Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate erga haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
Israa'el Libaanos keessatti eddoowwan Heboollaan deeggarsa cimaa itti qabu erga haleellaa turteen booda, amma bu'uraalee miisoomaa Yeman kan meeshaaleen waraanaa Iraan ittiin geejibaman haleeluu beeksiifte.
Guduunfaa
- Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
- Israa'el Nasrallaa waliin qondaaltoota Hezbollaa 20 ajjeessuu himte.
- Ajjeechaa hogganaa Hezboollaatiin boodas Israa'el haleellaa Libanos keessatti itti fufte, Iraan ammoo haaloo bahuuf dhaadatte
- Netaanyaahuun duuti hogganaa Hezbollaa 'jijjirama seena qabeessa' yoo jedhan, Iraan haaloo bahuuf dhaadatte
- Ajjeechaan Nasrallaa 'tarkaanfii haqaati' jedhan Baayidan
- Jiraattoonni Libaanos osoo Hasrallaa dhiisan 'nu ajjeessanii wayya' jedhan
- Hogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaan ajjeeffaman
- Netaaniyaahuun lolli Israa’el fi Hezboollaa jidduu bakka itti fufee jiruutti mariin dhukaasa dhaabuu itti fufa jedhu.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Waraana hammaateen balaliin xiyyaaraa gara Beerut hangi tokko haqame
Daandiin qilleensaa Qaataar xiyyaaronnisaa gara Beerutitti akka hin balaline fi Beerutirraa akka hin kaane hanga boruutti yeroof balalii dhaabe.
Daandiin qilleensaa kun’’nageenyi imaltootaa xiyyeeffannoo keenya jalqabaati’’ jechuun ibsuu AFP’n gabaase.
Ganama kana Libaanos, buufata xiyyaaraa idil-addunyaaa Rafiiq Haririitti balaliin xiyyaarota hedduu haqameera- Xiyyaarri Tarkii Istaanbulirraa gara Beerut, kan daandii qilleensaa Faransaayii Paarisirraa ka’uu, xiyyaarrii daandii qilleensaa Jordaan fa’aan gara buufata xiyyaaraa kanatti otoo hin imaliin hafan.
Akkasuma Luftaanzaa-Jarman, daandiin xiyyaaraa Faransaay fi Deltaa jedhaman fa’aan gara Beerutitti balali’uu dhaaban.
Guyyoota muraasa darbanitti tajaajillii balalii gara Israa’elii fi Iraanillee hubameera jedha gabaasni AFP.
Manneen barnootaa kaaba Israa’eli fi Libaanos sababa waraanaan cufaman
Manneen barnootaa kaabaa Israa’elitti cufamuu barruun Israa’el tokko gabaase.
Jalqaba torban kanaatti manneen barnootaa naannoo magaalaa Hayifaa fi gara kaaba Israa’elitti cufamaniiru.
Haata’u malee, kaaba Israa’el iddoowwan rokkeettiin itti dhukaafuun gabaafamettis manneen barnoota cufameera.
Ministeerri Barnootaa Libaanos manneen barnootaa biyyattii cufamanii turu jedhan.
Manneen barnoota mootummaa keessatti barnoonni hin eegalamne- Manneen barnootaa dhuunfaa heddu keessatti barnoota akka hin eegallee akeekkachiifaman.
Manneen barnootaa Beerut fi iddoowwan birootti argaman dawoo baqannaa namootaatti geeddaramaniiru.
Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman kibba Libaanos keessaa baqatan
Halkan guutuu namoonni magaalotaa fi mandaroota kibba Libaanos keessaa baqatan Beerut seenuuf yaalaa turan.
Namoonni kaan shaanxaa muraasa qofa baatu.
Namoonni danuun karaa guddaa Beerutirra konkolaataa dhaabanii gara dawoo yeroo qophaa'eetti geeffamuu eeggataa jiru.
Israa'el haleellaa xiyyaaraa guddaa erga waraanaa bara 2006 asitti kibba fi bahaa Libaanositti raawwatte Haleellaan kun lubbuu namoota danuu dabarse. Ministeerrii Fayyaa Libaanos amma yoonaatti namoonni 492 ajjeefamu ibseera.
Waraanni Israa’el maadheewwan qiyyaafannoo Hezbollaa 1600 haleeluu ibse.
