Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate erga haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte

Israa'el Libaanos keessatti eddoowwan Heboollaan deeggarsa cimaa itti qabu erga haleellaa turteen booda, amma bu'uraalee miisoomaa Yeman kan meeshaaleen waraanaa Iraan ittiin geejibaman haleeluu beeksiifte.

Guduunfaa

  • Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
  • Israa'el Nasrallaa waliin qondaaltoota Hezbollaa 20 ajjeessuu himte.
  • Ajjeechaa hogganaa Hezboollaatiin boodas Israa'el haleellaa Libanos keessatti itti fufte, Iraan ammoo haaloo bahuuf dhaadatte
  • Netaanyaahuun duuti hogganaa Hezbollaa 'jijjirama seena qabeessa' yoo jedhan, Iraan haaloo bahuuf dhaadatte
  • Ajjeechaan Nasrallaa 'tarkaanfii haqaati' jedhan Baayidan
  • Jiraattoonni Libaanos osoo Hasrallaa dhiisan 'nu ajjeessanii wayya' jedhan
  • Hogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaan ajjeeffaman
  • Netaaniyaahuun lolli Israa’el fi Hezboollaa jidduu bakka itti fufee jiruutti mariin dhukaasa dhaabuu itti fufa jedhu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ajjeefamuun Hasan Nasrallaa dhiibbaa maalii hordofsiisa?

  2. 'Waaqni biyya kana haa eeguu'- Bulchaa Beeruut

    Libaanos biyya waraana cimaan keessatti gaggeeffamuunbeektudha, kanaafuu kana caalaa waraanaaf hawwii hin qabdu.

    Ammallee madaa wal waraansa biyya keessaa bara 1975 fi 1990 jidduutti waggoota 15f turee fi waraana dhumaa Hezbollaa fi Israa’el gidduutti bara 2006tti gaggeeffamee ammalleen hin daganne.

    Haata'u malee, bulchaa Beerut Maarwaan Abbuud dabalatee, namoota tokko tokkoof, halleellan Israa’el dhiheenya kana hammaate baayyee cimee itti dhaga’ame.

    “Kunis yeroo badaa tibban biyyattiin keessa darbitedha,” jedhan.

    ''Baayyiina namoota nagaa ajjeeffamaniitiin baayyeen nahe. Akkasumas akkumaa waan tokko hin mudanneetti hawaasni idil-addunyaa calliisee ilaaluusaattis baayyeen nahe.''

    Karoorri Israa’el ittaanee maal jettee yaadda jedhamee kan gaafatamanbulchaan kun akkas jechuun BBC'f deebisan: "Israa’el maliif ajjeesuu fi ajjeesuu fi ajjeesuu akka barbaaddi ani hin beeku. Waaqayyo biyya kana haa eegu,"

    Dhummarrattis, "Guyyaan kun guyyaa jireenya koo keessatti baay’ee nama gaddisiisudha" jedhe sagalee miira gaddaatiin gutameen.

  3. Israa'el diroonii Galaana Diimaarraa itti ergame qolachuu himte

    Humni Ittisaa Israa'el [IDF] haleellaa diroonii Galaana Diimaa irraan irratti qiyyeefate qolachuu himte.

    Akkuma karaa Kaabaa haleellaan misaa'elaa daangaa darbe isheerratti raawwataa jiru gara kibbaanis yaaddoo akka qabdu himte.

    Humni ittisa biyyattii diroonii gara Kibbaan haleellaaf ergame qoladheera jedhe.

    Kaleessas haleellaa misaa'elaa Huutiin Yaman irraa Israa'el irratti raawwate qolachuu ibsiteera.

    Huutiin Israa'eliin akka diinaatti kan ilaalu yoo tahu michuu Hezbollaati.

    Iraan irraas deeggarsa guddaa akka qabu himama.

    Rooyitarsii fi AFP akka gabaasanitti misaa'elli kaleessa Israa'el irratti dhukaafame sa'aatiin isaa guutameefii yeroo MM biyyattii, Neetanyahuun, Ameerikaa irraa deebi'uun buufata daandii xiyyaaraa Benguriyoon gahanitti akka dhuka'uuf ture.

