Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate erga haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte

Israa'el Libaanos keessatti eddoowwan Heboollaan deeggarsa cimaa itti qabu erga haleellaa turteen booda, amma bu'uraalee miisoomaa Yeman kan meeshaaleen waraanaa Iraan ittiin geejibaman haleeluu beeksiifte.

Guduunfaa

  • Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
  • Israa'el Nasrallaa waliin qondaaltoota Hezbollaa 20 ajjeessuu himte.
  • Ajjeechaa hogganaa Hezboollaatiin boodas Israa'el haleellaa Libanos keessatti itti fufte, Iraan ammoo haaloo bahuuf dhaadatte
  • Netaanyaahuun duuti hogganaa Hezbollaa 'jijjirama seena qabeessa' yoo jedhan, Iraan haaloo bahuuf dhaadatte
  • Ajjeechaan Nasrallaa 'tarkaanfii haqaati' jedhan Baayidan
  • Jiraattoonni Libaanos osoo Hasrallaa dhiisan 'nu ajjeessanii wayya' jedhan
  • Hogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaan ajjeeffaman
  • Netaaniyaahuun lolli Israa’el fi Hezboollaa jidduu bakka itti fufee jiruutti mariin dhukaasa dhaabuu itti fufa jedhu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraaq Israa'el hogganaa Hezbollaa ajjeesuun 'sarara diimaa hunda' qaxxaamurteetti jette

    Mee yaada dabalataa biyyootaa fi gareewwan Baha Giddugalaarraa kanneen oduu du'a Hasan Nasrallaa irratti deebii kennaa turan tokko tokko isiniif haa geenyu.

    Sochiin hidhattoota Huutii Yeman keessaa, du'a hogganaa Hezbollaa duraaniitti gaddi itti dhaga'amuu ibse. Haata'u malee, "deeggarsi taasisuu cimaa fi guddachaa deema" jechuun dhaadateera.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan, Naasar Kaanaani, haleellaan kun ''yakka waraanaa'' ta'uu ibsuun, Israa'eel fi Ameerikaan itti gaafatamuu qabaniidha jechuun miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

    Waajjirri ministira muuummee Iraaq gadda guyyoota sadii labsuun, Israa'el ajjeechaa Nasrallaatiin ''sarara diimaa hunda'' qaxxaamurtee jirti jedheera

  2. Ajajaan IRGC Iraan haleellaa Beerutiin ajjeefame

    Qondaaltonni Iraan, ajajaa ittaanaan oppareeshiniiwwan Garee Eegdoota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRDC) Abbaas Nilforushan, haleellaa kaleessa Beerut keessatti raawwatameen ajjeefamuu beeksiise.

    Akka yaadachiisaatti, Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) waggoota 40 dura sirna Islaamaa biyyattii tiksuuf, akkasumas humna waraanaa idileetiin maddaallii eegsiisuuf jechuun kan hundeeffamedha.

  3. Humnooti naannichaa Hezboollaa deeggaraa, cina dhaabadhaa - Ayaatoolaa Heminii

    Isaraa'el hogganaa Hezboollaa Hasan Nasrallaa ajjeesuu himuu booda Hogganaan Olaanaa Iraan yeroo jalqabaaf waan jechuun dhagahameera.

    Gareen Hezboollaa teessoon isaa Libaanos tahe Iraan irraa waggoota dheeraaf I deeggarsa maallaqaafi waraanaa argachaa baheera.

    Marsariitii kan isaanii tahu mirkana qabu irratti Ayaatoolaa Kaameeniin yaada isaanii barreessanillee maqaa Nasarallaa garuu hin kaasne.

    Jalqabarrttii ''lammiileen Libaanos of baraaruu hin dandenye,'' ajjeefamuu balaaleffachuun jalqaban. ''Hogganooti Israa'el kan fageessanii hin ilaalleefi imaammata waa'ee hin baasne akka qaban agarsiisa,'' jedhan.

