Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Saamichaafi ukkaamsuu jiraattota magaalota Tigraay yaaddessaa jiru

  2. Giiftiin kiriptookaransii dolaara bil. 4.5 waliin dhoofte eessa geesse?

  3. Manni Maree UN wixinee Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf US dhiheessite deeggare

    Manni Maree Nageenyaa UN wixinee US karoora dhukaasa dhaabuu Gaazaarratti qopheessite deeggaruun sagalee kenne.

    Wixineen karoora ‘’dhukaasa dhaabuu guutuu’’ lafa kaa’e kuni kanneen Hamaasin butaman akka gadhiifaman, yoo du’anis ta’e reeffi akka deebi’u gaafata.

    Faallaan immoo Israa’el hidhamtoota Filisxeem hiite hiikti.

    Miseensota Mana Maree Nageenyaa UN 15 keessaa kudha afur wixinee kana deeggaraniiru. Raashiyaan sagalee hin kennine.

    Wixineen kuni akka ibsutti Israa’el karoora kanaan walii galteetti, Hamaasis akka fudhatu gaafata.

    Kana dura mootummonniifi miseensonni biyyoota badhaadhan, G7, karoora Pirezidantii US Joo Baayidaniin ifa taasifame deeggaraniiru.

    Wixineen Israa’el akkasumas jaarsummaan qooda kan fudhatan, Kataariifi Masriin, Ameerikaatti dhiheessan ummataaf ifa hin taane.

    Garuu, kan Baayidan miidiyaan dhiheessanirra dheerata jedhu gabaasonni.

    Wixinee kanatti kaabineen waraanaa Israa’el waliigaleera. Ministeeronni siyaasa gama mirgaa deeggaran garuu akka morman ibsaniiru.

    Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahu karoora Pirezidant Baayidaniin dhihaate akka deeggaran kallattiin hin dubbanne.

  4. Saawulos Chiliimaan eenyu?

    • Siyaasa seenuu dura kaampaanii kanneen akka Unilever fi Coca-Cola keessatti hoggantummaan dalaganiiru
    • Ga’eessa ganna 52 dha
    • Bultii ijaarratanii ijoollee lama horataniiru
    • Dr Chiliimaan ‘’nama jabaadha’’ jechuun websaayitiin mootummaa ibseera
    • Barnoota, 'Knowledge Management' jedhuun PhD qabu
  5. Bajata mootummaa federaalaa bara 2017 irratti hanqinni birrii bil. 350 ol mudate

  6. Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa turuumoo bahuu qabu?

  7. Aangawaan Maalaawii achi buuteen dhabame du'a gahii adeemaa turan

    Pirezidantiin Itti-aanaa achi buuteen dhabame ministeera duraanii mootummaa guyyoota sadii dura du’an irratti mootummaa bakka bu’anii argamuuf ture kan imalan.

    Buufati xiyyaaraa itti qubatu jedhamee eegamaa ture lafa owwaalchi raawwatutti dhihoo akka ta’e Obbo Kunkuyuun himaniiru.

    Erga balaan dhaqqabuu dhagahan booda Pirezidantiin Maalaawii Laazaaras Chaakweraa imala gara Bahaamaas taasisuuf turan haqaniiru.

    Waa’ee barbaacha namootaas ummati yeroo yeroon akka dhagahu taasifama jedheera ibsi waajjira pirezidantii baase.

    Sababi xiyyaari itti bade hanga yoonaa hin beekamu jechuun Ajajaan Waraana Maalaawii Janaraal Vaalentinoo Phirii dubbataniiru.

    Ministeerri Odeeffannoo Maalaawii Moosas Kunkuyuu BBC’n dubbise yaaliin barbaacha xiyyaaraa ‘’cimee’’ gaggeeffamaa jira jedhan.

    Bara 2022, Dr Chiliimaan maallaqa fudhachuun kontiraata mootummaa nami fedhan akka argatu taasisun himatamanii turan.

    Baatii darbe manni murtii himannaa hunda addaan kuteera. Haa ta’u malee, sababa kana godheef hin ibsamne.

