Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

Akka ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins mul'isutti wayita ammaa addunyaarratti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caalee jira. Kana keessaa nuusaa ol Ameerikaa keessatti qabamani. Duuti hedduunis achitti mudate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaatti namoonni haaraa 176 Covid-19n qabaman

    Ethiopia Update

    Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban qorannoo namoota 5,636f taasifameen namoota 176 irratti koronaavaayirsiin argameera.

    Gama biraatiin ammoo an har'aa 75 dabalatee, walumaagalatti hanga har'aatti namoonni 620 dhibee knarraa bayyataniiru.

    Akkasumas namoonnihar'aa 3 harra lubbuusaanii kan darbe yoo ta'u, lakkoofsi waliigalaa namoota Covid-19n du'anii 60 guuteera.

    Namoota har'a qaban keessaa 116 dhiiroota, 60n ammoo dubartoota ta'uu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Namoota har'a vaayirasichi irratti argame keessa 98 Magaalaa Finfinnee, 3 Oromiyaa, 33 Amaaraa, 31 Tigiraay, 7 Somaalee, 2 Dirree Dhawaa, fi 2 Affar irraa jedhameera.

    Saamudni namoota qoratamanii kan waliigalaa 186,985 yoo ta'u, namoonni biyyattii keessatti koronaavayirsiin irratti argame ammoo waliigalatti 3,521 qaqqabeera.

  2. Sudaan keessatti dursaan garee hidhattoota'Janjaweed' harka ICC gale

    Hawaasa Daarfuur jiraatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Sudaan keessatti garee hidhattootaa bakkaa bakkatti socho'uun haleellaa qaqqabsiisaa turan kan dursaa ture Alii Kushayb Mana Murtii Yakkamtoota Waraanaa Idil-addunyaatiin gaafatamaa jira.

    Hidhattoota gaala akka geejjibaatti fayyadamuun meeshaa waraanaatiin namoota haleelaa turan kan ajajaa ture namni kun guyaa har'aa(Wiixata 15,06,20) mana murtiitti dhiyaateera.

    Alii Kushayb erga Guraandhala darbe mootummaan Sudaan nama ICCn barbaadu dabarsee kennuuf labsee as Rippaabilika Afriikaa Giddu galeessaa keessatti miliqee achi ture.

    Namni kun ALA bara 2007 ture yakka waraanaan nama nagaa dararuutiin kan himati irratti baname.

    Pirezidaantiin Sudaan duraanii Omar al-Bashir dabalatee, namoonni yakka waraanaa raawwatan kanneen akka Abdel Raheem Huseen, Ahmad Haarun, fi Abdallaa Bandaa mana murtii kanaan dhimmi isaanii qabamee jira.

    Himatamtoonni kunneen hunduu waraana bara 2003 Daarfuur keessatti ka'uun lubbuu namoota 300,000 galaafate dursaniiru kanneen jedhamaniidha.

  3. Uggurri sochii nama miiliyoona hedduu du'a baraaruu qorannooleen ibsan

  4. Keeniyaan seera sirna awwaalcha namoota Covid-19n du'anii laaffiste

    Ministirri fayyaa Keeniyaa seera falmisiisaa maatiin nama sababa koronaavaayirasiitiin du'e sa'aatii 48 keessatti akka awwaalan jedhu laaffise.

    Seerri kunis maatii namni jalaa du'e sa'aatii kabajuudhaaf jecha sirna awwaalchaa halkan akka raawwatan taasisee ture.

    Daayirektarri Ol'aanaa Ministeera Fayyaabiyyattii Paatirik Amoot, nama Covid-19n du'e of eeggannoon gahaan yoo taasifama ta'e awwaaluudhaaf jarjaruun hin barbaachisu jedhaniiru.

    "Dhukkubni Covid-19 dhukkuboota biroo waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu, reeffi nama Covid-19n du'ee haalaan yoo eeggame dhukkubbicha gara nama biroottis dabarsuunsaa gadi aanaadha," jedhaniiru.

