Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate erga haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
Israa'el Libaanos keessatti eddoowwan Heboollaan deeggarsa cimaa itti qabu erga haleellaa turteen booda, amma bu'uraalee miisoomaa Yeman kan meeshaaleen waraanaa Iraan ittiin geejibaman haleeluu beeksiifte.
Guduunfaa
- Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
- Israa'el Nasrallaa waliin qondaaltoota Hezbollaa 20 ajjeessuu himte.
- Ajjeechaa hogganaa Hezboollaatiin boodas Israa'el haleellaa Libanos keessatti itti fufte, Iraan ammoo haaloo bahuuf dhaadatte
- Netaanyaahuun duuti hogganaa Hezbollaa 'jijjirama seena qabeessa' yoo jedhan, Iraan haaloo bahuuf dhaadatte
- Ajjeechaan Nasrallaa 'tarkaanfii haqaati' jedhan Baayidan
- Jiraattoonni Libaanos osoo Hasrallaa dhiisan 'nu ajjeessanii wayya' jedhan
- Hogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaan ajjeeffaman
- Netaaniyaahuun lolli Israa’el fi Hezboollaa jidduu bakka itti fufee jiruutti mariin dhukaasa dhaabuu itti fufa jedhu.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Ayyaana Hinduurratti daa’imman 40tti dhiyaatan bishaan nyaatee du'an
Sagantaa kabaja ayyaana Hinduu Baha Hindii keessattti ayyaaneeffatamaa tureerratti namoota 46 bishaan nyaate. Namoota bishaan nyaate keessa 37 daa’ammani.
Lubbuun namoota kanaa kan darbe sa’aatii 24 keessatti yoo ta’u, lubbuun namoota kun kutaalee biyyattii 15 keessatti darbe.
Qondaalonni yeroo balaa akka himanitti, namoonni kunneen sirna amantiif jecha otoo dhaqna dhiqatanii laggeenii fi haroon nyaataman.
Ayyaanni Jivitputrika jedhamu fayyummaa ijoollee jecha guyyoota sadiif waggaa waggaan kan ayyaaneffatamu yoo ta’u, haadholiin ijoollee isaaniif soomuun kan beekamudha.
Qondaalonni kutaa bulchiinsa Bihaar jedhamuu akka himanitti, namoonni wayita ayyaaneeffatan guddina bishaanii xiyyeeffannoo keessa hin galchine.
Lammii Iraan gorsaa duraanii Tiraamp ajjeesuuf karoorse iddoo jiru nama himeef $ mil 20 badhaasa jette Ameerikaan
Ameerikaan lammii Iraan ajjeechaa gorsaa dhimma nageenyaa duraanii Tiraamp, Joon Booltan qindeessuun himatame akka hidhamuuf nama odeeffannoo kennuuf badhaasa Doolaraa miliyoona 20’n kenna jette.
Namtichi Shahraam Pursafii jedhamu miseensa eegdota warraaqsa Islaamummaaa Iraan (IRGC) jedhamuuti.
Shahraam Pursafiin yakkamoota Ameerikaa keessatti Doolaraa 300,000 fudhatanii Joon Booltan ajjeesan qacaruuf yaalaa ture.
Nama Pursafiin akka hidhamuuf odeeffannoo kennuuf maallaqa hangasii badhaasuun kan ibsame torbanuman Tiraamp Iraan na ajjeesuuf shira qindeessaa jiraachuun Dhaabbanni Basaasaa Ameerikaa natti himaniiru jedhan keessa.
Iraan kanaan dura Tiraamp ajjeesuuf karoorsaa akka hin turre fi dhimma filannoo Ameerikaa keessaa akka hin seenne beeksiste.
Qondaalonni Ameerikaa garuu Shahraam Pursafiin bara 2021 irraa kaase hanga Ebla 2022tti ''garee namoota yakka raawwatanii Ameerikaatti qacaruun’’ Joon Booltan ajjeesuuf yaalaa ture jedhan.
'ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'- Sanyii Nagaasaa
Dhukaasi akka dhaabbatu gaafatamus Israa’el humna guutuun Hezbollaa haleelti
Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Neetanahuun waraanni biyyattii ‘’humna guutuun’’ hidhattoota Hezbollaa haleelti jedhan.
Neetanahuun kana kan jedhan Ameerikaa fi biyyoonni michuu Israa’el biroon dhukaasi akka dhaabatu waamicha dhiyeessaa wayita jiranittidha.
Kamisa kaleessaa qofaa namoonni 92 haleellaa Israa’eliin ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Libaanos beeksise.
Wixata darbeerra kaasee hanga yoonaatti namoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.
Hoggaanaan damee diroonii Hezbollaan Mohammaad Suruur haleellaa gamoo kibba Beerutitti raawwatameen ajjeefamuu Hezbollaan mirkaneessera.
Wixata darbe Israa’el Libaanositti haleellaa erga cimsitee gartuun lachuu humna guutuun wal waraanuutti ce’uu malu yaaddoon jedhu hammaateera.
Ameerikaa, UK fi Gamtaan Awurooppaa dabalatee gartuun biyyoota garaa garaa of keessatti hamate dhukaasi torban sadiif dhaabatu Roobii gaafatan.
Tamsaasaa keenya kallatti egalleera!
Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti. Kunoo tamsaasa keenya kallattii kan Jimaata har'aa ittiin odeessaalee ijoo isin biraan geenyu kunoo amma eegalleera.
Yoo nu hordoftan odeessaalee waqtaawaa biyya keessaafi addunyaa mara irraa asin isin biraan geenya.
Ayyaana damaraa gaarii qabaadhaa!
Humni qilleensaa Israa'el duula lafoo eegalu danda'u gargaaruuf 'qophiidha' jedhe
Humni qilleensaa Israa’el yoo duulli lafoo Libaanos eegaluu danda’etti loltoota gargaaruudhaaf qophaa’aa jiraachuu ajajaan humna qilleensaa Israa’el himan.
Meejar Jeneraal Toomer Baar viidiyoo waraanni biyyattii qoode irratti akka jedhanitti, dachee Libaanos irratti duula waloo jalqabuun murtoosaa miti. "Garuu kan eegalamu yoo ta'ef oophiidha," jedha. "Kun murtoo nu olitti murtaa'uu qabuudha."
Kaayyoo humna qilleensaa ammaa meeshaa waraanaa Iraan irraa gara Hezboollaatti dabarfamu dhaabuudha jechuun, itti dabalanii, gareen milishaa ''dhiyeessitii Iraan irraa dhufuuf irratti hundaa'a'' jedhan.
Kaleellaa Hogganaa olaanaan waraana Israa'el haleellaan qilleensaa walitti fufiinsaan garee Hezboollaa irratti xiyyeeffachuun Libaanos keessatti gaggeeffamu, ''daangaa diinaa keessa seenuuf'' kan isaaniif daandii mijeessuu ta'u loltootasaaniitti himan.
Israa'el deeggarsa waraanaa $8.7bn US irraa argatte
Ministeerri Ittisaa Israa'eel deeggarsa waraanaa gosa adda addaa $8.7bn ta'u duula amma gaggeessaa jiruuf mootummaa Ameerikaarraa deeggarsa argachuu beeksise.
Waraanni Israa'el ibsa baaseen deeggarsa kana keessaa $3.5bn kan ta'u bittaa yeroo waraanaaf oola jedheera. Mallaqni kun qaata harka waraana biyyattii gahe.
Mallaqni $5.2bn ta'u ammoo sirna ittisa haleellaa qilleensaa garaagaraaf oola.
Deeggarsa kana argachuu mariin US waliin godhamaa ture murannoo jabaa biyyattiin nageenya Israa'eeliif qabdu agarsiisa jedha ibsi Israa'el.
