Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

Akka ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins mul'isutti wayita ammaa addunyaarratti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caalee jira. Kana keessaa nuusaa ol Ameerikaa keessatti qabamani. Duuti hedduunis achitti mudate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Naayijeeriyaatti namtichi dubartoota 40 gudeeduun shakkame qabame

    Poolisii Kaanoo

    Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo keessatti namni dubartoota hedduu gudeeduun shakkame poolisiin to’ate.

    Dubbi-himaan poolisii Kaanoo Abdullaahii Harunaa akka himanitti,shakkamaan kun magaalaa Kiwanar Dangor,bakka waggaa darbe keessatti dubartoonni 40 ta’an gudeedamanitti to’annoo jala oole.

    Dubartoota gudeedaman keessaa daa’imman ganna10 gadii fi maanguddoon ganna 80 akka argaman himaniiru.

    Jiraattu Kiwanar Dangor kan taate Haliimaa Saani ,namtichi to’atamuun isaa akka ishee gammachiise BBCtti himteetti.

    “Dubartoonni magaalaa kanaa yeroo dheeraaf sodaa keessa turani,” jetti.

    “Hunduu yaaddo keessa turan – daa’imman, dubartoonni heerumani fi maanguddootin baay'ee gammanneerra – amma nagaan rafuu dandeenya.”

    Bulchaan magaalichaa, Ahmaduu Yawu, oollaan isaa tokkoo gudeedamuu himuudhaan qabamuun isaa oduu gammachiisadha jedhaniiru.

    “Jiraattonni Kiwanar Dangora yeroo kanatti gammaddoodha, murtoon haqaa ni kennama jennee abdanna“ jedhaniiru.

    Poolisiin shakkamaa kana mana murtiitti dhiyeesssuuf qopha’aa akka jiru beeksise.

  2. Pirezedantii Burundii Piire Nikurunziizaa duunaan haatii warraansaanii biyyatti deebi’an

    Deenis Nikurunziizaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Deenis Nikurunziizaa

    Aadde Deenis Nikurunziizaa dhukkubsatanii Keeniyaatti yaalamaa turan.

    Duuti abbaa warraasaanii dhageenyaan sa’aatii muraasa booda gara biyyaasaanitti deebi’aniru.

    Piire Nikurunziizaa umrii gannaa 55 tti kaleessa waaree booda dhibee onneetiin boqochuun ibsameera.

    Nikurunziizaan dhibee Covid-19 yaalamuuf xiyyaaraan ji’a Caamsaa darbe gara magaalaa guddoo Keeniyaa Naayirobiitti geeffamuu oduu dhaga’amu garuu qondaaltonni biyyatti haalaniiru.

    Gaazixeessitoonni biyyatti garuu pirezedantichi Kibxata kaleessa biyyatti deebi’uu himan.

  3. Obbo Adam Faarah Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii ta’un filaman

    Obbo Adam Faarah Af-yaa'ii Mana Maree Federeeshinii ta'un filamaniiru

    Madda suuraa, FBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Adam Faarah Aadde Keeriyaa Ibraahim bakka bu'an

    Obbo Adam Faarah Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii ta’un filamuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

    Aadde Istagannat Mangistuun immoo Af-yaa’ii I/aantuu ta’aniiru.

    Kana dura Obbo Mohaammad Rashid Itti/aanaa Af-yaa’ii turanis har’a af-yaa’iin filaman waliin bakki dhufan naannoo tokko waan ta'ef aangoo fedhiin gadhiisuun Aadde Itsagannat bakka isaanii kan bu’an.

    Kunneen kan filaman walgahii Idilee lammaffaa waggaa 5ffaa Manni Maree Federeeshinii har’a eegale irrattidha.

    Guyyaa dheengaddaa, Wiixata, Aadde Keeriyaa Ibraahim fedha isaaniin ‘heerri diigamaa jira’ jechuun aangoo gad-lakkisuun isaanii ni yaadatama.

