Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Du'a godaantota Itoophiyaan wal-qabatee himanni ilma pirezidaanii duraanii Malaawwii irratti dhiyaate adda cite

    Daddabrsa namaafi godaantota Itoophiyaa Malaawitti du'aniin wal-qabatee himanni ilma pirezidaantii duraanii Malaawwii irratti dhiyaate addaan cite.

    Ilmi Piitar Mutaariikaa, Taadikiiraan bara 2020 du'a lammiilee Itoophiyaa 20 kan reeffisaanii awwaala jumlaa keessaa Malaawitti argameen shakkameeti to'annaa jala kan oole.

    Da'a lammiilee Itoophiyaa keessaa harka nama karaa seeran alaa daddabaruurratti hirmaatera jedhamee shakkamuni kan to'atamee himanni irratti baname.

    Pirezidaantin duraanii Piitar Mutaarikaa yeroo ilmisaanii qabamuu dhagahan heddu akka nahan himanii ture.

    Ji'a 19 booda manni murtii ilma pirezidaantichaa bilisa jechuun himata irratti dhiyaate addaan kute.

    "Murtee kanatti baay'ee gammanneerra," abukaaton Taadikiiraa.

    Abbaan alangaa garuu ilmi pirezidaantii duraanii bilisa bahuun akka isa ajaa'ibsiise beeksise.

    Onkoloolessa 2022, poolisiin Malaawwii awwaala jumlaa godantota Itoophiyaa ta'uu hin oolan jedhe arguu beeksisee ture.

  2. Dhaloota haaraa Keeniyaa daanditti bahuun mootummaa harka micciire

    Keeniyaatti dhaloonni haaran daanditti bahee mormuun mirgasaa gaafatu uumamee jira. Yeroo dhiyoo as mootummaan Keeniyaa gibira haaraa heddu beeksisaa jira.

    Torban kana ammoo mootummaan daabborratti gibira dabaluufi oduun jedhu dhagahamnaan miidiyaa hawasarratti duula jalqabeen gara karatti bahanii mormuutti cehe.

    Mormii kana paartin siyaasaa itti gaafatamummaa fudhatee qindeesse hin turre, ofumaan dargaggeessi miidiyaa hawaasarratti waamicha waliif taasise.

    Mata dureen mormii kanaa "occupy parliament" (parlaamaa haa qabannu) kan jedhu ture. Dhaadannoowaan "Gibira nurraa kaasaa", "Ruuton aangoo gadi haa dhiisu" kan jedhan fa'aa qophaa'aniiru.

    Iddoon wal-argee, guyyaan mormiifi bakki itti gaggeeffamus miidiyuma hawaasaa irratti murtaa'e. Kaayyonsaanii guddaan parlaamaa biyyattii magaala Naayiroobitti argamu marsanii ugguruudh.

    Gaafa Kibxataa, Waxabajjii 18, mormitoonni giddu gala Naayiroobii guutanii parlaamaa biyyattii marsan. Poolisiin gaazii imimmaanessuufi bishaan ittiin bittimsu hidhatee dargaggeessi bilbila qabatee walitti bahan.

    Taatee achi ture bilbila ismaartii foonii fayyadamuun kallaattiidhan miidiyaa hawaasaa irratti tamsaasuu eegalan.

    Poolisiin yeroo dargaggoota reebu, gaazii imimmaanessu itti darbatuufi hidhu bilbilasaanii fayyadamuun miidiyaa hawaasarratti kallattiin tamsaasaa turaan.

    Mootummaan Keeniyaa osoo mormiin sun gaggeeffamee hin dhumin karoora gibiraa daabboofi wantoota biraa irratti baasee ture haquu beeksise.

  3. Poolisiin tekinooloojii gargaaramuun dubartii mobaayila hattuurraa bitte to'ate

    Poolisiin magaalaa Finfinnee tekinooloojii gargaaramuun dubartii mobaayila birrii kuma 150 baasu hattuurraa bitte to'achuun qabeenya hatame deebisiisuu hime.

    Dubartiin shakkamte kun bilbiloota mobaayilaa, laaptooppiiwwaniifi taabiletii yeroo gara garaatti bitte qabatee qorannoo itti fufuu ibseera poolisiin.

