Jimaata darbe yeroo Israa'el haleellaa qilleensaa guddaa Iraan irratti raawwatteen booda, Tehraan misaa'ela hedduudhaan haaloo akka baatu taasiseera.
Ergaa viidiyoo guyyaa sana Ministirri Muummee Israa'el, Beeniyaamin Netaaniyaahuun dabarsaniin, kaayyoo Israa'el sagantaa nikularaa Iraan fashaleessuuf qabduun alatti, ummata Iraaniin "bilisummaa keessan akka argattan karaa isiniif qulqulleessaa jirra" jechuun himanii ture.
Kutaaleen mormitoota Iraan gargar ba'an muraasa waamicha Netaaniyaahuu duuba hiriira ba'aniiru. Kaan immoo kaayyoo Netaaniyaahuun irratti wal amantaa dhaban.
Iraan keessa gareewwan mormitoota cimoon hin jiran, dambalii ajjeechaa jumlaa fi hidhaa bara 1980moota keessa ture dabalatee, aangawoonni Iraan baroota dheeraaf mormiirratti tarkaanfii cimaa fudhataa turan.
Erga yeroo sanaatii kaasee gareewwan mormitootaa Iraan irra caalaansaanii, gareewwan cimoo lama dabalatee, biyya alaa irraa socho'aa jiru.
Aanga'oonni Iraan interneetii fi miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne waan dhorkaniif, gaazexeessitoonni jiraattoota Iraan keessa jiran qunnamuun rakkisaa ta'aa dhufeera.
Haata'u malee, dargaggoota Iraan sirnicha mormuudhaan kanneen hiriira bahanii turan hedduu keessaa BBCn dhiheenya kana heddutti haasa'uu danda'eera.
Aanga'oonni Iraan mormitoota ukkaamsuuf jecha yeroo baayyee mormitoota mana hidhaatti waan galchaniif nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii jijjiirameera.
Taaraan shamarreen ganna 26 BBCtti akka himtetti, Israa'el haleellaa gaggeessuun dura namoonni akka baqataniif akeekkachiisa kennee ture, haata'u malee sababii aanga'oonni intarneetii cufaniif "namoonni odeeffannicha akka hin beeknee fi lakkoofsi namoota du'anii akka baayyatu taasuseera" ijetti.
Buufanni sakatta'iinsaa fi buufataaleen kaffaltiis diriirfamaniiru jechuun, aanga'oonni "ta'e jedhanii" tiraafikaa uumuun "namoonni bakka irratti xiyyeeffatamu keessa akka turaniif jajjabeessa" jechuun himatti.
"Waa'ee jaalala biyyaa, tokkummaa, diina dura dhaabbachuu dubbachuun abshaalummaadha. Diinni waggootaaf suuta suutaan nu ajjeesaa tureera. Diinni Rippabiliika Islaamaati!"
Waraanni Israa'el namoonni naannwan xiyyeeffannaa keessaa akka bahaniif karaa telegiraamiii fi X'tiin akeekkachiisa kessan. Garuu Telegram fi X Iraan keessatti dhorkamoodha.
Daangeeffamuu intarneetii waliitti dabalamuun, haalli kun lammiileen Iraan akeekkachiisa kana arguun baayyee rakkisaa taasisa jechuudha jetti.
Simaan dhamarreen ganna 27, kana booda kanaaf dhimma akka hin qabne BBCtti himti.
"Israa'el daftee osoo hojii kana raawwattee natti tola. Dadhabeen jira. Ani deeggartuu Israa'el ykn waan isheen hojjechaa jirtu ta'uu baadhus, waan jalqaban akka xumuran abdiin qaba."
"Hawwii nan qaba. Garuu balaa IRGC [Eegdota Warraaqsa Islaamaa], [Ayaatolaah Ali] Kaameenii fi ayaatolaawwan akka waliigalaatti nu fi addunyaa irraa akka balleessan nan barbaada."