Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Naannoo Amaaraa Goojjamitti "humnoonni mootummaa" namoota 20 ol ajjeesan- jiraattota

  2. Itoophiyaatti sarbama mirgoota namoomaa 2023tti galmaahe keessaa 70% qaamolee mootummaan raawwate-UN

  3. Kiiliyaan Imbaappee funyaansaa erga miidhamee 'fayyaa hin qabu'

  4. Tajaajilli Immigireeshiniifi Lamummaa herrega baankii maqaa namoota dhuunfaan banameen maallaqa sassaabaa ture - Waajirri Odiitii

    Tajaajilli Immigireeshiniifi Lamummaa "aangoo osoo hin qabaatiin" tilmaama kaffaltaa adabbii baasuun herrega baankii maqaa nama dhuunfaatiin banameen Birrii miliyoona 1.9 sassaabuu Waajirri Odiitara Federaalaa beeksiseera.

    Dhaabbanni kun A L I Hagayya 2015 hanga Amajji 2016tti Birrii miliyoona 17.9 sassaabe keessaa miliyoona 9.3 "hojjetoota sa'aatii darbaa hojjetaniif, akkasumas guyyaa ayyaanaarra hojjetootaaf kennaa kennuurratti" baasii gochuusaa Waajirri Odiitaraa kun ifoomseera.

    Waajirri Odiitaraa Olaanaa kun kana ifa kan godhe gabaasa odiitii A L I kan bara 2015 mana-maree bakka-bu'oota ummataatiif wayita dhiyeesuttidha.

    Gabaasni fuula 61 ta'u BBCn ilaale kun waajiraaleen mootummaa federaalaafi dhaabbileen ilaalchisuun faayinaansiifi seera-qabeessummaa odiitii, raawwii diitiirratti gabaasa kan qabatedha.

    Waajirri Odiitaraa kun Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa gabaasaa bu'a qabeessummaa kenniinsa paaspoortiirratti sanada odiitii kana keessatti kaaseera.

    "Dhaabbatici tajaajila paaspoortii kennuurratti kan tajaajilan qajeelfamoonni raggaasifamaniifi kan yeroo isaa eeggate, istaandardiifi chaartera lammilee kan hin qabnedha jechuun gabaasa odiitichaa keessatti qeeqa irratti dhiyeesseera.

    Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa osoo aangoo irratti hin qabaatiin qajeelfama ittiin maallaqa sassaabu baasuun "namoota guyyaa galmee paaspoortii dabarsan adabuudhaan namoota adabbiin kessummeessuudhaan (tilmaama kaffalataa adabbii) ilaalchisuun qajeelfama qopheessee daarektara olaanaatiin kan raggaasillee" ta'uu Waajirri Odiitaraa kun ibseera.

  5. Raashiyaan dooniwwan waraanaashee guyyaa shan booda Kuubadhaa baafte

    Raashiyaan dooniwwan waraanaa ishee guyyaa shan booda Kuubaa, Havaanadhaa baaste.

    Dooniwwan waraanaa Raashiyaan daangaa magaala guddoo Kuubaa Havaanaa dhaabdee turte gara dhufanitti deebiftee jirti.

    Dooniwwan kunneen kan galaana jala deemaniifi galaana gubbaa deeman yoo ta'u, dooniwwan niulara baachuu danda'aniiha.

    Qarqara magaala Havaanaa bakki Raashiyaan doonii waraanaa dhaabde Ameerikaa irraa fageenya km145 irratti argama.

    Raashiyaan dooniwwan waraanaa Kuubaa qubsiisuu hordofee US ibsa laatten sochii Raashiyaa akka yaaddatti akka hin ilaallefi garuummoo ija akka irraa buqqifanne ibsitee turte.

    Ministiirri dhimma alaa Kuubaa dooniwwan Raashiyaa boombii hidhatanii akka hin jirreefi yaaddoo homaatuu naanichatti akka hin uumne ibsan.

    Ministirri Ittisaa Raashiyaa Admiiral Gorshkoov garuu, dooniwwan waraanaa lama misaa'ela hayippartsoonikii dabalatee meeshaalee waraanaa ammayyaa kan hidhatan ta'uu ibsanii turan.

