Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'US weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi - Pirezidantii Iraan

Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan US"weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi jedhan. Pirezidantiin Iraan kana kan jedhan haasaa bilbilaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon waliin taasisaniinidha. ''Miidhaa hangam akka gahe sakatta'insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta'insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,'' jedhan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan har'a marii dippilomaasii Istaanbul keessatti taasiftu itti fufti

    Walgahii Jimaata kaleessaa bakka bu'oota Awurooppaa waliin Jenevaatti taa'ame hordofuun, ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araaghchiin har'a marii dippilomaasii itti fufuuf Tarkii Istaanbul keessa jiru.

    Dhaabbanni oduu mootummaa Tasnim akka gabaasetti, Araaghchiin har'a ganama bakka bu'oota addunyaa Arabaa fi Musliimaa irraa dhufan waliin wal arguuf Tarkii galaniiru.

    "Walgahii kana irratti, haaluma yaada Iraan dhyeessiteetti, dhimmi haleellaa bulchiinsi Ziyoonistii biyya keenya irratti raawwatu addatti kan ilaalamu ta'a," jedhan Araaghchiin akka gabaasa Tasnim'tti.

    Walgahii kanarratti hargannuu haaraa hordofnee isiniin geenyaatii nu hordofaa.

  2. Iraan filmaata dippilomaasii kan ilaaltu erga Irsaa'el haleellaa dhaabdeen booda jette

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyisaanii ''Israa'el hanga haleellaa raawwataa jirtu dhaabduutti gara filmaata dippilomaasiitti akka hin deebiine himanii ture.

    Aanga'aan kun kana kan dubbatan Jimaata kaleessaa wayita wayita ministiroota dhimma alaa Faransaay, UK, Jarman waliin mari'ataniitti ture.

    Akkasumas Araagchiin ''Israa'el gochaa yakkaa raawwatteef itti gaafatamtuu ta'u qabdi'' jedhan.

    Aanga'aan kun sagantaa nikulaara Iraan naga qabeessa ta'usaa fi haleellaan buufataalee kanneen irratti raawwatamu kan seera idil-addunyaa cabseedha jechuun ibsan.

    Iraan ''mirga ofiishee ittisuu fayyadamuu itti fufti'' kan jedhan Abbaas Araagchiin, ''dandeettii of ittisuu Iraan mariidhaaf kan hin dhiyaannee ta'u ifa gochuun barbaada'' jedhan.

    Pirezidantiin Faransaay, Imaanu'el Maakiroon walitti bu'iinsa Israa'el waliin qabana dhaabsiisuuf Faransaay dabalatee biyyoon Awurooppaa Iraaniif karoora dippilomaasii akka dhiyeessaniif dubbatanii ture.

    Karoorri kunis kan kutaalee ijoo ar=furiitti caasseeffame yoo ta'u, kan ittaanu of keessaatti hammata:

    Dhaabbanni Annisaa Atomiikii Addunyaa (IAEA)n hojiisaa Iraaniitti akka eegalu fi hojii yureeniyeemii gabbiisuu gara zeerootti akka jijjiru, sochii misaa'ela baalastikii Iraan to'achuu, Iraan deeggarsa hidhattoota qaxanicha keessa jiraniif gootu kan ilaalatuu fi hidhantoota Iraan keessa jiran bilisa baasuu (kunis kan lammiilee mana hidhaa Iraan keessatti argaman kan ilaalatuudha? kan hammateedha.

  3. Haleellaa Israa'eliin kaleessa qofa Gaazatti namoonni 44 ajjeefaman

    Haleellaa Israa'el guyyaa Jimaata kaleessaa Gaazatti gaggeeffameen namoonni 44 du'uu maddi oduu Rooyitars gabase.

    Namoonni hedduun kan ajjeefaman bakka deeggarsa namoomaa fudhachuuf walitti qabamanitti dhukaasa irratti banameen ta'uutu ibsame.

    Keessumaa namoonni 25 konkolaataa deeggarsa namoomaa fidu osoo eeganii dhukaasa itti banameen du'uu ibsa gabaasi Rooyitars kun.

    Waraanni Israa'el gamasaan humnoonni hidhatan namoota deeggarsa eeggatan keessa makamuun waan itti dhufaniif dhukaasa akeekkachiisaa dhukaasuu beeksise.