    Namni sababa biraatiinis yoo du'anillee eega weerarri kun jalqabee as qondaaltonni naannoolee seera walfakkaatu hojiirra oolchaa ture.

    Haa ta'u malees, motummaan seericha hojiirra oolchurratti garaa garummaa taasisa jechuun himatameera erga sirni awwaalchaa qondaaltoota ministeera fayyaa dabalate namoonni hedduun irratti hirmaatan tokko jiddugala Keeniyaa Nyeeriitti raawwatameen booda.

    Kanaanis seera namoonni muraasni qofti sirna awwaalchaa irratti haa hirmaatan jedhu motummaan cabseera jechuun balaaleefataniiru.

  5. Dhuguma Covid-19 Hagayya 2019 keessa Chaayinaatti mul'atee?

  6. Hakimoonni Naayijeeriyaa mormii bahuuf

    Nama saamuda kennu

    Madda suuraa, AFP

    Naayijeeriyaatti gamtaan hakimootaa muummee keessaa tokko kan ta’e akka jedheetti, miseensoonni isaa sababii kaffaltii gadaanaa fi hanqinna meeshaalee of eeggannoo dhuunfaa hojjattoota fayyaa jiruu ilaalchisuun Wiixata mormii bahuufi.

    Waldaan Hakiimoota Rezidantootaas akka himeetti wal'aansa balaa tasaa fi koronaavaayirasii dabalatee tajaajiloota hunda kennuu dhaabuu danda'u.

    Pireezidaantii gamtichaa kan ta’an, Aliyuu Sokomaa gama isaaniitiin mootuummaan gaaffii hakiimoonni kaasan kaffaltii dabalataa tibba weerara kanaa dabalatee deebii kennuu hin dandeenye jedhan.

    Naayijeriyaan namoota vaayirasichaan qabaman kuma 15 kan mirkanneessite yoo ta’u, namoonni 400 ol ta’an ammo lubbusaanii dhabaniiru.

    Waldaa kunis hakiimoota biyyattii keessatti argama harka sadii kan ta'an bakka bu’a.

  7. Indiyaan baabura imaltootaa 500 baatu gara kutaa wal'aansaatti jijjiiruufi

    Dubartii Indiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Biyyattiin baabura imaltoota 500 gara kutaa wallaanaatti jijjiiruun siree dabalataa 8,000 dhukkubsattoota koronaavaayirasii Deeliitti argamaniif tajaajila kennuufi.

    Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota haaraa guyyaa guyyaatti vaayirasichaan qabamanii 12,000 gaheera.

    Biyyattii hamma ammatti namoota vaayirasichaan qabaman 320,922 qabaachuudhaan US, Biraaziilii fi Raashiyatti aantee sadarkaa afraffaarratti argamti.

    Indiyaa keessatti namoonni 9,195 sababa Covid-19 du’aniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi.

    Hospitaaloonni dhuunfaa fi mootummaa magaalaa Deelii dhukkubsattoota Covid-19’f qophaa’an walumagalatti siree 9,698 yoo ta’u, isaan keessaa 4,248 dhukkubsattoota hin qaban.

    Mootummaan biyyattii hoteeloota 40 fi suuqiiwwan gurgurtaa abaaboo 77 gara jiddu gala wallaanaatti jijjiiruuf karoorfateera.

    Biyyattii keessatti Ebla irraa eegalee baaburriwwan imaltootaa gara wiirtuu adda of baasuun keessa turamuutti jijjiiramaa jiru.

    Uggurri biyyattii keessatti labsame lammiilee miiliyoona heddutti laaka’aman hojii dhabdoota akka ta’an taasisu himama.

  8. "Haqni haa bahu, koronaa miti poolisiitu ajjeese"

  9. Eritiraatti namoonni Covid-19'n qabaman 97 gahan

    Nama saamuda kennu

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyi baatiin dura namoonni vaayirasiin irratti argeme ture 39 dandamachu labsiitee turte, Eritiraan, vaayirasichi akka haaraatti namootarratti argamaa jiraachu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiiseera.

