Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Mootummaa waliin mariyachuuf ammatti murteerra hin geenye'-Iskindir Naggaa

  2. Iraaq keessatti waa'ee iddoo qulqulluu Muslimoonni Shi'aa Hajjiif itti imalan kana beektuu?

  3. Raashiyaan humnashee agarsiisuuf dooniiwwan waraanaa ergite ollaa US qubatan

  4. Dureewwan biyyoota G-7 maallaqa Raashiyaa uggurame $50b Yukireeniif liqeessuuf walii galan

    Hooggantootni biyyoota dureeeyyii addunyaa, G-7, yaa'ii Xaaliyaanitti gaggeessaa jiran irratti Yukireen waraana Raashiyaa akka dandamattuuf liqaa doolaara biiliyoona shantama kennuuf waliigalteerra gahan.

    Maallaqni biyyootni kun Yukireeniif liqeessan qabeenya dhaabbilee Raashiyaa biyyasaanii keessaa qaban akka hin sochoone ugguran irraa dhufa.

    Maallaqni dhaabbileen Raashiyaa biyyoota kana keessaa qaban doolaara biliyoona 300 akka ta'u, tilmaamama. Dhalli maallaqa kanaa ammoo waggaatti gara doolaara biliyoona sadii gaha.

    Chaansilariin Jarman Ulaaf Shoolz deeggarsi maallaqaa dabalataa Yukireeniif dhiyaatu akka jiru himan. Kunis yaada pireezidant Putiin deeggarsi Yukireeniif godhamu ni dhaabbata jedhanii eegan fashaluu agarsiisa jedhan Shoolz.

  5. Keeniyaatti Poolisiin haadha murtii dhaddacharra jiranitti dhukaase poolisoota biroon ajjeefame

    Keeniyaatti Poolisiin haadha murtii dhaddacharra jiranitti dhukaasee madeesse poolisoota biroon ajjeefame.

    Taateen kun kan mudate mana murtii magaala Naayiroobii keessatti argamutti yoo ta'u, miseensi poolisii kun manni murtii haadha warraasaa wabiin baasuu diduurraa kan ka'e aaree haadha murtiitti kallattiin dhukaase.

    Miseensonni poolisii biroo dhaddacharra turan garuu tarkaanfii fudhataniin miseensa poolisii kanai dhukaase ajjeesaniiru.

    Miseensi poolisii kun haadha murtii qofa osoo hin taane miseensota poolisii biroo sadis madeessera.

    Namootni rasaasa poolisii kanaan madaa'an hospitaalatti waldhaansi godhamaafii akka jiru poolisiin beeksiseera.

  6. Biyyoonni G7 dhimma Gaazafi Yukireen mariyachuuf Xaaliyaanitti wal-gahan

    Biyyooni dureeyyin addunyaa torba, G7 jedhamuun beekaman, waa'ee Gaazaafi Yukireen dabalatee dhimmoota garaa garaa irratti mariyachuuf Xaaliyaanitti wal-gahan.

    Biyyoonni G7 jedhaman kunneen: US, Kanaadaa, UK, Faransaayi, Xaaliyaanii, Jaappaanifi Jarman yoo ta'an dhimmoota addunyaa garaa garaa irratti mariyachuuf waggaa waggaan wal-gahu.

    Walgahiiisaanii baranaan addumatti dhimma Gaazaafi Yukireen mariyachuuf har'a Xaaliyanitti wal-gahii eegalanii jiru.

    Gaggeessitoonni biyyoota kanneenii yeroo Xaaliyaanii gahan Muummen Ministeera biyyattii Jiyoorjiyaa Meloonii simannaa hoo'aa erga taasisaniifi booda haasaa baniinsaa godhaniiru.

    Pirezidaantii US Joo Baayidan dabalatee gaggeessitoonni biyyoota miseensa G7 hunduu irratti argamaniiru.

    Gaazatti waraanni guutummaan akka dhaabatuuf biyyoonni G7 hunduu wixinee waliigaltee Joo Baayidan torban lamaan dura dhiyeessan akka deeggaran beeksisanii turan. Wal-gahiisaanii kanarrattis Gaazatti waraanni akka dhaabbatuuf bifa kamiin dhiibbaa akka gaaggeessuu qaban irratti ni mariyatu jedhamee eegama.

