Gaaffiin ijoo Iraan Yuuraaniyeemii baay'ee badhaadhina eessa jira kan jedhuudha - hogganaa olaanaa IAEA duraanii
Ittaanaan daareektara -olaanaa Dhaabbata To'ataa Anniisaa Atoomawaa Idil-Addunyaa (IAEA) duraanii, haleellaa Israa’el raawwataa jirtu hordofee sagantaa nikulaaraa Iraan keessatti dhimmoonni eessa akka dhaabbatan sirriitti hin beeknu jedhu.
Olli Heinonen, Israa’el dandeettii nikularaa Teehraan irratti miidhaa guddaa geessisuu hin oolu jedhan. Dhaabbatichi Naataanz keessa jiru "deebiisuudhaaf yoo xiqqaate waggoota fudhata" jechuun sagantaa Raadiyoo 4'n Today'tti himan.
"[Warshaan Fordow]s akkasuma natti fakkaata. Haleellaa raawwatameen booda haala baayyee hamaa keessa jira."
Haata'u malee, gaaffiin ijoo ammallee jira, Iraan kuusaa Yuuraaniyeemii baay'ee badhaadhan kan ''kiiloo giraama 400 ol'' eessatti kuuftee kan jedhuudha jedhan Heinoonan.
"Iddoo dhoksaa, baayyee ta'uu kan hin barbaachiifne, yoo qabaatan... akkasumas IAEA osoo hin argamin dhoksaan [yuuraaniyeemii] sadarkaa meeshaa waraanaatti badhaadhessuu yoo danda'an, sana booda rakkoo guddaa harka keenyarra jirra."