Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirezidantiifi Ittaanaan mana murtii waliigala Tigraay aangoo gadhiisuuf gaaffii dhiyeessan

  2. Pirezidantiin Yukireen janaraala olaanaa aangoorraa ari'an

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin janaraala waraanaa biyyattii olaanaa ''miidhaa olaanaan akka qaqqabu taasisuufi gahumsa hin qaban'' jechuun himatan hojiirraa ari'an.

    Leetanaant Janaraal Yuuriiy Soodool bara haaraa irraa kaasuun ajajaa olaanaa humna gamtaa waraana Yukireen ta'uun tajaajilaa turan.

    Ammattis bakka isaanii Birgaadar Janaraal Andiriiy Hinaatoov muudaniiru.

    Pirezidant Zelesinkiin waraabbii viidiyoo murteesaanii kana Wiixata beeksisisan.

    Haata'u malee, haasaa isaanitiin sa'aatiiwwaniin dura, Itaamaajoor Shuumii Birgeedii Azoov, Meejar Janaraal Bohaadaan Kirooteviich, Janaraal Soodool janaraaloota Raashiyaa caalaa loltoonni Yukireen hedduun akka ajjeeffaman taasisaniiru jedhamuun komiin dhiyaatee akka qoratamuuf biiroo SBItti dhiyeessanii ture.

    Kirooteviich toora Telegraamii isaaniirratti akka barreessanitti, Janaraal Soodool bulchiinsoota Yukireen dhabuufi du'a loltoota kumaatamaan lakkaa'amaniitiif itti gaafatamaa ta'anilee, qorannoon irratti hin gaggeeffamne jedhan.

    ''Yeroo tokko tokko akka tokkoo taanuuf fakkaata, addunyaan qaama numa waraanu kan nutti erguu natti fakkaata. Waraanni hundi waa'ee eenyuu akkan dubbadhun na hubata. Sababiinsaas harki 90n waraanaa hojii janaraalichi hojjataniif isa jibba,'' jedhan.

    Isaan boodas janaraalichi Hinaatoviidhaan bakka buufamusaanii ''kanuma ta'uu qabudha,'' jechuudhaan gammachuu itti dhagahame ibsan.

  3. Pireezidant Ruutoon maaliif labsi mormii uume haquuf rakkate?

  4. Jette jetteen 'Vampaayer' jedhu eessaa, maaliif jalqabe?

  5. Ronaaldoo waliin suura ka’uuf jecha deeggartoonni dirree cabsanii seenuun yaaddoo uume

  6. Gochi har’aa ‘gantummaadha’- Ruutoo

    Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo mormii har’aa ‘gocha gantummaati’ jedhan.

    Ergaa televizhiniin Isteet Hawusirraa dabarsaniin, mormiin kun “butameera” kan jedhan Ruutoon, gocha kana “warri hookkara kana karoorsan, maallaqaan deeggaran, sochoosaniifi tumsan,” jiru jedhan.

  7. UN hiriira 'nagaa' akka gaggeeffamufi poolisiin akka of qusatuuf waamicha taasise

    Haasaa Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo galgala kana taasisaniin yeroo muraasa dura, Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Antooniyoo Gutereez Keeniyaa keessatti poolisii fi humnoonni nageenyaa akka of qusatan gaafachuun mormitoonni taasifamuus karaa nagaatiin akkata'uuf gaafachuu Dubbi himaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Isteefan Dujaariik Kibxata ibsaniiru.

    ''Mirgi namoonni karaa nagaatiin hiriiruu ummataa kabajuun baay'ee barbaachisaadha,'' jedhan Mr Dujarric.

  8. 'Itti gaafatamummaan uummata dhaggeeffachuudha’ – Uhuuruu Keeniyaataa

    Pirezidaantin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatan gaggeessitoonni biyyaa tasgabbaa’anii ummata akka dhaggeeffataniif waamicha dhiyeessan.