    Federeeshinichi immoo walgahii har’a eegalee ofii waamanii adeemsa itti-gaafatama gadhiisu osoo hin hordofin bahan jechuun qeequun isaa ni yaadatama.

    • Aadde Keeriyaa Ibraahim maalif gadhiise jedhan?

    Gama kaaniin, Manni Maree Federeeshinii Lakkoofsa ummataa 4ffaa yeroo biraaf akka darbullee murtesseera.

    Kana dura rakkoo nageenyaan lakkoofsi ummataa si’a lamaaf darbee ture.

    Haala amma jirun weerara koronaavaayirasii keessa lakkoofsa ummataa gaggeessuun waan hin danda’amneef weerarichi to’atamuun isaa erga mirkanaa’ee booda wagoota lama keessa ni taasifama jechuun murtaa’e.

    Dhimma gaaffii naannoo ta’u Naannoo Kibbaa irraa dhagahamu furuuf immoo koreen dhaabbii dhimma eenyummaafi hiikkaa heeraa qorannoo dabalataa taasisuun ofumaa akka murtii kennu murtaa’uu isaa miidiyaaleen gabaasaniiru.

  4. Sagantaan Olompikii Tookiyoo ‘ni salphifama’

    Hogganaan Olompikii Tookiyoo 2020 Toshiroo Mutoo, sagantaan Olompikii kanaan dura ‘haalaa guddaan qophaa’uu ture amma akka salphifamu’ dubbataniiru

    Dorgommiin ji’a dhufu eegaluuf karoorfame ture, sababa weerara vaayirasiitiin waggaa tokkoof achi hiqeera.

    Toshiroo Mutoon haasaa walgahii Koree Olompikii idil-addunyaarratti taasisaniin, bakkeen 200 ‘kan Olompikichi itti salphifamu adda baafneerra garuu, akkamiin salphifna kan jedhu irratti yaada murtaa’aa ammatti hin qabnu’ jedhaniiru.

    Mallatoo Olompikii

    Madda suuraa, EPA

  5. Dhukkubsataa otoo hin beekamiin Covid-19'n duunan namoonni 53 addatti fo'aman

    Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti qorannoo nama Covid-19’n otoo qabamuun hin beekamiin nama du’e wajjiin namoonni tuttuqqaa qabaachuun shakkaman 53 addatti fo’aman.

    Jiraataan magaalaa Finfinnee iddoo hojiitti dhukkubsate hospitaala geeffamus, otoo vaayirasichaan qabamuun isaa adda hin baafamne du’e.

    Reeffisaa iddoo dhalootasaa Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Insarrootti Caamsaa 29 darbe geeffamuun awwaalame.

    Saamudni hospitaala Finfinneetti fudhatamee tureen vaayirasichaan qabamuun guyyaa ittaanu mirkanaa'eera.

    Vaayirasichi akka hin tatamsaaneef namoonni sirna gaddaa kanarratti hirmaatanii fi tuttuqaa wajjin qaban guyyoota 14’f addatti baafamanii tursiifamuu waajjirri fayyaa godinichaa ibseera.

    Namoota shakkaman keessaa 20’n tuttuqaq kallattiin qabachuun hin oolle jedhamanii Yunivarsiitii Dabra Birhaan keessa tursifaman.

    Namoonni kun vaayirasichaan qabamuuf dhiisuun isaanii adda hin baafamne, namni mallattoo dhibichaa agarsiises isaan keessa ammaaf hin jiru.

    Kanaan dura namoonni dhukkubsataa Covid-19’n qabame wajjiin tuttuqqa qaban lama qoratamani firiin qorannoosaanii otoo hin bariin garasitti imalanii vaayirasichaan qabamuun isaanii boodarra barameera.

    Ministeerri Eegumsa Fayyaa Itoophiyaa,namni kamiyyuu wayita sababa garaa garaan du’e reeffi akka qoratamuu qabu ajajeera.

    Namoota du’an maaltu akka ajjese qorachuun weerara dhibichaa hawaasatti akka hin babal’anne to’achuuf akka fayyadu ibse.