    Kutaa bulchiinsaa Boolee bakka Alamnash Pilaazaa jedhamutti namni tokko mobaayila iphone pro max birroo kuma 150 baasu irraa butanii fudhachuu kutaa bulchiinsa magaalaa Bolee buufata poolisii naannawaa Aday Ababaatti iyyatan.

    Eeruu nama kanaa ka'umsa godhachuun poolisiin dhimmicha dhaabbilee dhimmi ilaallatu biroo waliin tumsuudhaan tekinooloojii gargaramuun hordoffii taasiseen bilbilli hatame suuqii mobaayilaa kutaa bulchiinsa magaalaa Araadaa naannawaa Piyaasaa keessa jiraachuun mirkanaa'e.

    Poolisiin seera hordofuun ajaja mana-murtii baafachuun sakatta'insa taasiseen bilbila namicharraa butame dabalatee yeroo gara garaatti bilbila ismaart foon ta'an 85, laaptooppiiwwan 4, taabiletii tokkoofi borasaa laaptooppii afur bakka gara garaatii hataman arguusaa beeksiseera.

  4. Pirezidant Vilaadmiir Puutin Kiim Joong Uniif konkolaataa limoozinii kennan

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uniif konkolaataa ammayyaa Limoozinii kennaniif.

    Pirezidant Puutin Kooriyaa Kaabaatti simannaa akkaan ho'aa ta'etu taasifameef.

    Hoggantoonni biyyoota lamaanii marii sa'aatii dheeraa erga taasisanii booda dhimmoota gara garaa irratti waliigaltee mallatteessaniiru.

    Waliigalteen kun biyyoota lamaan weerara jiraachuu malurraa tiksuudhaaf gargaara jedhan Mr. Puutin.

    Konkolaataa Pirezidant Puutin Kiim Joong Uniin badhaasan kanaanis sa'aatii dheeraa ko'oommataa turaniin booda ittiin bashannana ba'aniiru.

  5. 'Mesii warra Turkii': Ardaa Gular Waancaa Awurooppaarratti riikardii Ronaaldoo qooddate

  6. Paarlaamaan Keeniyaa gibiraa daabboo mormii guddaa kaase akkamiin kufaa godhe?

  7. 'Mootummaan Itoophiyaa garee mirga namoomaa biyya keessaa haacuucaa jira'

  8. Simannaa michuu gaarii Pirezidant Puutiniif Kooriyaa Kaabaatti taasifame-Daawwadhaa

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Kooriyaa Kaabaa jiru. Garasitti imaluun isaanii ijoo oduu addunyaa ta'ee jira.

    Simannaa ho'aa michuu gaariif taasifamedha.

    Daawwadhaa.

  9. Booranatti haatii ilmaan shanii turte takkaatti lakkuu afur deesse

    Naannoo Oromiyaa godina Booranaa aanaa Taltallee keessa kan jiraattu haati ilmaan shanii Bokkayoo Dullachaa yeroo tokkotti ilmaan lakkuu dabalataa afur nagaan deesse.

    Hospitaala sadarkaa jalqabaa Taltalleetti ispeeshaalistii ulfaafii gadameessa kan ta;aniifi waldhaansa baqaqsanii yaaluu kana kan raawwatan Dr Birhaanuu Baqqalaa aadde Bokkayyoo waldhaansa daqiiqaa 50 fudhateen daa'imman lakkuu afur dahuu ibsan.

    Garaan haadhaa baayyee guddachaa deemuu isaatiin daa'imman kun torban 35ffaarra osoo jiranii akka dhalatan godhamee jedhan.

    Haati kun amma dura ijoollee shan garaagarummaa waggaa lama, shaniifi sadiin dhalatan manumatti dahuu BBCtti himan. Ijoollee dhiiraa lamaafi dubaraa sadii kan qaban haati kun ''ulfasaanii addaadha'' jedhaniin ijoollee dhiiraa lamaafi dubaraa lama takkaatti dahaniiriu.

    ''Ulfa amma duraan rakkoon homtuu na hin mudanne. Ulfi inni kun garuu ulfaataa ture. Ji'a lammaffarratti lafaa ka'uun dadhabe. Dadhabeen ture'' jedhan.

    Dr Birhaanuun daa'amman yeroon isaani osoo hin gahiin dhalatan arfaniifi haati nagaa akka jiran himaniiru.

    Haati kun ilmaan afur garaatti baachuu isaanii kan baran hordoffiif ji'a shanaffaarratti wayita hospitaalicha deeman akka ta'e dubbataniiru.

