakkisaadha.

    Ragaan yuunvarsiitii Joons Hopkiins akka mul'isutti garuu lakkoofsi namoota hanga ammaatti vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'ee mil 7.8 qaqqabeera.

  3. Itoophiyaatti namoota haaraa 179 irratti koronaavaayirasiin argame

    Daily Ethiopia Update

    Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo nomoota 4,845 taasifameen haaraa 179 irratti koronaavaayirasiin argameera.

    Kan har'aa kana dabaltee waliigalatti namoonni vaayirasichaan qabaman 3,345 qaqqabeera.

    Umuriin namoota Covid-19 irratti argame kanneenis, daa'ima ganna lamaa hanga ga'eessa ganna 80 gidduuwarra jiranidha aakka ibsa Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddeseetti.

    Kan har'aa keessaa namoonni 111 jiraattoota magaalaa Finfinneeti, 15 immoo Oromiyaa keesatti galmaa’e.

    Namoonni sababa vaayirasichaan du’aniis 57tti qaqqabeera.

    Kaleessaa namoonni 50’n vaayirasicharra bayyanachuun, lakkoofsi namoota bayyanatanii waliigalaa 545 qaqqabeera.

  4. Biyyoota Laatiin Ameerikaatti weerarri Covid-19 hammaacha jira

    Ameerikaa Kibbaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Sa’aatii 24’n darbe keessatti biyyoota akka Kolombiyaa,Chiilii, Arjentinaa fi Peeruu keessatti lakkoofsi namoota haaraa qabamanii dabaluun yaaddoo uume.

    Lakkoofsi namoota qabamanii dabaluusaatiin ardiin Ameerikaa Kibbaa wiirtuu weerara dhibee haleellamte biraa akka hin taane qondaloonni fayya yaada’u eegalaniiru.

    Weerarrii dhibee dabalaa jiraatu garuu, mootummoonni biyyoota dhibeen itti hammaa jiru kana hanqina leeccalloo/meeshalee qorannoof barbaachisanii qabna jedhan.

    Biraazil sambata darbe qofayyuu namoonni 20,894 koronaavaayirasiin qabamuu beeksifte.

    Lakkoofsi kun ardiicharratti biyyoota kamiyyuu caala olaanaadha.

    Ameerikaatti aante Biraazil biyya lubbuun namoota hedduu vaayirasiichaan keessatti galaafatame taatetti.

    Guyyoota sadan darban Meeksikoo keessattis lakkoofsi namoota haaraa vaayirasiin qabamanii dabaluun ardiichaarra sadarkaa qabaachuutu ibsame.

  5. Chaayinaan erga Eblaatii as lakkoofsa namoota Covid-19’n qabamanii olaanaa galmeessite

    Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Qondalooti Chaayinaa namoonni 57 haaraa vaayirasichaan qabamuu kan mirkaneessan yoo ta'u kunis erga wallakkeessa baatii Eblaatiin as olaanaadha jedhameera.

    Komishiniin Fayyaa Biyyaaleessaa Chaayinaa kka jedheetti, namoonni 38 biyya keessatti vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 36 isaanis Beejingitti argamu.

    Iddoowwan vaayirasichi deebi’ee argametti kaleessa irraa qabee uggurri sochii hojiirra oolfameera. Baayyeen isaaniif lafa gabaa gudduucha cufame waliin hidhata qabu jehameera.

    Kana malees manneen jiraanyaa dhiheenya sanatti argaman 11 ugguramaniiru.

    Chaayinaatti namoota 84,000 ol vaayirasichaan qabamuu kan gabaaste yoo ta’u, namoonni 4,638 du’usaanii ragaan yuunvarsiitii Joons Hopkiins mul’iseera.

    Erga paartiin biyya bulchuu Koministii Chaayinaa ji’a Bitootessa darbe keessa weerara vaayirasichaa injifanneerra jedhe labseen booda tarkaanfiiwwa ugguraa laaffisamanii ture..

    Amma garuu weerarri vaayirasichaa marsaa lammaffaan deebi’ee akka hin uumamne yaaddoo uumera.

