Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

Akka ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins mul'isutti wayita ammaa addunyaarratti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caalee jira. Kana keessaa nuusaa ol Ameerikaa keessatti qabamani. Duuti hedduunis achitti mudate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattii Waxabajjii 14, 2020

    Bakka jirtanitti hordotoota BBC Afaan Oromoo nagaan isin yaa qaqqabu.

    Tamsaasa kallattii odeeffannoo qaqqabaabsinee isin biraan geenyu kun jalqabneerra.

    Nu hordofaa.

    Nama sagale guddistuun dhaga'a dhaggeeffadhaa jechaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  2. Tamsaasni kallattii xumurame., Dilbata ganama walitti deebina.

    Tamsaasnii kallattii BBC Afaan Oromoo har'aa kanuma.

    Odeeffannoowwan dabalataaf marsariitii yookiin fuula Fesbuukii keenya mil'adhaa.

    Mammaaksa yoo qabaattan asiin nuuf ergaa.

    Mammaaksi keenya har'aa kunooti.

    Gaaritti.

    Mammaaksa
  3. Torban tokko darbeef Ispeenitti duuni hin gabaafamiin hafe

    Qondaalli fayyaa biyyattii Fernaandoo Saayiman torban darbe lakkoofsi namoota vaayirasichaan du’anii dhaabatuu isaa ibsanii ture.

    Kanaafis sababni naannoleen fagoo jiran yeroodhaan gabaasuu wanta dhabaniif jedhan.

    Naannoleen tokko tokko akkamitti kuni ta’a yeroodhaan gabaasaa jirra jedhanii dubbii qondaaltichaa qeeqanis lakkoofsi namoota Ispeenitti galmaa’e 27,136 jedhee akkuma dhaabbateetti jira.

    Ispeen baatii darbe adeemsa haaraa namoota du’an lakkooftu erga hordofuu eegalte as hammii namoota gabaafamu xiqqaateera.

    Ispeen

    Madda suuraa, EPA

  4. Bulchiinsonni US lama adeemsa uggura kaasuu yeroof dhaaban

    Jalqaba torban kana bulchiinsonni Ameerikaa lama, Oregoniifi Utaah uggura laaffisuu isa yaadan dhaabaniiru.

    Sababni isaas tatamsa’inni vaayirasichaa guddachuurraan kan ka’edha.

    Erga weerarri vaayirasichaa eegale as bulchiinsa Utaahitti namoonni 13,000 ol vaayirasichaan qabamaniiru.

    Oreegoonitti immoo 5,300 olitu qabame.

    Bulchituun Oregoon Kaayit Biraawon adeemsa uggura laaffisuu torban tokkoof dhaabuu ibsanii kunis ogeessonni sababa lammata tatamsa’u eegalee akka baran gargaara jedhan.

    Bulchaan Utaah Gaari Herbert gama isaaniin hanga Kibxata dhufutti qorannoon akka taasifamu dubbatan.

  5. MM Abiy Ahimad tajaajila lammummaa Walisootti eegalsiisan

    Godina Shawaa Lixaatti tajaajila lammummee yoo eegalsiisan

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

    Guyyaa har’aa MM Abiy Ahimad Godina Shawaa Kibba Lixaa argamuun tajaajila lammummaa eegalsisaniiru.

    MM Abiy waliin bulchitoonni Naannoo Oromiyaa, Amaaraafi Somaale kan argaman yoo ta’u waliinis biqiltuu dhaaban.

    Bulchaan Itoophiyaa torban darbe duula biqiltuu biiliyoona 5 dhaabu eegalsiisuun isaanii ni yaadatama.

  6. Bakka maqaa uffannaa taphattoota Piriimiyeer Liigii irratti gaaffiin mirga gurraachotaa barraa'uufi

  7. Duuti Daarfuur 'ifa hin taane' yaaddoo uume

    Duutii Sudaan, Daarfur keessatti lakkoofsi namoota sababa Covid-19 du’anii dabalaa dhufuun isaa naannoo waraanaan barbadoofte kanatti mudataa jiru yaaddoo uumaa jira.