    ''Ijoollee afur akkan garaatti baadhu yeroo natti himamu baayyeen gammade'' kan jedhan haati kun, haala amma jiruun ijoollee lamayyuu guddisuun ulfaataa dha jechuun ''maaliinin guddisa jedhee yaaddahaan jira'' jedhan.

    Akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti carraan takkaatti daa'imman afurii ol godhachuu ulfa kuma 700 keessaa tokkorratti mudata.

  10. Shamarreen ganna 16 ukkaamfamuun maatiin Birrii mil sadii itti gaafataman ajjeefamtee argamte

    Naannoo Tigiraay magaalaa Aduwaatti namoota hin beekamneen kan butamteefi gadhiifamuuf miliyoonni sadii itti gaafatame shamarreen ganna 16 Maahilet Takilaay ajjeefamtee argamte.

    Hogganaan Qajeelcha Poolisii Magaalaa Aduwaa Tasfaayee Amaaree Roobii har’aa, Waxabajji 12/2016 BBCtti akka himanitti, reeffi Maahilet Takilaay awwalameera bakka jedhamee qotamee baafameera.

    Poolisiin bakka shamarreen ganna 16 kun ajjeefamuun itti awwalamte eeruu kan argate namoota ishee ukkaamsuun fudhatan jedhee shakee to’aterraa tahuus himeera.

    Namootni Maahiletiin ukkaamsuun fudhachuun shakkamanii to’ataman ishee ajjeesanii awwaluu amananii bakkatti awwalan poolisiif odeeffannoo kennuu pooliisiin BBCtti himeera.

    Hogganaan poolisii Tasfaayee Amaaree bakkatti awwalamte jedhame qotuun reeffa ishee baasuu himuun naannichaas uffataa fi kophee ishee arguu hime.

    Reeffi qotamee baafames dhuguma ishee tahuu mirkaneessuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himan.

    Jiraattotni magaalaa Aduwaa BBCtti himan Maahilet ajjeefamuu ishee poolisiin maatiitti himuun gadda taa’aniiru.

    Maahilet Takilaay mucaa waggaan 16 yoo taatu, Naannoo Tigraay Godina Jidduugalaa, Magaala Adawaatti ALI Bitootessa 10, 2016 namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen butamte.

  11. Oromiyaa keessatti 'Yakki Waraanaa Ulfaataa fi Hammaataan' raawwatamaa jira- ABO

    Kutaalee naannoo Oromiyaa garagaraa keessatti “Yakki Waraanaa Ulfaataa fi Hammaataan” raawwatamaa jira jechuun Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) komate.

    Ibsa dhaabichi kaleessa ALI Waxabajjii 11, 2016 baaseen, humnootiin mootummaa biyya bulchaa jiruufii hidhattoonni Faannoo uummata nagaa naannicha keessa jiraniratti yakka namoomaa raawwachaa jiraachuufii gochaan kunis balaaleeffatamuu akka qabu hime.

    Keessaayyuu godinaalee Oromiyaa naannoo Amaaraan waldaangessan: Wallaggaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaafii Shawaa Lixaatti hidhattoonni Faannoo uummata nagaarratti miidhaa geessisuu ibsichaan himameera.

    “Faannoon ifatti uummata keenya irraa qabeenyaa saamuu, qe’ee irraa baqachiisuu, rasaasa itti roobsuun lubbuu ummata siviilii akka baalaatti harcaasuu hojii guyya guyyaa erga godhatanii bubbulaniiru” jedha ibsichi.

    Haleellaa tibbana Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti namoota sagantaa cidhaarratti hirmaachaa turanirratti raawwate kan eere ABO’n, “Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) fi Hidhattoonni Faannoo weerara qindaawaa uummata nagahaa irratti bananiin, yakka waraanaa (War crime) ulfaataa fi hammaataa ummata meeshaa maleeyyii irratti raawwatan” jedhe.

    Haleellaa tibbana Noonnootti dhaqabe kan raawwate finxaaleyyii Amaaraa tahuu komandi postii aanichaa himeera.

    Raayyaan Ittisa Biyyaa haleellicha keessaa harka qaba jechuun kan himatu ABO'n, raayyaa ittisa biyyaa erga haleellichi raawwatee bakkicha dhaqabuu fi haalicha tasgabbeessuuf hojjechaa turuu himan komandi Postii aanichaa kan tahan Obbo Tashoomaa Sobbooqaa.