Keessumaa ammoo yaaddoo nageenyaa Iraaniifi hidhattootni Iraan deeggartu naannichatti godhan irratti xiyyeeffata jedha.
Ayyaanni Damaraa Finfinnetti haala ho'aan kabajameera
Baga jala bultii ayyaana Masqalaan geessan. Ayyaanni Damaraa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti haala ho'aan kabajameera. Ayyaana kana akkamiin kabajaa jirtu?
Suuraalee mimmiidhagoo haala kabaja ayyaana Damaraa Finfinnee agarsiisan kunooti.
Suuraalee gamoo haleellaa qilleensaa Israa'eliin Beeruuti keessatti manca'ee
Sa'aatii muraasa darban keessatti Israa'el naannoo kibba Beerut tokko keessatti haleellaa raawwatteetti.
Waraanni Israa'el akka jedhutti haleellaa rawwateen itti gaafatamaan kutaa diroonii garee Hezboollaa ajjeefameera.
Ministeerri fayyaa Libaanos akka jedhutti, yoo xiqqaate namoonni lama du’anii, 15 ammoo madaa’aniiru.
Suuraaleen taatee haleellaa har'aatiin booda kaafaman muraasni armaan gaditti isiniin keenyeerra.
Yaadannoo birraafi artistii
Israa'eliifi Hezboollaa gidduu furmaatni dippiloomaasi ammalle abdii qaba - US
Minsitarri Ittisaa Ameerikaa Looyid Ostan osuma dubbiin hammaatee jiru, Israa'eliifi Hezboollaan balaa ''waraana adda bahetti'' galuuf jiraatanillee furmaanni dippiloomaasii ammallee milkaa'uu danda'a jedhan.
''Israa'el kaayyoonshee lammiilee kaabarra jiran gara mana isaanitti deebisuu akka tahe ibsiteetti. Sana hojirra oolchuuf karaan saffisaa dippiloomaasii dha,'' jedhan Ostan gitasaanii Biriiteeniifi Awustiraaliyaatti dubbachuun booda.
Kaleessa Fulbaana 25, 2024, Ameerikaan biyyoota 11 wajjin dhukaasa dhaabuu guyyaa 21'f Israa'eliifi Hezboollaa gidduu akka taasifamu waamicha kan taasifte yoo tahu, waajirri MM Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu garuu loltoonni isaanii ''humna guutuun lola itti fufuu,'' jedhan.
IDF haleellaa Beerutiin hogganaan kutaa humna qilleensaa Hezboollaa ajjeefame jedhe
Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) akka jedhetti, hogganaan kutaa qilleensaa Hezboollaa keessaa tokko haleellaa qilleensaa har'a naannoo kibbaa magaalaa Beerutiitti raawwateen ajjeefamuu beeksise.
Barreeffama toora X irratti maxxanfameen, IDFn ''jeetonni waraanaa Israa'el Beerut haleeluudhaan qondaala Hezboollaan Mohammad Huseen Surur ajjeesan'' jedha.
Hezboollaan garuu dhimma ajjeechaa kanarratti hanga ammaatti yaada hin kennine.
Raayyaan Ittisa Israa'el akka jedhutti, Surur bara 1980moota keessa Hezboollaatti kan makame yoo ta'u, haleellaawwan diroonii hedduu Israa'el irratti xiyyeeffate ''qajeelchaa fi ajajaa'' ture jedha.
Ministeerri Libaanos namoonni 70,000 baqqa'uu himan
Namoonni Libaanos keessaa buqqaafaman gara kuma 70,100 ta’an bakka dahannoo 533 keessa qubsiifamuu ministirri dhimma biyya keessaa biyyatti himan.
Ministirichi, Aab Baasaam Maawlaawiin kana kan jedhen ibsa Beeruuti keessatti gaazexeessitootaaf kennanin.