    Hamma ammaatti namoonni 6,879 vaayirasichaan yoo qabaman 433 du’aniiru jedha gabaasni Ministeera Fayyaa Sudaan.

    Isaan keessaa namoonni qabaman 193 fi duuti 54 Daarfuur keessatti galmaa’e.

    Duutii namoota baay’ee ifa miti jedha gabaasni AP. Lakkoofsi achi jirus isa mootummaan ibse caaluu danda’a jedha.

    Kaaba Daarfuuritti torban lamatti namoonni 200 vaayirasichaan qabamaniiru. Ogeeyyiin fayyaa qorannootanii 50 Covid-19 qabamuusaanii ibsaniiru.

    Baqattonni miiliyoona 1.6 ta’an kaampii baqattootaa keessa jiraatu.

    Qondaaltonni biyyattii gabaasaalee weerara koronaavaayiras irratti hojjatamu akka ifa hin taasifame godhaa turan.

    Gaazexeessitoonni lama waa’ee du’a El Faashaar keessatti mudatee fi hanqina meeshaalee of eeggannoo dhuunfaa haakimoota mudateerratti barreeffama barreessaniif dorsifamaa turaniiru jedha Waldaan Gaazexeessitootaa Daarfuur.

  8. Paartiin Badhaadhinaafi TPLF waliigaluu dhabnaan Boordiin Filannoo murtee dabarse

  9. Amma nu gahe, Namoonni 268 koronaavaayirasiin yoo qabaman namoonni 8 du’ani

    Qorannoo 5644 sa’aatii 24 darbe taasifameen namoota 268 irrati vaayirasichi yeroo argamu 8 immoo du’u Ministeerri Fayya abeeksise.

    Kanneen du’an hunduu magaalaa Finfinnee yoo ta’an afur dhukkubsachaa kan turan afur immoo reeffa namoota du’an irratti qorannoo taasifameen mirkanaa’e.

    Hammi namoota du'anis ta'e guyya atokkotti vaayirasichi irratti argame inni har'a isa guddaadha.

    Namoota haaraa 268 qabaman keessaa 232 Finfinneedha. 12 Oromiyaa, 8 Amaaraa, 6 Tigraay, 5 Hararii, 2 Kibba, 2 Affaar akkasumas tokko Benishaangulidha.

    Lammii biyya alaa tokkoon alatti kanneen qabaman hundi lammiilee Itoophiyaa umriin isaanii waggaa 1 hanga 90 gahanidha.

    Akkaatuma kanaan, lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin Itoophiyaatti du’anii 55 yoo gahu kannene qabaman immoo 3,166 gaheera.

    Namoonni haaraa 44 bayyanatanis ammallee 39 kan ta’an kutaa kunuunsi addaa taasifamuuf keessa wal’aansa argataa jiru.

    Ministeerri Fayyaa sirreefama gadhiiseenis Caamsaa 04, bara 2012 gabaasa kenname irratti hammi namoota vaayirasichi irratti argame 147 akka ta’eefi 17 kanneen dabalaman irra-deebiin akka ta’e ibseera.

    Gabaasa Ministeera Fayyaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Hamma du'aniinis ta'e qabamaniin kan har'aa hunda caala
  10. Hospitaalonni Hindii dhukkubsattoota Covid-19 yaaluu didan

    Dhukkubsattoota

    Madda suuraa, Getty Images

    Hospitaalonni Hindii sababa dhukkubsattoonni baay'ataniif kanneen Covid-19 qabaman natti hin dhufinaa jechaa jiru.

    Biyyattiin eega torbee darbe seeraa ugguraa laaffiste booda lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii haalaan dabalaa jira.

    Dhuma ji'a Adoolessaatti magaalaa guddittii Deelii keessatti namoonni walakkaa miiliyoonaa vaayirasichaan qabamuu danda'a jedha gabaasni mootummaa.