    Namoonni reeffa nama du’ee dhiqan fi sirna awwaalchaa raawwachurratti kallattiin hirmaatan dhibichaaf saaxilamoo ta'uusaanii Ministeerichi akeekkachisera.

  6. Wallagga Bahaatti manguddoo Covid-19n qabamnaanitti namootni dhiyaatan 53 adda baafaman

  7. Kuusaan jechoota Merriam-Webster hiikaa ‘jibbaa sanyummaa’ sirreessuufi

    hiriira mormii

    Madda suuraa, Getty Images

    Kuusaan Jechoota US Merriam-Webstar jedhamu shamarree lammii guraachaa tokkorraa ergaa imeelii erga argateen booda hiikaa jecha ‘jibba sanyuummaa (racism) geeddaruuf jira.

    Dhiyeenya Yunivarsitii Direek irraa kan ebbifamte Kenedii Miicham, hiikaa kun waa’ee cunquursaa mala siyaasan taasifamu of keessatti qabachuu qaba jechuun yaada dhiyeessiteetti.

    Boodarra gulaalaan kuusaa jechoota , hiikaan isaa akka sireeffamuu qabu walii galeera.

    Murtoon kun kan dhufe erga ajjeechaa Joorji Filiyoodiin booda guutummaa biyyattii fi addunyaatti jibba sanyummaa balaaleffachuun hiriirri mormii gaggeeffamee booda.

    Akka Kenediin jettutti,namootni hedduu jibbaa sanyummaa akka hin qabne ibsuuf namoota hiikaa isa duraa fayyadamuun falman agarteetti. Hiikaan jecha kanaa hawaasaa keessatti rakkoo walqixxummaa sanyii jiru agarsiisu qaba jetti.

  8. Masriitti weerarri Covid-19 hammaachuuf deema

    Masrii

    Madda suuraa, EPA

    Qondaalli fayyaa olaanaa biyyatti Hosaam Hoosnii, ji’a kana keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii saffisaan dabaluuf jiraachuu akeekkachiisan.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 2000 guuta jedhu.

    Koree to’annoo weerara dhibichaa kan dursan Hosaam, walakkeessa ji’a Adoolessaarraa kaasee garuu gadi hir’achuu mala jechuun raagaaniiru,

    Lammileen biyyatti tarkaanfiiwwan weerara vaayirasichaa to’achuuf bahan guutummaatti hojiirra oolchaa hin jiran, waliirraa hiiqaas hin jiranii jedhu Hosaam.

    ‘Waliirraa hiiquun sochii namoota daageessuu caala barbaachisaadha’ jedhu.

    Masriitti namoota 35,000 vaayirasichaan qabaman keessaa 1,200 ol du’uu isaanitu gabaafame.

  9. Xaaliyaanitti namootni maatiin Covid-19'n jalaa du'anii himannaa seeraa banuu eegalan

    Firoottan namoota koronaavaayirasiin miidhamanii

    Madda suuraa, Rooyitars

    Firoottan namoota koronaavaayirasiin miidhamanii haalli to’annoo dhibichaa sirrii miti jechuun karaa seeraa himannaa banan.

    Istefanoo Fuskoodargaggeessi ganna 31 akaakayyuun isaa giddu galeessaa kunuunsa maanguddoota keessaatti duunaan haalli to’annoo dhibichaa sirrii hin turre jechuun himannaa saaqe. Fuskoon ‘haaloo ba’iinsa hin feenu, haqa barbaanna’’ jedheera.

    Dargaggessi kun namoota firootasaanii dhibichaan of biraa dhaban kakaasuuf garee feesbuukii irraatti saaqera.

    Himanni kun kan baname magaalaa Kaabaa Xaaliyaanitti argamtu bakka weeraravaaayirasiin namoonni 34,043 keessatti du’aanidha.

