Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate erga haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
Israa'el Libaanos keessatti eddoowwan Heboollaan deeggarsa cimaa itti qabu erga haleellaa turteen booda, amma bu'uraalee miisoomaa Yeman kan meeshaaleen waraanaa Iraan ittiin geejibaman haleeluu beeksiifte.
Guduunfaa
- Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
- Israa'el Nasrallaa waliin qondaaltoota Hezbollaa 20 ajjeessuu himte.
- Ajjeechaa hogganaa Hezboollaatiin boodas Israa'el haleellaa Libanos keessatti itti fufte, Iraan ammoo haaloo bahuuf dhaadatte
- Netaanyaahuun duuti hogganaa Hezbollaa 'jijjirama seena qabeessa' yoo jedhan, Iraan haaloo bahuuf dhaadatte
- Ajjeechaan Nasrallaa 'tarkaanfii haqaati' jedhan Baayidan
- Jiraattoonni Libaanos osoo Hasrallaa dhiisan 'nu ajjeessanii wayya' jedhan
- Hogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaan ajjeeffaman
- Netaaniyaahuun lolli Israa’el fi Hezboollaa jidduu bakka itti fufee jiruutti mariin dhukaasa dhaabuu itti fufa jedhu.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Biritish lammiilee Beeruutiifi Libaanosii bahan gargaaruuf loltoota dabalataa Qophiroosiitti ergite
Gareen waraanaa Biriteen gara Qophros kan imalan yoo ta’u, isaanis yoo tattaaffii lammiilee Biriteen Libaanos fi Beeruuti keessa jiran baasuudhaaf taasifamu karaa buufata xiyyaara Beerutiin balalii daldalaa argachuun dadhabe, ittiin baasuudhaaf buufata ijoo ta'etti imalaa jiru.
Waajjirri Dhimma Alaa akka jedhutti, loltoonni dabalataa gara 700 ta’an gara odola Meditiraaniyaanii kan Libaanos irraa gara kaaba- bahaatti gara kilomeetira 300 (186 miles) fagaattee argamtutti bobbaafamaa jiru.
UKn, buufata humna qilleensaa mootii Akrotiri qarqara galaanaa kibba odola kanaa fi dooniiwwan humna galaanaa mootii RFA Mounts Bay fi HMS Duncan, kanneen ganna keessa lammiilee fi michoota Biriteen deeggaruuf baha Meditiraaniyaanii keessa hafan dabalatee, duraanuu buufata waraanaa guddaa Qophros keessatti qabdi.
Akkuma kanaan dura gabaasne, mootummaan lammiileen Biriteen Libaanos keessa jiran kamiyyuu osoo balaliin daldalaa hojjataa jiruu biyyattii gadhiisuu qabu jechuun, imala gara naannichaatti taasifamu hunda dhorke.
Waajjirri Dhimma Alaa gara Qophros taasifamu akka dhaabamu hin jenne garuu.
Hezboollaan misaa'elaa fi ergaa Israa'elitti erge
Hezboollaan misaa'elii Teel Aviivitti dhukaasuu jalqabuu isaatiin, gareen kun torban darbe keessa rakkoon guddaan isa mudatulleen ammallee haleeluudhaaf humna akka qabu Israa'elitti agarsiisuu barbaadeeti.
Akka ilaalcha Israa'elitti, misaa'elii wiirtuu ummanni guddaan keessa jirutti dhukaafamuun haleellaa garee hidhatee Libaanos maadheffate kana haleeluu itti fufuuf sababa ta'aaf.
Kun osoo kanana jiruu, lammileen kuma hedduun lakkaa'aman kibba Libaanos keessaa qe'ee gadhiisanii baqataa jiru.
Gabaasaan BBC Baha Giddu-galeessaa, Huugoo Bacheegaa warra baqataii magaalaa Beerut keessa quabatan arguun gaafateera. Namoonni qaabeenya isaanii fudhatanii baqatan muraasadha jedha.
Libaanos keessatti namoonni baayyeen waraanni Israa'eliifi Hezboollaa gidduu kun daran babal'ata jedhanii sodaachaa jiru.