    Deeggarsa waraana Yukireenif taasisan cimsuurratti marii bal'aa ni taasisu jedhamee eegama. Pirezidaantin Yukireen, Zeleniskiin "Har'a murtee gaarii ta'e ni eegna" jechuun dubbatan.

    Dabaluunis, "Walgahiin [biyyoota G7] kun irra guddaansaa waa'ee Yukireen irratti ta'a- waraanafi diinagdee keenya bifa kamiin akka cimu irratti," jedhan Zeleniskiin.

    Qabeenya Raahsiyaa Awurooppaa keessatti qoqqoobidhaan jalaa uggurame Yukireenif kennuuf haalli gaarin akka jiru dubbatan Pirezidaant Joo Baayidan.

    Maallaqni Raashiyaa uggurame kun waggaatti dolaarri biliyeena 50 ta'u bifi liqiin Yukireenif akka kennamu US akka irratti mariyatamuuf walgahii biyyoota G7 har'a eeegale irratti ni dhiyeessiti.

  7. Sababa waraanaan ummanni mil. 120 ol ta'u bakka jireenyaarraa buqqa'e - UN

    Ummanni miiliyoona 120 ol ta'u sababii waraanaa, walitti bu'iinsaa fi ari'atamuutiin bakka jireenyasaanii dhiisanii baqachuuf dirqamuu Dhaabbanni Biyyoota gamtooman (UN)’tti eejansiin baqattootaa hime.

    Baay’inni namoota bakka jireenyasaanitii buqqaafaman kunneenis walitti aansuun waggoota 12’f dabalaa jiraachus hime.

    Addunyaarratti baay’inni ummata bakka jireenyaa isaaniitii buqqaafamanis ummata lakkoofsa Jaappaaniin wal qixadha jedheera eejansichi.

    Waitti bu'iinsi haaraan Sudaanii fi Gaazaa keessatti uumamees ol ka'uu baay’ina namoota buqqaafamanii kanaaf guumaachu kan dubbatan UN'tti Hogganaan Dhaabbata Baqattootaa, Filippoo Giraandii “rakkoo suukaneessaatu addunyaa mudate” jedhan.

    Mootummoonnis baqattummaa siyaasa gochuun saffiisaan gara furmaata daangaa cufuutti garagaluurra, hundee rakkoo kanaa akka furaniif waamicha dhiyeessaniiru.

    Tarkaanfii yeroo ariifachiisaa fudhachuunis rakkoo kana akka hin furre BBC'tti himaniiru.

    Kanarras biyyoonni furmaata yeroo dheeraatiif akka waliin barbaadaniif waamicha taasisan.

    Rakkooleen duriifi haaraan addunyaa guutuutti lakkoofsi baqattootaa dabalaa jiraachuu gabaasa waggaa dhimmicharratti dhiyeessaniin ibsaniiru.

    Waraanni Sudaan keessatti janaraalota lamaan jidduutti Ebla 2023 eegale namoota miiliyoona sagalii ol bakka jireenyaasaaniirraa buqqaaseera.

    Haaluma walfakkaatuunis Gaazaa keessattis waraanni Israa'eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamus Onkololeessarraa kaasee, uummata dhibbantaa 75tti tilmaamamu (miiliyoona 1.70) bakka jireenyarraa buqqaaseera.

    Buqqaatii addunyaa inni guddaan kan Sooriyaa mudate yoo ta'u, waraanni bara 2011’tti eegale ummata gara miiliyoona 14 mana isaaniirraa buqqaaseera.

    Namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman gara biraatis DR Koongoo fi Maayinmaar keessaa sababii waraanaatiin bara darbe buqqaafamaniiru.

    Dhaabbanni UN buqaatonni irra caalaan gara biyyoota badhaadhaniitti baqataniiru jedhamuun dhara jechuun, irra caalaan buqqaatotaa biyyoota ollaa fi kanneen galii gadaanaafi jidduugalaa qaban keessatti dahatan jedheera.