    ''Yakkamtoonni Israa'el iddoo Hezboollaa Libaanoos keessatti qabate jiru irratti midhaan qaqqabsiisuu danda'an akkaan xiqqoo tahuu hubachuu qabu jedhan. Dabaluunis, ''humnooti diddaa naannichaa hundi Hezboollaa deeggaraa, cinaa dhaabadhaa,'' jechuun ergaa dabarsan.

    Musliimota maraanis uummata Libaanosiifi Hezboollaa cinaa akka dhaabbataniifi deeggaran akkasumas''mootummaa hacuucaa dura dhaabbachuun akka gargalachan,'' gaafatan.

  4. Kan Israa'el doorsisu 'biraa hin hafnu' jedhe Waraanni Israa'el

    Hogganaan Humna Waraana Israa'el Leteenaal Jeneraal Heerzii Haaleevii viidiyoon ergaa dabarsaniiru.

    ''Ergaan keenya ifaa dha qaama lammiilee Israa'el doorsisu kamiyyuu kaaba, kibba akkasumas lafa fagootti ''biraa hin hafnu'' jedhan.

    Viidiyoon kuni miidiyaalee hawaasaa IDF irratti hogganaan Hezboollaa Hassan Nasarallaan ajjeefamuun ooda maxxanfame.

  5. Nasrallaafi aang'ootni biroon yeroo sirriin itti qiyyaafatameen ajjeefaman- Israa'el

    Humni Ittisaa Israa'el ibsa baaseen Hogganaa Olaanaan Hezbollaa Hasan Nasrallaa itti qiyyaafatamee akka ajjeefame ibse.

    Nasrallaa waliin aanga'oonni biroon akka turan isaan keessaa tokko ajajaa humna waraanaa Hezbollaa adda Kibbaa akka ta'e hime.

    Nasrallaan waajira olaanaa Hezbollaa handaara magaalaa Beruut keessatti haleellaa xiyyaaraa Israa'eliin ajjeefamuus waraanni Israa'el ibseera.

    Jeettiin waraanaa qiyyaafannoo yeroo sirriin bakka Nasrallaan jiru haleeluu ibse.

    Waajirri Hezbollaa kun gamoo manneen jireenyaa of jalaa qabu lafa jala buufateera jedha.

  6. Israa'el hogganaa Hezboollaa Hasan Nasrallaa ajjeesuu himte

    Waraanni Israa'el hogganaa Hezboollaa ajjeesuu himeera.

    Humni Waraanaa Israa'el (IDF) hogganaan Hezboollaa Haasan Nasrallaa dabalatee ajajjoota Hezboollaa kaana ajjeeseera jedhe.

    Ibsa waraanichi fuula X irratti baaseen, ''Hassan Nasrallaa kanaan booda addunyaa hin shororkeessu,'' jedhe.

    Ibsi kuni haleellaa Israa'el haleellaa eda galgala Beerutitti taasisaa bulteen booda dhagahame. Hogganaa Hezboolaa Hasan Nasrallaa irratti akka xiyyeffattes himtee turte.

    Hezbollaan ammatti ifatti waan jedhe hin qabu.

  7. Daandiin Beeruut lammiilee Libaanos buqqa'aniif mana taheera

    Lammiileen Libaanos naannoo kibbaa baqatanii Beeruut galan halkan hirriba malee dabarsan.

    Gaazexeessituun BBC Libaanositti bakka buutuu dhaabbata tola oolaa Unicef Etii Hegiins dubbisuun dahoon 500 caalu lammiilee buqqa'an deeggaruuf akka qophaa'e hubateetti.

    Namoonni ''kumaatamaan'' kibba Libaanos gadhiisuun gariin namaa paarkii, daandiifi konkolaataa keessatti rafaa ture jette.

    Ijoolleen ''akkaan gadadamaniiru'' ajajni namoota naannichaa baasuu halkan sa'atii 09:00 fa'itti bahe.

    ''Bishaaniifi midhaan akkasumas dahoofi uffatni akkaan isaan barbaachisa.''

