Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirezidaantin Yukireen jeneraala waraanaa ol-aanaa dandeettii hin qabu jechuun aangorraa ari'an

    Pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin qondaala waraanaa ol-aanaa angorraa hari'an.

    Leetinant Jeneraal Yuuriiy Soodool loltoonni heddu du'uufi madaa'uu hordofee komii irratti ka'een "dandeettii hin qabu" jedhamuun aangorraa kaafame.

    Qondaalli waraanaa kun jalqaba bara kanaaa kaasee Ajajaa Humna Waloo Waraana Yukireen ta'uun tajaajilaa ture.

    Bakkasaa Birgaader Jeneraal Andiriiy Hinaatov muudamee jira.

    Pirezidaant Zeleniskiin qondaala waraanaa olaanaa aangorraa buusuusaanif homaa waan jedhan hin qaban.

    Haa ta'u garuu, Ajajaa Kumaa Birgeedii Azoov kan ta'e Bohdaan Kirooteevich komii Biiroo Qorannoo Yukireenitti dhiyeessen "jeneraala Raashiyaa kam caalaa loltoota Yukireen kan ajjeese Jeneraal Yuuriiy Soodool" jedhe.

    Loltoonni Yukireen dhibbeentaa 99 jeneraala kana akka jibbanis fuula Telegiraamii irraatti barreesse.

    Haleellaa Raashiyaan dhiyeenya kana bifa haaran gaggeessite hordofee, Pireazidaant Yukireen qondaalota waraanaa biyyattii heddu jijjiiraa jiru.

  2. Meeshaan Chaayinaan gara hawaa ergite Addeessarraa samuuda qabatee deebi'e

    Samuudi meeshaan qorannoo hawaa Chaayinaa fuula Addeessaa hanga yoonaa irra ga'amee hin beekne irraa qabatee dhufe kun sochii dhalli namaa Addeessarra jiraachuuf taasisaa jiruuf bu'uura ta'a jedhameera.

    Chang'e-6 ji'oota lamaaf kutaa Addeessaa bakka akkaan sodaatamurratti qorannoo gaggeessaa erga turee booda Kibxata har'aa (Waxabajjii 25,2024) walakkaa gammoojjii Mongooliyaa qubate.

    Saayintistoonni imalarraa deebi'uu Chang'e-6 si'oominaan eegaa turan. Samuudi inni qabatee gara dachee deebi'u gaaffilee waa'ee pilaaneetii hedduu deebisa jedhamee waan abdatamuuf.

    Chaayinaan kutaa Addeessaa dacheerraa achi garagalee fagaatee argamu irra qubachuun addunyaarraa biyya jalqabaati, kanaan duras bara 2019 ergama kana raawwattee turte.

    Fuulli Addeessaa Chaayinaan irra geessee deebite kun irra qubachuuf qormaata guddaa qaba. Fageenyi dacheerraa qabu, boyiiwwan uumamaa fi dirree Addeessaa irra imaluuf akkaan nama rakkisa.

    Saayintistoonni kutaa Addeessaa keessaa iddoowwan hanga yoonaa irra hin ga'amne baruu barbaadu. Kutaan kun kuufama cabbii gara bishaanii, oksijiinii fi haayidiroojiiniitti geeddaramuu danda'u qaba waan ta'eef.

    Ergamni Chang'e-6 addunyaarratti maqaa Chaayinaa olkaaseera, US biratti ammoo hinaaffaa fi gaaffii uumeera.

    Ministirri Muummee Chaayinaa Shii Jiinpiing ergamni kun milkaa'uusaatti erga baga gammadanii biyyasaaniif dabarsaniiru.

    Chang'e-6 wayita nagaan gammoojjii Mongooliyaa qubatu alaabaa Chaayinaan faayamee miidiyaalee biyyattiirratti mul'ateera.

    Ergamni kun hawaa keessaa waan addunyaan barbaaddu qabatee akka dhufe kan abdatan Aab Shiin ''qaama hawaa keessaa bakka dhaqqabuun hin yaadamne bira ga'uun waan hin oolle. Kunis faayidaa dhala namaaf. Akkasumas guddina biyyattii kanaaf,'' jedhan.