  4. Israa'el qondaala waraanaa olaanaa tokko ajjeesuu beeksifte

    Ministiira Ittisaa Israa'el kan ta'an Israa'el Kaatz qondaalli waraanaa olaanan Iraan tokko mana jireenyaa keessatti ajjeeffamuu kaleessa ibsanii ture.

    Qondaalli waraanaa Iraan ajjeefame jedhame Saa'iid Izaadii yoo jedhamu kun kan ajjeefame magaalaa Qoom jedhamtu keessatti.

    Israa'el Kaatz akka jedhanitti, qondaalli waraanaa Iraan kun garee Hamaas maallaqaan deeggaruufi hidhachuusuu keessatti gahee guddaa akka qabu himan.

    "Kun tika Israa'elifi Humna Qilleensaaf milkaa'ina guddaadha. Namoota ajjeefamaniifi butaman [Gaazaa jiraniif] haqa isaanitu bahe. Harki Israa'el inni dheeran bakka diinnishee jiru hunda ni qaqqaba," jedhan.

    Saa'id Izaadii qaama Humna Eegumsa Warraaqsaa Iraan (IRGC) kan ta'eefi humnoota Iraan alatti deeggartu kan hogganu miseensa Humna Quds jedhamuuti.

  5. Iraan haleellaan bakka itti fufeetti marii nikulaaraa diduusheetiin boodas Israa'eliin walitti dhukaasan

    Waldhabdeen Israa'elii fi Iraan jidduutti mutadate guyyaa salgaffaa isaa irrattis ammas walitti dhukaasuun akkuma itti fufeetti jira.

    Israa'el haleellaa ishee halkan darbeetiin bu'uuraalee nikularaa irratti kan xiyyeeffatte yoo ta'u, miidiyaaleen Iraan haleellaan bakka nikulaaraa giddugala biyyattii Ifsaahaan keessatti argamu irratti raawwatame gabaasaniiru

    Raayyaan Ittisa Israa'el ammoo, halkan darbe haleellaa diroonii fi misaa'elaa Iraan irraa dhufe hedduu kufiisuu isaa hime.

    haleellaan kunis erga ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araaghchi haleellaa irra osoo jiruu marii nikulaaraaf taasifamu erga diidaniin booda kan raawwatameedha.

    Aragchi kaleessa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Iraan ''erga haleellaan kun dhaabbate booda filmaata dippilomaasii ilaaluuf qophii ta'uu fi ''dubbi barbaaddonni gochaa yakka fokkisaa raawwatameef itti gaafatamaa ta'u qabaatu'' jedhan.

  6. 'Filannoo badaa lamaa': Dargaggoonni farra sirna Iraan waraanicharratti wal qoodan

    Jimaata darbe yeroo Israa'el haleellaa qilleensaa guddaa Iraan irratti raawwatteen booda, Tehraan misaa'ela hedduudhaan haaloo akka baatu taasiseera.

    Ergaa viidiyoo guyyaa sana Ministirri Muummee Israa'el, Beeniyaamin Netaaniyaahuun dabarsaniin, kaayyoo Israa'el sagantaa nikularaa Iraan fashaleessuuf qabduun alatti, ummata Iraaniin "bilisummaa keessan akka argattan karaa isiniif qulqulleessaa jirra" jechuun himanii ture.

    Kutaaleen mormitoota Iraan gargar ba'an muraasa waamicha Netaaniyaahuu duuba hiriira ba'aniiru. Kaan immoo kaayyoo Netaaniyaahuun irratti wal amantaa dhaban.

    Iraan keessa gareewwan mormitoota cimoon hin jiran, dambalii ajjeechaa jumlaa fi hidhaa bara 1980moota keessa ture dabalatee, aangawoonni Iraan baroota dheeraaf mormiirratti tarkaanfii cimaa fudhataa turan.

    Erga yeroo sanaatii kaasee gareewwan mormitootaa Iraan irra caalaansaanii, gareewwan cimoo lama dabalatee, biyya alaa irraa socho'aa jiru.

    Aanga'oonni Iraan interneetii fi miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne waan dhorkaniif, gaazexeessitoonni jiraattoota Iraan keessa jiran qunnamuun rakkisaa ta'aa dhufeera.