    Haleellaa kanaan lubbuun namoota 24 akka darbes Addi Bilisummaa Oromoo himeera. Manneen jireenyaa namoota 22 olii akka gubates kan himan Obbo Tashoomaan, lakkoofsi namoota ajjeefamanii 24 caaluu akka danda'u eeraniiru.

    Haleellichaan mushurrootni gaa'ila isaanii guyyicha raawwatan ajjeefamaniiru. Aanaa Noonnootti haleellaa wal fakkaataan kana duras irra dedebiin mudateera.

  12. Putiin wal gahiis tahe marii irratti barfachuun beekamu

    Putiin gaggeessitoota isaan waliin mari'achuuf eegan eegsisuun beekamu.

    Putiin Kooriyaa Kaabaa gahu jedhamee sa'a eegamerra sa'a hedduu dabarsuun dhaqqaban.

    Kanas tahe sana Putiin hogganaa kamiyyuu yoo tahe taa'ee akka isa eegu gochuun beekamu.

    Kun ammoo qaama isa eeguuf kabaja akkamii akka kennu agarsiisa.

    Kana dura Chaansilera Jarman kan turan Angeelaa Merkel waliin wal arguun mari'achuuf sa'a afur barfatanii dhaqqaban.

    Ministira muummee duraanii Jaappaan Shiinzo Abee waliin wal arguuf ammoo sa'a sadii barfatanii dhaqaban.

    Kora Waliigalaa UN irratti argamuf ammoo daqiiqaa 80 jechuun sa'a 1:20 tahu barfatan. Poop Firaansis waliin wal arguuf ammoo daqiiqaa 50 barfataniiru. Namni taa'ee hanga Putin gahutti hin eegne pirezidaantii Chaayinaa Shi Zhinpingi qofaadha.

  13. Loltuun Ameerikaa gara waggaa afuriif Raashiyaa keessatti hidhame

    Manni murtii Raashiyaa loltuu Ameerikaa tokko hannaa fi jaalallee isaa ajjeesuuf doorsisuudhaan himatee, hidhaa waggaa sadii fi ji’a sagal itti murteessuu, dhaabbileen oduu mootummaa gabaasan.

    Miseensa waraanaa maqaansaa Gordon Bilaak jedhamu, mana murtii baha fagoo Raashiyaa Viladivostok keessatti argamuun kan itti murtaa'e yoo ta'u, yeroo hidhaasaatiis mana hidhaa keessatti dabarsa.

    Loltuun himatamaan kunis ji'a Caamsaa keessa kan to'annoo jala oole erga oolfameen booda himannaa doorsisa ajjeechaa irratti dhiyaateef yakka akka hin qabne mirkannaa'ulleen garuu, hanna Ruubilii 10,000 (£89) jalalleesaa jalaa hatuun ''gartokkoon'' yakkamaa ta'uusaa amanee ture.

    Murtii kana irratti ol iyyannoo ni dhiheessa jedhan dhaabbileen oduu mootummaa.

    Abbaan alangaa waggaa afuriifi ji'a saddeetiif akka hidhamuuf kan gaafatan yoo ta'u, abbookaatoon isaas garuu bilisa akka gadhiifamuuf gaafate.

    Qondaaltonni Ameerikaa akka jedhanitti, loltuuni umuriinsaa ganna 34 kunis, jaalaleessaa tana Kooriyaa Kibbaatti waliin wal argan.

    Bara 2008 waraana lafoo ta'udhaan kan galmaa’ee loltuuni kunis, bara 2009 keessa Iraaqiitti, bara 2013 ammoo Afgaanistaan keessatti ​​bobbaafame ture.

    Yeroo dhiyoo keessa ammo Raayyaa Ittisa Biyyaa Saddeettaffaa, kan Humnoota Ameerikaa Kooriyaa Kaampii Haamfriitti aragamuutti ramadame.

  14. Putin Kooriyaa Kaabaa keessatti: 2000 vs 2024

    Putiin Piyoongiyaang erga daawwatanii waggoota 24 ta'eera. Yeroo sanas bara 2000tti abbaa dursaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un, Kim Jong Il waliin wal arguun mari'atanii ture.

