Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate erga haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte

Israa'el Libaanos keessatti eddoowwan Heboollaan deeggarsa cimaa itti qabu erga haleellaa turteen booda, amma bu'uraalee miisoomaa Yeman kan meeshaaleen waraanaa Iraan ittiin geejibaman haleeluu beeksiifte.

Guduunfaa

  • Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
  • Israa'el Nasrallaa waliin qondaaltoota Hezbollaa 20 ajjeessuu himte.
  • Ajjeechaa hogganaa Hezboollaatiin boodas Israa'el haleellaa Libanos keessatti itti fufte, Iraan ammoo haaloo bahuuf dhaadatte
  • Netaanyaahuun duuti hogganaa Hezbollaa 'jijjirama seena qabeessa' yoo jedhan, Iraan haaloo bahuuf dhaadatte
  • Ajjeechaan Nasrallaa 'tarkaanfii haqaati' jedhan Baayidan
  • Jiraattoonni Libaanos osoo Hasrallaa dhiisan 'nu ajjeessanii wayya' jedhan
  • Hogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaan ajjeeffaman
  • Netaaniyaahuun lolli Israa’el fi Hezboollaa jidduu bakka itti fufee jiruutti mariin dhukaasa dhaabuu itti fufa jedhu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaan Libaanos irratti raawwatamuu babal’achuu mala - Ministira Raayyaa Ittisaa Israa'el

    Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa’el Yo'av Galanti walga’ii qondaaltota waraanaa waliin Tel Avivitti geggeessan irratti haleellaan Libaanos irratti raawwatamaa jiru babal’achaa jira jedhan.

    Tarkaanfiwwaan itti aananii fudhatamanis ''hanga kaayyoo keenya galmaan geenyutti itti fufu" jedhan. Ministirichi haasawa afaan Ibruutin taasisaniin kaayyoon isaanii inni guddaan jiraattota kaabaa Israa'el irraa buqqa'an karaa nagaan gara qe'ee isaaniitti deebisuu ta'uu himan.

    "Guyyoonni ummanni nagaa fi tasgabbiin qe'ee isaanii keessa jiraatan ni dhufas' jedhan.

    Hizbullaan Onkoloolessa 8 bara 2023 eegalee rookkeettii gara daangaa Israa’elitti erge dhukaasuu jalqabee booda lammiileen Israa’el gara 60,000 ta’an naannawa kaaba Israa'el irraa baqatan hanga yoona gara qe'ee isaanii hin deebi'in jiru.

  2. Egamaan UN muddamni Libanos keessaa akka hir'atu gaafate

    Humni Yeroo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Libaanos (UNIFIL) dhimma nageenya lammiilee nagaa kibba Libaanos keessa jiranii irratti ''yaaddoo cimaa'' qabaachuu ibse.

    Hogganaan ergama kanaa Jeneraal Aroldoo Laazaaroo, qaamoolee lamaan; kan Libaanosii fi Israa’el qunnamuudhaan, hatattamaan muddama hir’isuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbatan.

    "Haalli balaa kana daran hammachuun waan cimaa fi hamaa fiduu danda'a."

    UNIFILn humna UN nagaa eegsisuu ta’e, haleellaan namoota nagaa irratti raawwatamu kan seera idil-addunyaa cabsu ta’uusaa fi yakka waraanaa ta’uu akka danda’u akeekkachiisa.

  3. Somaaliyaan meshaalee waraanaa guddaa Masirii irraa argachuun himame

  4. Baha Giddu-galeessaatti yaaddoon gara walitti bu’insa bal’aatti seenuu guddaadha

    Lolli Israa’el fi Hezboollaa giduutti babal’ataa jiru, carraa humnoota Baha Giddu-galeessaa keessa jiran harkisuu qabateera.

    Dilbata gurmuun milishootaa michuu Iraan ta’an maqaa Islaamik Reziistaans in Iraaq (IRI) jedhamuun beekamu, kiruuz misaa’elii Israa’eliti dhukaasuun diroonii rukkuteera. Gareen kun gocha isaa kana Libaanos waliin dhaabbachuuf “adda deegarsa taasifnu keessatti sadarkaa haaraa” jedheera.

    IRI Iraaqiifi Sooriyaa keessa kan socho’u yoo ta’u, haleellaa Israa’el fi buufataalee US qaxanaa sana keessa jirurratti taasisu erga Onkoloolessa 2023 waraanni Gaazaa keessatti kaasee cimsee itti fufeera.

    Gareen kun humna waraanaa guddaa Iraan – Islaamik Rivoluushinarii Koorpis (IRGC)tiin kan deeggaramu ta’ee qama humna Iraan Aksis oof Reziistaans jettuudha.