  8. Xiyyaarri pirezidantii Itti-aanaa Maalaawii fe'ee ture achi buuteen dhabame

    Xiyyaarri Pirezidantii Itti-aanaa Maalaawii Saawulos Chilimaafi kaan biroo sagal fe’ee ture achi buuteen dhabamuu waajjirri pirezidantii biyyattii ibsa baasen beeksise.

    Xiyyaarri Raayyaa Ittisaa Maalaawii guyyaa Wiixataa erga magaalaa guddoo biyyattii, Lilonguwee, keessaa bahe booda ''raadaarii jalaa baduu'' ibsichi eera.

    Erga qondaaltonni aviyeeshinii xiyyaaricha qunnamuu dhaban booda pirezidantiin biyyattii duulli barbaachaafi lubbuu baraaruun akka eegalu ajajaniiru.

    Xiyyaarri kuni Buufata Xiyyaaraa Mizuuzu kaaba biyyattiitti argamutti ganama sa’aatii afuritti qubachuu qaba ture.

    Xiyyaara kanarratti Pirezidantii Itti-aanaa biyyattiin ala qondaaltonni paartii UTM waliin turan.

  9. Somaaliyaatti walitti bu'insa gosaatiin namoonni 40 yoo ajjeefaman al-Shabaab ammoo humnoota mootummaa haleele

  10. MM abiy dabalatee aanga'oonni olaanoo hojii misooma koriidarii Finfinnee yeroo daawwatan suuraan

    "Gamaggama hojiiwwan misooma koriidarii darban yeroo xumurrutti gamagama keenya itti aanu bakka hojichaatti argamnee akka gaggeessinu waadaa gallee turre. Hojiin toora Piyaassaafi Araat Kiiloo ji'a sadii qabameef keessatti xumuramuusaa yeroon ibsu gammachuuti natti dhagaama. Hojii itti aanu keessatti qabeenya qusachun xiyyeeffannoo dursi kennamuuf ta'ee hojiiwwan koriidarii hafan keessatti hojiiwwan keenya saffisaafi qajeeltoo waa uumuurratti ta'uu qaba," jedhan MM Abiy Ahmad dubbii misooma koriidarii kana daawwachuuf ba'anirratti dubbataniin.

    Adeemsa hojii guddaa magaalattii keessatti jijjiirama fiduuf taasifame keessatti dhiibbaa lammilee keenyarraan gahuu dandeenyuuf dhiifama gaafanna kan jedhan MM Abiy, qaamoleen misooma koriidarii kanarratti hirmaatan hunda galateeffataniiru.

    Daawwannaan hojii misooma koriidarii suuraan daawwadhaa.

  11. Filannoo paarlaamaa Awuroppaa hordofee pirezidant Maakiroon parlaamaa kan Faransaay diigan, Filannoon paarlaamaa Awurooppaa maalidha?

    Pirezidantiin Faransaay Emaanu'eel Maakiroon morkattoonnisaanii tokko tokko filannoo paarlaamaa biyyoota Awurooppaarratti milkaa'uusaanii hordofee paarlaamaa kan Faransaay diiguun yeroo dhiyoo keessatti filannoon akka gaggeeffamu ibsan.

    Maakiroon murteesaanii hin eegamiin kanaan paarlaamaan biyyattii diigamee Waxabajji 30 fi Adoolessa 7 filannoon hatattamaa akka gaggeeffamu tamsaasa kallattii TV irraan masaraa mootummaa keessaa dabarsaniin dubbataniiru.

    Siyaasa Faransaay keessatti morkataa Maakiroon kan ta'e paartiin Maariin Le Peen leellisummaan beekamu- Naashiaal Raalii paartiin filannoo Paarlaamaa Awurooppaa keessatti milkaa'eera.

    Aangoosaanii marsaa lammaffaa jalqabanii waggaa lamallee osoo hin guutiin kan jiran Maakiroon, "gara fuula duraatti hiree paarlaamaan kun qabaatu sagalee keessaniin akka murtee itti kennitan carraasaa isiniif nan kenna," jedhan.