Mootummaan Libaanos akka jedhutti, namoonni kuma hedduutti lakkaa’aman amma yoonaatti qe’eerraa baqataniiru.
Haleellaan Israa’el ittifufteen lakkoofsi namoota baqatanii akka dabaluutu eegama.
Haleellaan kun otoo hin jabaatiin durallee namoonni kuma kudhanitti lakkaa’aman qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru.
Biriduu guyyootaaf galaana bolali'aa turte keessaa reeffii namoota 30 argame
Bidiruun guyyoota hedduudhaaf galaana irra bolalii'aa turte keessaa reeffi namoota 30 argamu qondaaltoonni waraanaa Seeneegaal beeksiisan.
Raayyaan ittisa biyyatti ibsa fuula X isaa gubbaatti baaseen, erga bidiruun magaalaa guddoo biyyattii Daakaar irraa fageenya kilomeetira 70 irratti osoo galaana gubbaa bolaliituu argamteen booda eegdoonni daangaa galaanaa bakkichatti argamu ibse.
Doonii mukarraa hojjatamte kana keessaas erga gara buufataatti geessanii booda reeffa namootaa bosbosaa jiru argan.
''Eenyummaa namoota kanneenii adda baasuudhaaf hojiin reeffiicha adda baasu taasifamaa jira. Reeffi haala bosbosaa jiruutti kan of eeggannoo baayyee barbaaduudha'' jedha ibsichi.
Imalli baqattootaa Seneegaali irraa gara Iseep Odolo Kaanaariitti taasifamuf baayyataa dhufeera.
Imalichi kan Galaanaa Atilaantiik irratti taasifamu yoo ta'u, dheerina kilomeetira 1,500 haguuga.
Haala reeffii argaman kunneen irratti argaman hubannoo keessa galchuudhaan godaantoonni kunneen erga lubbuunsaanii darbeen booda bishaan irra bolali'aa akka turan ibsan.
Kiyyeessitoonni qurxummii bidiriitti argamii erga eeruu kennaniin booda ture kan eegdoota qarqara galaana humna galaana biyyattiin argamte. Biriduun kunis eessaafi yoom akka kaate, namoota meeqa qabattee akka turte qorannoon gaggeeffamaa jira.
Hagayya keessa yoo xinnaate reeffi namoota 14 kiyyeessitoota qurxummiitiin qarqara galaana Rippaabilika Dominiikitti argameera. Kanneen du'anis baqattoota Seeneegaal akka ta'an ibsame.
Mootummaan Seeneegaal godaansa seeraan alaa ittisuufi du'a gondaansaan wal qabate dhorkuuf karoora waggaa 10 baaseera. Toranoota dhiheenya keessas godaantoonni dhibbaan lakkaa'aman osoo biruudhaan deemanu to'atamaniiru.
Telegiraamin odeeffannoo fayyadamtootaa anga'ootaaf akka kennu beeksise
Appiin miidiyaa hawaasa ergaa daddabarsu Telegiraamiin odeeffannoowwaan adda addaa, teessoo fi lakkoofsa bilbilaa fayyadamtootaa qaamolee sakatta'uu barbaadaniif ykn gaaffii seeraa seera qabeessa biroo qabaniif dabarsee nan kennaa jedhe.
Jijjiiramni imaammata tajaajilaa fi iccitii irratti taasifame kun ''yakkamtoota abdii kutachiisuu qaba'' jedhu hoji gaggeessaan olaanaan telegiraamii Paaveel Duroov.
"Fayyadamtoonni Telegiraamii harki guddaan (99.99%) yakka waliin kan wal hin qabanne ta'ullee hangi xiqqoon (0.001%) odeeffannoo balaafamaa fi yakkaan wala qabatu telegiram irratti fayyadamuun, maqaa gaarii aappii kanaa fi fedhii fayyadamtoota gara biliyoona tokkoo balaadhaaf saaxila," jedhan.
Lammii Raashiyaa kan ta'e hundeessaan telegiraam Mr Durov, murtee kanarra kan ga'e erga baatii darbe buufata xiyyaaraa kaaba Paaris irraa xiqqoo fagaattee argamtutti hidhamuun ba'anii boodadha.