    Suuraaleen daawwannaa pirezidaantiin Raashiyaa har'aa fi daawwannaa isaanii kan Adooleessa 2000, yeroo abbaa Kiim Joong Un, Kim Jong Il waliin wal argan irraa kaafame kunooti.

    Kiim Joong Il hanga bara 2011'tti du'aan boqataniitti, hogganaa Kooriyaa Kaabaa ta'uun tajaajilaniiru.

  15. Utubaan icciitiinsaa wallaalame US Nevaadaatti mul'ate

  16. Putiiniif afata diimaa qofa osoo hin taane habaaboo diim-adiinis qophaa'eera

    Gaggeesitotni yeroo ammaa adunyaa kaan irraa qoollifatamanii jiran, tokkummaa jabaa akkamii akka qaban adunyaatti agarsiisuuf wal arganiiru.

    Lameenuu wla arguun marii jalqabaniiru. Kennaas walii bitaniiru. Putiin habaaboo roozii [diim-adii] simatamaniiru.

    Kooriyaan Kaabaa deeggarsa nyaataa, boba'aafi maallaqa barbaaddi. Akkasumas waraana isheef deeggarsa teeknolojii ammayyaa Raashiya airraa barbaaddi.

    Raashiyaan ammoo waraana Yuukireen irratti gaggeessaa jirtuuf kuusaa meeshaalee waraanaa ishee guuttachuu barbaaddi.

    Biyyoonni Lixaa yeroo Yuukireeniif meeshaa waraanaa dhiyeessaa jiranitti Raashiyaan ammoo kan qabdu fixaa jirti.

    Kana Kooriyaan Kaabaa kennuuf qophii taati. Waashingitaniifi Seehul kana durayyuu Kooriyaan kaabaa meeshaa waraanaa dhiyeessaaf akka turte himanis lameen garuu ni haalu.

    Xiinxaltootni akka jedhanitti gaggeessitootni lameen waliigaltee gudda atahe mallatteessuu danda'u. Garuu aka michummaa bara Sooviyeet sana tahuu dhiisuu danda'a.

    Gaggeesitootni lameenuu daangaa darbuu hin qabnetu jira. Qoqqobbii jabaa biraaf akka isaan hin saaxillleefi michuun isaanii biraa Chaayinaan hanga eeyyamtuuf qabdi.

  17. Balaliisaa imala jalqabaa gara buufata xiyyaara Guddinaa Tumsaa Naqamtee imaltoota mirqaanse

  18. Putiinii fi Kiim bakka simannaaf qophaa'e adabaabayii Kiim Il Sang dhaqaban

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiunii fi gitni isaanii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joon Un adabaabayii guddicha Piyoongiyaangi 'Kim ll Sung' jedhamu gahan.

    Adababayiin kun hundeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Il Sang jechuun akaakayyuu Kiim Jon Un moggaafame.

    Tajaajilli Oduu Mootummaa Raashiyaa akka gabaasetti simannaan Puutiiniif qophaa'e gaggeeffamu jalqabeera.

    Daawwannaa isaanii kana irratti konsartiin qophaa'eera. Puutiin erga Kooriyaa Kaabaa daawwatanii booda gara

  19. Guutummaa Piyoongiyaangitti ummanni hedduun daandiitti bahuun Puutiin simatan

    Simannaa guddaa Puutiiniif Piyoongiyaang keessa taasifamee ilaalchisuun suuraaleen bahaa jiru.

    Oduun AFP akka agarsiisutti, namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman daandiitti bahuun kaan ammo gamoo irraa harka isaanii mirmirsaa turan.

    Gariin daraaraa qabatanii alaabaa Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaa mirmirsaa turan.Namoonni hedduun daraaraa qabatanii alaabaa Kooriyaa Kaabaa fi kan Raashiyaa yoo mirmirsan mul’atu.

    Namoonni heedduun dibaabee qabatanii kaan ammo kooffiiyyaa kan kaawwatan yoo ta’u, warrii hafan ammo mukeen jalatta dahatanii mul’atu.

    Namoota kana keessaa meeqatu fedhiisaanitiin akka bahanii ture dubbachuun nama rakkisa.

    Kooriyaan Kaabaa sirna gara jabeessa, abbaa irree namoota mootummaa deeggaruu didan kamiyyuu irratti tarkaanfii hamaa fiduu danda’u geggeessiti.

  20. Qabxiilee ijoo sadi Puutin gara Kooriyaa Kaabaa imalaniif