    Ijoolleen maatiin wajjin hin jirreefi qofaa turan akka argite gaazexeessituun BBC kuni himteetti.

    Daa'imni kaleessa argatan tokko miseensi maatii 15 jalaa ajjeefameera.

  8. Ameerikaatti bubbee hamaafi lolaan yoo xiqqaate namoonni 43 lubbuu dhaban

    Bubbeen Heeleen jedhamu kibba-baha Ameerikaatti lubbuu namoota 43 yoo galaafatu, miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo ibsaa malee hafaniiru.

    Qondaaloti naannoo namoota lolaa keessatti danqaman bidiruu, heelikooptaraafi konkolaataawwan gurguddaan baraaraa jiru.

    Kanneen keessaa hoojjettootaa fi dhukkubsattoonni hospitaala Filooridaa baaxii hospitaalichaarra yaabanii deeggarsaa eeggataa turan jiru.

    Obonboleettiin miilanaa bulchiinsa Filooriidaatti mudachuun isa cimaa dha jedhameera. Kamisa halkan miidhaa qaqqabsiiseen booda gara Joorjiyaa fi Kaaroolinaasitti bubbisaa jira.

    Mancaatiin bubbee kanaan mudate akka dhaaboti faayinaansii fi wabii fayyaa jedhanitti doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu baasa.

    Manneen bishaaniin liqifamuurraan kan ka'e jiraataan tokko manasaanii hanga iddoo baraaramanitti bishaan daakaa akka qaqqaban BBCtti himaniiru. Ogeessonni raaga haala qilleensaa bubbeen amma dhaabbatus lolaa balaan wal-fakkaataa itti fufuu mala jedhan.

    Bubbeen Heeleen jedhamu kuni gaafa Kamisaa jalqabe sa'atii jahaaf turuun sigiga lafaa uume jedhe Ejansiin To'annoo Balaa Ameerikaa (FEMA).

    Bubbeen kuni bishaan galaanarraa gara lafa goggaatti akka yaa'uu gochuun lafaaa hanga meetira 4.5 bishaan guutuun lolaan namoota miidhe jedha Wiirtuun Bubbee Biyyaalessa Ameerikaa The National Hurricane Center (NHC)

  9. Ashamaa akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii har'aanis lola Israa'eliifi Hezboollaa gidduutti adeemaa jiru dabalatee waan addunyaafi biyyi itti jiran isin biraan geenya.

    Nu hordofaa! Guyyaa gaarii.

  10. Hasan Nasrallaa nagaa qabu jedhan maddeen Hezbollaa

    Haleellaan magaalaa Beeruut raaseefi gamoo waajirri olaanaa Hezbollaa keessa jiru mancaase hogganaa olaanaa garichaa Hasan Nasarallaa irratti kan xiyyeeffate akka ture miidiyaaleen Israa'el gabaasan.

    Maddeen Hezbollaah garuu maddeen oduu akka AFP, Rooyitarsiifi miidiyaalee Iraan waliin hidhata qabanitti haleellaa kana booda Nasrallaan lubbuun akka jirraniifi nagaa qabaachuu himaniiru.

    Israa'el ammatti haleellaa kanaan eenyuun akka qiyyaafannoo godhatteefi bu'aa argame hin ibsine. Hezbollaanis haala hoogganasaa ilaalu kanarratti ibsa hin baafne.

  11. Beruut keessaa dhoyinsi gurguddaan dhagaahame

    Ministirri Muummee Israa'el Biiniyaamiin Netaaniyaahuu Libaanos keessatti Hezbollaa haleeluun akka itti fufu ibsuu booda magaalaa Beruut keessatti dhoyiinsi gugguddaan dhagaahame.

    Humni Waraanaa Israa'el waajira olaanaa Hezboollaa haleeluu beeksise. Waajirri olaanaa Hezbollaa gamoo mana jireenyaa jala buufateera jedhe.