Hezboollaan Teel Aviiviitti misaa'el dhukaasuu mirkanneesse
Ibsa Hezboollaan kenneen, akka biyyatti ganama sa'aatii 6:30tti misaa'ela balistikii gara Teel Aviiv furguggisuu isaa ibse.
Kunis ''mormii kabajamaafi diddaa'' Filisxeemoota Gaazaa keessatti taasisan deeggaruuf, akkasumas ''Libaanos fi ummata ishee ittisuufidha'' jedhe.
Dubbi-himaan garee kanaa waajjira muummee dhaabbata basaasaa Israa'el Moosaad kan ''ajjeechaa hoggantootaa fi peejeroota fi meeshaalee sarara malee dhoosuudhaaf itti gaafatamummaa fudhate'' irratti xiyyeeffachuu hime.
Israa’el haleellaa torban darbe raawwatameef komatamtee turte, garuu itti gaafatamummaa hin fudhanne.
Miidiyaan Israa’el Haaretz Ynet akka jedhetti, Hezboollaan yeroo naannoo jidduu magaalaa Teel Aviiv irratti xiyyeeffatu kun kan yeroo jalqabaati.
Waraanni Israa’el akka jedhutti, naannoo magaalaa Teel Aviiviitti akeekkachiiftuun haleellaa qilleensaa kan baname yoo ta'u, garuu misaa'eloonni fashaleeffamuudhaan badiiniifi miidhaan qaqqabuu gabaafame omaa hin jiru jedhe.
Raapperiin Ameerikaa beekamaa Didii irratti himanii 11ffaa baname
Dubartoota daldala saal-qunnamtiif dadabarsuutiin shakkamee to’annoo jala kan oolfame Raapperiin beekamaa Ameerikaa Diidii (Shoon Diidii Koombis) osoo beellama mana-murtii eeggachaa jiruu himannaan 11ffaa dabalataan irratti baname.
Himattuun 11ffaa Taaliyaa Gireeviis yoo taatu, bara 2001 Diidii fi eegduun dhuunfaa isaa qoricha adoochu kennuufiin akka ishee gudeedaniifi gocha kanas ammoo viidiyoon akka waraabdeettu dubbatte.
Himannaawwan Diidii irratti dhiyaatan baroora 1990oota keessa kan jalqabanidha.
Raapperiin kun yakkawwan ittiin himatame kanneen hin raawwanne jechuun waakkateera.
Weellisaan umuriin isaa wagga 54 ta’e kun torban darbe ture kan Niiwu Yoork keessatti hidhame.
Yakkawwan akka waliin dha’uu, daldala saal-qunnamtii dirqamaa, akkasumas namoota daldala saal-qunnamtiif daddabarsuutiin himatameera.
Somaaliyaaf meeshaa waraanaa erguu booda Masirii lammiileeshee Somaalilaand jiran akeekkachiifte
'Tiraamp Iraan akka isa ajjeesuuf doorsisaa jirtu tiki US akeekkachiise'
Tiraamp Iraan isa ajjeesuuf dorisaa jiraachuu tiki Ameerikaa akeekkachiisuu gareen duula filannoo kaadhimamaa pirezidaanticha abeeksise.
Kaadhimamaa Pirezedantii paartii Rippaabilikaanotaa kan ta’an Tiraamp, Iraan addatti isa ajjeesuun tasgabbii dhabiinsaafi muddama Ameerikaatti uumuuf tattaafataa jiraachuun Tiraampitti himameera’’ jedha ibsi gareen duula filannoo Tiraamp baase.
Duulli filannoo Tiraamp himannaa kana bal’inaan hin ibsine, doorsisi kun kan ammaa ta’uufi kanaan dura kan gabaafame ta’uun ammatti ifa mitii.
Mootummaan Iraan dhimma kanarratti battalatti deebii hin kennine. Haata’u malee, Teheraan dhimma Ameerikaa keessa hin seenne jechuun kanaan durallee haalaa turte.
Miis Turiziim Oromiyaa babbareedduu Oromoo Odaa Shanan bakka bu'an barbaadaa jirtu
Lammiileen Itoophiyaa Libaanos jiraatan maal keessa jiru?