    Haata'u malee, dargaggoota Iraan sirnicha mormuudhaan kanneen hiriira bahanii turan hedduu keessaa BBCn dhiheenya kana heddutti haasa'uu danda'eera.

    Aanga'oonni Iraan mormitoota ukkaamsuuf jecha yeroo baayyee mormitoota mana hidhaatti waan galchaniif nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii jijjiirameera.

    Taaraan shamarreen ganna 26 BBCtti akka himtetti, Israa'el haleellaa gaggeessuun dura namoonni akka baqataniif akeekkachiisa kennee ture, haata'u malee sababii aanga'oonni intarneetii cufaniif "namoonni odeeffannicha akka hin beeknee fi lakkoofsi namoota du'anii akka baayyatu taasuseera" ijetti.

    Buufanni sakatta'iinsaa fi buufataaleen kaffaltiis diriirfamaniiru jechuun, aanga'oonni "ta'e jedhanii" tiraafikaa uumuun "namoonni bakka irratti xiyyeeffatamu keessa akka turaniif jajjabeessa" jechuun himatti.

    "Waa'ee jaalala biyyaa, tokkummaa, diina dura dhaabbachuu dubbachuun abshaalummaadha. Diinni waggootaaf suuta suutaan nu ajjeesaa tureera. Diinni Rippabiliika Islaamaati!"

    Waraanni Israa'el namoonni naannwan xiyyeeffannaa keessaa akka bahaniif karaa telegiraamiii fi X'tiin akeekkachiisa kessan. Garuu Telegram fi X Iraan keessatti dhorkamoodha.

    Daangeeffamuu intarneetii waliitti dabalamuun, haalli kun lammiileen Iraan akeekkachiisa kana arguun baayyee rakkisaa taasisa jechuudha jetti.

    Simaan dhamarreen ganna 27, kana booda kanaaf dhimma akka hin qabne BBCtti himti.

    "Israa'el daftee osoo hojii kana raawwattee natti tola. Dadhabeen jira. Ani deeggartuu Israa'el ykn waan isheen hojjechaa jirtu ta'uu baadhus, waan jalqaban akka xumuran abdiin qaba."

    "Hawwii nan qaba. Garuu balaa IRGC [Eegdota Warraaqsa Islaamaa], [Ayaatolaah Ali] Kaameenii fi ayaatolaawwan akka waliigalaatti nu fi addunyaa irraa akka balleessan nan barbaada."

  7. 'Bakka biraa deemnu hin qabnu, jireenyikoo Tehraan keessa jira' jedha lammiin Iraan gara manasaatti deebi'aa jiru

    BBCn qaxxaamura daangaa Kaapikoy-Raazi bakka, qaxxaamura gurguddaa Iraanii fi Tarkii gidduutti argaman keessaa tokko dhawwanne.

    Dubartiin tokko sa'aatii afuriif miila isheetiin dhaabbattee hiriyyoonnishee dhiyoo Iraan irraa dhufan eegaa turte.

    "Intarneetii waan hin qaban garuu amma yeroo kamiyyuu akka dhufan abdiin qaba," jetti.

    Sa'aatii muraasaan booda shamarran xixiqqoo lama qaqaban, achiinis wal hammatanii boo'uu eegalan. "Imala dheeraa kan deeman yoo taʼu, amma akka na waliin taʼanan barbaada" jette.

    Gama biraatiin ammoo, karaa mirga daandiitiin ammoo miniibaasoonni dhufanii maatiiwwan gara daangaatti qajeelan. Isaan kunneen warra gara Iraan deebi'aa jiranidha.

    "Iddoo biraa bakka deemnu hin qabnu, eessa deemuutu nurraa jira," jetti dubartiin tokko. Isheenis, haadhashee waliin gara daangaatti fiigaa turan. "Mannikoo Tehraan keessa jira, jireenyi koo achi jira."

  8. Waraanni Israa'el Iraan haleeluu waggootaaf karoorsine jedhe

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) haleellaa Iraan irratti raawwatu ''waggootaafan'' itti qophaa'e jedhe.