    Dhoyinsi gurguddaan kun kan dhagaahame kibba magaalaa guddoo Libaanos Beerut keessatti kan raawwatame yoo ta'u haleellaawwan kanaan aarri guddaan samiitti yoo bahu suurri mul'isu magaalittiirraa bahaa jira.

  12. Haleellaan Sooriyaa yaalii Hezboollaan meeshaa waraanaa akka hin arganne gochuu ta'uu mala

    Gabaasa keenya kanaan duraatiin haleellaa qilleensaa Israa'el daangaa Libaanos- Sooriyaa irratti raawwatteen loltoonni Sooriyaa shan ajjeeffamu gabaasuun keenya ni yaadatama.

    Kunis tarii qaama tooftaa Israa’el, dhiyeessii meeshaa waraanaa Iraan karaa Sooriyaatiin Hezboolladhaaf kennamaa jiru kutuuf kan yaadame ta'u mala.

    Jalqaba torbee kanaa irratti, ajajaan humna qilleensaa Israa’el Meejar Jeneraal Toomer Baar akka jedhanitti, Israa’el dandeettii waraanaa Hezboollaa irratti miidhaa cimaa ta'e qaqqabsiiftulleen, amma dandeettii Hezboollaa akka hin dandamannee taasifamu qaba jedhan.

    Sararri meeshaa waraanaa karaa Sooriyaa darbu ammoo kanaaf ijoodha.

    ''Libaanos keessatti haala ittiin meeshaan waraanaa Iraan irraa Libaanos keessaaan ittiin dabarsuu danda'u kamuu ittisuuf jirra,'' jechuun walgahii qondaaltota Kamisa darbe taasisan irratti dubbatan.

    Hezboollaan Iraan irraa deeggarsa waraanaa fi maallaqaa cimaa kan argatu yoo ta’u, pirezidaantii Sooriyaa Baashaar Al-Asad waliinis michuudha.

  13. US dhukaasa dhaabuuf cimsitee dhiibbaa gochuu qabdi - Ambaasaaddara Sa'udii

    Ameerikaan Israa’elii fi Hezboollaa gidduutti dhukaasa dhaabuun akka taasifamuuf dhiibbaan jabaa akka gootuuf haalli jiraachuusaa, UKtti ambaasaaddarri Sa’uudii BBCtti himaniiru.

    Ilmi Mootii, Khaalid Biin Baandaar Al Saawud sagantaa Raadiyoo 4 jedhamu waliin har'a turtii taasisaniin, ''Hawaasni addunyaa guutuun hin milkoofne,'' jedhan.

    Mootummaan isaanii hariiroo Israa'eliifi biyyasaanii gidduu jiru cimsuu irratti, Israa’el waliin marii deebisee kan jalqabu akka ta'e gaafatamee, deebii kennannii ammatti xiyyeeffannaan isaanii hatattamaan dhukaasa dhaabuu ta’uu qaba jedhan.

    Saa'udiin Israa'el waliin hariiroo fooyyeessuuf fedhii qabdi jchuudhaan, "garuu bulchiinsa Filisxeem malee furmaata waaraanaa akka dhufu hin yaadnu" jedhan.

    Akkasumas Saa'udiin Gaazaa deebisanii ijaaruudhaaf gargaaruuf fedhii akka qabdu ilaalchisee kan gaafataman ambaasadarri kun, ''akka qaama bulchiinsa Filisxeem deeggaruuf qofa akkas raawwatti. Akkasumas Saa'udiin humna nagaa kabachiisu kan Saa'udiin durfamu gara Gaazaatti erguuf karoorri hin turre'' jedhan.

  14. Haleellaa Israa’eliin loltoonni Sooriyaa shan ajjeefaman -Ministeera Ittisaa Sooriyaa

    Ministeerri Ittisaa Sooriyaa ibsa har'a baaseen akka beeksisetti, haleellaa qilleensaa Israa’el raawwatteen loltoonni shan ajjeefamanii kaan jaha ammoo madaa’an.