    Humna Aksis oof Reziistaans kana Iraanitu waggoota kurnan dura guutummaa Baha Giddu-galeessaa keessatti dhiibbaa biyyi michuu jabduu Israa’el taate US qaxanaa sana keessatti qabdu dura dhaabbachuudhaaf gareewwan akka Hezboollaa, Hamaas, IRI, akkasumas milishoota Iraaqiifi Sooriyaa, Huutii warra Yaman, walitti fiduun hundeesse.

    Hanguma walitti bu’iinsi Israa’el fi Hezboollaa gidduu hammaachaa dhufe, gareen Aksis oof Reziistaans jedhamu kung ama Hezboollaatiin goranii carraan keessatti hirmaachuu isaanii dabalaa dhufa.

    Kun taanaan ammoo Israa’el humnoota kanneen bakka isaan maandheffatanii Jirani kamittiyyu haleeluu dandeessi.

  5. Mossad: Dhaabbata basaasaa Israa'el 'humniifi biyyi isa daangessu hin jirre'

    Mossad humni daangessu akka hin jirre kan dubbatu lammiin Israa’el Yoosii Meelmaan, “hanga qarqara samiitti deemuu danda’a,” jechuun BBC'f ibsa.

    Itti-dabaluun Mossad “biyya michoota ta’an yoo tuqe, daangaa bulchiinsa isaanii keessatti yakka yoo raawwate ykn seera idil-addunyaa ykn kan biyyaalessaa yoo cabse nageenyia Israa’el eegsisuuf akka ta’etti amanama,” jedha.

    Kitaaba waa’ee Mossad ibsurratti”Spy of the Holocaust” jedhamu kan barreesse Yoosiin akka jedhutti dhaabbanni basaasaa kun gocha biyyootaafi mootummoota dheekkamsiisu daangaa bulchiinsa isaanii keessatti raawwatus biyyoonni kunneen dhimmicha cimsanii itti hin fufan.

  6. Haleellaa Israa’el kibba Libaanos keessatti raawwatte viidiyoon daawwadhaa

    Haleellaa Israa’el kibba Libaanos keessatti gaggeessaa jirtuun aarri duumessa samii fakkaateera.

    Ganamarraa gareen viidiyoo haleellaan kun magaalaa kibba Libaanositti argamtu Taayer keessatti maal akka fakkaatu waraabaniiru.

    Viidiyoon kun haleellaa hordofee aarri ba'u duumessa samii haguuge fakkaatee mul'ata.

    Daawwadhaa!

  7. Haleellaa Israa’el Hezboollaarratti cimstee itti fifteen namoonni 182 ajjeefamaman–Libaanos

    Haleellaa Israa’el har’a gaggeessiteen yoo xiqqaate namoonni 182 ajjeefamamanii dhibbaan kan lakkaa’aman ammoo madaa’uu ministeerri fayyaa Libaanos beeksise.

    Israa’el ammoo haleellaaa hezboollaa irratti gaggeessitu wayita “cimsaa” jirtutti, lammileen Libaanos biyyattii gama kibbaan jiran akka garee Iraaniin deeggaramu Hezboollaa irraa fagaataniif ergaa bilbilaa itti ergaa jirti.

  8. Libaanositti namoonni 50’n ajjeefamanii 300 ol madaa’an

    Ministeerri fayyaa Libaanos haleellaa ganama kana mandaroota fi magaalota kibba Libaanositti raawwatameen namoonni 50 ajjeefamuu beeksise.

    Giddugaleessi tajaajila hawaasaa yeroo atattamaa akka beeksisetti, daa’imman, dubartoota fi ogeeyyii lubbu baraarsaa dabalatee namoonni 300 ol kan mada’aaniru.

    Ministeera Odeeffannoo biyyattii dabalatee namoonni kibba Libaanos jiraatan dhaamsi akeekkachisaa barreeffamaa fi sagaleen isaan qaqqabuu himan.

    Namoonni kunneen iddoo Hezbollaan keessa socho’uu akka bahan akeekkachiifaman.

    Gabaasaa BBC dambalii haleellaa kana lola garmalee hamaa ta'uu ibse.

    Ministirri Ittisaa Israa’el ‘’kaayyoo keenya hanga galmaan geenyutti haleellaa ni cimsina’’ jedhan.

  9. Waraanni Israa’el maadheewwan Hezbollaa 300 Libaanositti haleele

    Waraanni Israa’el toora miidiyaa hawaasaa X gubbaatti 'amma yoonaatti maadheewwan Hezbollaa 300 har’a haleelamaniiru‘‘ jedhan.

    Kana malees qondaalii olaanaa waraanaa Israa’el wayita haleellaan akka raawwatamu ajajan suura agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti qoode.

    Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa’el Yo'av Galanti walga’ii qondaaltota waraanaa waliin Tel Avivitti geggeessan irratti haleellaan Libaanos irratti raawwatamaa jiru babal’achaa jira jedhan.