    Haaluma kanaanis guyyaa Dilbataa namoota haaraa 31 irratti vaayirasiin kun argamuun himame.

    Namoota vaayirasichi irratti argame keessaa 30 lammiilee Eritiraa yoo ta’an tokko lammii Itoophiyaati jedhameera.

    Qorannoon taasifamuun namooti vaayirasichaan qabamuun adda baafaman kunis kanneen yeroo adda baafamanii turtii dirqii jiddugalawwan Adibaaraafi Molqii keessatti xumuran irratti gaggeeffameen ta’u ibsichi dabaluun himeera.

    Kana malees baatii lamaan darban keessa lammiileen biyyoota adda addaa keessa turan 7,158 ta’an daandiiwwan lafaafi karaa galaanaatiin gara biyyaatti deebii’u kan hime ibsichi, ammalleen 3,135 kan ta'an jidduugalawwan 47 keessatti adda baafamuun argamu jedheera.

    Waliigalattis ammatti namoonni 96 vaayirasiin qabamunsaanii kan mirkanaa’ee yoo ta’u, 39 guttummaatti dandamatanii, 57 ammoo tajaajila wallaansaa argataa jiru jedhame.

  10. Sirii Laankaan filannoo yaalii taasifte

    Nama sagalee kennu

    Madda suuraa, AFP

    Qondaaltonni Sirii Laankaa osoo koronaavaayirasiidhaaf hin saaxilamiin filannoo taasisuu akka danda'an mirkaneessuuf filannoo yaalii taasisaniiru.

    Namoonni sagalee kannanis maaskii godhachuu fi fageenyaa meetira tokkoo eeggachuudhaan ture kan sagaleesaanii kennan.

    Dabalataanis qalama mataasaanii qabatanii akka deeman itti himamee ture.

    Qondaaltonnis fuulaasaanii pilaastikiin haguuganiiru.

    Biyyattiitti filannoo mana maree bakka bu'ootaa ji'a Caamsaa keessa gaggeessuuf karoorfamee kan ture yoo ta'u sababa koronaavaayirasiin Adoolessa shanitti jijjiirameera.

    Filannoon yaalii Dilbata darbe taasifame kunis wirtuu filannoo 22 keessatti taasifameera.

    Kunis akka hawaasni adeemsa filannoo haaraa beekuu fi filannoodhaaf yeroon biraa akka barbaachisuu fi hin barbaachisne beekuuf kan taasifameedha.

    Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 1,900 koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman 11 ammoo du'aniiru.

  11. Poolisiin namni warqee kg sadii ol baabura keessatti dagatee bu'ee barbaadaa jira

    Warqee

    Madda suuraa, Getty Images

    Hedduun keenya konkolaataa yookiin baabura keessatti bilbila, meeshaa ittiin waa dhageeffannu (headphones) fi kkf dagachuu dandeenya.

    Siwwizarlaanditti namni tokko warqee kiiloogiraama sadii ol baabura keessatti dagatee bu'e. Qondaaltonni biyyattiis nama warqee kana dagate argachuuf barbaacharra jiru.

    Namni kunis borsaa ykn korojoo warqee kiiloogiraama sadii ol qabu Onkololeessa darbe ture kan dagatee baabura keessaa bu'e.

    Warqeen kunis doolaaraa 191,000 baasuu danda'a.

    Abbaan qabeenyaa kun abbummaa warqeesaa eegsiifachuuf waggoota shan qaba.

    Warqeen argamuunsaa sababa abbaan qabeenyaa beekamuu hin dandeenyeef kan ifoome.

    Qondaaltonni kunneenis namoota warqeen kun keenya jedhanii dhufan dhugumatti kan isaanii ta'uusaa mirkaneeffachuuf malli itti fayyadamuuf deeman ifa miti.