  6. MM UK seera meetira 2 waliirra fagaachuu deebiisanii ilaaluuf jiru

    Namoota waliirraa fagaatanii taa'an

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Mummee UK Booris Joonsan erga seerri meetira 2 waliirraa fagaachuu akka haqamuuf gaaffii dhiyaateen booda akka keessa bdeebii’ame ilaalamuuf qaamolee dhimmisaa ilaalatuutti kennaniiru.

    Dhaabbilee daldalaafi miseensoonni mana maree Mr Joonsaan mataansaanii seera meetira lamaa koronaavaayirasii ittisuuf kaayyeffate kanaan industiriiwwan tajaajila kennaan hoojjachuun akka itti ulfaatu akeekkachisaniiru.

    Keessa debiin seericha ilaaluun kunis Adooleessa 4 akka xumuramuuf kan kaa’amee yoo ta’u, kunis yeroo manneen dhugaatiifi resitoraantoonni Inglaand keessatti deebiifamanii saaqamuu danda’an jedhameera.

    Haata’u malee, ‘’ragaa qabatamaan hawaasa keessa osoo jiru’’ irra deebiin seericha xinxaluun barbaachisaa miti jechuun kan mormanis hin dhabamne.

    Ogganaa Tory duraanii kan ta’an Sir lain Dunkaan Ismiiz ‘‘seerichi keessa deebii’amee ilaalamuus dhiifamuus, dhimmichi murtee siyaasaa MM kan gaafatuudha,’’ jechuun, seerri meerita 2 waliirraa fagaachuu dinagdeen akka hin bayyanannee taasisaa jedheera.

    "Kanaafu MM dantaa dinagdeetiif jecha amma murtee dabarsu qabaata.

    Keessa deebiifamee kan ilaalamu yoo ta’e ammoo, hariitiin raawwatamuu qabaata.’’

    Adeemsi seericha keessa deebiin ilaaluu kunis saayintistootaafi qondaaltoota dinagdee irraa raga akka walitti qabatan himameera.

  7. Loogiin sanyummaa akkamiin gurraachoonni Covid-19n akka caalaa miidhaman taasisee?

    Loogiin sanyummaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Gabaasni fayyaa hawaasa UK ilaalchise bahee tokko akka agarsiisutti, loogiin sanyummaahawaasa moggaatti dhibaman caalatti weerara vaayirasiin akka du'an saaxile.

    Loogiin sanyummaa gurraachoota hidda dhaloota Afrikaa, Eeshiyaa fi hawaasni lakkoofsaan muraasni biroo vaayirasichaan akka qabamanii fi qabamanii akka du’an gumaachera jedhe gabaasni miliqe bahe.

    Namoonni moggaatti qoodamaa turan kun meeeshalee of eeggannoo cimaas hin barbaadanii jedhe. Weeerarri vaayirasii kun loogii(walcaamaa) duraan ture ittuma hammeessuu ibse.

    Kana malees, haala hojiisaaniirra ka’ee namootni dhibichaaf caalatti saaxilamoonis ta'ans jiraachu ibsa.

    Dhibewwaan akka sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi asimii (xiiqaa) tamsa’uun rakkinicha ittuu hammeesseera. Gabaasichi dhimmoota furmaata ta'u jedhus ibseera.

    Fuulduratti ragaan sirrii dhimmi hawaasa moggaatti qoodamanii sassabame dhiibbaan irra gahuus to’atamuu akka qabu gorsa.

    Kana malees, dhaabbilee fayyaa keessatti qomoon wal hiruu fi loogii tajaajila fayyaa keessa balleessuurratti akka ohojjatamuu qabus itti dabale gorse.

    Ragaan UK keessatti walitti qabame akka agariisetti,lammileen hidda dhaloota Baangiladeeshi qaban warren warra Biritoon caala harka dachaan du’af saaxilamoo ta'uu agarsiise.