  8. Cidha waggoota 32 booda itti fufe

    Osoo cidha godhataa jirtanii haleellaan osoo sinitti baname maal gootu? Waggoota 32 dura, cimdiiwwan Azarbaajaan kanatu mudate. Daawwadhaa!

  9. Qubeellaan MM duraanii dirreerraa argame caalbaasiin £9,500tti gurgurame

    Qubeellaan warqee qabeenyummaansaa kan Ministira Muummee duraanii turee fi dirree keessaa argame caalbaasii irratti dhiyeefamun paawundii 9,500tti gurgurame.

    Qubeellichis Ingiliiz bakka dheedichaa hoolotaa, kan naannoo Aylesbury, Buckinghamshire, jedhamutti ogeessa sibiilaa qoratu kan ganna 85 Toom Kilaarkii jedhamuun lafaa argame.

    Boodarra ammoo qubeellichi kan Joorji Gireenviil kan bara 1763 hanga1765'tti Ministira Muummee Biriteen ture ta'uun isaa adda baafame.

    Qubeellaan warqee kunis Noonans Mayfair'tti namoota USA keessaa bitaniif caalbaasiitti dhiyeeffamuun gurgurame.

    Aab Toom, maanguddoon warqicha lafaa argatanis bu'aa caalbaasichaa kan ganaa isaan hin qaqqabneetti gammadu dubbatan.

    ''Ani hojii sibilaatiif manaa waanan baheef adeemsa gurgurtaa hin ilaalleen ture'' jedhan.

    "Maallaqa qubeellichi itti gurgurame kanas herreega baankiikoo keessa galchuu barbaada ture, garuu haati manaakoo akkamitti akka itti fayyadamu yaada gaarii akka qabduun mirkaneeffadha!” jedhan.

    Ministirri Muummee jaarraa 18ffaa mootii Joorji 3ffaadhaan, gochaa mormii yeroo sana biyyoota kolonii Ameerikaa turan keessatti gaggeeffame kakaasee raawwachuun himatamuun, hojiirraa ari'aman.

    Qubeellaan isaas ilma isaa kan yeroos miseensa paarlaamaa turetti akka dabarfame himameera.

    Innis Ayiraaldi keessatti Loord Leetanaati ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, dhiheenya bakka amma qubeellichi itti argameetti jiraachaa turan.

    Galii gurgurtaa irraa argamu keessaa walakkaan abbaa lafaaf kan kennamu ta’a jedhameera.

  10. Waancaa Awurooppaa baranaa eenyu mo'ata? Ingilaand, Faransaay …?

  11. Cidha adda citee waggoota 32 booda itti fufee gaggeeffame

  12. Dooniin hidhattooti Huutii haleelan balaan dhidhimuu qunname

    Dooniin qabeenyummaanshee kan Giriik taate tokko osoo Galaana Diimaa qaxxamuraa jirtuu diroonii hidhattoota Huutiin haleelamtee garmalee bishaaniin guutamaa jiraachuufi kutaan mootoraa ishee garmalee miidhamu Ameerikaan ibsite.

    Humna Galaanaa UKtti Waajjiirri hojiiwwan Galaanaa Maaritaayiim (UKMTO)n, kallattii kibba - baha buufata Hodeeyidaa kan hidhattoonni Huutii to'ataniitti dooniin tokko karaa duubaatiin haleellaan irra qaqqabuu gabaasni na qaqqabeera jedheera.

    Dooniitti keessas bishaan seenuu fi taateen kunis to'annoon ala ta'aa jiraachuu waajjirichi dabaluun ibseera.

    Hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman haleellaa kanaaf itti gaafatama kan fudhatan yoo ta'u, dooniin alaabaa Laayibeeriyaa mirmirsaa turte, Tutoor, diroonii galaanaatti fayyadamuun haleellaan irratti raawwachuu beeksiseera.

    Hidhattoonni Huutii Filisxeemota Gaazaatti argamaniif deeggarsa isaanii ibsuuf jecha dooniiwwan Galaana Diimaarra imalan irratti haleellaa raawwataa jiru. Haleellaa kanaan wal qabatees sochiin daldala addunyaa danqamaa jira.