    Hogganaan olaanaa Raayyaa Ittisa Israa'el, Eyaal Zaamir, ibsa baasaniin, ji'oota darban keessa qophiin ''iccitii cimaa'' ta'e saffisiisaa raawwatamuu dubbataniiru.

    Zamiir osoo bal'inaan hin ibsin, ''galanni haalawwan duulaa fi tarsiimoowaa qindoomaa irraa kan ka'ef haa ta'utii'' oppareshiniin kun raawwatamu akka danda'e dubbachuun, haleellaa kana tursiisuun haalawwan sana dhabuu fi Israa'el balaadhaaf saaxiluu danda'a jedha.

    'Haleellaa jalqabaa cimaa fi ajaa'ibsiisaa kan bu'aan addaa ittiin arganneef galanni haa ta'u,'' jedhan Zaamir.

  9. Tamsaasa kallattiin deebiine!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee gaggabaabaa ijoo addunyaa mara irraa ittiin isin biraan geenyu kan Sambata har'aa kunoo amma deebiifnee eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuudhaaf marsariitii keenya, ykn viidiiyoodhaan ammoo Chaanaalii YouTube akkasumas Facebook keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Guyyaa dansaa qabaadhaa!

  10. Ministiroonni dhimma alaa Awurooppaa 'marii itti fufiinsa qabu' arguuf fedhii guddaa qabu’ -Laamii

    Mariin Ministiroota Awurooppaa fi Iraan gidduutti genevaatti gaggeeffamaa ture xumurameera. Dhuma marii kanaarratti ministiroonni dhimma alaa Awurooppaa 'marii itti fufiinsa qabu' arguuf fedhii guddaa qabu’ jedhan ministiri dhimma alaa UK, Daavid Laamii.

    Mariin erga xumuramee booda yaada gabaabaa miidiyaaleef kennaniin, itti aanaan pirezidaantii Komishinii Awurooppaa Kajaa Kallaas, naannoo keessatti dubbiin hammaachuun ''nama tokkollee hin fayyadu'', kanaafis ''marii banaa taasisuu qabna'' jedhan.

    Itti dabaluun, qaamoleen lamaan dhimma nukilaraa fi ''dhimmoota bal'aa'' biroorratti mari'achuuf waliigalaniiru jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Laamiin, ''ifa turre, Iraan meeshaa nukilaraa qabaachuu hin dandeessu'' jedhu.

    Itti dabaluudhaanis, inniifi ministiroonni dhimma alaa Awurooppaa kanneen biroo Iraan waliin marii taasifamurratti ''marii itti fufiinsa qabu'' itti fufuuf ''fedhii guddaa'' akka qaban dubbatan.

    ''Iraan marii Ameerikaa waliin taasisaa jirtu akka itti fuftu gaafanna,'' kan jedhan Laamiin, ''yeroon kun yeroo balaa qabudha'', waldhabdeen Iraanii fi Israa'el gidduutti dhalateen naannicha keessatti dubbiin hammaatee arguu hin barbaadnu jedhan.

  11. Daawwadhaa: Ministiroonni Awurooppaa jila Iraan waliin Genevaatti yeroo wal arganitti

    Biyyoonni Awurooppaa karaa ministiirota dhimma alaa isaanii Iraan wajjin kan marii gaggeessan yoo ta'u, ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyoota Awurooppaa waliin mariyachuuf Jeveevatti argamaniiru.

    Dippilomaatonni biyyoota akka UK, Faransaay, Jaramaniifi Gamtaa Awurooppaa Iraan wajjin marii gaggeessaa jiru.

    Daawwadhaa!

  12. Walitti bu'iinsa Iraan fi Israa'eliif furmaanni argamuu ni danda'a - Puutiin

    Pirezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waldhabdee Iraan fi Israa’eliif furmaanni argamuu ni danda’a jedhu. Akkasumas, Mooskoon gama lachuu waliin haasa’aa jirti jechuu Puutin gabaasni miiltoowwan keenya BBC Monitoring irraa argame ni mul’isa.

    Waltajjii Diinagdee Idil-addunyaa Seent Piiteersbarg irratti haasawa kan taasisan pirezdaantichi, ''hirmaannaa keenyaan yaada dhiyeessinu tokko tokko niqabna'' jedhu.