  6. Putin waggaa 24 booda Kooriyaa Kaabaa daawwachuuf

  7. Wallee 'addarraan lootii gad dachaastee...' jedhuun kan beekamu Kumalaa Addunyaa maalitti jira ?

  8. Putin Kooriyaatti mana akkamii keessa buufata?

    Putin yeroo magaalaa Kooriyaa Kaabaa, Piyoongiyaangi gahan manni keessa buufatan Kumsusan bakka jedhamu akka tahe miidiyaaleen gabaasaa jiru.

    Mana keessummaaf ijaarame kana keessa pirezidaantiin Chaayinaa Shi Zhinpingi bara 2019 yeroo Kooriyaa kaabaa daawwatan buufataniiru.

    Manichi masaraa Sun, bakka reeffi abbaa Kiim Jong Un fi akaakayyuun isaa Kim Il Saangi boqachiifame cinatti ijaarame.

    Akka gabaasa BK News jedhutti, galmi keessummaaf qophaa'e kun yeroo Shi Zhinping daawwanaaf deeman ji'ootuma muraasa dursee ijaarame.

    Miidiyaan Kooriyaa Kaabaa akka agarsiisetti manicha keessa soofaa halluu diimaa qabu, keenyan muka irraa miidhaksaman mul'atu.

    Putin halkan tokko achi turuun iiti aansuun ammoo gara Veetnaam deemu jedhamee eegama.

  9. US garee Israa'el deeggarsi Gaazaa akka hin qaqqabne danqe qoqqobde

    Mootummaan Ameerikaa garee Israa'el Gaazaatti deeggarsi namoomaa akka hin dhiyaanne danqe irratti qoqqobbii kaahuu beeksise.

    Waajirri Haajaa Alaa US gareen Tzav 9 jedhamu qabeenyi qabu akka hin sochoone dhaabbileen Ameerikaas hariiroo akka waliin hin qabaanne dhorke.

    Ji'oota hedduudhaaf aktivistootni Israa'eel deeggarsi gara Gaazaa akka hin deemne dhorkaa turan.

    Amajjii darbe mormitootni kunniin konkolaataa midhaan fe'ee bulchiinsa Weesti Baank keessa darbaa ture irraa midhaan buusanii, konkolaaticha ibiddaan wayita guban viidiyoon waraabamee ture.

    Waayit Haawus saamicha deeggarsa namoomaa kanaan ''akkaan qaanessaadha'' jedheera.

    Wayita sana gareen Tzav 9 wanti raawwatame qaama sochii isaan itti amananii akka hin taane ibsee ture.

    Ammoo hanga namootni Israa'elii butaman deebi'anitti deeggarsa danquun mala sirrii ta'uu ibsee ture.

    Ibsi waajira Haajaa Alaa namootni miseensa Tzav 9 ta'an irra deddeebiin dhiyeessii deeggarsaa danqaniiru jedheera.

  10. 'Raayyaa nageenyaa kuma 340 ol Finfinnee keessa bobbaafneerra'

    Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee nageenya maagaalaa Finfinnee tiksuuf ALI bara 2013 irraa eegalee ''raayyaa nageenyaa'' kuma 341 magaalittii keessa bobbaasuu beeksisan.

    Kantiibaa Adaanech guyyaa har'aa raayyaa nageenyaa tibba kana filatamanii leenjisaarra turan kuma 11 eebbisuu ibsan.

    Kaayyoon raayyaa kanaa ''nageenya keenya waaraafi bu'uura uummataa kan qabu gochuufi'' jedhan.

    Miseensota raayyaa nageenyaa amma eebbifamaniif dhaamsi dabarsan ''nageenyaa fi misooma naannoo keessaniif eegduu ta'uun uummata keessan garraamummaa fi jaalalaan akka tajaajiltan adaraan isiniin jedha jedhan.

  11. 'Nageenyi fooyya'aan dhibus' naannoo Amaaraatti hirmaattota filachuu akka eegale Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse

    Komishiniin Marii biyyaalessaa sababa walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessa jiruun adeemsi marii biyyaalessaaf hirmaattota filachuu barfatee ture ''haalli fooyyaa'an bakka hin dhufnetti'' hirmaattota filachuu eegaluu beeksise.

    Komishinichi amma dura ibsa baasee tureen naannoo Amaaraa lolli itti gaggeefamaa sababa jiruuf akkasumas naannoo Tigraay bakka waraanni waggoota lamaaf itti gaggeefamaa ture keessatti ''haala qabatamaa jirurraa kan ka'e'' adeemsi hirmaattota filachuu barfachuu beeksiseera.