  3. Lammiin Baangilaadesh namoota hedduu fannisee ajjeesaa ture du'e

    Baangilaadesh keessatti namoota du'aa itti murtaa'e hedduu fannisuun kan ajjeesee fi dhimma kanarrattis kitaaba kan barreesse maanguddoon umrii waggaa 74 Shaahijaahaan Buyiyaan du'aan addunyaa kanarraa boqoteera.

    Namni kun namoota siyaasaa dabalatee namoota hedduu fannisuun lubbuu baaseera.

    Namni 'harkisaa dhiiga namoota hedduun faalame' kun lapheessarratti dhukkubbiin erga itti dhagamee booda hospitaala magaalaa guddittii biyyattii Daakaa keessatti argamutti geeffamee osooma wal'aanamaa jiruu achitti lubbuunsaa darbe.

    Namni kun yoo xiqqaate murtee du'aa namoota 26 raawwateera jedhamee amanama, gabaasni gariin inumaa hanga nama 60 fannisuun ajjeeseera jedhu.

    Duraan warraaqsa biyyattii keessatti ga'ee olaanaa qabaachaa kan ture namni kun, yakka hannaa fi ajjeechaan hidhaan waggaa 42 itti murtaa'ee osoo mana hidhaa jiru hojii namoota adabbiin du'aa itti murtaa'e ajjeesuu eegale.

    Shaahijaahaan namoota adabbiin du'aa itti murtaa'e ajjeesuu akka hojii tola ooltummaatti kan eegale yeroo hidhaa isaa akka irraa hir'atuuf ture.

    Kanarraa ka'uun hidhaan itti murtaa'e irraa hir'atee bara darbe mana hidhaatii gadhiifame.

    Qondaaltonni waraanaa Ministira Muummee biyyattii Sheek Mujiibiir Rahmaan ajjeesuun adabbiin du'aa itti murtaa'e namoota Shaahijaah fannisee ajjeese keessaati.

    Namoota siyaasaa yakka waraanaan himataman- Alii Ahsan Mujaahid fi Saalahuddiin Kadir Chaawudirii akkasumas namoota hedduu ajjeesuun kan beekamu Ershaad Shikdar kan ajjeese nama kana.

  4. Sudaanitti daa'imman miiliyoonaan lakkaa'aman beela'aa jiru-Unicef

    Dhabbaata gargaarsaa idila addunya daa'imman irratti hojjetu Unicef kan hoogganaan Kaatriin Ruusel Sudaan daa'immaniif biyya addunyaarraa hamtuu taatedha jedhan.

    Addunyaarratti bakka daa'imman miliyoonaan lakkaa'aman keessatti buqqa'aniidha kan jedhan. Miiliyoononni nyaata gahaa hin argatan hedduunis barnoota hin deemanii jedhan.

    Daa'imman fiixee balaa beelaarra jiru, daa'imman miliyoona sagal ta'an idileen nyaata hin argatan, miiliyoona afur kan ta'an ammoo hanqina nyaata gaha jabaa qabu'' jechuun BBCtti dubbatan.

    ''Yeroo qaqqabuufin nurra jiru qaata ture, ammoo ammas qaqqabuufi yoo baanne kana caala hammaata'' jedhan.

    Ogeessi dhimma soorataa BBCn dubbise hanga Fulbaana dhufuutti uummatni Sudaan dhibbentaan 70 ni beela'a jedheera.

    Tiimoo Gaasbeek akka jedhutti '' sababa kanaatti namootni miliyoona lamaaf walakkaa du'uu malu.'' Sababa nyaatni gahaan hin jirreef uummatni beelaan dhumuu malu hana miliyoona afurii akka gahus hime.