    Tarkaanfiwwaan itti aananii fudhatamanis ''hanga kaayyoo keenya galmaan geenyutti itti fufna" jedhan.

    Ministirichi haasawa afaan Ibruutin taasisaniin kaayyoon isaanii inni guddaan jiraattota kaabaa Israa'el irraa buqqa'an karaa nagaan gara qe'ee isaaniitti deebisuu ta'uu himan.

    Hezbollaan Onkoloolessa 8 bara 2023 eegalee rookkeettii gara daangaa Israa’elitti dhukaasuu erga jalqabee booda lammiileen Israa’el gara 60,000 ta’an naannawa kaaba Israa'el irraa baqatan hanga yoona gara qe'ee isaanii hin deebi'in jiru.

  10. Kaayyoon gurguddaan waraanni Israa’el Libaanos irratti gaggeessu maali?

    Qondaalli waraana Israa’el galmoota waraana Libaanos keessatti raawwatamu irratti gaafatamee akka ibsetti, ammatti waraana lafoo utuu hin taane haleellaan qilleensarraatu raawwatam.

    Qondaalichi galmoota waraanaa sadii kanneen Israa’el lammiilee buqqa’an kumaatamaan lakkaa’aman gara kaaba biyyattiitti deebisuuf qabdu galmaan ga’uuf duula taasifamu ta'uu himan.

    Israa’el dandeettii Hezbollaan rookkeettiiwwan dhukaasurratti qabu laaffisuu fi loltoota garichaa daangaa Libaanosif Israa’el irraa duubatti deebisuun galma biroo ta'uu qondaalichi eeran

    kana malees,bu'uuraalee misoomaa humna waraana Hezbollaa - humnoota deeggartootan ijaaraman barbadeessuudhan,hawaasa Israa’el duguuggaa, ajjeecha fi ukkaamsaa irra bilisa gochuu fa'i jedhan.

  11. Namoonni Libaanos keessa jiran naannawa sochii Hezbollaa irraa akka fagaatan Israa'el akeekachiifte

    Israa'el haleellaan guddaan eegaluuf waan ta'uuf namoonni Libaanos keessa jiraatan naannawa sochii fi xiyyeeffannaa Hezbollaa irraa akka fagaatan akeekkachiifte.

    Humni waraanaa Israa'el IDF haleellaa Libaanosirraa gara Israa'elitti taasifameef deebii kan ta'u tarkaanfii " bal'aa fi sirrii" ta'e fudhatamuuf qophiin xumuramuu dubbi himaa Raayyaa Ittisa Israa'el Rehar Admiral Daani'el Hagaari Rooyitersitti hime.

    Namoonni 'nageenya isaanif jecha' naannawa qiyyeeffannoo Hezbollaa irraa akka fagaatan dhamnas jedhe. Kunis haleellaa Sanbata darbee Hezbollaa Libaanos irraa rookkeettii 150 Israa’elitti dhukaase haaloo bahuuf ta'uu IDF kan ibse.

    Israa’eel haleellaa qilleensaa kibba Libaanos keessatti bakka sochii Hezbollaa irratti xiyyeeffachuun kan raawwatte yoo ta’u, rookkeettiiwwan kumaatamaan lakkaa’aman barbadeessuu ibsite.

    kana malees haleellaa naannoo kibba Beerutitti raawwateen qondaalli waraanaa olaanan Hezbollaa ajjeefamuun ni yaadatama.

  12. Israa'el kibbaa fi baha Libaanositti haleellaa jabaa banuu ibsite

    Ganama barii sa’aatii 12:30 irraa eegalee kibbaa fi baha biyyattii keessatti haleellaan raawwamuu miidyaaleen biyyattii gabaasan.

    Miidiyaan biyyaleessaa (NNA) akka gabaasetti, kibba Nabati, Bint Jibil fi Marjayuun keessatti qaqqabe.

    Miidiyaan biyyattii kun akka gabaasetti, baha Bekaa jedhamuttis haleellaa xiyyaaraa cimaatu qaqqabe.

    Kaaba baha Libaanositti haleellaa qaqqabeen namni tokko ajjeeffamuu miidiyaan biyyattii kun gabaasera.

  13. 'Filannoorratti yoon injifatame deebi’e hin dorgomu'- Tiraamp

    Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonald Tiraamp filannoo Pirezedantummaa Ameerikaa Sadaasa dhuftuurratti yoo injifataman bara 2028 deebi’anii akka hin dorgomne himan.

    Maanguddoon ganna 78 Tiraamp filannoo biyyaaleessaa sadiirratti kaadhimamaa ta’aanii dhiyaachuun madditti, paaartii Rippabiikaanotaa ganna saddeeettan darban bifa haaraa akka qabaatu taasisan.

    Tiraamp yoo filannoo injifatanis seerri Ameerikaa pirezedantiin biyyattii marroo lamaa ol akka tajaajille daangessa.