Simbirroowwan 4000 foddaatti bu'uun du'anii fi suuraalee miidhagoo badhaasa mo'atan
Haleellaa Israa’eliin namoonni Wixata Libaanositti ajjeefaman 600tti dhiyaatan ajjeefaman
Ministirri Fayyaa Libaanos Dr Firaas Abihad namoonni haleellaa Israa'eliin ajjeefaman 550 qaqqabuu himan.
''Namoota 550 haleellaa Wixata darbeetiin ajjeefaman irra caalan isaanii daa’immaniifi dubartoota ta’uun isaanii ifaadha’’ jedhan.
Ministirri Fayyaa kun wanti biyyattii keessatti ta’aa jiru kun lubbuu namoota danuu dabarse jedhan.
Hospitaalonni biyyattii haleellaa bal’aa guyyoota lamaaf Israa’el garee hidhattoota Hezboollaarratti raawwatteen namoota miidhaman wal’aanuuf muddama keessa jiru.
Israa’el maadheewwan Hezboollaa dhibbaan lakkaa’aman haleeluun, hidhattoonni kun meeshaalee waraanaa iddoowwan manneen jireenyaa dhoksan jechuun himatte.
Kibxata darbe Waraanni Israa’el hogganaa damee rokkeettii Hezboollaa ajjeeseera.
Haleellaan Israa’el ammallee ittifufeera. Ministirri Muummee Israa’el Beeenjamiin Neetaaniyaahuun gareen Hezboollaa Libaanos ‘’gara badiitti geessaa jira’’ jedhanii himatan.
Hezboollaan rokkeettiiwwan 300 ol gara Kaaba Israa’elitti dhukaasuun haleellaa Israa’eliif deebii kenne. Haleellaa kanaan namoonni jaha Israa'elitti madaa’uu Waraanni biyyattii ibseera.
Pirezedantiin Ameerikaa yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti ‘’waraana humna guutuun lolamutti ce’uuf eenyullee fedha hin qabu’’ jedhan.
‘’Ammallee falli karaa dippilomaasi jiraachuu mala’’ jedhan.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antoniyoo Guutereez addunyaan Libaanos gara Gaazaa biraatti geeddaramtu hin feetu jedhan.
Netaaniyaahuun duula Libaanos itti fufna jedhan
Ministirri Muummee Israa'el Beniyaamiin Netaaniyaahuu Libaanos keessatti duula Hezbollaarratti banan akka itti fufan beeksisan.
Dhaamsa lammiilee Libaanosiif dabarsaniin ''waraanni keenya isin waliin miti, waraanni keenya Hezbollaa waliini'' jedhan.
Ergaa viidiyoo X gubbaa maxxansaniin hogganaan Hezbollaa Hasan Nasrallaa ''fiixee hallayyaatti isin oofaa jira...wanjoo Nasrallaa jalaa of baasaa, faayidaa ofii keessaniif jecha'' jedhan.
Akeekkachiisaa dhaamsa kana waliin dabarsaniin ammoo, ''namni kamuu misaayela mana keessaa qabu, manduuma ykn gaaraajii keessaa rookkeettii qabu garuu mana hin qabaatu'' jedhan.
Gama kaaniin Humni Ittisaa Israa'eel ibsa baasee duula Libaanositti gaggeefamaa jiruun ajajaan Hezbollaa ajjeefamuu beeksise.
Dubbii himaan waraanichaa Avichaay Adree X gubbaa yaada maxxansaniin ajajaan Hezbollaa Ibraahiim Muhaammad al-Quaasii har'a ajjeefameera jedhan.
Al-Qubaasii ajajaa Hezbollaa damee sirna misaayelaafi rookkeettiitii ture jedhaniiru.
Saanduqa lubbuu ofii ittiin galaafataniin yeroo jalqabaaf namni du'ee argame
Saanduqnii 3D ta'eefi namni bitatee manatti walitti suuphee lubbuu isaa ittiin galaafatu waggoota darban omishamee hojiirra ooluu eegaleera.