    Dubbi himaan waraanaa Huutii ibsa kennaniin, doonii tanarratti haleellaa raawwachuudhaaf garichi jeettii nama -maleessa, diirooniiwwan hedduu fi miisaa'ela baalastikiitti fayyadamuu ibseera.

    Itti dabaluudhaanis, haleellaa raawwatame kanaanis doonittiin haalaa miidhamuufi balaan dhidhimuu akka mudatee dubbii himaan garee kanaa himeera.

    Ibsichaan sababii dooniin tun qiyyeeffannaa haleelaa kanaa itti taatee wayita ibseetti, ''kaampaaniin abbaa qabeenyaa dooniitti ta'e sababii ajaja gara buufataalee Filisxeem kan to'annoo Israa'el jalatti argamaniitti ce'u dhorku cabsaniifiidha'' jedheera.

  13. Deebiin Hamaas dhukaasa dhaaburratti kenne akkamiin US mufachiise?

  14. Pirezidantiin Naayijeeriyaa sagantaarratti gufatanii kufan

    Pirezidantiin Naayijeeriyaa Bolaa Tinuubuu sagantaarrati gufatanii kufan.

    Pirezidantiin dhihoo biyya bulchuu eegalaniifi ganna 72 ta’an konkolaataa gara sagantaa isaan geessurratti yeroo yaabuuf jedhan isaan gufate.

    Sagantaan kuni biyyattiin sirna dimookiraasii erga eegaltee waggaa 25ffaa yaadachuuf kan qophaa’edha.

    Gargaarsa namaan akka ka’an ta’eea.

    Kan biraa wanti mudate hin jiru jechuun gargaaraan isaanii dubbataniiru. Pirezidantichi eegasii sagantaarratti hirmaataniiru.

    Filannoo yeroo darbeerratti kan isaan morkatan, Atikuu Abubaakar jabaadhaa jechuun ergaa dabarsan.

    Lammiileen Naayijeeriyaa baay’ee waan pirezidantii isaanii mudateen ergaa jajjabinaa yoo dabarsan kaan immoo waa’ee fayyaa isaanii gaafataniiru.

  15. Dirooniiwwan UAE fi Iraan attamiin waraana Sudaan hammeessan?

  16. Balaa ibiddaa Kuweetiin namoota 49 du'an keessaa 40 Hindiidha jedhame

    Balaa ibiddaa magaalaa Kuweet Maangaaf jedhamtu keessatti gamoo mana jireenyaa irratti mudateen namootni 49 du'an.

    Isaan keessaa yoo xinnaate lammiileen Hindii 40 akka ta'an Ministeerri Dhimma Alaa Hindii beeksiseera.

    Balaan Ibiddaa kunis Roobii ture kan gamoo hojjattoonni hedduun keessa jiraatan irratti kan mudate.

    Waraabbiin viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti qoodaman akka mul’isaniitti, laboobaan ibiddaa darbii jalaa irraa ka’uun aarri gurraachi ammoo karaa gubbaatiin yoo yaa’u agarsiisa.

    Aanga’oonni akka jedhanitti namoonni balaa kanaan du’an irra caalaan isaanii namoota bulchiinsoota Hindii Keraalaa fi Taamiil Naadu irraa ta’anidha.

    Akkasuma lammiileen Hindii gara 50 ta’anis miidhaan irra gaheera.

    Ministirri Muummee Hindii Naarendraa Moodii miidhamtootaafi maatii isaanitiif erga jajjabinaa dabarsaniiru.

    ‘‘Balaan ibiddaa Magaalaa Kuweeti keessatti mudateen baay'ee gaddineerra’’ jechuun toora X isaaniirratti barreessan.

    "Yaadni kiyyas kanneen firoota dhihoo fi jaalalleewwan isaanii dhaban waliinidha. Kanneen miidhaan irra gahes akka saffisaan bayyanataniif kadhannaan taasisa’’ jedhan.

    Imbaasiin Hindiis haalicha hordofaa jiraachuufi aanga’oota biyyattii waliin hojjataa jiraachu dubbate.