Abbootiin alangaa biyyatti aappii yakkootni adda addaa irratti rawwatamu akka ta'u eeyyamuu isaaf mana murtitti himatan.
Telegiraamii irratti suuraa fi viidiyoon miidhaa daa'immanii babal'isuu, daldalli qoricha sammuu namaa hadoochuurratti raawwatamu, viidiyoo fi suuraa pornoogiraafii fi qabiyyee yakka shororkeesummaa dabalatee kanneen yakkoota biraa wal qabatan irratti gaggeeffamuu fi kanneen shakkaman odeeffannoo isaanii kennuu dhabuun himatame.
Himata kanaaf Mr Durov, yakka qaama sadaffaan aappicha irratti raawwatameef ittigaafatamummaa fudhachuu akka hin qabne mormeera.
Hidhamuun hoji gaggeessichas gama biraatin egeree bilisummaa mirga interneetii irratti falmii kaaseera.
Jijjiiramni imaammataa amma taasifame kun kanaan duras fayyadamtoota biratti sodaa guddaa ture.
Imaammatichi fooyya'uu isaatiin dura Telegiraamiin odeeffannoo shakkamtoota shororkeessummaa qofa dhiyeessa jedha. Amma garuu kanneen qabiyyeen isaanii rakkoo qabu fi qaamni seeraa sakkata'uuf gaafate kennuuf akka jiru eere.
UAEn michummaa Afrikaa cimsiteen maal barbaadaa jirti?
Haleellaa Israa’eliin Libaanositti namoonni 492 ajjeefaman
Haleellaa bal’aa Israa’el Libaanos keessatti Hezboollaarratti xiyyeeffachuun raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 492 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Libaanos beeksise.
Lolli kun waggoota 20 keessatti guyyaa lubbuun namoota danuu itti darbedha.
Waraanni Israa’el maadheewwan Hezboollaa 1,300 haleeluu kan beeksise yoo ta’u, namoonni kumaatamaan lakkaa’aman qe’eesaanii dhiisanii baqachuuf dirqamaniiru.
Gama biraatiin Hezboollaan rokkeettiiwwan 200 kaaba Israa’elitti dhukaasuu Waraanni Israa’el beeksiseera.
Caccabaa rokkeettii kanaan namoonni lama mada’aaniiru.
Biyyoonni jajjaboon addunyaa gareen lachuu humna guutuun wal waraanuutti akka hin ceene akeekkachiisaa jiru.
Ministeerri Fayyaa Libaanos akka beeksisetti, daa’imman 35 fi dubartoonni 58 namoota Libaanosttii ajjeefaman keessaaa ta'uu kan eeran yoo ta’u, haleellaa kanaan namoonni 1,645 madaa’aniiru.
Namoota nagaan madaa’anii fi hidhattoonni mada’aan hangam akka ta’an gargar baafame hin gabaafamne.
Ministirri Fayyaa biyyattii Firaas Abihad, namoonni kumaataman lakkaa’aman haleellaa Israa’el jalaa dheessu ibsan.
Barrreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez lolichi hammaachuutti yaadda’uu himuun, ‘’Libaanos Gaazaa biraa akka taatu hin barbaadu’’ jedhan.
Hoogganaa nam-tolcheen (AI boss) kan namaa caalaa hojimaata fooyyessaa?
Koloneel Hayiluu Raggasaa: Namni aangoo mootummaa dhiisuun qabsoo hidhannoo Oromootti dabalaman akkamiin yaadatamu?
Falmii dhimma ‘kafana Yesuus Kiristoos’ Xaaliyaaniitti argamu irratti ka’an
Astiroonomeronni lama Buufata hawaa keessa turuun rikardii cabsan gara lafaatti deebi’an
Astiroonomeronni Raashiyaa lama buufata hawaa keessa turuun rikardii cabsan gara lafaatti deebi’an
Oleeg Kononenkoo fi Nikoolaayi Chuub jedhaman buufata hawaa idil-adunyaa keessa turuun rikardii cabsuun gara lafaatti deebi’an.
Astironomeroonni kunneen guyyoota 374 buufata hawaa kana keessa turan.
Kononenkoon walumaagalatti turtii hawaa keessaan rikardii biraa cabseera. Yeroo adda addaatti gara buufata kanaa deemuun turtii guyyoota 1,111 orbiitii irra taasisuun rikardii qabateera.