    Uhuuruu Keeniyaataan ibsa baasaniin, “Gaggeessitoonni hundinuu ummataan akka filatamanin isaan yaadachiisuu barbaada” jechuun hiriira mormii cimmaa biyyattii keessatti gaggeeffamee ilaalchisee gaggeessitoonni gaaffii uummataa dhaggeeffachuu akka qaban ibsan.

    “Uummata dhaggeeffachuun filannoo osoo hin taane dirqama heera keenyan kennamefi bu’uura falaasamaafi dimokiraasiti,” jedhan.

    Gaggeesitoonni “achii gadi uummatatti haasa’uu osoo hin taane uummata wajjin haasa’anii marii gochuu qabu” jechuun waamicha taasisan.

    “Gaggeessitoonni kan isaan beekuu qaban aangofi taayitaan isaan qaban kan uummanni imaanaa isaanitti kennateedha,” jedhan Uhuuruu Keeniyaataa.

    Hiriira wixinee gibiraa mormuuf har’a biyyattii keessatti gaggeeffameen lubbuun namaa darbee heddus madaa’aniiru.

    Pirezidaantin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo galgala kana haasaa lammiilee biyyattiif taasisaniin taatee har’a mudate “yakkatu biyyarratti raawwate” jechuun hokkara uumame tasgabbeessuf raayyaan biyyattii bobba’uu labsan.

  9. Dubartiin konkolaataa hattee miliqxee sa’aatii muraasa gidduutti to’annoo jala oolfamte

    Shakkamtuun kun yakka hannaa kana kan raawwatte Waxabajji 24, 2024 Finfinnee kutaa bulchiinsa Kolfee Qaraaniyoo bakka addaa Bicaa Fooq jedhamuun beekamuttidha.

    Ragaan qajeelcha poolisii kutaa magaalichaa buufata poolisii Beetel irraa argame akka agarsiisutti, tilmaamaan ganama sa’aatii 12:30 irratti namni konkolaataan jalaa hatame konkolaataasaa gabatee 3-B32912 A A ta’e mana jireenyaasaa fuuldura dhaabee motora kaasuun ho’ifataa kan ture yoo ta’u, gara hojii deemuuf jecha manatti ol seenee jakkeettii darrabatee deebiyu bakka dhaabee habuu poolisiif gabaasa godhe.

    Qajeelfamni poolisii Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo sa’aatii iyyanni kun isa qaqqabee kaasee konkolaataa miliqfame arguudhaaf barbaachuu cimaa guyyaa walakkaa fudhateen shakkamtuu kana konkolaataasheen hatte waliin to’annoo jala oolcheera.

    Shakkamtuun konkolaataa kana hattee miliqxe guyyaa sa’aatii 9 irratti Kutaa Bulchiinsa Lammii Kuraa bakka addaa aanaa 9 jedhutti to’atamuu ibsi poolisiin Magaalaa Finfinnee fuula Feesbuukiisaarratti barreesse ni mul’isa.

  10. Pirezidaanti Wiiliyaam Ruutoo mormii har'aa ilaalchisee ibsa yoo kennan, ''mormichi yakkamtootaan butameera'' jedhan

    Warra nageenya biyyaalessaas yaaddoo tahan tasgabbeessuuf humna biyyattiin qabdu guutummaan hojiitti bobbaafameera jedhan.

    Ruutoon dargaggootni dhimma daballii gibiraa ilaalchisee adda durummaan gaaffii dhiyeessuu isaanii galateeffataniiru.

    Garuu ‘’karaa heeraa qabeessaan qofa gaggeeffamuu qaba’’ jedhe. "Dhimmi mariin furamuu qabu kun namoota balaafamoon butameera. Kun Keeniyaaf waan gaddisiisaadha’’ jedhe.

    Mormii kana warri ‘badii hojjetan’ ‘dhoksaan seenaniiru” kan jedhan Ruutoon, “gareen yakkaa gurmaa’e butateera” jechuun ibsan.

    Kanaaf, “nageenya biyyattii warra booressan” dura dhaabbachuuf humni jiru bobba’eeras jedhan.