Guyyaa Wiixataa irraa kaasee Libaanos keessaa namoonni kuma 90 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uusaanii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii tilmaameera.
Maawlaawiin dabaluudhaan guyyoota sadan darban keessa namoonni kuma 27 ta’an Libaanos keessaa baqataniiru jedhan.
Namoota baqatan kanneen keessaayis walakkaan isaanii lammiilee Sooriyaa daangaa qaxxaamuruun kan gara biyya isaaniitti deebi’an ta’uu ministeerichi dabaluun kaasan.
BBC duraan akka gabaaseetti, Libaanos lammiilee Sooriyaa qe’ee isaanii irraa buqqa’an miliyoona 1.5tti tilmaamamutu keessa jiraataa ture.
Akka UN jedhuutti, Libaanos addunyaa irratti baqattoota baayyee fi iskuweer kiiloo meetira tokkorraa bakka baay'inaan kan keessummeessitudha.
Haleellaa Libaanositti har'a raawwateen yoo xiqqaate namoonni 26 ajjeefaman
Haleellaa yeroo ammaa kana adeemsifamaa jiru osoo hin dabalatiin guyyaa har'aa namoonni 26 ajjeefamu ministeerri fayya Libaanos beeksiseera.
Haleellaa Israa'el Beerutitti raawwachaa jirtuun namonni lama ajjeefamuu ministerichi beeksiseera.
Beeruutiitti yoo xiqqaate namoonni lama ajjeefamuu, kanneen 15 tahan immoo miidhamuu kan hime.
Dubartiin tokkos yeroo ammaa haala hamaa keessa jirti jedheera.
Ministeerri fayyaa Libaanos akka jedhetti, lakkoofsi namoota haleellaa qilleensaa Israa’eli har’a raawwatteen ajjeefamanii 26 kunneen bakki itti ajjeeffaman akka itti aanu kana ta'u ibse:
- Kaaba baha Libaanos, Yuunine keessatti namoota 20 ajjeefaman. Isaan keessaa 19 lammii Sooriyaati.
- Magaalota Aanaa Tiree keessatti namoonni sadi ajjeefamaniiru.
- Kibba Libaanos Qaanaa keessatti ammoo namni tokko ajjeefameera.
- Kadmus keessatti namoonni lama ajjeefamaniiru.
Rookeettiiwwan Liibaanos irraa dhukaafaman Kaaba Israa'el keessa qubatan
Rookkeettiin Liibaanos irraa dhukaafame naannoowwan magaala kaaba Israa’el kan taatee Kiryaat ShImonaatti rukutuun gabaafame.
Akka miidiyaaleen Israa’el gabaasaniitti, rookkeetonni gara 10 ta'anii gara naannoo sanatti kan dhukaafaman yoo ta'u, gariin isaanii fashalaa'uu Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) hime.
Gareen hidhatee kutaalee Libaanos to’atee jiru Hezboollaan gara naannichaatti rookkeettiiwwan dhukaase himeera.
Jiraattoonni magaalaa Kiryaat Shimonaa harki caalaansaanii baafamaniiru.
Erga Onkoloolessa darbe Hezboollaan guyyaa guyyaan haala jedhamuu danda'amuun rookkeettii gara sanatti dhukaasuu jalqabee kaasee namoonni gara 70,000 ta'an kaaba Israa'el gadhiisun bahaniiru.
Waraanni Israa'el magaala guddoo Libaanos Beeruti irratti haleellaa raawwachuu beeksiise
Waraanni Israa'el Beeruti irratti haleellaa raawwachuu beeksiisuu hordofuun hojjattoonni garee balaa tasaa gara naannoo magaalaa Beerutitti fiiguun dhagahame.
Waraanichi magaalaa guddoo Libaanos kan taatee Beeruuti irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu kan beeksiise har'adha.