  5. Somaaliyaan daangaakoo cabsitee seente jechuun Mana-maree Nageenyaa UN irratti Itoophiyaa himatte

  6. Uggura diddaa ashuuraa manneen barnootaafi tajaajila kaan cufsiise

    Lammiileen keeniyaa wixinee labsii ashuuraa(gibiraa) diduun guyyootaaf mormiitti turan, Kibxataafi Roobii kana uggura sochii labsuun mormii itti fufaniiru.

    Qopheessitootni sagantichaa mormii kanarratti namootni miiliyoona tokko Paarlaamaa biyyattiitti bahuun akka morman waamicha dhiyeessaniiru.

    Mormiin kun kan gaggeefamu wayita paarlaamaan biyyattii wixinee labsii kanarratti yeroo lammmataaf mariyatuudha.

    Mormitootni "Kenya Reject-Finance Bill 2024," jechuun miidiyaalee hawaasaa fi qaamaan duuluutti jiru. Mormiin kun sababa tiwiitara irratti bal'inaan gaggeeffamaa jiruuf biyyoota addunyaa kaanittis gurra horateera.

    Lammiileen Keeniyaa wixineen ashuuraa kun dhibbaa diinagdee amma jala jiran ittuu akka hammeessuu kaasuun morman.

    Magaalaa guddoo Naayiroobii keessatti gamoowwan mootumma ahedduutti eegumsi jabaateera. Qaamoleen nageenyaas eeggannoo jabaa akka godhan ajajamaniiru. Uummata mormiif akka bahu waamame to'chuufis humni dabalataa duuleera.

    Miidhaa gahuu danda'u xiqqeessuuf manneen barnootaa guutuu biyyattii keessatti cufamaniiru.

    Ministirri nageenya biyya keessaa Kindiikii Kituurii yaaliin waajiraalee mootummaarra miidhaa geessisuu akka hin godhamne akeekkachiisaniiru.

  7. Kasaaraa Kirooshiyaa carraa Luukaa Moodrich gufachiise

  8. Keeniyaatti wixinee gibiraa mootummaan dhiyyeesse ilaalchisuun momrii guddaatu eegama

    Keeniyaatti har'a fi Kamisa (Kibxata 25 fi 27, 2024) wixinee labsii gibiraa mootummaan dhiyeesse 'Finance Bill 2024' ilaalchisee mormii jabaatu eegama.

    Lammileen biyyattii qabiyyeen wixinee labsii dhiyaatee kun jireenya durattiyyu qaala'e daran hammeessa jechuun guutummaa biyyaattii keessatti mormii jabaatti jiru.

    Mormii kana kan qindeessan ammoo dargaggoota Gen Z [Qeerroo] biyyattii yoo ta'an, namoota milyoona tokkoo ol akka itti hirmaataniif waamicha taasisaniiru.

    Mata-dureen mormii kanaa ammoo "Kenya Reject-Finance Bill 2024," kan jedhu yoo ta'u, dura miidiyaa hawaasaarratti jalqabamee torban darberra kaasee ammoo namoonni daandiitti bahanii mormiitti jiru.

    Sababa mormii jabaa karoorfame kanaan interneetiin ni cufama jedhamee sodatamus, Abbaan Taayitaa Komunikeeshinii biyyattii garuu oduun ni cufama jedhu sirrii miti jechuun, lammileen mirga odeeffannoo argachuu qabu jechuun akka hin cufamne kaleessa galgala ibsa baaseen himeera.

  9. Falmii filannoo Baayidaniifi Tiraampirratti dhiibbaa dullumni fidu ajandaa ta'a

  10. Icciitii US baasuun waggootaa hidhaarra kan ture Juliyaan Asaanj bilisa bahe

    Sanadawwan US icciitii gurguddaa qaban miliqsee baasuun himatamee waggootaaf UK keessa mana hidhaa kan ture hundeessaan 'Wikileaks', Juliyaan Asaanj UK irraa gara Ameerikaatti geeffame.

    Juliyaan Asaanj mana hidhaa UK irraa US tti dabarfamee kennama jedhamaa erga turee booda waajira haqaa US waliin waliigaltee godhameen himannaa irratti dhiyaate raawwachuu amanuun hidhaa dabalataa malee akka gadhiifamu ta'e.