  4. SpaceX qorattoota Buufata Qorannoo Hawaa Idil-addunyaarratti danqaman fiduuf imalte nagaan qubatte

  5. Iraan Mana Maree Nageenya UN walgahii akka taa'u gaafatte

    Iraan ajjeechaa hogganaa Hezboollaa Hasan Nasrallaa hordoofee Mana Maree Nageenya Dhaabbata Biyyoota Gamtootaman (UN) walgahii hatattamaa akka gaggeessu gaafatte.

    Xalayaa UN'tti Ambaasaadarri Iraan Amiir Iraavaanii biyyoota miseensaa 15tti erganiin, “haleellaa kamiyyuu biyyasaanii, bakka dippilomaasii fi bakka bu’oota” biyya isaanii irratti akka hin raawwanne akeekkachiisaniisuudhaan, Teehraan “dubbii barbaacha akkasii” akka hin obsine dubbatan.

    “Iraan dantaa biyyaalessaa fi nageenyaa ishee murteessaa ta’e ittifachuudhaaf, seera idil-addunyaa jalatti tarkaanfii hunda fudhachuuf mirga uumamaan qabdutti fayyadamuu irraa booddeetti hin jettuu,” jedhan Ambaasaadar Iraavaaniin.

    Manni maree nageenyaas Israa’el akka “rijiinicha harkisuu” gara waraana guutuutti hin seensiifnee” akka of qusattuuf “tarkaanfii murteessaa” akka fudhatuuf gaafataniiru.

    Iraan waggoota dheeraadhaaf Hezbollaa maallaqaa fi meeshaa waraanaatiin deeggaraa turte.

    Kaleessa Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatollah Ali Khamenei duuti Nasrallah “haloo malee akka hin hafne” akeekkachiisaniiru.

    Sababa haleellaa Israa'el Libaanus irratti banteen namoonni 70,000 tahan gara Sooriyaatti baqachuu UN himeera.

    Gara 200,000 kan tahan ammoo biyyuma keessatti qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

  6. Arsenaal eenyummaa gurraachaa waliin akkamitti akka walfakkaate

  7. Hogganaa olaanaa Iraan iddoo eegumsa addaa qabutti deeman

    Hogganaa olaanaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, yaaddoo nageenyaatiif jecha iddoo eegumsa addaa qabutti geeffamuu Rooyitarsi gabaase,

    Ajajaa olaanaan Hezbollaa Hasan Nasarallaa erga Beerut keessatti haleellaa qilleensarraa Israa'eliin Samabata kaleellaa ajjeefamanii booda Iraanittis sodaan dabaleera.

    Israa'el haleellaa jabaa michuu Iraan, Hezbollaa irratti gaggeessaa jirti.

    Qondaalonni naannichaa lama Rooyitarsitti akka himanitti, nageenya isaaniif sodaa jiruun Ali Kaamenii, bakka turan irraa bakka biraatti geeffamaniiru.

    Ali Kaameenii, erga Hasan Nasarallaa ajjeefamanii tarkaanfii akkamii fudhatamuu akka qabu, Hezbollaa wlaiin mari'ataa akka jiranis gabaafameera.

    Alii Kaameenii ibsa baaseen ajjeechaa michuu isaa Nasarallaaf haloo akka bahan ibse.

  8. Baayidan yeroon itti dhukaasa dhaabamu ammaa jedhan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden, Samabata kaleessaa tarii Israa'el waraana lafoo Libaanos keessatti raawwachuun waan hin oolle akka ta'e gaazexessitootaan gaafatamanii ture.

    Baayidanis deebii yoo kennan: "Ammi yeroon itti dhukaasni dhaabachuu qabudha'' jedhan.

    Itti dabaluunis, US fi michoonni ishee guyyaa Roobii darbe Israa’elii fi Hezboollaa gidduutti guyyoota 21'f dhukaasa akka dhaabbatu gaafataniiru, amma garuu abdiin akkasii kamiyyuu baay’ee xiqqaa ta’ee mul’ata jedhan.

    Hezbollaan misaa'eloota isaan Israa'el haleeluu akka itti fufu hima. Israa'el ammoo Hezbollaan akka uummata keenya warra daangaa irra jiraataniif yaaddoo hin taanetti dadhabsiifna jetti.

    Iraan tarkaanfii akkamii akka fudhattu beekamuu baatus, ajjeechaa michuu isaanii Nasarallaa irratti raawwateef dhaadachaa jirti.