Wiixata darbe ammoo Swiizerlaand keessatti meeshaa kanaan namni yeroo duraaf lubbuu ofii galaafate argameera.
Kanaan walqabatees Poolisiin biyyattii namoota yakka namni akka of galaafatu gargaaruun shakke hedduu to'annoo jala oolchuu beeksise.
Kaampaniin saanduqa kana oomishu Sarco jedhamu meeshaan kun nama of galaafachuu barbaadu qofaan deeggarsa ogeessaa malee lubbuu baasuu danda'aa jedhe.
Poolisiin Siwiizerlaand saanduqni kuniifi namni of galaafatte Wiixata godoo bosona keessa jiru keessaa argamuu ibseera.
Poolisiin dhimmicha bira kan gahe dhaabbata seeraa tokkoon meeshaa teeknoolojii haaraan of ajjeesuun raawwatamuu odeeffannoon isa qaqqabuu booda ta'uu ibseera.
Du'a teknoolojiin gargaaramuun raawwatu gareen deeggaru tokko meeshaan amma namni ittiin of galaafate kun bara kanaa keessa yeroo duraaf hojiirra akka oolu ibsee ture.
Siwiizerlaand keessatti gargaarsa ogeeyyiin lubbuu ofii baasuun seeraan hayyamamaadha. Ammoo daangaan murtaahes jira.
Warri teeknoolojii haaraa kana qeeqan meeshaan kun of ajjeesuu jajjabeessa, hayyam ogeeyyiifi gargaarsa malee godhamuun isaas yaachisaadha jedhu.
UK fi biyyoota Awurooppaa kaan keessattis deeggarsaan lubbuu ofii balleessuun dhorkaadha. Ammoo waggoota dheeraaf kumootni gara Siwiizelaand imaluun lubbuu isaanii galaafatu.
Waraanni adeemu kan yaadnuun ol xumuratti dhiyaachaa jira - Zeleniskii
Pireezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii waraanni Raashiyaa waliin gaggeeffamu kan yeroo namootni hedduun yaadan dursee xumura argachuuf jira jedhe.
''Akka natti fakkaatutti kan yaadnuun olitti nageenyaatti siiqaa jirra.Baayyee jabaachuu qofatu nurra jira, baayyee jabaachuu'' jechuun Zeleniskiin dubbateera.
Zeleniskiin kana kan jedhe gaaffiifi deebii miidiyaa US ABC jedhamu waliin gaggeesse irratti. Pireezidantichi torban kana keessa ''karoora injifanno'' qophessee pireezidantii US Joo Baayidaniif dhiyeessa. Karoorri kun michootni Yukireen deeggarsa waraanaa guddaa akka godhaniif gaafachuu of keessaa qaba.
Zeleniskiin qabiyyee karoora kanaa yoo ibsu injifannoon jedhamu kan dhufu Raashiyaa waliin mariif taa'uun osoo hin taane, gochoota furmaatni dippiloomaasii akka dhufuufi waraanni akka dhaabatu godhan biroon akka ta'e dubbate.
Pireezidantiin Raashiyaa waraana akka dhaabuuf dhiibbaa gochuun akka ta'eefi kunis jabaatanii argamuun ta'uu dubbate.
Gama kaaniin dubbii himaan mootummaa Raashiyaa Dimiitrii Peeskoov waraanni kan dhaabatu wayita karoorri Mooskoo galma gahu akka ta'e dubbate.
Zeleniskiin meeshaalee michootasaa Lixaarraa argateen dachee Raashiyaa rukutuun akka hayyamamuuf gaafachaa kan ture yoo ta'u, ammallee gaaffii kana deebisee dhiyeesse jedhamee eegama.
Dilbata darbe dhimma kana irratti yaada kan kennan Joo Baayidan ammallee Yukireeniif hayyama sana kennuurratti murtee akka hin goone dubbataniiru.
Zeleniskiin yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif gara US kan imalee jiru wayita kutaaleen biyya isaa hedduun haleellaa qilleensaa walirraa hin cinne Raashiyaarraa irratti raawwatamaa jirutti.