    Haalli nageenyaa naannoo Amaaraa ''rakkisaa fi qormaataan kan guute'' kan jedhan dubbii himaan Komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddesee, naannicha keessa nageenyi fooyya'aan dhabamuun naannolee kaanirraa adeemsi hirmattotta filachuu barfachuusaaf ''sababoota ijoo keessaa tokko'' jedhan.

    ''Ammallee nageenyi fooyya'aan naannicha keessatti mul'achuu baatus, komishinichi haaluma jiru keessatti hamma danda'ame hojjechuun barbaachisaa ta'ee argameera'' jedhan Obbo Xibabuun.

    Naannicha kilaastaroota afuritti qooduu adeemsa kan eegaluus dubbatan. Kilaastarootni kun Dabra Birihaan, Goondar, Gojjam fi Daseedha.

    Ammaan tana qaamolee hojii kana deeggaraniif leenjiin keennama aakka jirus himaniiru.

    Itoophiyaan rakkoolees siyaasaa biyyattii karaa waaraa ta'een furuuf komishinii hundeessuun Marii Biyyaalessaa gaggeessuuf sochii erga eegaltee waggootni lakkaa'amaniiru. Hundeeffama Komishinichaa dabalate adeemsa fi walabummaa komishinichaarratti akkasumas hunda hammataa ta'uusaarratti gaaffii guddaan ka'eera.

  12. 'Waaqattis kolfuun ni danda'ama, arrabsoo miti'- Poop Firaansiis

    Dursaan amantaa Kaatoolikii Poop Firaansiis komeediyaanota addunyaarraa walitti qabaman waliin yoo dubbatan humna nama seeqqachiisuuf qaban dinqisiifatan.

    Addunyaarratti namni rakkoo hawaasummaafi dhuunfaan dhiphataa wayita jiru fuula namaa seeqaan guutaa jiruu jedhan.

    ''Kolfi kan namatti darbu wan ta'eef nama tokkoomsa'' jedhan komeediyaanota 107, biyyoota 15 irratti walitti dhufan Vaatikaanitti wayita simatan.

    Ammoo ''waaqattis kolfuun ni danda'ama, sun arrabsoo miti'' jedhan. Qoosaan akkasii wayita hojjetamu garuu ''miira hordoftoota amantaa akka hin miinetti ta'uu qaba'' jedhan.

  13. Paartileen Afrikaa Kibbaa mootummaa waloo ijaaruuf waliigalan

    Paartileen Afrikaa Kibbaa filannoo torban lama dura gaggeefameen sagalee mootummaa ijaaruu osoo hin argatiin hafan mootummaa waloo ijaaruuf waliigalteerra gahan.

    Dhaabbatni waggoota 30 oliif Afrikaa Kibbaa bulchaa ture ANC filannoo kanaan yeroo jalqabaaf sagalee motumma ijaaruu isa dandeessisu osoo hin argatiin hafe.

    Amma miidiyaaleen biyyattii ANC fi DA mootummaa waloo ijaaruuf waliigalteerra gahuu gabaasaniiru. Dhaabni DA pireezidantiin biyyattii ammaa kana dhaaba ANC irraa ta'an Siriil Ramafoosaa pireezidantii ta'anii akka itti fufan waliigaluunis ibsameera.

  14. Ergaan dhiphina qorattoota Naasaa dogongoraan tamsa'e

    Naasaan sagalee qorattoota Hawaa dhiphina keessa jiranii miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodame dogoggoraan fakkeefamee chaanaalii YouTube isaarratti kan tamsa'e ta'uu mirkaneessee jira.

    Waraabbiin sagalee leenjiidhaaf akka oolu yaadame kana keessatti, sagaleen qoratoonni Buufata Qorannoo Hawaa Idil-Addunyaa (ISS) irratti argamu tokko yoo carraan lubbuun jiraachuu ''xiqqaan'' qaba jedhu dhagahama.

    Tamsaasni waraabbii sagalee Roobii galgala darbe kunis, battalumatti oduu balaa tasaa hawaa keessatti mudachuu danda'a jedhamuun toora intarneetii irratti shakkii kaase - haata'u malee, Naasaan miseensonni Dhaabbata Qorannoo Hawaa (ISS) hundi nagaa ta'uu ibseera.

