Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

Akka ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins mul'isutti wayita ammaa addunyaarratti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caalee jira. Kana keessaa nuusaa ol Ameerikaa keessatti qabamani. Duuti hedduunis achitti mudate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Weerarichi 'ammallee hin obbaane' - Dr Faawuchi

    Dr Antooniyoo Faawuchi

    Madda suuraa, Reuters

    Ogeessi koronaavaayirasii gameessi fi gorsaan Waayit Haawus Dr Antooniyoo Faawuchi gaaga'amni weerara koronaavaayirasii 'ammallee hin obbaane' jechuun akeekkachiisan.

    "Baatii afur keessaatti akka malee addunyaa gaaga'e" kan jedhan ogeessii kun vaayirasicha abjuu badaa hirribaa isaan dhorkutti fakkeessani.

    Yeroo daran gabaabaa keessatti namoota miliyoonaan lakkaa'aman qabuun isaa isaan ajaa'ibuu himu.

    Gaaga'amni vaayirasichi fide reefu eegalaa jira jedhu. Addunyaan akka of dagannaa keessa hin galles akeekkachiisu.

    Haa ta'u malee yeroo gabaabaa keessatti talaalliin argamuufi akka malu abdii qabanis ibsaniiru.

  2. Yooyyaa!

    Akkam jirtu? Nageenni badhaadhaa?

    Gabaasa kallattii biraan dachaanee jirra.

    Gabaasa kallattii guyyoota darbanii as cuqaasuun argachuu dandeessu.

    Nu hordofaa! Fayyaa keessan eeggadha!