    Magaalaa Muumbaayi keessatti lakkoofsi namoota qabamanii isa Wuhaan caaleera.

    Hospitaalonni Hindii baay'inna dhukkubsattootaatiin rakkataa jiru.

    Hedduunsaanii osoo yaalaa hin argatin lubbuun isaanii darbaa jira.

  11. Furdinni garmalee koronaavaayirasiif nama saaxilaa?

  12. Awustiraaliyaatti deeggarsa gurraachotaaf hiriirri taasifame

    Dubartii hiriira mormii baate

    Madda suuraa, Getty Images

    Awustiraaliyaatti namoonni kumaatamaan laakka'aman magaalota biyyattii adda addaa keessatti mormii taasisaniiru.

    Isaanis mirgi baqattootaa fi gurraachotaa akka kabajamaniif deeggarsa isaanii agarsiisuuf bahan.

    Namoonni kunneenis seeraa tatamsa'inna koronaavaayiras ittisuuf namoonni heddumaatanii akka walitti hin qabamne dhorku cabsuudhaan kan hiriira mormii kana taasisan.

    Namoota hiriira mormii bahan

    Madda suuraa, Getty Images

    Hiriira mormii Awustiraaliyaa

    Madda suuraa, Getty Images

  13. 'Caffeen N. Tigraay filannoo gaggeessuf murtiin dabarse heeraan ala'

  14. Maatii daawwannaadhaaf bahanii sababa Covid-19 bakkuma jiranitti ji'oota sadi dabarsan

    Maatii Kiriisi

    Madda suuraa, SMITH FAMILY

    Miseesonni maatii afur kunneen daawwannaadhaaf addunyaarra naanna'aa turan.

    Isaanis gaafa Neeppal gahan sababa uggura tatamsa'inna Covid-19 to'achuuf labsameen Neeppaalitti ji'oota sadi dabarsuuf dirqamaniiru.

    Kiriisii fi haati warraasaa Juuliin mucaasaanii Jaakoob kan ganna afurii fi intalasaanii Eeriini kan ganna sagalii qabatanii Iskootalaand irraa imala kan jalqaban bara darbe ture.

    Weerarri koronaavaayiras akka karoora isaaniitti imalaniif hin hayyamne.

    Yeroo ammaa kanatti ganda xiqqoo Luukil jedhamtu kan Neeppaalitti argamtu keessaa kan jiran yoo ta'u gara manasaanitti deebi'uuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

    Neeppaal gahuusaaniin duratti Hindii, Yoordaanoos, Albaaniyaa, Sarbiyaa fi Hangaarii daawwachuu danda'aniiru.

    Wanti isaan hin eegne isaan mudatus haala hamaa keessa akka hin jirre ibsaniiru.

    Ilmisaanii Jaakoobis ayyaana dhalootasaa kan ganna afraffaa maatiisaa waliin Neeppaalitti kabajate.

  15. Haadhaa fi intala doktarummaan eebbifaman

    Haadhaa fi intala waliin eebbifaman

    Madda suuraa, Black Enterprise

    Lammiileen Ameerikaa dhalootaan Gaanaa ta'an lamaan, haatii fi intalli, yeroo jalqabaatiif erga takkaa doktarummaan eebbifamuun seenaa dalagan jedhame.

    Erga barnootasaanii xumuran booda lamaan isaaniiyyuu hospitaala tokkootti ramadamaniiru.

    Siintiyaa Kujii Gaanaatti kan dhalattee fi intalli ishee Jasmiin torbeewwan muraasa dura ture kan eebbifaman.

    Hojii yeroosuma eegaluun qabsoo weerara koronaavaayiras irratti taasifamaa jirurratti hirmaataa jiru.

    Siintiyaan intalashee waliin hojjachuu akka "abjuun kiyya dhugoometti" ilaala jette.

    Jaasmiin akka jettetti muxannoon isaanii namoota birootiifis hamilee ta'uu danda'a jechuun BBC'tti himteetti.