    Namoonni hidda dhaloota Afrikaa, Eshiyaa fi hawaaasni lakkoofsaan muraasa ta’an biroon carraan koronaavaayirasiin du’usaanii harka 10- 50 ta’a jedhe gabaasnii fayyaa hawaasaarratti xiyyeeffatee bahe

  8. Biyyoonni sadan waa'ee hidha Haaromsaa 'wal-hubannoorra geenye' jedhan

  9. Chaayinaatti konkolaataan boba’aa dho’ee lubbuu namoota 19 galaafate

    Dho'insi lammaffaan konkolaataan ibiddi itti qabate warshaatti  utaaluun qaqqabe

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dho'insi lammaffaan konkolaataan ibiddi itti qabate warshaatti utaaluun qaqqabe

    Chaayinaatti balaa konkoolaataa boba'aa fe'ee ture irra gaheen namoonni 170 ol ta’an balaaf yoo saaxilama 19 du'uu midiyaaleee biyyatti himani.

    Konkolaataan kun gaazii baatee otoo imalarra jiruu guyyaa Ambataa karaa guddaa Zhiyaang jedhamutti dho’ee balaan kana qaqqabsiise.

    Suuraaleen battala balaan kun qaqqabe miidyaalee hawaasaarratti qoodaman akka agarsiisanitti, aarri naannicha dhuunfachuun gamoo naannicha turaniis miidheera.

    Aanga’oonni biyyatti sababni balaa kanaa qoratamaa jiraachu himan.

    Dhoo'insi jalqabaa dhiheenya mandara Liyaangshaan kan Magaalaa Wenlingii birratti argamtuutti kan umamee yoo ta'u, dho'iinsi lammaffaa ammoo erga konkolaataan ibiddi itti qabate kunis gara warshaa dhiyeenya daandii gudaatti argamutti goreen booda uumenjedhame.

    Lubbuu baraartoonni 2,600 ol ta’aan naannichatti kan bobbafaman yoo ta’u, hojiin namoota balaa kanan miidhaman baraaruu ammas itti fufeera.

    Midiyaan biyyatti tokkoo akka himutti, kaampaaniin konkolaataa gaazii geejjibu kanaa bobbaase of eggannoo fayyaa namootaaf barbaachisan guutuu dadhabuun kanaan duras yeroo 11 adabameera.

    Dhaabbanni fayyaa addunyaa akka himutti, lammileen Chaayinaa 200,000 ta'an waggaa waggaan balaa tiraafikaatiin du’u.

  10. Ogeeyyiin xiinsammuu uggurri fayyaa daa’immanii miidha jedhan

    Intala bilbila ilaalaa jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Sababii fayyaa sammuu daa’immanii balaarra buusuufu, daa’immaniifi ijoollee gara mana barnootaatti deebiisuu irratti harkifachuun ‘’balaa biyyaaleessaati’’ jechuun dureen ogeessota xiin-sammuu UK akkeechiisan.

    Xalayaa ogeeyyin kunneen ministira barnootaa Gaaviin Williyaamsaniif barreessaniin, uggurri sababii Covid-19 kaa’ame daa’imman mana keessa turan irratti miidhaa qaqabsiisuu ibsan.

    Balaa guddaa daa’imman Covid-19 qabamuuf qaban caqasuun, tarkaanfiiwwan fageenya hawaasummaa irratti kaa’amee akka salphatuuf gaafataniiru.

    Daa’imman ol guddata jiran hiriyoota isaanii waliin qaamaan wal arguu dhabuun miidhaa yeroo dheeraaf isaan saaxilu mala jechuun akkeekachiisaniiru.

  11. Oduun sobaa hangam jireenya nama dhunfaa burjaajjeessaa?

  12. Hindii bulchiinsa Gujuraatiitti maaliif Covid-19'n du'uun baayyate?

    Lammiilee Hindii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ahmeedaabaad magaalaa guddoo baha bulchiinsa Gujuuraatiitti argamtuufi bakka jireenyaa namoota miliyoona torbaati.

    Naannoon kunis biyyattii keessa bakka weerara Covid-19'n garmalee miidhameedha.

    Namoonni vaayirasichaan qabaman kan %75 bulchiinsa kana keessatti lubbunsaanii akka darbuuu himama.

    Bulchiinsi Gujuraati namoona vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’e 21,500qabdi. Biyyattii keessaa bakka weerarri kun keessa babalate arfaffaa taatee jirti.