Namichi jaalalleesaa ajjeese waggaa 16f simintoofi xuubii jalatti awwaaluu amane
Lammiin Kooriyaa Kibbaa jaalallesaa ajjesee simintoo jalatti awwaale gochaa kana dalaguu amane.
Achi buuteen dubartii kanaa erga dhabamee waggaa 16 booda namni kuni gochaasaa amaneera.
Namni ganna 50 keessa jiru magaalaa Geeyoojeetti gamoo keessa jiraatan keessatti otoo wal-falmanii meeshaa qara hin qabneen ishee dhahuu dubbate.
Sana booda reeffashee shaanxaa keessa kaa'ee barandaasaa irratti tullaa xuubii fi simintoo jalatti awwaale.
Hamma baatii darbetti reeffi dubartii kanaa achuma turee hojjettoota ijaarsaatu yeroo qotan arge jechuu miidiyaan biyya keessaa gabaase.
Reeffi shaanxaa keessatti hanga tahe otoo hin samiin argame ashaaraan qubaa erga ilaalamee booda kan dubartii achi buuteen dhabame akka tahe barame.
Meeshaa qara hin qabneen mataa keessa dhahamtee akka lubbuun ishee darbes qorannnoon reeffaa agarsiisa.
Namni poolisiin shakkamaatti addaa baase gamoo kanarra jiraachaa hin jiru garuu ergasii argamee qabamuu danda'eera.
Raashiyaan biyyoota Lixa Afrikaa waraanaan bulaniif saatalaayitii kennuuf waliigalte
Biyyooti Lixa Afrikaa Maalii, Nijeeriifi Burkinafaasoo telekoomiifi saatalaayitii eegumsaa argachuuf Raashiyaa waajjin waliigaluu ibsan.
Biyyoota Lixa Afrikaa sadeen waraanaan bulaa jiran haleellaa hidhattoota Islaamaa irraa isaanitti qiyyaafatamuun rakkachaa jiran, deeggarsa waraanaaf gara Raashiyaatti fuula garagalfataniiru.
Raashiyaan himannaa humni waraanaa qacaraman namoota nagaa irratti hammeenya raawwataniiru waan jedhu ni haalti, Lixa Afrikaa naannoo Saahel irratti ololaafi oduu sobaa ofamu dha jetti.
Ministeeronni biyyoota sadeen kanarraa qondaalota ejansii qorannoo hawaa magaalaa guddoo Bamaakootti arguun waa'ee waliigaltee kanaa marii'ataniiru.
Teeknolojiin kuni eegumsa daangaa fi nageenyaa biyyaalessaa biyyoota sadeenii ni fooyyeessa jedhan Ministarri Faayinaansii Maalii Alooseenii Sanuu koominikeeshiniifis tolaa dha jedhan.
Fiinxaaleyyiin Islaamaa daangaa biyyoota sadeenii kanarratti akkasuma naannoo Saaheel gammoojjii Sahaaraan gara kibbaatti argamu irrattis ni socho'u.
Sanuun kanaan alatti saatalaayittiin kuni lolaa, hongee, ibiddaa fi balaa tasaa kaana to'achuu oola jedhan.
Daandiin Qilleensaa hedduun balallii gara Tel Avivif Beerut adda kutaa jiru
Haleella qilleensarraa Isra'eli fi Hizbollaan wali irratti banan hordofee xiyyarootni gara magaalota biyyoota kanneenitti balali'uuf turan balallii isaanii addaan kutaa jiru.
Daandiin qilleensaa Qaataar xiyyaaronnisaa gara Beerutitti balali'uu fi Beerutirraas ka'uun yaaddo itti uumuun yeroof adda kuteera.
Amma immoo Daandiin Qilleensaa Biriteen balalii gara magalaa guddoo 2ffaa kIsraaa'el kan taate Tel Aviv ttis ta'ee Tel Aviv irraa bala''uuf ture haqeera.
Daandiiwwan qilleensaa kunneen’’nageenyi imaltootaa xiyyeeffannoo keenya jalqabaat duraati’’ jechuun ibsaniiru
Weebsaayitiin hordoffii balallii akka agarsiisutti hanga yoonatti balalliin daandiiwwan qilleensaa biyyota hedduu gara Israa'elii fi Beeruttiti taasifaman haqamaniiru.