    Mormii “mancaatii qabeenyaafi bu'uuraalee misoomaa barbaachisoo qaqqabsiise kana” dhaabsisuuf humni waraanaa poolisii gargaaruudhaaf bobba’uunis gabaafameera.

  11. Mormitoonni paarlaamaa Keeniyaa cabsanii seenan baafaman

    Lammiilen Keeniyaa wixinee labsii gibiraa mormuuf bahan har'a parlaamaa biyyattii cabsanii seenun meeshaalee garaa garaa caccabsanii ture.

    Gamoon parlaamas gartokkeensaa gubateera. Gara galgalaa garuu poolisiin mormitoota kana mooraa parlaamaa keessaa baasuu Rooyitarts gabaasera.

    Miseensonni parlaamaa gamoo jala lafa jala dhokatanii turan muraasni isaanii karaa ulaa lafa jalaa baafamuun isaanis gabaafame.

    Magaala Naayiroobii dabalatee mormiin har'a bulchiinsa biyyattii garaa garaa keessatti gaggeeffamaa oole.

    Ogeeyyin fayyaa akka jedhanitti yoo xiqqaate namooni 10 ajjeefamanii heddu ammoo madaa'aniiru.

  12. Mormii Keeniyaa kan Naayiroobii keessa ture suuraan

    Mormiin labsii gubiraa kutaalee Keeniyaa gara garaa keessatti gaggeeffamaa ooleera. Magaalaa guddoo biyyattii keessatti ammoo mormitoonni paarlaamaa cabsanii seenuun meeshaa mancaasuu, miseensonni mana-maree paarlaamaa keessatti ugguramanii turan baafamuu, mormii kanaan walqabtee yoo xiqqaate namoonni 10 du'uun himameera.

    Gara waaree boodaa ammoo interneetiin gariin hir'atee ciccitaa jira.

    Taatee mormii kanaa kan Naayiroobii suuraan kunoo daawwadhaa:

  13. Galmi bulchaa Naayiroobii abiddaan gubachaa jiraachuu gabaafame

    Akka miidiyaaleen Keeniyaa hedduu gabaasaa jiranitti, namootni hedduun abidda galma bulchaa magaala Naayiroobii qabate dhaamsuuf tattaafachaa jiru.

    Viiidyoon adda hin baafamne X irratti maxxanfaman akka agarsiisanitti aarri galmicha keessaa ol samiitti yoo bahu mul’ata.

    Aarri ammayyuu mul’ata garuu abiddi boba’aa ture dhaameera. Foddaan isaa caccabuun harca’eera. Mooraan galmichaas caccabeera.

  14. Buufanni TV mootummaan dorsiisfamuu ibse

    Buufanni TV Keenyaa qabeenyummaansaa kan dhunfaa ta'e KTN, mormii gaggeeffamaa jiru kallattiidhaan gabaasuusaatti cufuudhaaf mootummaadhaan dorsiifamu ibse.

    Chaanaaliin TV tamsaasa sa'aatii 24 qabu kunis akka cufamu itti himamulleen, ejjannoosaatiin itti fufuudhaan itti gaafatamummaa ogummaa gaazexessummaa bahuu akka itti fufu hime.

    ''Mootummaan akka nu cufaniif nu dorsiisanilleen, nuti garuu gabaasicha isin biraan gahuu keenay karaa miidiyaalee hawaasaa keenyaan isin biraan gahuu itti fufna'' dubbiftuun oduu dhaabbatichaa himte.

  15. Mormii diddaa gibiraa Keeniyaatti gaggeeffamaa jiruun yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefaman

    Mormii diddaa gibiraa gaggeeffamaa jiruun yoo xiqqaate namoonni shan ajjeeffamuu ogeeyyin fayyaa mirkaneessan.

    Walitti bu'iinsa poolisiifi lammiilee Keeniyaa mormiif bahaniin namoonni heddu ajjeefamuu akka hin oolletu himama.

    Ogeeyyin fayyaa Rooyitarsitti akka himanitti hanga ammaa yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefaman.