  12. Beejiingitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jira

  13. Firaans koronaavaayirasii irratti 'injifannoo jalqabaa' galmeessise jette

    Pireezidaant Imaanu'eel Maakiroon

    Madda suuraa, Getty Images

    Wiixatarraa jalqabee Firaans keessatti kaaffee fi manneen nyaataa ni banamu. Akkasumas imalli gara biyyoota Awuroppaa birootti taasifaman hayyamamaniiru.

    Pireezidaant Imanu'eel Maakiroon “injifannoo jalqabaa” galmeesisiineerra ta’us garuu vaayirasichi deebi’ee dhufuu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru.

    Waxabajjii 22 irraa jalqabees manneen barnootaa sadarkaa lammaffaan alatti isaan biroo ni banamu.

    Faraansaayitti namoonni 194,000 vaayirasichaan qabamanii, 29,400 ol yoo du’an, dhiheenya kana lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii haalaan gad bu’eera.

    Biyyoonni akka Beeljiyeem, Kirooshiyaa, Siwiizarlaandi fi Jarman Wiixatarraa jalqabanii daangaasaanii guutummatti bananiiru.

    Cheek Riipaabilik imala gara biyyoota 26 fi biyyoota sanneen irraa gara biyyasheetti taasifaman kan hayyamte ta’us imalaawwan biyyoota Beelijiyeem, Poorchugaal, Iswiidinii fi UK irraa taasifaman hin hayyamne.

    Giriik imaltoota biyyoota Awustiraaliyaa, Niiw Zilaand, Jaappanii fi Kooriyaa Kibbarraa dhufaniif daangaashee banteetti.

    Ispeen imaltoota biyyoota 21f daangaashee banteetti.

    Iswiidinii fi Luuzambaarg jalqabumarraa daangaasaanii biyyoota hin cufneedha.

  14. Beejiingitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jira

    Loltuu Chaayinaa

    Madda suuraa, Reuters

    Chaayinaa Beejiingitti guyyoota 50n booda namootni namoonni vaayirasichan qabaman argamuun yaaddoo uume.

    Dilbata kaleessaa namootni 36, Sanbataas akkasuma namoota haaraa 36 irratti vaayirasichi argamuun weerrarri kun marroo lammataan ka'uuf ta'a sodaa jedhu umeera.

    Vaayirasichi namootuma magaalittii keessa jiran irraa walitti daddarbaa akka jiru beekameera.

    Ministirri Muummee Itti aanaa biyyatti Suun Chuunlaan carraan dhibeen kun deebiyee tamsa'uu guddaa waan ta'eef aanga'oonni magaalittii tarkaanfii jabaa akka fudhatan gaafatan.

    Vaayirasiin kun gidduugala gabaa magaalitti isa guddicha keessatti akka ka'e amanameera.

  15. Gaanaan maaskii uffachuu dirqama gootee labsite

    DUbartii maaskii hodhaa jirtu

    Madda suuraa, AFP

    Pireezidantiin Gaanaa Naanaa Akufoo-Addoo amma booda biyyattii keessatti maaskii uffachuun dirqama ta'uu labsanii, poolisiin labsii kana akka raawwachiisu ajajan.

    Biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 12,000tti kan guddate yoo ta'u, namoonni 54 lubbuu dhabanii jiru.

    Namni hanga yoonaa dandamate 4000.

    Pireezidantichi lakkoofsi kan dabaleef biyyattiin nama hedduu qorataa waan jirtuufi ammoo vaayirasichi tatamsa'aa akka jirus akeeka jedhan.

    Biyyattiin uggura walgahiiwwan amantiirra keessee turte laafistee jirti. Manneen barnootaas barattoota bara kana barnoota xumuraniif banameera.

    Daangaan biyyattii garuu ammallee akkuma cufametti jira.

    Biyyattiin hanga ammaa uummata miliyoona 30 qabdu keessaa 250,000 qorattee jirti.