    Ministeerri Ittisaa Sooriyaa akka ibsetti, haleellaan sun ganama barii buufata waraanaa daangaa Sooriyaa fi Libaanos irratti argamurratti xiyyeeffachuun raawwatame.

  15. Haleellaan Libaanos keessatti raawwatame maatii tokko keessaa namoota sagal ajjeese - gabaasa

    Dhaabbanni oduu Rooyitars akka gabaasetti, haleellaa qilleensaa Israa’el halkan darbe Libaanos irratti raawwatameen daa’imman afur dabalatee, miseensoota maatii tokkoo kan ta'an namoonni sagal ajjeefaman.

    Kantiibaa magaalichaa, Mohammad Saab wabeeffachuun Rooyitars akka gabaaseetti, haleellaan qilleensaa kunis magaala Kibba Libaanos kan taate Shebaa keessatti raawwatame.

  16. Israa'el humna lafootiin Libaanos yoo weerarte maaltu ta'uu mala?

  17. Suuraaleen misaa'ela samii Hayifaarratti attamiin akka rukutaman agarsiisu

    Ganama kana wayita sirni farra misaa'elii Israa'el 'Iron Dome' rookkeetota Libaanosirraa dhukaafame samii Hayifaarratti yoo qolatan kan agarsiisan suuraa muraasa arganneerra.

    Waraanni Israa'el(IDF) akka jedhutti, rookkeetonni muraasni kan fashaleeffaman yoo ta'u, kaan isaanii ammoo raasaatti kufaniiru.

  18. Waraanni Sudaan magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti haleellaa cimaa bane

  19. Waraanni Israa’el misaa’ela Yamanirraa itti dhukaafame kuffisuu hime

    Humni Ittisaa Israa’el, sa'aatii muraasaa dura akeekkachiiftuun haleellaa qilleensaa erga dhagahameen booda misaa’ela Yamanirraa itti dhukaafame qolachuu ibse.

    Sochiin hidhattoota Huutii Yaman keessaa erga waraanni Gaazaa eegalee kaasee yeroo yeroodhaan diroonii fi misaa’ela gara Israa’elitti dhukaasaa turan.

    Haleellaawwan kuni irra caalaan isaanii kan fashalleeffaman yoo ta'u, ji’a Waxabajjii keessa garuu dirooniin Teel Aviiv keessatti bu'e tokkoo nama tokko ajjeesuun gabaafamee ture.

    Akkasumas misaa'elli tokko jalqaba baatii Fulbaana kanaatti giddugala Israa’el naannoo namni keessa hin jiraanne keessatti bu'e.

    Gareen finciltoota Iraan kan deeggaramuu ta’e Huutiin, misaa'ela galgala darbe humna waraana Israa'eeliin kuffiifame ilaalchisuun yaada hin kennine.

  20. Miidhaa rookkeettiin Libaanositti qaqqabe saatalaayitiirraa

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF)n haleellaa guyyoota kana dura raawwateen qondaaltoota olaanoo Hezboollaa dabalataan ajjeesuu hime.

    Waanichi haleellaa qilleensaa dabalaa Kibxata darbe Beeruuti raawwateen qondaaltoota gariichaa dabalataa ajjeessuu kan hime.

    Kanaan dura IDF hogganaa Humna Misaa'elaa fi Rookeeti Hezboollaa, Ibraahim Muhaammad Qaabisi ajjeesuu ibsee ture.

    Amma ibsa haaraa baaseen ammoo itti aanaa Qaabisi dabalatee, qondaaltoonni gara biroos akka ajjeefaman dubbata.

    Haleellaa qilleensaa Israa'el tibban Libaanos fi Beeruutitti raawwatteen badii lubbuu namootaa qaqqabeen alattis, badii qabeenyaa qaqqabuun gabaafamaa jira.

    Kana keessayis suuraalee saataalaayitii badii Libaanos keessatti qaqqabee akkasiin qindeessineerra.