Namicha Tiraamp ‘ajjeesuu yaaluun’ shakkamerratti ragaan barreefamaa argame
Hidhataan pirezidantii duraanii US Doonaald Tiraamp ajjeesuuf yaaluun shakkamee Fulbaana 15 to’atame ragaan barreeffamaa irratti argamuun gabaafameera.
Ragaan mana murtiirratti dhiyaate akka agarsiisutti, namni ganna 58 Raayaa Ruuz jedhamuun Traampiin ajjeesuu akka barbaadu ji'oota dura yaadannoo tokko barreesseera.
“Kun yaalii ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti ta’edha,” jedha yaadannoon barreeffame kun.
Abbootiin alangaas yaadannoo barreeffamaa kana raga Wixata mana-murtiirratti dhiyaatetti dabalaniiru.
Raayaan Ruuz erga Fulbaana 15 Filooriidaa dirree Golfii Tiraamp cinaatti qabamee mana-hidhaa jira.
Abbaan murtii Fedeaalaa US Riyoon Mikaabee yakki namni kun ittiin shakkame cimaa waan ta’eef, Raayaan Ruuz mirga wabiin bahu dhorkamee manuma hidhaa keessaa taa’ee himannaa isarratti baname akka hordofuuf ajajaniiru.
Viidiyoo yeroo shakkamaan kun poolisiin qabamu agarsiisu daawwadhaa.
Roodiriin miidhamuun dorgommii waancaa irratti hangam Maan Siitii miidha?
Nezerlaanditti lammiin Ertiraa walitti bu'iinsa gareerratti hirmaate hidhan adabame
Manni Murtii Nezerlaand walitti bu'iinsa baatii Gurraandhala darbe muudatee ubbuu namaa galaafate irratti murtii dabarse. Haaluma kanaan manni murtii biyyattii lammii Ertiraa garee hokkara uumame keessattihirmaate hidhaa waggaa afuriin adabaeera.
Manni murtichaa nama ganna 48 irratti walitti bu'iinsa gareewwan Ertiraa gidduutti Heeg keessatti uumame keessatti kan gahee guddaa qaba jedhame adabe.
Namni dhuunfaa maqaan isaa Yohaannis jedhamuun beekamuufi maqaa 'John Black' ofiin jedhu walitti bu'iinsa galma walga'ii Opera jedhamu keessatti uumame kan hoogganaa ture ta'uun adda baafameera.
Baatii Gurraandhalaa darbe walitti bu’iinsa deeggartootaa fi mormitoota sirna mootummaa Ertiraa gidduutti uumameen konkolaattonni poolisiifi baajaajiiwwan abiddaan gubataniiru.
Lammileen Eriraa kunneen dhagaafi meeshaalee biroo qondaaltotaafi hojjettoota balaa tasaa irratti darbataa waan turaniif poolisiin biyyattii jeequmsa kana bittimsuuf gaazii imimmaanessu fayyadamuuf dirqameera.
Lammiileen Ertiraa biroo lama ammoo hidhaa ji'a saddeet fi guyyoota 150 tin adabamaniiru. Baatii Adoolessaa keessas namoota sagal biroorratti murtii ji'a afurii hanga 12 ta'u itti murtaa'era
Manni murtichaas hojjettoota nageenyaa 66 dabalatee qaamolee 87 irraa gaaffii beenyaa kan dhiyaate yoo ta’u, miidhaan ga'e Yuuroo kuma 650 hanga Yuuroo kuma 700 gidduutti tilmaamameera.
Nezerlaand keessa lammiileen Ertiraa 26,000 ol kan jiraan yoo ta’u, waggoota lamaan darban keessa kanneen gara 4,000 ta’an koolugaltummaa gaafataniiru.
Dargaggoonni Ertiraa kuma dhibbaan lakkaa’aman dhiittaa mirga namoomaafi waraana jalaa miliquun biyya isaaniirraa baqataniiru