  9. Hakiima qorattuu reeffaa maatiinshee waa'ee hojiishee dhagahuu hin feene

  10. Ministeerri fayyaa Libaanos Israa'el Sambata kaleessaan namoota 33 ajjeefte jedhe

    Ministeerri fayyaa Libaanos Israa'el haleellaa guyyaa Sambata kaleessaan raawwatteen namoota 33 ajjeesushee beeksiise.

    Akka ministeerichi jedheettis, namoota ajjeeffaman kanneen malee namoota 195 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqabeera.

    Israa'eel haleellaa raawwatteen qarqara kibba Beeruuti bakka ummanni itti baayyatuufi Hezboollaan keessatti deeggarsa cimaa qabu Daahi'eeh irratti xiyyeeffatee turte.

  11. Waraanni Israa'el qiyyeeffannaawwan Hezbollaa 'hedduu' haleellaa hime

    Waraanni Israa'el ajjeechaa Hasan Nasrallaatiin boodas, haleellaa qilleensaa halkan darbee Libaanos irratti raawwateen, eddoowwan qiyyeeffannaa Hezbollaa hedduu haleele jedhe.

    Ibsa waraanichi fuula Telegiraamii isaarratti Dilbata halkan maxxanseen, eddoowwan qiyyeeffannaa Hezboollaa haleellaman bakka rookkeettiiwwan silaa irraa gara Israa'eliitti dhukaafamuuf turedha jedhe.

    Haleellaan qilleensaa raawwatames, ''gamoowwan bakka meeshaan waraanaa fi caasaawwan waraanaa dhaabbatichaa kuufamaniidha'' jedhan ibsichi.

    Israa'el guyyoota darban keessatti qiyyeeffannaawwan Hezboollaa 'dhiibbaan' lakkaa'aman haleellte jirti jedhe ibsichi itti dabaluun.

  12. Iraan hogganaan michuushee kan jalaa ajjeeffame, Israa'el haleellaa yoo itti fuftee callifteetuma ilaaltii laata?

  13. Tamsaasa kallattii har'aa eeggalleera!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hundatti.

    Tamsaasa kallattii keenya kan Dilbata har'aa kunoo amma eegalleera.

    Yoo itti dhiheenyaan nu hordoftan, odeessaalee ijoo biyya keessaafi addunyaa maraa gagabaabsinee asiin isin biraan geenya.

    Dilbata nagaa qabaadhaa!

  14. Nasrallah irratti haleellaa raawwachuun 'barbaachisaa' ture jedhan Netaaniyaahuun

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun, haleellaan Hasan Nasrallaa irratti xiyyeeffate kanaaf qajeelfama akka kenne dubbatan.

    Sababiin isaas haleellaan Raayyaan Ittisa Israa'el guyyoota darban muraasa keessa Hezboollaa irratti raawwataa ture ''gahaa waan hin taaneefidha' jedhan.

    Duuti Nasrallaa kaayyoo Israa'el galmaan ga'uuf ''haala barbaachisaadha'' jechuun ibsa.

    Netaaniyaahuun Nasrallaa ''dursaa ajjeestootaa'' jechuun ibsanii, innis ''motora giddugala hidhata hammeenya Iraan'' ture jedha.

    Neetaanyaahuun yaa'ii UN irraa gara Israa'eliitti deebii'anii a'aatii muraasa booda ibsa kan kennan.

    Ajjeechaa Hasan Nasrallaa ''jijjiirama qabxii seenaa'' jechuun ibsa.

    Akkasumas Israa'el namoota du'a "Israa'el lakkoofsaan hin beekamnee" fi lammiilee biyya alaa hedduudhaaf itti gaafatamummaa qaban waliin "qabxii galmeessitee jirti" jedhan.

    Israa'el diina ishee haleeluu itti fufuuf kutannoo qabdi jedha.

  15. Duuti Hasan Nasrallaa akkuma dhagahameen miira jiraattootaa suuraadhaan

    Oduun ajjeechaa hogganaa Hezboollaa Hasan Nasrallaa riijinicha keessattidambalii aasuu uume.