Gabaastoonni garee BBC Arabic naannichatti argaman akka jedhaniitti, haleellichaan booda yeroo miseensoonni garee balaa tasaa bakka isaan irraa tamsaasan mana barnootaa Beeruuti keessaa fiiganii wayita bahan arganiiru.
Jiraataan ollaa sanaa tokko viidiyoo aarri naannoo kibbaa Dahieh kan bakka gabaastoonni BBC itti argaman irraa fageenya KM 2 (1.2 miles) qofa fagaatte keessaa ol ka'ee mula'tu isaaniif qoode.
Maddi tikaa tokko Oduu Rooyitarsiif akka himetti, Israa’el Kamisa har'aa waaree booda naannoo kibba Beerut irratti haleellaa raawwateen “hogganaa olaanaa Hezboollaa'' irratti xiyyeeffatte.
Ethaan Niwaaneerii eenyu?
Ethaan Niwaaneerii garee jalqaba Arsenaaliif yeroo duraaf jalqabaa qabee hiriiree goolii lama lakkoofsiseera. Dargaggeessi ganna 17 amma oduu ijoo ta'aa jiru kun garuu eenyu?
Niwaaneeriin bara 2022 tti morkii Bireentifoord waliin godhame irratti jijjiiramee seenee taphate. Yeroos umriinsaa ganna 15 fi guyyoota 181 qofa ture.
Gaafas taphataa umrii xiqqaan garee Arsenaaliif taphate jedhame. Taphataa umrii xiqqaan Piriimiyeer Liigii keessatti hirmaates ta'e.
Umriinsaa saddeet yeroo guutu gara akkaadamii Arsenaal makame. Ganna 13 ta'ee osoo jiruu, garee Arsenaal ganna 16 gadii waliin bara guutu taphate. Umriinsaa 14 yeroo gahu ammoo garee ganna 18 gadii kilabichaatti makame.
''Qacalee, waa uumuu kan danda'uu fi taphataa sarara gidduu jifachuu jaalatu'' jedhamuun kan faarfamuu oladeemaan kun bara 2023tti garee biyyaalessaa Ingilaand ganna 17 gadii bakka bu'uun waancaa adddunyaarratti hirmaateera. Waancaa awurooppaa urmii 17 gadii lama irrattis hirmaateera.
Maatiin Ethaan dhalattoota Naayijeeriyaa ta'aniis, Landanitti dhalate.
Israa'el Libaanos bakka baayyee keessatti haleeluu itti fufteetti -IDF
Israa'el halkan darbe qofa buufataawwan Hezboollaa 75 naannoo Beekaa Sooriyaatti dhiyoo irratti xiyyeeffachuun haleelaa buluu himte.
Ammas ganga Shubaaa jedhamu kibba Libaanos keessatti argamu dabalatee buufata Hezboollaa bakka garagaraa jiru haleeluun itti fufa jedhe Humni Ittisaa Israa'el (IDF).
Sagalee akeekkachiisaa (sirens) kaaba Israa'el keessa dhaga'amu hordofee Libaanosirraa rokkeettiiwwan 45 akka dhkaafaman hubatameera jedhe IDF.
Rokkeettiiwwan kanneen keessaa gariin qolatamaniiru, kaan ammoo bakkeewwan qullaarra bu'an. Hanga ammaatti miidhaan qaqqabe hin dhaga'amne.
Israa'el rokketiiwwan itti dhukaafaman maaliin ofirraa ittisti?
Meeshaan Israa'el Iron Dome jedhamu farra misaa'elii ta'e yeroo rokkeettii itti dhukaafame qolatata.
Meeshaan sirna farra haleellaa misaa'elii Israa’el ‘Iron Dome’, haleellaawwan rookkeettii Hamaasis ta'ee kaanirraa itti dhukaafamu qolachuuf oola.
Sirna ittisa haleellaa ammayyaa addunyaa kanaa keessaa tokko kan ta’e kanarratti waan muraasni beekuu qabdan kunooti.