    Haa ta’u malee, namoonni sababii vaayirasichaatiin bulchinsa kana keessatti lubbunsaanii darbu baayyee olaanaadha (%6.2). Kunis dacha ammantaa baayina sadarkaa biyyaatti (%2.8) mullatu ol akka ta’e himama.

    Manni murtii olaanaa Gujuraatii baayyina lakkoofsa namoota hospitaaloota Ahmedaabaad keessatti raawwataa jiruurraatti yaaddoo qabaachuu ibsee ture.

    Haa ta’u malee, motummaan namootni du’aan keessaa kan %80 ol ta’an sababii rakkina fayyaa gara biraa qabaniif saaxilamtoota ta’an jedhe.

    Qondaaltoonni fayyaa hawaasaa garuu haala baayyina du’aatii mudataa jiruuf sababii tokkicha kennuun baayyee rakkisaadha jechaa jiru.

    Namoonni vaayirasicharra baayyanatan tokko tokkoos, hospitaalonni dhukkubsattoota wal'aanuuf meeshaa guutuu kan hinqabne ta’u dubbatu.

    Minisiteerri Fayyaa Bulchinsichaa gama isaatiin ‘’ammatti sireewwan 23,000 qopheessuun hojjattoota oggeessa fayyaa sa’aatii 24 hojjatan waliin tajaajila kennaa jira. Haalicha to’achuufis meeshaalee barbaachisan hunda dhiyeessaafii jiras,’’ jedheera.

  13. Finfinneetti manneen foonii 100 ol irratti tarkaanfiin fudhatame

    Mana foonii

    Madda suuraa, FBC

    Finfinneetti manneen foonii 171 kan seeran ala hojjatu jedhamanii irratti tarkaanfiin fudhatamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

    Manneen foonii kunneenis dhaabbata qlmaa Qeeraatiin alatti qaluun maamiltootaaf foon dhiyeessaa jiru jedhamuun tarkaanfiin kun kan irratti fudhatame.

    Weerara Covid-19 to’achuun sakatta’insa kutaalee magaalichaatti gaggeeffameen dhaabbilee nyaata dhiyyeessan irratti rakkina tuttuuqaafi qulqullinaa qabaachuu adda baafamuu bulchiinsichatti itti gaafatamaan waajira bulchiinsaa fi nageenyaa magaalaa Finfinnee komishiinar Addunyaa Dabalaa himaniiru.

    Magaalattii keessa manneen foonii gara kuma 4 ta'aniitu jira. Tajaajila seera qabeessa ta'e keennaa akkuma jiran kanneen haala hawaasichi balaa Covid-19fi dhibee biraatiif saaxilu danda'uun hojjatan jiraachus himaniiru.

    Manneen foonii seeran alaa hojjatan kunis foon hoola fi re’ee harka 90 ta'u osoo hin qoratamneefi dhaabbata qeeraa hin dhaqiin qalanii dhiyeessaa tuan jedhame.

    Gama foon loonitiinis tajaajilli harka 30 ta'u, qeeraadhaan alatti karaa seeraan alaafi qulqullinni hineegamneen qalamuun ummataaf dhiyaachaa jiraachuun barameera.

    Sababiidhuma kanaanis bulchiinsi magaalichaa galii gibiraa fi tajaajila qeeraa irraa argachu qabu birrii biiliyoona lamaa ol dhabuunsaa ibsameera.

  14. Hogganaan poolisii Atlaantaa ajjeechaan walqabatee aangoo gadhiise

    Mormitoota

    Madda suuraa, EPA

    Hogganaan poolisii Atilaantaa erga lammiin Afriikaa-Ameerikaa kan ta’ee Raashaardi Biruuk namni jedhamu ppolisiin ajjeefameen booda aangoo isaa gadhiise.

    Namni kunis wayita itti dhokaafamuun ajjeefameetti konkolaataa isaa keessatti mugee ture jedhameera.

    Raashaard Biruuk daragaggoo waggaa 27 yoo ta’u, Jimaata galgala qondaala poolisii waliin wallaansoorra wayita jiranitti itti dhokaafamu aanga’oonni himan.