    Kirtii Vaardhaan Singh, hojjataan ministeera mootummaa keessaa kan Kamisa ganama gara Kuweetiitti imalanis, eenyummaa namoota miidhaman adda baasuudhaaf qorannoon qaccee sanyii gaggeeffamaa jiraachuu himan.

    ‘‘Xiyyaarri humna qilleensaa qophiirratti argama. Battala eenyummaan miidhamtootaa adda baafameen firoottaniitti himamuun, xiyyaarri Humna Qilleensaa reeffa miidhamtootaa gara biyyaatti deebiisa’’ jechuun Ejansii oduu ANI’tti himan.

  17. Hezbollaan ajjeechaa ajajaa isaa haaloo bahuuf rokeetii 200 ol Israa'elitti dhukaase

    Haleellaa Israa’eliin ajajaa isaa gameessa tokko kan duraa ajjeefame Hezbollaan, haaloo bahuuf rokeetii danuu ol gara Kaaba Israa’elitti dhukaasan.

    Waraanni Israa’el dhukaasawwan 200 ol daangaa seenan adda baasuu gabaafameera. Haa ta’u malee, ibidda uumuu malee miidhaan namarra gahe yoo jiraate hin gabaafamne.

    Haleellaan Israa’elirratti raawwate kuni gareen Iraaniin deeggaramu baay’inaafi ciminaa haleellaa akka dabalu qondaalli Hezbollaa erga dubbata booda mul’ate.

    Qondaalli Hezbollaa kuni owwaalcha Taaleb Sami Abdullaah kan Kibxata galgala Kibba Libaanositti ajjeefame yeroo taasifamu dubbatan.

    Taaleb ajajaa dirree Hezbollaadha.

    Erga Hamaasi Israa’el gidduu Onk. 07 waraanni eegale as daangaa Israa’eliifi Libaanositti guyyuu sadarkaa jedhamuun walitti dhukaasuun ni ture.

    Hezbollaan Hamaas gargaaruuf akka kana godhu ibseera. Hamaasis ta’e Hezbollaan Israa’el, UK fi biyyoota kaaniin garee shororkeessitoota jedhamuun galmaa’aniiru.

    Akkaataa aangawoonni Libaanosiifi UN jedhanitti, lammiilee nagaa 88 dabalatee namoonni 375 ol Libaanos keessa ajjeefamaniiru.

    Waraanni Israa’el immoo loltoonni 18 fi lammiileen nagaa 10 Israa’el keessa ajjeefamaniiru jedhe.

    Muddamni qaamolee lamaan daangaa kaaba Israa’eliifi kibba Libaanositti lammiilee kuma hedduu buqqaaseera.

  18. Maanguddoon waggaa 76 irra deddeebiin qormaata kutaa 8ffaa qoraman maal jedhu?

  19. US baankiin walqabatee qoqqobbii Raashiyaarra keesse dabalte

    Ameerikaan qoqqobbii Raashiyaarratti keesse guddisuun lakkoofsa qaamolee baankilee dhabbilee qoqqobaman waliin dalaganis dabalte.

    Qoqqobbiin teellanaa kan Muddee keessa baheefi baankilee alaa waraana Raashiyaan Yukireen keessa taasistu deeggaru jedhanitti kan ilaallatudha.

    Sababa qoqqobbii Ameerikaan dolaaraafi yuroon Raashiyaa keessa daldaluun hafeera.

    Ameerikaan itti-fayyadama tekinoloojii US, chipsiifi softiweerii, dabalatee dhorkuuf sochooteetti.

    Pirezidantiin US Joo Baayidan Mudde keessa ajaja mallatteessanin baankiilee namoota 1,200 fi dhaabbilee waraana Raashiyaan Yukireen keessatti taasistu gargaaru jedhaman qoqqobaniiru.

    Qoqqoobbiin kuni amma bal’atee walumaagala qaamolee 4,500 akka dabalatu ta’eera.

    US akkasumas warqee seeraan alaa daddabarsuu irrattis tarkaanfii ni fudhatti.

  20. Ashamaa!

    Tamsaasi Kallattii BBC Afaan Oromoo Kamisaa eegaleera.

    Dhimmoota adda addaarratti odeeffannoo isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!