  10. Haloo Daawwee waggoota shaniif dhibamtee sireerra ooltee birmannaa gaafachaa jirti

  11. Amma nu gahe, Itoophiyaatti dabalataan namni 170 koronaavaayirasiin qabame

    Qorannoo sa'aatii 24 darban namoota 6187f taasifameen namoota 170 irratti koronaavaayirasiin argamuu Ministeerri Fayyaa beeksisee jira.

    Lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan qabamanii 2506 gaheera.

    Dabalataan namoonni sadi yoo lubbuu dhaban, lakkoofsi namoota du'anii 35 gahee jira.

    Kanneen du'an lamaan Finfinnee irraa tokko ammoo naannoo Oromiyaa irraa yoo ta'u vaayirasichaan qabamanuun isaanii kan mirkanaa'ee erga du'anii booda.

    Namoonni 22 ammoo haaraa vaayirasicharraa bayyanatanii jiru.

    Kanneen vaayirasichi irratti argame 93 dhiira 77 ammoo dhalaa yoo ta'an umuriin isaanii ganna 2 fi 115 jidduu jira. Hunduu lammilee Itoophiyaati.

    81 magaalaa Finfinnee, 57 naannoo Somaalee, 13 naannoo Amaaraa, 7 Tigraay, 7 Oromiyaa, 3 Hararii akkasumas 2 naannoo Kibbaa irraa ta'uu hima ibsi ministeerichaa.

    Ministeerichi ibsa isaa kanaan hawaasni of eeggannoo godhu akka cimsu dhaamee jira.

    Gabaasa Guyyuu BBC
  12. Manni Maree Federeeshinii aangoon mootummaa akka dheeratu murteesse

  13. Biyyoonni sadan dhimma Hidha Haaromasaarratti maritti deebi'an

  14. Covid-19 waajjira muumme humna qilleensaa Afrikaa Kibbaa cufsiise

    Humna qilleensarraa Afrikaa Kibbaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Waajjirri muummee humna qilleensaa Afrikaa Kibbaa kan magaalaa Piritooriyaa jiru sababa koronaavaayirasiin yeroof cufame.

    Waajjirichi kan cufame erga namoonni lama achi keessa hojjetan vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'een booda.

    Gamoon waajjirichaa guyyoota lamaaf sirnaan qulquleeffama jedha ibsi humna waraanaa biyyattii.

    Namoonni lamaan vaayirasichaan qabaman adda baafamanii jiru.

    Namoonni isaan waliin tuttuqaa qabanis guyyoota 14f adda of baasanii akka turan hubachiifamaniiru.

    Ardii Afrikaarraa Afrikaan Kibbaa nama vaayirasichaan qabame danuu qabdi.

    Torban lamaan darban ammoo vaayirasichi akka malee dabalaa jira.

  15. 'Maalaawii keessa koronaavaayirasiin hin jiru' - pireezidaantii duraanii

    Aaddee Jooyis Baandaa

    Madda suuraa, AFP

    Pireezidaantiin duraanii Maalaawii Jooyis Baandaa biyyattii keessatti namni koronaavaayirasiidhaan qabame hin jiru, mootummaan lakkoofsa "dhugaa hin taane" gabaasa jechuun qeeqan.

    Eega bara darbe pireezidaant Piitar Mutaariikaan irra deebi'anii filatamuunsaanii sirri miti jedhamee mana murtiitiin haqame booda Waxabajjii 23'tti filannoon taasifamuuf ta'a.

    Dorgomtoonni duula nafiladhaa gurguddaa gochaa jiru.

    Hiriirawwan kunneen tarkaanfiiwwan koronaavaayiras ittisuuf gargaaran akka fageenya eeggachuu fi maaskii godhachuu fa'a malee taasifamaa jiru.

    Qorannoon dhiheenya kana taasifameen lammiileen Maalaawii %81 ta'an sodaa koronaavaayirasii hin qaban. Kan caalaa isaan yaaddessu beela.

    Aaddee Baandaan mootummaan maallaqa weerara kanaaf ramade piroojektootaaf oolchuu qaba jedhu.