    Tiraamp kanaan dura filannoorratti injifatamuun mala jedhanii amananii hin beekan, yeroo heddu deeggartootasaaniitiin filannoo ni injifanna jechuun beekamu.

    Tiraamp filannoorratti tarii injifatamuu akka malan akeekuun, Joo Baayidan dorgommii pirezedantummaa keessaa erga bahanii itti aantuun isaanii Kamaala Haaris bakka bu’anii booda haaalli Dimokiraatoonni itti jiran jijjirama agarsiisera.

    Gareen duula filannoo Haaris Hagayya keessa maallaqa Doolara miliyoona 190 yoo walitti qabu, gareen duula filannoo Tiraampitti hidhata qabu Doolara miliyoona 130 walitti qabe.

    Yaada hawaasa akka biyyattii sassaabsameen Haaris deeggarsa argachuun Tiraamp dursaa jiru, yaada hawaasa CBS Dilbata gadhiise akka agarsiisutti Haaris deeggarsa %52 argachuun Tiraamp (%48) akka biyyattii dursaa jiru.

  14. Maatii tokko keessaa namoonni afur mana jige keessatti du’an

    Ijoollee lama dabalatee miseensonni maatii tokko walumatti afur ta’an dho’insa gaazii kibba Xaaliyaaniitti qaqqabeen du’an.

    Dho’insa mudate kanaan gamoon mana jireenya abbaa darbii lamaa magaalaa Saviyaanoo jedhamutti argamu gartokkeen jiiguun obbolaa dhiiraafi durba, haadha ijoollee kanaa fi akkoosaanii ajjeese.

    Abbaan ijoollee kanaa daa'ima reefu dhalatte wajjiin gamoo jijjige keessaa lubbuun baraaramuu lubbu- baraartonni Xaaliyaanii himan.

    Abbaan ijoollee miidhaman kun hospitaala Naplisitti wal'aanamaa kan jiran yoo ta'u, haala haala lubbuuf yaaddeessu keessaa kan jiru- daa’ima baraaramterra garuu miidhaa salphaatu qaqqabe.

    Sababa gamoon sun akka jiiguuf ka’umsa akka ta’e qorachuuf qorannoon gaggeeffamuu ittifufeera, garuu dho’iinsa gaazii mudate hordifuun gamoon sun jiguutu himame.

    Tajaajilli yeroo balaa Xalaayaanii akka himetti, balaa kun galgalaa naannoo sa'aatii tokkotti mudate.

  15. Israa’el fi Hezbollaan lola hammeessuurraa akka of qusatan akeekkachiifaman

    Israa’el fi Hezbollaan humna qaban hundaan wal waraanutti akka hin ceene hawaasni idil- addunyaa waamicha dhiyeessaa wayita jiranitti gareen lachuu wal-haleeluu cimsuuf wal doorsisaa jiru.

    Waraanni Israa’el akka beeksisetti, rookkeettiiwwan 150 fi misaayiloonni Sambata halkanii fi Dilbata ganama gara Israa’elitti dhukaafamaniiru.

    Irra caalaa meeshaalee waraanaa kanaa Libaanosirra dhukaafaman.

    Meeshaaleen waraanaa kun muraasni iddoo kanaan dura hin qaqqabnetti kan gahan yoo ta’u, manneen jireenya naannoo magaalaa Hayifaa barbadeessuun namoonni dawoo boombii jalaa ittii dhokatanitti baqatan dirqisiise.

    Israa’el Kibba Libaanos haleeluun, rookkeettiiwwan Hezbollaa kumaatamaan lakkaa’aman barbadeesse jette.

    Dilbata darbe MM Israa‘el Beenjamin Neetanahuun‚ Israa’el nageenya deebisuuf ‘‘ tarkaafii barbaachisaa kamiyyuu fudhachuun naannoo daangaa Israa’el fi Libaaanoositti namoota buqqa’an ni deebisti‘‘jedhan.

    Neetanahuun Israa’el miidhaa jabduu Hezbollaarraan gahuu kan himan yoo ta’u, Hogganaa ittaanaan Hezbollaa Naayim Qaasim ‚‘doorsifini nu dhaabu… waraanaa sadarkaa kamifuu qophiidha‘‘ jedha.

    Barreeessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gaamtoomanii Antooniyoo Guutereez Libaanoon Gaazaa biraattii akka hin geeddaramneen yaadda‘ jechuun CNNtti dubbatan.

  16. Tamsaasa kallattii toora kanaan argattu.

    Attam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Tamsaasa kallattii odeeffannoo Israa'el fi Hezboollaa, Israa'el fi Gaazaa, walumaagalatti taateee Baha Giddu-galeessaatti ta'aa jiru isiniif dhoyeessuu jalqabneerra.

    Nu hordofaa!!