    Waliigalteen kun kan gahame Roobii mana-murtii Odola Noorzarn Maariyaan jirurratti dhiyaateeti.

    Hundeessaan Wikileaks kun waggoota shanan darban, erga 2019 kaasee, mana-hidhaa UK keessatti dabarse.

    Embaasii Ekuwaadoor Landan jiru keessaa bara 2012 irraa eegalee kolu-galtummaan kan ture Juliyaan Asaanj Ebla 11 bara 2019 to'annaa jala oole.

    Himannaa yakka saal-qunnamtiin walqabatee irratti banameen walqabatee akka Siwiidiinitti dabarfamee hin kennamneef kan Juliyaan Asaanj koluu-galtummaa keessa ture.

    Ameerikaan iccitiiwwan inni miliqsee baase seera biyyattii kan cabsee fi lubbuu namootaa balaaf kan saaxiledha jetti.

    Asaanj dhimmi isaa yaada siyaasaa of duubaa qaba jechuun dabarfamee kennamuu isaa faccisaa ture.

    Hundeessaan 'Wikileaks' kun eenyu?

    Viidiyoo kana daawwadhaa.

  11. Sabboonaa Bulloo: Dargaggeessa jireenya daandiirraa ka'ee kaaniif hojii uumaa jiru

  12. Lammiilen biyyoota Baha Eshiyaa maaliif amantiisaanii jijjiiraa jiru?

  13. Loltoonni Itoophiyaa al-Shabaabiin adamsaa hayyama malee daangaa Somaaliyaa galan

  14. ‘Baankii keessaa maallaqa qaba garuu ijoolleekoof daabboo bituu hin danda’u’

  15. Qaala’insa jireenyaa Itoophiyaa abba ijoollee lakkuu afurii abdii kutachiise

  16. Raashiyaatti manneen amantaa fi bakki waaqeffannaa haleelamuun poolisoota 15 dabalatee namoonni 20 du'an

  17. Dhabbanni Fayyaa Addunyaa maal hojjataa? Maal milkeesse?

  18. Penile cancer: Dhibee kaansarii dhiiraa waldhaansisaa hanga qaama saalaa guutummaatti muruu gahu

  19. Raashiyaan haleellaa Kiriimiyaatti lubbuu namootaa galaafateef US himatte, deebiin barbaadas jette

    Raashiyaan bulchiinsa to'annooshee jala jirtu Kiriimiyaa keessatti haleellaa misaa'elaa Sebaastootoopool irratti raawwachuun lubbuu namoota afurii galaafateef US himatte.

    Haleellaa misaa'elaa Yukireeniin raawwatame kanaaf meeshaan waraanaa faayidaarra oolee kan Ameerikaati kan jettu Raashiyaan, dhimma kanarratti deebii akka barbaadduu fi daafoonsaas balaa akka baatu akeekkachiisteetti.

    Haleellaa misaa'elaa kanaan namoota du'an afur keessaa daa'imman lama ta'uu kan himan qondaaltonni, balaa kanaan namoonni 150 caalan miidhamuu ibsan.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa misaa'elli Yukireen dhukaafte kan Ameerikaan deeggarsaan kenniteef- ATACMS yoo ta'u sagantaa haleellaa kana kan qindeessanis ogeeyyii Ameerikaati jedhe.

    Dhiheenya Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin biyyoota Yukireeniif meeshaa waraanaa dhiheessan irratti qiyyaafachuun haleellaa akka raawwatan dhaadataniiru.

    Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peskoov haleellaan kun ''gocha jara jabummaa namoota ilaalcha boodatti hafummaa qabaniin raawwatameedha,'' jedhan.

    US ''ijoollee Raashiyaa ajjeesaa jirti,'' jechuunis himatan.

  20. Imala Luukaa Modrich: Tiksituu re’ee irraa hanga Ballon d'Or mo'achuutti