    "Sagaleen balaa dhugaa ta'een wal hin qabanne kunis, osoo hin beekamiin bakka shaakalaa irraa dogongoraan kan darbe yoo ta'u, miseensonni hojjettootaa fi gareewwan lafaa hawaa keessatti haalawwan adda addaatiif leenji'anii hundi nagaa ta'u dhaabbatichi toora X irratti ibseera.

    Akkasumas dhaabbanni dhuunfaa SpaceX jedhamu barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseen ISS keessa balaanomaatuu akka hin jirre dubbateera.

    Taatee kunis sa'aatii 23:28 (BST) irratti kan mudate yoo ta'u, namoonni tokko tokko akka qorattoota keessa tokko hawaa irratti dhukkuba decompression jedhamuun rakkachaa jiruutti akka amanan taasiseera.

  15. Tapha EURO 2024 har'a jalqaburratti deeggartoonni galaa jiru

    Waancaan Awurooppaa (EURO 2024) har'a tapha gareen Iskootilaandiifi Jarmanii taasisaniin magaalaa Muniik keessatti jalqaba.

    Deeggartoonni garee Iskootlaand fageeya kiiloomeetira 1,200 bishkileetiin imalanii Muniik galaniiru.

    Etaan Wookar Fulbaana darbe kubbaa miilaarratti carraa barnootaa Niiw Yoorkiti argatee osoo barachaa jiruu balaa konkolaata aisa mudateen miidhaa lubbuu isaatiif yaaddessu isarra gahee ture.

    Maatiin isaayyu lubbuun ooluu akka hin dandeenye itti himamee ture. Haata'u malee, waan jedhame kana kanarraa fayyee dargaggeessi umuriin isaa waggaa 18 ta'e kun amma bishkiliitiidhaan Iskootilaanirraa ka'ee Jarmanii galeera.

    Daawwadhaa!

  16. Haleellaan misaa'elaa Huutii kokolaachisaa doonii akka malee madeesse - US

  17. Balaa ibidda gamoo Giriinfiild kan Itoophiyaanoonniifi Ertiraanoonni haqaaf waliin dhaabbatan

  18. Jaalallee barbaaddachuun yeroo kamuu caala amma ulfaataadhaa?

  19. Waa'ee Arafaa wantoota beekuu qabdan shan

  20. Wixineen labsii minstirri haqaa iyyata mana-murtii malee qabeenyi akka to’atamu ajajuuf hayyamu paarlaamaaf dhiyaate

    Qorannoo fi himannaa qabeenyaa saamamuu hordofsiisuu danda’un wal qabatee, Ministirri haqaa ykn ittigaafatamaan isaan bakka buusan, guyyoota hojii sadiif qabeenyi akka dhorkamuuf ajaja kennuuf kan dandeessisuu wixineen labsii paarlaamaaf dhiyaate.

    Ministirichi ajaja kan kennu qabeenyichi ariitiidhaan dhokfamuu ykn gochaan gatii diinagdee dhabsiisuu jiraachuu danda’a jedhe yoo amane’’ ta’uu wixinicharra kaa’ameera.

    Aangoon kunis kan ministira haqaatiif kennamu wixinee labsii paarlaamaatti dhiyaatee kun erga raggaassifameen boodadha.

    Wixineen labsii kutaalee saddeetiifi keewwatawwan 57 qabu kun paarlaamaaf kan dhiyaate Kibxata Waxabajjii 11, 2024 ture.

    Wixineen labsii qabeenyaan maddiisaa hin beekamne deebisiisuu, adeemsa deebiisiisu qabeenyaatti haala qorannoon itti gaggeeffamuufi siransaa, akkasumas waa’ee qabeenyicha dhorkuufi qabachuurratti labsiiwwan qabateera.

    Labsiiwwan waa’ee dhimmoota qabeenya saamuufi bulchuu qabatans wiixinee labsichaa keessatti hammatamaniiru.

    Kaayyoon labsichaa ijoon, ‘‘qabeenyaawwan fi maallaqa bu’aa yakkaa ta’an haala milkaa’aa ta’een to’achuu, dhorkuu, warasuu ykn bulchuuf’’ mirga seeraa dandeessisu ta’un wiixinen labsichaa ibseera.

    Wixineen labsii qabeenyaa dhorkuufi to’achuu ilaalatu kunis, haalawwan qabeenyaan ittiin dhorkamu danda’an bal’inaan kaa’eera.