Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Filisxeemota dhibbaan lakkaa'aman ajjeestee namoota Hamaas bute afur baafatte
Erga haleellaa tasaa humnoonni Israa’el raawwataniifi qondaaltonni Filisxeem ummata dhibbaan lakkaa’ame ajjeese jedhan booda kanneen Hamaasin butaman afur maatiitti makaman.
Namoonni umriinsaanii waggaa 22, 26, 27 fi 41 ta'e kunneen Onkoloolessa 7, 2023 guyyaa Hamaas haleellaa tasaa Israa'el irratti raawwate kanneen butaman keessaati.
Loltoonni Israa'el naannawa Buseeriyaat jedhamutti humni qilleensaa isaaniin deeggaramuun humnoota Hamaas waliin waraana hamaa gaggeessanii ture.
Humni waraanaa Israa'el duula waraanaa kanaa ''akkaan walxaxaa fi hammaataa'' jechuun ibseera.
Waraana gaggeeffame kanaan lammiileen Filisxeem 100 hin caalle du'uu akka hin hafne ibsameera.
Aanga'oonni Filisxeem garuu haleellaa qilleensarraan raawwate kanaan akkasumas waraana naannawa buufata baqattootaa al-Nuseeraat jedhamutti gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 210 ta'an ajjeefamuu fi 400 kan caalan ammoo madaa'uu ibsaniiru.
Erga Israa'el haleellaa raawwattee booda viidiyoowwan iddoo sanaa ba'an miidhaan guddaan akka qaqqabe agarsiisu.
Hospitaalonni daa'immanii fi dubartoota akkaan miidhamaniin dhiphatee, hakiimonni ammoo wayita gargaarsa kennuuf rakkatan viidiyoon agarsiisa.
Dubbi himaan Raayyaa Ittisaa Israa'el Daani'eel Haagaarii ''duulli waraanaa odeeffannoo tikaa bu'uureffachuun gaggeeffame,'' kun qindoomina loltoota biyyaalessaa, Ejensii Tikaa Israa'el fi Poolisii Israa'eliin raawwatame jedhan.
Akka dubbi himaan waraana Israa'el jedhanitti namoonni bilisa baafaman kunneen gamoowwan lama keessatti ugguramanii turan.
Wayita duulli gaggeeffamus dhukaasi cimaan akka isaan mudate ibsan.
Waraana kana keessatti loltuunsaanii tokko erga rukutamee hospitaala seenee booda lubbuunsaa darbeera jedhan qondaalli kun.
Erga waraanni Israa'el fi Gaazaa eegalee ji'oota saddeet booda bilisa kan baafaman namoonni afran kunneen fayyummaansaanii haala gaariirra akka jiruu fi maatiisaaniin akka walarganis ibsaniiru.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu kanneen duula waraanaa kana keessatti hirmaatan jajuun, ''namoota ugguraman hunda kanneen lubbuun jiranis ta'e kanneen lubbuun hin jirre hanga gara biyyasaaniitti deebisnutti duula waraanaa keenya hin dhaabnu,'' jedhan.
Ministirri Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalaant ammoo waggaa 47 humna waraanaa Israa'el keessa tajaajile ''duulli milkaa'aan akkanaa wayita gaggeeffamu arguun koo kan jalqabaati,'' jedhan.
Haleellaa tasaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwateen lammiileen Israa'el 1,200 yoo du'an 251 ammoo ugguramuu Israa'el ibsiteetti.
Kanneen keessaa 105 yoo gadhiifaman, ammallee namoonni 116 hin gadhiifamne, 41 kan ta'an ammoo ajjeefamuu hin hafne.
Haleellaa guyyaa jalqabaa Hamaas raawwate hordofee waraana Israa'el haaloo ba'uuf eegalteen lammiileen Filisxeem kuma 36 fi 801 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaasin hoogganamu ibseera.