    Poolisoonni mormitootaa parlaamaa biyyattii seenaniifi ala jiran bittimsuuf yaalii gochaa jiruun lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka hin oolletu himama.

    Ambulaansiwwan namoota miidhaman gara mana yaalatti fuudhanii osoo fiiganuu daandii irratti ni mul'atu.

  16. ‘Abukaatoowwankoo doorsifamaa jiru’ - Obbo Taayyee Danda’aa

  17. Paarlaamaan Keeniyaa akka malee miidhame, poolisiin rasaasan namoota rukute

    Gamoon paarlaamaa Keeniyaa akka malee manca’e

    Mormitootni daballii gibiraa mormuuf bahan paarlaamaa seenuun taa’umsaa fi foddaa paarlaamichaa akka malee mancaasan.

    Poolisiin gamicha keessaa baasuuf yaalus humnaan galuun mancaasaniiru. Rippoorteroonni BBC naannichatti dhiyoo jiran poolisiin namoota lama rasaasaan dhahee madeessuu arganiiru.

    Gidduugala magaalaa Naayiroobii CBDtti hakiimonni bakka wal'aansaa qopheessuun namoota miidhaman wal'aanaa jiru.

    Poolisiin duraan gaazii imimmaanessituu fi rasaasa pilaastikaa fayyadamaa ture amma rasaasuma sirriin namoota rukutuu gaazexessitootni BBC ijaan argan himaniiru.

  18. Miseensonni Paarlaamaa Keeniyaa gamoo lafa jalatti dahatanii jiru

    Mormitoonni gibiraa parlaamaa biyyattii cabsanii seenurraa kan ka'e miseensonni parlaamaa gamicha lafa jalatti dhokatanii jiru.

    Mormii jabaa magaala guddoo biyyattii, Naayiroobitti gaggeeffamaa jiruun gamoon parlaamaa gar-tokkeensaa gubataa jira.

    Poolisiin gaazii imimmaanessu fayyadamuun namoota hiriira bahan bittimsuuf yaalaa ture.

    Komishiniin Mirga Namoomaa Keeniyaa akka jedhetti namni tokko du'eera.

  19. Keeniyaatti mormitooni parlaamaa seenun gar-tokkeen gamoo parlaamaa gubataa jira

    Keeniyaatti mormitoonni gibira mormuuf bahan parlaamaa biyyattii humnaan seenan.

    Gar-tokkeen gamoo parlaamaa biyyattii abiddi itti qabatee gubataa jira. Poollisiin mooraa parlaamaa keessaa baasuuf yaalii gochaa jira.

    Dallaan alatti ammoo namoonni afur rasaasan rukutamanii lafa jiru.

    Ambulaasiwwan kanneen miidhaman fuudhuuf yeroo gara bakkichaatti fiigan mul'atu.

  20. Poolisiin Keeniyaa hiriira mormii gibiraa bittinneessuuf gaazii imimmaanessituu fayyadame

    Poolisiin Keeniyaa mormitoota gibiraa bittinneessuuf gaazii imimmaanessitu fayyadame

    Poolisiin Keeniyaa mormitoota wixinee gibira haaraa magaalaa Naayiroobiitti saglee isaanii dhageessisaa jiran bittinneessuuf gaazii imimmaanessituu fi rasaasa pilaastikaa fayyadamaa jira.

    Mormiin daballii gibiraa haaraa guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa jira.

    Magaalaa naayiroobii keessaa tajaajilli geejibaa dhaabbachuun maneen hojii

    Dargaggoonni biyyattii daballiin ibiraa akka hin raggaasifamne yoo morman mootummaan ammoo daballichi idea ykn liqaa biyyattiirra jiru salphisuufi baasii biyyattiin qabduuf oola jedhe.

    Mootummaan daabboo dabalatee oomishaalee adda addaa irratti gibira akka dabalu ibseera. Qaala'insa jireenya biyyattii mudate irratti daballiin kun dargaggoota biyyattii dheekkamsiiseera.