Netanaahuun loltoonni Israa'el ‘humna guutuun’ akka ittifufanii lolan ajajan
Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netanaahuun loltoonni biyyattii waraana Libaanos keessatti itti jiran humna guutuun akka ittifufan itti himan.
Ajaji MM Netaniyaahoo kun US, UK fi EU dabalatee biyyoonni Lixaa michoota ta’an waraanni Israa’el fi Hezboollaa gidduutti gaggeeffamu daran hammaachaa dhufe kun yeroof dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha taasisuu hordofeeti.
Ministirri dhimma alaa Israa'el Israa'el Kaatiz ammoo, "kaaba keessatti dhukaasa dhaabuun hin jiru" jedhan.
Israa'el, "hanga injifannuttiifi jiraattonni kaabaa hanga nagaan qe'ee isaaniitti deebi'anitti humna qabnu hundaan dhaabbata shorokeessaa Hezboollaa ittifufnee lolla," jechuun fuula X irratti barreessan.