    "Nuti karaa kamiinuu hin jirru, dhimma kanaaf xiyyeeffannoon akka kennamu barbaadna, jidduu seenuu hin barbaannu, yaada qofa dhiyeessaa jirra."

    Puutin itti dabaluun, "biyyoota lamaan kanaaf furmaata fudhatama qabu dhiyeessuun akka danda'amu hin shakkisiisu. Akka yaada kiyyaatti furmaanni akkasii jira" jedhu.

  13. Biyyoonni biroo qabaachuu yoo danda'an, Iraan maaliif meeshaa nukilaraa qabaachuu hin dandeessu?

    Biyyoonni meeshaa nukilaraa qaban muraasa qofa: UK, US, Raashiyaa, Chaayinaa, Faransaay, Indiyaa, Paakistaan ​​fi Kooriyaa Kaabaa. Israa’el akka qabdu bal’inaan kan amanamu ta’us isheen garuu hin mirkaneessitus, hin haaltus.

    Kanaaf, biyyoonni tokko tokko maaliif qabaachuu danda'u, kaan ammoo maaliif qabaachuu hin qaban?

    Deebiin isaa waliigaltee bara 1968ti. Waliigaltee Meeshaa Nukilaraa Hin Babal’isne (NPT) jedhamuun beekama.

    Biyyoonni sagantaa nukilaraa siiviilii qabaachuu danda'u, garuu biyyoonni meeshaa nukilaraa duraan qaban ammoo akka caalaa hin babal’ifne dubbata. NPT seeraan kan dirqisiisu yoo ta'u, biyyoonni harki caalan waliigaltee kana mallateessaniiru - Iraan dabalatee.

    Haa ta'u malee, Israa'el, Indiyaa, Paakistaan ​​fi Sudaan Kibbaa kan hin mallatteessine yoo ta'na, ergasii Kooriyaan Kaabaa keessaa baateetti.

    Indiyaafi Paakistaan ​​yeroo waliigaltichi jalqabu akka biyyoota meeshaa nukilaraa qabanitti beekamtii waan hin arganneef amma yoo itti makaman hiikkachuun isaanirraa eegama. Sudaan Kibbaa biyya haaraa sagantaa nukilaraa hin qabnedha.

    Israa’el imaammata wal-xaxaa nukilaraa akka tooftaa diina ittiin ofirraa ittisuutti waan gargaaramtuuf dhaabbilee nukilaraashee akka sakatta’amuu waan hin hayyamneef hin mallatteessine.

    Iraan, biyyoonni Arabaa fi kanneen biroo yeroo dheeraaf Israa’el meeshaa waraanaa hiikkachuu fi sagantaa nukilaraashee irratti iftoomina akka qabaattu dhiibbaan akka godhamu gaafachaa turan. Kan kan godhaniif ammoo meeshaa waraanaa Israa’el hidhattu akka madda waldhabdeefi balaa naannichaatti ilaalu.

    Iraan yeroo hunda meeshaa nukilaraa hidhachuuf fedhuu kan haaltu yoo ta’u, tokkollee akka hin qabnetti dubbatti. Haa ta’u malee, biyyoonni hedduun Iraan yaada nukilara misooma nagaaf jedhu qabdi jetti hin amanne.

    Bara 2002 sagantaa nukilaraa dhoksaa qabaachuun ishee kan hubatame yoo ta’u, kun ammoo NPT jalatti waan hin hayyamamneef rakkoo waggoota dheeraaf ture kan kaase yoo ta'u, kunis harka guddaan taateewwan har'aaf kan sababa ta'edha.

  14. Manni Maree Nageenyaa UN walitti bu'iinsa Israa'el-Iraanirratti mariyachaa jira

    Walaitti bu'iinsi Israa'el-Iraan akkaataa itti mariin dhaabaturratti Jeneevatti yeroo mariin gaggeeffamaa jirutti Manni Maree Nageenyaa UN ammoo dhimmuma kanarrati walgahee jira.

    UNtti ambasaaddara Israa'el kan ta'an Daanii Daanon walgahichi osoo hin eegalin dura ibsa kennaniin, walgahicha akka taa'amu kan waame Iraan ta'uu beeksisuun, Iraan irratti haleellaatu baname osoo hin taane yaaddorraa of ittisaa jirra jedhan.