    • Itoophiyaatti namoota 181,349 Covid-19f qorataman keessaa 3,345 irratti argameera
  16. Yooyyaa!, Deebine!

    Gabaasa kallattii biraan deebinee jirra.

    Odeessaalee wayitaawaa dhimma weerara koronaavaayirasii fi taateewwan gurguddoo kaan fuula tokkotti asii argattu.

    Gabaasaalee guyyoota darbanii gadi dabarsuun dubbisuu dandeessu.

    Oolmaa Gaarii!

  17. Tamsaasa keenya kallattii xumurreera

    Tamsaasa keenya kallattii harra isin biraan gahaa turre asumarratti golabneera.

    Boru odeessaalee haraa qabbee hanga walitti deebiinutti alkan gaarii qabaadhaa!

  18. Itoophiyaatti namoota 197,361 Covid-19f qorataman keessaa 3,759 irratti argameera

  19. , Raashiyaan haala US irra fooyya’een weerara Covid-19n to’anneera jette

    Pir. Vlaadmiir Puutiin

    Madda suuraa, AFP

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vlaadimiir Putiin ‘‘rakkina keessoo cimaa’’ jechuun US keessatti lakkoofsa namoota Covid-19 qabamaniifi ittiin du’aan olaanaa balaaleeffataniiru.

    Biyyisaanii Raashiyaan haala US irra fooyya’een weeraricha to’attee jirti jechuun dinqisiifataniiru.

    ‘‘Raashiyaa keessatti ykn naannooleetti namni waan mootuumaan ykn pirezidaantiin akka raawwataniif itti himu didu jiraachuu yaaduu hindanda’u,’’ jedhaniiru TV biyyattiirratti.

    ‘‘Anaaf rakkoonni US keessa jiru … dhimma kanaan walqabatee, fedhiiwwan paartiitu dantaa hawaasa maraa, kan ummataatiin ol kaa’ameera natti fakkaata.’’

    US namoota vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’e miliyoona lamaa ol kan qabdu yoo ta’u, namoonni 115,000 ammoo du’eera. Kunis addunyaarratti isa olaanaadha.

    Raashaan gamasheetiin namoota vaayirasichaan qabaman kuma 528 qabachuun US fi Biraaziliitti aantee addunyaarratti sadarkaa sadaffaarratti argamti.

    Namoonni du’unsaanii mootummaan himamees 6,948 yoo ta’u, kunis baayyee wal morkisiisaadha jedhameera.

    Biyyattiin baayyina du’a namoota Covid-19n du’anii irra deebiin ilaaluuf jirti.

    Qondaaltoonni magaalaa Mooskoo guyyaa Roobii akka jedhaniitti. Sirna haaraa jalatti baatii Caamsaa keessa qofaatti namoonni kuma shan ol ta’an magaalaa guddiitti keessatti du’aniiru.

  20. Koronaavaayirasiin daa’ima dhukkubsattee muddamaa jirtu wal’aansa akka hin arganne taasise

    Sababa koroonaavaayirasiin daa’imni wal’aansa baqaqsanii yaaluun barbaachisuuf otoo hin yaalamiin hafte.

    Daa’imni ganna 11 Keetii Heleen jedhamtu UK irraa gara Ameerikaatti xiyyaaraan imaltee akka hin yaalamne weerarri vaayirasii danqaa ta'e.

    Daa’imni kun bocni ispaayinaalkoordiin ishii ogeeyyii Filaadelfiyaatiin baqaqfamee akka hin sirreeffamneef karoora maatiinshee qaban karaatti jalaa hambiseera..

    Maatiin daa’ima kanaa UK irraa gara Ameerikaatti imalte akka yaalamtuuf maallaqa walitti qabaniif jiru.

    Ammaatti maatiin ol adeemtuu kanaa gargaarsa paawundii 50,000 yaalchisuuf oolu walitti qabachuuf tattaafataa jiru.

    Keetii Helleen

    Madda suuraa, Hellen Family