    Filannoo paarlaamaa Awurooppaa kanaan biyyoota miseensa Gamtichaa ta'an keessa kan socho'an paartileen leellisuudhaan beekaman (right wing) milkaa'ina hin eegamiin argataniiru.

    Firiida Paartiin Ostiriyaafi Naashinaal Paartiin Faransaay milka'aina hin eegamiin gonfataniiru.

    Jarmanii, Giriik, Polaand, Ispeen, akkasumas Hangaarii keessatti paartileen leellisummaan beekaman (right wing) sagalee guddaa argataniiru.

    Paartileen leellisummaan beekaman (right wing) parlaamaa Awurooppaa keessatti harka dhibba keessaa 32 ni qabatu jedhamee eegama.

    Faransaay keessatti paartiin pirezidant Maakiroon, Renaayizens paartiin morkataasaa kan ta'e Naashinaal Ralii Paartiitiin dachaan caalameera.

    Lammileen biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa 27 ta'an waggaa shanitti takkaa filannoo miseensa paarlaamaa gamtichaa gaggeessu.

    Teessumasaanii Beeljiyeem Biraasels kan godhatan miseensonni paarlaamaa Awurooppaa fedhii lammilee biyyoota miseensa ta'anii sadarkaa Awurooppaatti akka eegamuuf taasisu.

    Miseensonni paarlaamaa kunneen mootota biyyoota miseensa gamtichaa ta'an waliin ta'uudhaan dinagdee, nageenyaafi dhimmoota jijjiirama haala qilleensaa iaallatanirratti seera wixineessu.

    Parlaamichi baajata Gamtaa Awurooppaas ni raggaasisa; baasii maallaqaas ni to'ata. Komishinii Gamtichaas ni muuda, akkasumas ni to'ata.

    Paartileen siyaasaa Gamticha keessa jiran filannoo kanarratti kaadhimamtoota hirmaatan ni dhiyeessu. Parlaamaan Awurooppaa kun teessuma 705 kan qabu yoo ta'u, qajeelfama biyyi guddaan paarlaamichaaf miseensota hedduu gumaacha jedhuun Jarmaniin teessuma 96, Faransaay 81, akkasumas Xaaliyaan 96 qabachuun warra dursanidha.

  12. Abbaan ilmisaa Hamaasiin ugguramee ture gadhiifamuu guyyaa tokko dursee du'e-maatii

    Abbaan nama Israa'el Hamaasiin butamee oppereeshinii waraanaa Gaazaa keessatti gaggeeffameen gadhiifame tokko osoo ilmasaa uggura jalaa baafame kana hin argiin guyyyaa tokko dursee du'uu maatiin himan.

    Dargaggeessi umuriin isaa waggaa 22 Almoog Me'ir ji'a saddet dura Gaazaa keessatti festivaala muuziqaa Noovaa keessaa Onkoloolessa 7 butame.

    Namni kun oppereeshinii lafaafi qilleensaan Sambata darbe giddu-galeessa Gaazaatti gaggeeffameen namoota gadhiisifaman afur keessaa tokkodha.

    Ji'a Almoog gadhiifame dura, fayyaan abbaa isaa, Yoosii, baayyee hammaataa dhufuu obboleettii isaa Diinaan TV Israa'el Kaan jedhamutti dubbatteetti.

    "[Almoong] harka warra nama ajjeesanii jira jechuun maaltu ta'aa akka tureefi maaltu akka ta'uuf deemullee yaadda'aa ture," jetti Aadde Diiaan.

    Yoosii Daan dhibee onneetiin du'e jedhamee yaadama.

    "Obboleessi kiyya gaddaan du'e; ilmisaa deebiyee hin argiin hafe," jette Diinaa Jaa.