    Ji'oota sadiin dura mootummaan lakkoofsa namoota qabamanii dhoksaa jira jechuudhaan mootummaa qeeqanii turan.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoonni 455 vaayirasichaan yoo qabamuu, 55 bayyanachuu, afur immoo lubbuunsaanii darbuu gabaafte.

  16. Shakkamaan yakka waraanaa Daarfuur to'annoo ICC jala oole

    Waraana Daarfuur

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganaan milishaa Sudaan kan jalqaba bara 2000 waraana Lixa Daarfuur keessatti adda durummaan hirmaataa ture to'annoo mana murtii yakkaa idil-addunyaa ICC jala oole.

    ICC akka jedhutti Alii Kushaayib fedha isaatiin Rippabliikaa Afrikaa Jiddugaleessaa keessatti harka kennate.

    Ajjeechaa, dirqiin gudeeduufi reebichaan dararuu dabalatee yakka waraanaafi yakka namooma irratti raawwatame 50 oliin barbaadamaa ture namni kun.

    Akka to'annoo jala oolu ajajni kan itti bahe waggaa 13 dura ture.

    Pireezidantiin duraanii Sudaan Omar al-Bashirillee akkasuma mana murtii kanaan barbaadamaa turan.

    Waraana Daarfuuriin namoonni 300,000 yoo ajjeefaman miliyoona 2.5 kan ta'an qe'eerraa buqqa'anii turan.

  17. Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

  18. Delhiitti namni 500,000 vaayirasiin qabamuu mala

    Magaalaa guddoo Indiyaa Deelhiitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii hanga xumura Adoolessa dhufuutti miliyoona walakkaa gahuu mala jedhe Ministeerri Fayyaa biyyattii.

    Kun taanaan magaalattiin yoo xiqqaate siree hospitaalaa 80,000 barbaaddi jedhan ministirri itti aanaa Fayyaa Maniish Sisooyidaa.

    Kuni siree amma jiru 9000 waliin garaagarummaa guddaa qaba.

    Kuni wayita namoonni hedduun hospitaalarraa deebifamaa jirra, kaan ammoo siree dhabne jechuun komataa jiranitti dhagaahame.

    Kibxata darbe mootummaan lakkoofsa siree hospitaalota 22 keessa jiranii dachaan dabaluuf karoora qabaachuu himee ture.

    Ammaan tana Deelhii qofa keessa nama vaayirasichaan qabame 30,000 oltu jira.

    Akeekkachiisni kun kun yeroo biyyattiin uggura laaffisuuf jirtutti kenname. Amma dura Indiyaan namni 250,000 vaayirasichaan qabamuu, 7,471 ammoo lubbuu dhabuu gabaafte.

    Indiyaa Deelhii

    Madda suuraa, Getty Images

  19. 'Efil Taawor' daawwatootaaf banamuuf jira

    Efil Taawor

    Madda suuraa, EPA

    Iddoowwan hawwata turiistii bebbeekamoo biyyoota Awurooppaa keessaa tokko kan ta'e 'Efil Taawor' Waxabajjii 25 irraa eegalee daawwattootaaf deebi'ee banamuuf jira.

    Sababa weerara koronaavaayirasiin erga cufamee baatii sadi ol ta'eera.

    Iddoo namni hedduun daawwatu kun waraana addunyaa lammataa booda yeroo dheeraa hagana gahuuf yoo cufamu kan duraati.

    Erga banameen duuba namni daawwannaaf dhaqu afaaniifi funyaan haguuggachuun dirqama. Ammoo hamma fiixeetti ol bahuus hin danda'u.

    Firaans keessatti iddoowwan hawwata turiistii kaanis laanuma banamaa jiru.

    Biyyattii keessatti nama 200,000 oltu vaayirasichaan qabame, 30,000 ol ammoo lubbuu itti dhabe.

  20. Mallattoo Covid-19 warri hin qabne daddabarsuun isaanii hagas mara 'hin beekamu' -WHO