    "Bu'aa bayii keessa darbine keessatti haadha tiyya waliin ta'uusaatiin baay'ee boona - dubartoota biroof hamilee akka ta'uu fi akka waan wal fakkaataa hojjataniif kakaasa,'' jette.

  16. MP: Akkitti xiyyaarri Biriitish hojjettoota ilaalu ‘salphina’

    Akkitti Dhaabbanni xiyyaaraa Biriitish hojjettoota isaa ilaalu ‘’salphina biyyaalessaati’’ jedhan Miseensonni Paarlaamaa.

    Gabaasni koree geejjibaa biyyattii dhaabbatichi ‘’weerara koronaavaayirasi qabata godhachuun’’ namoota kuma hedduu hojiirraa ari’e jechuun himateera.

    Dabalataanis, akkataa waliigaltee hojii akka jijjiirellee himate.

    Dhaabbatichi garuu ‘'namoota hedduu ari’uu dhabuuf’’ carraaqaan jira jedhee deebise.

    Haa ta’u malee, Miseensonni Paarlaamaa kunuunsa dhaabbata nama mindeesse kamirraayyu gadi ta’e dhaabbata kanarratti agarre jechuun himan.

    Sababa koronaavaayirasiin tajaajiloota hubaman keessaa inni ijoo tajaajila balalii kennuuti.

    Amma balaliin waan hin jirreef xiyyaaronni hedduu lafa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  17. Waldhabdee Rizoortii Soodaree fi Mootummaa

  18. Biyyoonni Laatiin Ameerikaa jiddugala Covid-19 ta'aa jiru jedhame

    Namoota qoratamuuf eegataa jira

    Madda suuraa, AFP

    Biyyoota Laatiin Ameerikaa hedduu keessatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii garmalee waan dabalaa jiruuf, ammaan tana jiddugala weerarichaa ta’aa jiru jechuun ibsan aanga’oonni fayyaa biyyoota kanneeni.

    Biraazil keessatti namoonni 800,000 ta’an vaayirasichaan qabamuunsaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, kunis addunyaarratti biyyoota dhibee kanaan miidhaman keessaa sadarkaa lammaffaa aka qabattu taasiseera.

    Naannichatti biyyoonni gara biraa Meeksiikoo, Chiili fi Peeruu dabalatee weeraricha ittisuuf yaalii taasisaa jiru.

    Hanga ammaattis biyyoota Laatiin Ameerikaa keessatti namoonni miliyoona 1.5 koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta’u, kanneen kuma 70 ta’an ammoo sababiidhuma dhukkubichaatiin lubbuusaanii dhabaniiru.

    Baay'inni kunis kan biyyoota Awuroppaafi Ameerikaa waliin wayita wal bira qabamu gadaanaa fakkaatulleen, lakkoofsi namoota biyyoonni kunneen guyyaan qoratan baay'ee xiqqaadha.

    Kanaafu osoo baayinaan kan qoratan ta’e namoonni hedduun qabamu adda baafamu danda’a ture jechuudha.

    Biyyoota naannichatti argaman keessaa du’a olaanaa kan galmeessan Biraaziil (kuma 40) fi Meeksikoo (kuma 15) dha.

    Chiilii keessattis namoonni 2,600 lubbusaanii dhabuun himameera.

  19. Halkan lammataaf mormitoonni Libaanoon mormiitti jiru

    Kanneen mormiif daanditti bahan

    Madda suuraa, Reuters

    Ummanni dhibba hedduun lakka’amuufi magaalota Libaanoon garaa garaatti hiriiraaf bahee mormiitti jira.

    Mormiin kuni halkan lammataaf itti fufe.

    Maallaqni biyyattii Paawundiin akka malee gadi waan bu’ef kan hiriira bahan.

    Keessumaa yeroo weerara koronaavaayirasii hammi bituu maallaqa kanaa haalaan gadi bu’e jedhameera.

  20. Yooyyaa!

    Deebine.

    Tamsaasi kallattii keenya ammarraa eegala isin bira gaha.

    Oolmaa gaarii.