Astironomeriin gara biraa Tireesii Daayisan jedhamtu turtii ji’oota jahaan booda rokkeettii [xiyyaar-samii] astironomeroota baattu gara Kaazakistaanitti imaltuun buuteetti.
Astiroonomeroonni NASA buufata hawaa idil-addunyaa rokkeettii Boyingi Istaarlaayineriin erga achi gahanii danqaman keessatti danqaman Suunii Wiliyaamsi.
Israa'el Hezboollaan namoota nagaa akka 'dahootti fayyadama' jechuun himatte
Ministirri Dhimma Alaa Israa'el, Israa'el Katz Hezboollaan mana jiraattoota nagaa Libaanos keessatti misaa'ela dhukaasuun, ''ummata nagaa akka dahootti fayyadama'' jechuun himataa jiru.
''Namoonni nagaa naannawa meeshaa waraanaa Hezboollaatti argaman kamiyyuu nageenya isaatiif jecha hatattamaan manasaa gadhiisuu qaba,'' jechuun fuula X, kan duraan tiwiitara ture irratti barreessan.
Israa’el yeroo dheeraaf mana lammiilee nagaa jalatti ulaa lafa jalaa qotuu dabalatee, Hezboollaa humnasaa lammiilee nagaa Libaanos gidduu buufachiiseera jechuun himataa turte.
Gama biraatiin ammoo waraanni Israa’el akka jedhutti, lammiileen Israa’el miliyoona tokkoo ol ta’aniifi magaalaa kaabaa Haayifaa fi naannooshee keessa jiraatan, haleellaa rookkeettii Hezboollaa irraa bakka itti baqatan bakka nageenyaa barbaadaa jiru.
Israa'el guyyoota walxaxatu fuulduratti ishee mudachuuf jira- Netaaniyaahuun
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuun dubbii dhiheenya kana taasisaniin, biyyattii fuuldura ''guyyoonni walxaxaa'' akka jiran akeekkachiisan.
Dubbiin Netaanyaahuun kunis kan dubbatame, walgahii waajjira muummee waraanaa Kiryaa Teel Aviiv keessatti argamutti taa'ameen booda Israa’el doorsisa teessee akka hin eegne, kanarra “dursitee” akka haleellaa raawwattu cimsanii dubbataniiru.
Kanaanis haleellaa biyyisaanii dhiheenya kana kibba Libaanos irratti raawwatte eeran.
"Madaallii nageenyaa, madaallii humna kaaba keessaa akka jijjiirru waadaa galeera, kan hojjataa jirruus sirriitti waanuma kanadha," jedha.
Taphattonni Maan Siitii Arsenaal himatan, Arteettaan 'waan raajiidha' jedhe
Israa'el haleellaa Libaanos irratti wayita cimsite kanatti kumaatamn baqataa jiru
Haleellaan boombii Israa’el, naannoo magaalaa qarqara galaanaa Xiiros dabalatee, kibba Libaanos keessatti itti fufee jira.
Jiraattonni kumaatamaan lakkaawaman naannicharraa gara Beerutitti baqachaa akka jiran himamaa jira.
Suuraaleen amma gamasiirraa gara kutaa oduu keenyaa qaqaban kunooti:
Paakistaanitti haleellaan boombii ambaasaddara Itoophiyaa dabalatee dippilomaatotarratti qiyyaafate lubbuu galaafate
Bakka fedhe seenee namoota dhuunfaatii hanga biyyaatti kan basaasu Mossad eenyu?
Filannoo US 2024: Pirezidaantummaaf dorgomaa kan jirtu Kaamalaa Haaris eenyu?
Libaanos namoonni ajjeeffaman 274 gahuufi 21 daa'ima ta'uu himte
Angawoonni Libaanos lakkoofsa haleellaa qilleensaa Israa'el har'a raawwatteen du'anii haaraa beeksiiste.
Haaluma kanaanis ammatti yoo xiqqaate namoonni 274 kan ajjeefaman yoo ta’u, isaan keessaa 21 daa’imman akka ta’an ministeerri fayyaa Libaanos himane.
Haleellaadhuma kanneen alatti namoonni 1,024 madaa’uu isaanii ministirri kun itti dabaluudhaan himaniiru.