    Kantiibaa bulchiinsichaa Ke’ishaa Laansee Botomsi akka jedhaniitti, hogganaan poolisii Erikaa Shiildi guyyaa Sanbataa xalayaa aangoo gadhiisuu galfate.

    Ajjeechaa Biruuk hordofees, mormitoonni sanbatan daandiitti bahuun tarkaanfiin akka fudhatamuuf waamicha taasisaniiru.

    Sanbata galgala ammo mormitoonni daandiiwwan gurguddaa Atilaantaa cufaniiru. Restiraantiin Weendii bakka alasaatti Biruuk itti ajjeefamees ibiddi itti qabsiifameera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  15. Cidha hafeerraa nama tokkoo malee raawwatame

    Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa (WHO) qajeelfamawwan tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf baase keessaa tokko walirraa fageenya eeggachuudha.

    Keessumaa ammoo bakkawwan namoonni baayyatanii itti wal gahan akka mana boo'ichaafi sirna awwaalchaa, afoosha, hollaa waliin buna dhuguu, gabaafi cidhaa deemuurraa of qusachuudhaan akka ofiifi maatii keenya baraarru ni gorsa.

    Yoo bakkawwan akkasii kanneenitti argamuun dirqama ta'ellee walirraa fageenya eeggachuu, maaskii godhachuu, harka keenya bishaaniif saamunaan diqachuu yoomillee akka dagachuu hin qabne cimsee dhaama.

    Namoonni firootaafi maatiin bakka hin jirretti cidha godhatanillee fayyaa hawaasa isaaniif qajeelfama kana hojiirra oolchan oolchuun fakkeenya ta'an jiru.

    Namoota osoo namoota jaallatan hin hafeeriin cidha godhatan

    Madda suuraa, Mul'ataa Gurmeessaa

  16. Lammiin Awustiraaliyaa Chaayinaatti duuti itti murtaa'e

  17. Ertiraatti kan duraan turan bayyanatanii bilisa taatus namoonni haaraa 24 Covid-19n qabaman

    Oggeessa saamuda fudhataa jiru

    Ertiraatti kanaan dura namoonni koronaavaayirasiin irratti argamee ture hunduu bayyanatanii jennaan bilisa taatee turte.

    Haata'u malee, qorannoo namoota yeroo turtii isaanii bakka itti adda baafamanii turan keessaa xumuranirratti gaggeefameen, namoonni 24 Covid-19'n qabamusaanii mirkanaa'uu Ministeerri Fayyaa biyyattii kaleessa galgala beeksiiseera.

    Ibsa fuula feesbuukii Ministeerichaarratti maxxanfameen akka ibsameetti, qorannoon saamudaa kunis namoota jiddugala turmaataa Adibaaraa kan godina Gaash Baarkaa, godina Fortoo Saawaatti argamu keessaa jiranirratti gaggeeffame.

    Haaluma walfakkaatuun, baatiiwwan lamaan darban keessa lammiileen biyyattii 1,370 ta'an karaa al-idileetiin Sudaan irraa biyyaatti deebi'an addatti baafamanii iddoo tursifaman keessa akka turan taasifamanii ture.

  18. Chaayinaa Beejingitti weerarri koronaavaayirasii marroo lammaffaa dhufinnaa sodaatamaa jira

  19. Kopheen keenya Covid-19 nu qabsiisuu danda'aa?

    Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti carraan Covid-19 kophee keenya faalee dhibee sana daddabasuu danda'uu baayyee xiqqaadha.

    Haata'u malee, mana keessa jiraannu keessatti, keessumaa ammoo kutaa ciisichaafi daa'imman daa'iman yeroo seennu kophee bakkee keessa ittiin oolle godhannee ittiin seenuu hin qabnu.

    Kun wanta dhukkuba qabsiisan kphee keenyaan qabannee ol seenuu dandeenyu akka diidatti hambisnuuf gargaara. Kopheen ykn huccuun keenya Covid-19 nu qabsiisaa?

    Miilla faana kophee agarsiisu
  20. Finfinneetti ogeeyyiin fayyaa Covid-19n qabaman rakkoo hamtuu keessa jirra jedhu