    Barreessaa Olaanaa UN kan ta'an Antooniyoo Guteereez baniinsa walgahii kanaarratti haasaa taasisaniin, "Iraan kabajamuu qabdi" jechuun, yaaddon yoo jiraate marii qofaan furuu malee haleellaa walirratti gaggeessuun furmaata akka hin taane dubbatan.

  15. Biyoonni Awurooppaa Jeneevatti Iraan wajjin marii eegalan

    Walitti bu'iinsi Iraanifi Israa'el karaa mariitiin akka dhumuuf dippilomaatonni biyyoota Awurooppaa Jeneevatti Iraan wajjin marii eegalaniiru.

    Biyyoonni Awurooppaa karaa ministiirota dhimma alaa isaanii Iraan wajjin kan marii gaggeessan yoo ta'u, ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyoota Awurooppaa waliin mariyachuuf Jeveevatti argamaniiru.

    Dippilomaatonni biyyoota akka UK, Faransaay, Jaramaniifi Gamtaa Awurooppaa Iraan wajjin marii gaggeessaa jiru.

    Marii kanarratti Israa'el akka hin affeeramne Israa'el beeksifteetti.

  16. Iraan haleellaa misaa'elaa Israa'el irratti gaggeessite

    Iraan halellaa misaa'elaa Israa'eel irratti gaggeessuu Humni Waraana Israa'eel beeksise.

    Misaa'eloota Iraanirraa itti dhukaafaman qolachaa akka jiru ibsuun lammiileen biyyattii bakka dahannoo akka turan ajajeera.

    Miidiyaalen Israa'el akka gabaasanitti, Iraan daqiiqaa muraasa dura misaa'ela 15 gara Israa'elitti dhukaaste.

    Haata'u garuu, haleellaa misaa'elaa kanaan miidhan qaqqabuufi dhiisuu hanga ammaa waanti barame hin jiru.

  17. Iraan mariidhaaf fedhii agarsiisuu qabdi- Faransaay

    Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon Iraan mariidhaaf fedhii dhugaa agarsiisuu qabdi jedhan.

    Maakroon akka jedhanitti, waraana Israa'eliifi Iraanitti xumura gochuuf biyyoonni Awurrooppaa piroppozaala qabxii ijoo afur of keessaa qabu Iraaniif dhiyeesuuf akka jedhan himan.

    Biyyoonni Awurooppaa Ministiira Dhimma Alaa wajjin Jeneevatii marii gaggeessuuf jedhu.

    Qabxiilen ijoon arfan Iraaniif akka dhiyaatu Maakroon himan:

    • Ejansiin Atoomikii UN, IAEA, hojiisaa akka itti fufu, kunis Iraan yuraaniyeemii akka hin gabbisne
    • Hojiiwwan sagantaa balastik misaa'elii Iraan akka to'atamu
    • Iraan humnoota hidhatan Baha Giddu Galeessaa keessatti maallaqaan deeggaruu akka dhaabdu
    • Iraan lammiilee biyyoota garaa garaa uuggurtee mana hidhaa keessa akka gadi lakkistu

    Dabaluunis, "Iraan yaada marii nuti dhiyeessine kanarratti hirmaachun mariyachuuf fedhii dhugaa akka qabdu agarsiisuu qabdi," jedhan Maakroon.

  18. Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagichii eenyu?

    Har'a Jeeneeviitti dippilomaatonni olaanoofi ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagichiin marii waldhabdee Iraaniifi Israa'el jidduutti mudate tasgabbeessuuf ni gargaara jedhame ni taasisu.

    Abbaas Araagichiin eenyu isaan?

    Abbaas Araagichii bara 1989 irraa kaasee erga ministeera dhimma alaa Iraan keessa hojjataniin booda bara darbe baatii Adooleessaa irraa kaasuun ministira dhimma alaa Iraan ta'uun muudaman.

    Finlaandiifi Jaapaaniittis amabaasadara biyyattii ta'uun tajaajilaniiru.

    Irra caalaan kan beekaman garuu Mana-maree Nageenya Biyyoota Gamatoomanii fi marii Jarman waliin taasifameen bakka bu'aa marii Iraan dursaa ta'uun hirmaachuunidha.