    Suuraalee miira namoota muraasaa agarsiisan kunii asiiin gadii ilaalaa:

  16. Peentaagoon 'humnoota Ameerikaa eeguuf dhaabbateera'

    Pirezidantii Ameerikaa, Joo Baayidan erga dubbatanii yeroo muraasa booda, Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin waraanni Ameerikaa ''humnootaa fi dhaabbilee Ameerikaa naannicha keessa jiran eeguuf of eeggannoon dhaabbachuufi fi ittisa Israa'eliif kutannoo qabaachuu isaa ibsan.

    Peentaagoon Sambata ganama akka jedhetti, Oostiin Jimaata darbe gita isaa Israa’el Yo'aav Gallant’f bilbiluudhaan, mirga Israa’el ofishee ittisuuf qabduuf deeggarsa guutuu Ameerikaa ibseera.

    Barreessaan ittisaa kunis akkasumas Iraan haala Libaanos akka hin fayyadamne ittisuuf Waashingitan kutannoo akka qabdu dubbataniiru", jedhan dubbi himaan Peentaagoon Meejar Jeneraal Paat Raayidarin.

  17. Hezboollaan hogganaansaa Hasan Nasrallaan ajjeefamuu mirkaneesse

  18. Baayidan ajjeechaan Nasrallaa 'tarkaanfii haqaati' jedhan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden ajjeechaan Hasan Nasrallaa ''miidhamtoota isaatiif hedduudhaaf safartuu haqaati'' jechuun ibsaniiru.

    Miidhamtoonni kunneenis, ''lammiilee Ameerikaa, Israa'elii fi lammiilee nagaa Libaanos kumaatamaan lakkaa'aman'' kan hammatu akka ta'e dubbata.

    Baayiden Ameerikaan mirga Israa'el Hezbollaa, Hamaas, Huutii Yeman fi ''garee shororkeessaa Iraan deeggartu kamiyyuu'' irraa of ittisuu gotuu ''guutumaan guutuutti akka deeggartu'' cimsuun dubbatan.

    Akkasumas pirezidaantiin Ameerikaa kun, Peentaagoon ''dubbii barbaacha ofirraa ittisuuf'' ejjennoo ittisaa humnoota waraanaa Ameerikaa Baha Giddugalaa keessaa akka guddisu qajeelfama kennuu isaanii dubbatan.

  19. 'Osoo hunda keenya ajjeesanii Nasrallaa dhiisaniin natti tola ture' -deeggartoota naasuu keessa jiran

    Beeruuti keessatti namoota qe'ee isaanii Ain al-Mraysseh, naannawa itti Hezbollaan hogganaan isaa Hasan Nasrallaan ajjeeffame jedherraa buqqa'an tokko tokko waliin BBCn haasa'ee ture.

    Hedduun isaanii oduu gaddaa kanarraa dandamachuu hin dandeenye. Gariin lafatti kufan, kaan ammoo iyyuun, kallattiidhuma hundaan fiiguu fi boo'uu jalqaban.

    Dubartiin tokkoos akkas jette: “Hunda keenya ajjeesanii osoo isa tursiisuun natti tola ture” jette.

    Kan biraan tokko ammoo: “Akkamittan Sayyed [Hasan Nasrallaa] kana booda akka hin jirre beekee gara Dahieh deebi’uu danda’a” jette.

    Rifaatuunsaa baayyee cimaadha. Nasrallaan deeggartoota isaa guddaa ta’eef hogganaa olaanaa qofa hin turre, ni waaqqeeffamans ture malee.

    Beerut keessatti namni hundi deeggaraa Hezbollaa miti, garuu daandii tokko tokko irratti, akka mallattoo aarii fi gaddaa ittiin ibsachuutti samiitti ol rasaasa dhukaasaa turan.

  20. Libaanos haleellaa Israa’el kibba Beerut irratti raawwatte namoota 11 ajjeese jetteetti

    Odeeffannoo Ministeera fayyaa Libaanos irraa dhiheenya kana baaseen, haleellaa qilleensaa Jimaata Israa’el kibba Beerut keessatti raawwateen namoonni 11 akka ajjeefaman ibseera.

    Qondaaltonni itti dabaluudhaan, namoonni 108 miidhamuunsaanii adda bahuu himan.

    Ministeerichi odeeffannoo addaa har'a waaree booda baaseen ammoo, dhukkubsattoota kaansariitiif sarara bilbilaa addaa kaa'eera.

    Akkasumas kanneen raadiyooteraapii fudhachaa jiran gara kutaalee wal'aansa guyyaatti akka dabarsan ibseera.