    Oppereeshiniin Almoong fi kanneen biroo sadan ugguramanii turan baraaree gammachuun kan simatame yoo ta'u, MM Netaniyaahuun humnoota addaa oppereeshinicha gaggeessan "dandeettii waan uumuufi gootummaa isaaniitiiif" jajataniiru.

    Haata'u malee, sababa oppereeshinii kanaatiin haleellaa qilleensaa Israa'el gaggeessite lubbuu namootaa waan galaafateef mormiis kaaseera.

  13. Israa'el Filisxeemota dhibbaan lakkaa'aman ajjeestee namoota Hamaas bute afur baafatte

    Erga haleellaa tasaa humnoonni Israa’el raawwataniifi qondaaltonni Filisxeem ummata dhibbaan lakkaa’ame ajjeese jedhan booda kanneen Hamaasin butaman afur maatiitti makaman.

    Namoonni umriinsaanii waggaa 22, 26, 27 fi 41 ta'e kunneen Onkoloolessa 7, 2023 guyyaa Hamaas haleellaa tasaa Israa'el irratti raawwate kanneen butaman keessaati.

    Loltoonni Israa'el naannawa Buseeriyaat jedhamutti humni qilleensaa isaaniin deeggaramuun humnoota Hamaas waliin waraana hamaa gaggeessanii ture.

    Humni waraanaa Israa'el duula waraanaa kanaa ''akkaan walxaxaa fi hammaataa'' jechuun ibseera.

    Waraana gaggeeffame kanaan lammiileen Filisxeem 100 hin caalle du'uu akka hin hafne ibsameera.

    Aanga'oonni Filisxeem garuu haleellaa qilleensarraan raawwate kanaan akkasumas waraana naannawa buufata baqattootaa al-Nuseeraat jedhamutti gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 274 ta'an ajjeefamuu fi 400 kan caalan ammoo madaa'uu ibsaniiru.

  14. Hojii basaasaa: Raashiyaan maaliif saayintistotashee hidhuu eegaltee?

  15. Ministirri kaabinee waraanaa Israa’el Beenii Gaantiz mootummaa yeroo hatattamaa gadhiisan

    Ministirri kaabinee waraanaa Israa’el Beenii Gaantiz mootummaa yeroo hatattamaa gadhiisan. Kun ammoo garaa garummaan karoora waraanaan booda Gaazaa ilaalchisuun Ministirri Muummee Benjaamin Netaniyaahuu qaban irratti jiru bal’achaa deemuuf mallattoodha jedhameera.

    Dilbata Teel Aviiv keessatti akka aangoosaanii gadhiisan ibsa yeroo kennanitti, murteen kun “miira ulfaataatiin” kan fudhatamedha jedhan.

    “Hiree hin taane ta’ee MM Netaniyaahuun gara mo‘icha dhugaatti akka hin dhiyaanneef nu dhorkaa jira; kun ammoo gidiraan hamaan kun akka itti fufu kan mirkaneessudha,” jedhan.

    Janaraalli waraanaa sooramarra jiran yeroo baayyee Mr. Netaniyaahuu qeequun beekaman kun, ministirri muummichaa guyyaa filannoo akka murteessuufis gaafataniiru.

    Mr. Netaniyaahuun ergaa fuula X irratti maxxansaniin: “Beenii, kun yeroo itti duulicha addaan kutan miti, yeroo itti humnootatti makamanidha malee,” jechuun deebii kennan.

    Ji’a darbe Mr. Gaantiz, bulchiinsi Hamaas Gaazaa keessatti akka dhumatuufi bulchiinsi sivilootaa sab-daneessa ta’e daangaa bulchiinsa sana [Gaazaa] keessatti akka uumamu dabalatee, akkamiin akka Israa’el “galmawwan tarsiimawaa” ja’an itti milkeessuu dandeessu akka lafa kaa’aniif Mr. Netaniyaahuuf guyyaa dhumaa Waxabajji 8 kaa’aniif ture.

    MM Netaniyaahuun garuu yeroo sana “jecha gatii hin baafnedha” jechuun kana jechuun ammoo “Israa’eliif mu’amuudha” jedhan.