    Mariin kun bara 2025tti waliigalteen nukilaara Iraan akka mallatta'uuf taasiseera.

    Haala waliigaltichaatti Iraan sochii nukilaraashee daangeessuufi to'attoota idil-addunyaatiif hayyamuu kan mallatteessite yoo ta'u, bakkasaa ammoo uggurri diinagdee irra kaa'ame akka kaafamuuf waliigaltee jirti.

    Doonaald Tiraamp bara 2018tti Ameerikaa waliigaltee kana keessaa baasaniiru.

  19. Oduu TV Iraan waldhabdicha attamiin agarsiisaa jira

    TVn mootummaa Iraan fi dhaabbileen hidhata qaban, haleellaa misaa'elaa fi diroonii Iraan Israa'el irratti raawwatte ''milkaa'aa'' fi ''bu'a qabeessa'' jechuun jajuu itti fufaniiru.

    Haaluma walfakkaatunis, dhiibbaa haleellaan Israa'el lammiilee Iraan guyyaa guyyaa irraan gahee fi du'a ajajoota olaanoo irratti raawwatame irra caalaasaan hin kaasan.

    Bakka isaa, ergaa aanga'oonni Iraan ummanni Israa'el irratti tokkummaa akka qabaatuuf dabarsan labsuuf yaalaa jiru.

    Hidhaa cimaa "basaastota" Israa'el jedhaman fi akeekkachiisa miidiyaaleen akka "olola diinaa" hin babal'isne jedhu itti fufee jira.

    Gama biraatiin ammoo, lammiileen Iraan cufamuu intarneetii fi haleellaa saayibariitiin rakkoo cimaan kan isaan mudatu yoo ta'u, aanga'oonni biyyattii garuu kanaaf Israa'el komatu.

    Kanneen uggura waltajjiiwwan intarneetii gurguddoo biyya alaa irratti kaa'ame bira darbuuf VPN'tti itti fayyadaman, baay'inaan kan hin dhaqqabne yoo ta'u, baankonnis kanneen irratti xiyyeeffatame keessatti argamu.

    Iraan keessatti jireenyi guyyaa guyyaa Iraan dhimma kaffaltii, hanqina boba'aa fi maallaqaa akkasumas odeeffannoowwan barbaachisoo ta'an argachuun daangeffamee jira.

  20. 'Walitti bu'insa keessaa bahuuf filmaanni tokkichi dippilomaasii qofa''- Ministira UK'

    Ministirri Aadaa, Midiyaa fi Ispoortii UK, Liisaa Naandiyaa, walitti bu'iinsa Israa'eliifi Iraan dhaabsiisuuf filmaanni tokkichi dippilomaasiidha jedhan.

    Ministirittiin kana kan jedhan, yeroo pirezidanti Tiraamp waldhabdee biyyoonni lamaan qaban keessatti hirmaachuu murteessuuf torban lama kaa'anittiidha.

    Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwachuudhaaf Israa'elii waliin yoo dhaabbatte UKn tarkaanfii kanatti ni makamtii laata jedhamuun kan 'BBC Radio 5'n gaafataman ministirittiin, ''dhimmi murteessaan waldhabdeen akka hin cimne taasisuudha'' jechuun cimsanii dubbatan.

    Dhimma ittisaa fi nageenyaa irratti michuu keenya dhihoo kan taatee Ameerikaa waliin walitti dhiheenyaa hojjataa kan jirru yoo ta'u, haala keessa jirru keessaa kan nu baasuu ''walitti bu'iinsichi akka hin cimnee taasiisuufi dippilomaasiidha'' jedhan.

    Ministirittiin dabaluudhaan ''mootummaa hin tasgabboofne'' Iraan keessaa fi ''rakkoon deeggarsa namoomaa Gaazaa keessa'' jiru kaasuudhaan, bara jirenyaasaaniitti Baha Jidduugalaa keessaatti haalli akkasii cimaa keessa galtee akka hin beekne dubbatan.

    ''Qornaatii hedduun nu mudataa jiru. Nageenyaa namoota eeguudhaafi namoota deeggaruudhaaf daandii tokkicha qofatu gargaara. Innis dippilomaasiidha'' jedhan.