Pirezidaantin Yukireen jeneraala waraanaa ol-aanaa dandeettii hin qabu jechuun aangorraa ari'an
Pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin qondaala waraanaa ol-aanaa angorraa hari'an.
Leetinant Jeneraal Yuuriiy Soodool loltoonni heddu du'uufi madaa'uu hordofee komii irratti ka'een "dandeettii hin qabu" jedhamuun aangorraa kaafame.
Qondaalli waraanaa kun jalqaba bara kanaaa kaasee Ajajaa Humna Waloo Waraana Yukireen ta'uun tajaajilaa ture.
Bakkasaa Birgaader Jeneraal Andiriiy Hinaatov muudamee jira.
Pirezidaant Zeleniskiin qondaala waraanaa olaanaa aangorraa buusuusaanif homaa waan jedhan hin qaban.
Haa ta'u garuu, Ajajaa Kumaa Birgeedii Azoov kan ta'e Bohdaan Kirooteevich komii Biiroo Qorannoo Yukireenitti dhiyeessen "jeneraala Raashiyaa kam caalaa loltoota Yukireen kan ajjeese Jeneraal Yuuriiy Soodool" jedhe.
Loltoonni Yukireen dhibbeentaa 99 jeneraala kana akka jibbanis fuula Telegiraamii irraatti barreesse.
Haleellaa Raashiyaan dhiyeenya kana bifa haaran gaggeessite hordofee, Pireazidaant Yukireen qondaalota waraanaa biyyattii heddu jijjiiraa jiru.