Itoophiyaatti namoonni haaraa 176 Covid-19n qabaman

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban qorannoo namoota 5,636f taasifameen namoota 176 irratti koronaavaayirsiin argameera.
Gama biraatiin ammoo an har'aa 75 dabalatee, walumaagalatti hanga har'aatti namoonni 620 dhibee knarraa bayyataniiru.
Akkasumas namoonnihar'aa 3 harra lubbuusaanii kan darbe yoo ta'u, lakkoofsi waliigalaa namoota Covid-19n du'anii 60 guuteera.
Namoota har'a qaban keessaa 116 dhiiroota, 60n ammoo dubartoota ta'uu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Namoota har'a vaayirasichi irratti argame keessa 98 Magaalaa Finfinnee, 3 Oromiyaa, 33 Amaaraa, 31 Tigiraay, 7 Somaalee, 2 Dirree Dhawaa, fi 2 Affar irraa jedhameera.
Saamudni namoota qoratamanii kan waliigalaa 186,985 yoo ta'u, namoonni biyyattii keessatti koronaavayirsiin irratti argame ammoo waliigalatti 3,521 qaqqabeera.











