Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'US weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi - Pirezidantii Iraan

Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan US"weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi jedhan. Pirezidantiin Iraan kana kan jedhan haasaa bilbilaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon waliin taasisaniinidha. ''Miidhaa hangam akka gahe sakatta'insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta'insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,'' jedhan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan jalqaba Ameerikaa haleeluun waraanatti galchuu dandeessi- ambaasaaddara Israa'el duraanii

    Ameerikaatti ambaasaaddarri duraanii Israa'el Iraan doonii ykn buufata waraanaa US haleeluun Waashingitaniin gara waraanaatti akka hin galchine sodaa qabaachuu himan.

    Maayikiil Oreen namoonni Waayit Haawus keessa jiran muraasni Ameerikaan Baha Gidduugalaa keessatti waraanatti yoo galtu arguu hin fedhan jedhan.

    ''Iraan jalqaba Ameerikaa haleeluun Tiraamp irratti dhiibbaa uumuu danda'a, achii Tiraamp ammoo Israa'el irratti dhiibbaa gochuun lola kana mariidhaan akka xumurtu amansiisuu danda'a jechuun BBCtti himan.

    ''Warri Iraanii akkasiin yaaduu danda'u,'' jedhan Oreen, ''Sodaa kanan qaba.''

    Oreen Israa'el haleellaa itti jabeessuu qabdi akka warri Ameerikaa gariin jedhanitti amma yerootti dhukaasa dhaaban miti jedhan.

    ''Maaliif akka dhaabnu nu gaafatu? Namuu maaliif Iraan dadhabdee arguu hin fedhu? jedhan.

  2. Waa’ee walgahii atattamaa Tiraamp maal beekna?

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Waayit Hawuus keessatti wal gahii atattamaa sa’aatii tokkoofi daqiiqaa 20 dheeratu taasisaniiru.

    Dhimmi ijoo marii kanaa Ameerikaan haleellaa Israa’el buufatawwan niwukilaraa Iraan irratti eegalteetti makamuufi makamuu dhiisu isa jedhurrattidha, akka CBS gabaasetti.

    Akka gabaasi jedhutti, gorsitoota ijoo Tiraamp gidduutti dhimma kanarratti waliigalteeerra hin gahamne.

    Warri Iraan mariif akka taa’an erga dhiibbaa gochaa turan booda Pirezidant Tiraamp lola kana keessa seenuumoo seenuu hin qabu waan jedhu itti yaadaa jiru.

    Walgahii Mana Maree Nageenyaa US kaleessaarratti, Tiraamp fi gorsitoonni isaanii buufatawwan niwukilaraa Iraan haleeluuf akka yaadan dubbataa turan.

    Bakki haleeluuf yaadan immoo bakka Iraan yuraaniyeemii gabbistu, Fordoo, jedhamudha. Bakki gaara jalatti argama.

    Bakkee kana dhoosuuf bombii humna qabu kan qaban warra Ameerikaa qofaadha.

    Akka gabaasa CBS’tti, gorsitoonni pirezidantichaa akkaataa itti fufuu danda’anirratti yaada garagaraa qabu.

    Guyyoota sadan darban xiyyaaronni waraanaa US jeettiiwwan waraanaaf boba’aa guutan gara Awurooppaa imalaniiru.

  3. Tiraamp hogganaa waraana Paakistaan ​​waliin har'a wal arguuf

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Roobii har'aa Hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Paakistaan ​​Fiildii Maarshaal Asiim Muuniir waliin wal arguuf jiru.

    Dureewwan lamaanis har'a akka sa'aatii Waashingitaniitti walakkeessa guyyaa keessa Waayit Haawusitti laaqana waliin nyaachuuf jiru. Walgahiin isaanii garuu miidiyaaleef cufaadha.

    Janaraal Muniir Waxabajjii 14 irraa eegalee US daawwachaa kan jiran yoo ta'u, walgahiin dureewwan lamaanii kunis kan dursee beellamamee ture.

    Haata'u malee, waldhabdeen Iraanii fi Israa'el gidduutti hammaataa dhufe, akkasumas waldhabdeen kun gara kutaalee naannichaa birootti darbuu mala yaaddoo jedhuun gidduutti kan dhufedha. Iraan fi Paakistaan ​​daangaa waliin qooddatu.

    Muniir dhiheenya kana dhuma Caamsaa keessa hogganaa humna waraanaa Iraan Mohaammaad Hoseen Baagerii waliin wal arganii akka turan miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

    Baageriin haleellaa qilleensaa Israa'el Waxabajjii 13, guyyaa jalqabaa walitti dhukaasuun biyyoota lamaan jidduutti eegaletti ajjeefame.

    Muniir Paakistaan ​​keessatti akka nama humna guddaa qabutti ilaalamu.

  4. Halkan Kibxataa misaa'elli samii Israa'el irra yoo balali'u mul'ate

    Misaa'eloonni halkan Kibxataa samii Israa'el keessa yoo balali'an mul'atan.

    Iraan ammas deebiite halkan Kibxataa Israa’el irratti misaa’ela kan furguggifte yoo ta'u, erga waljijjiirraan dhukaasa biyyoota lamaan gidduutti taasifamu eegalee har'a guyyaa 7ffaa isaa qabateera:

    Viidiyoo asiin gadii kana dowwadhaa.

  5. Daandiin qilleensa Israa'el lammiilee danqaman gara biyyaatti deebisuu eegaluuf

    Daandiin qilleensaa guddichi Israa'el lammiilee danqaman gara biyyaatti deebisuuf Roobii dhufaa irraa kaasee balalii gara Israa'elitti deebi'uu akka jalqabu dubbate.

    Dhaabbatichi kana kan ibse erga hayyama mootummaa Israa'el irraa argateen boodadha.

    Balaliiwwan kunneen Laarnaakaa, Ateenaa, Room, Miilaanii fi Paaris irraa kan ka'uu akka ta'e, Dhaabbanni alaabaa Israa'el'n hojjatu, El Al Ajensii Oduu Rooyitarsiif ibseera.

    Balaliin Israa'el keessaa bahu garuu ammallee sababa waldhabdee Iraan waliin deemaa jiruutiin hanga Waxabajjii 23tti addaan citee jira.

    Daandiin qilleensaa El Al dabalatee, erga waldhabdeen eegaleen booda balalii gara Teel Aviiv imaluu torbee darbe haqaniiru.

    El Al Kibxata darbe balaliin jiraattota gara Israa'elitti deebisu, ''wal jalaan akka hojjetamu'' ibsuun, Israa'eloonni biyya alaatti danqaman gara biyyaatti deebi'uu isaaniin dura yeroo dheeraa turuu akka danda'aniif akka qophaa'an gaafateera.

    Ministeerri geejiba Israa'el lammiileen Israa'el gara 150,000 ta'an biyya ollaa akka jiran himeera. Isaan keessaayis kanneen gara 50,000 ta'an gara biyyaa deebi'uuf barbaadu jedhe.

    Marsartiin El Al imaltoota gara biyyaa deebi'uu barbaadan adda baasuuf saaqeen namoonni kuma 60 ol galmaa'usaanii daandiin qilleensicha ibse.

    Qilleensi Iraaniifi Israa'el jidduu erga Waxabajjii 13 yeroo wal dhabdichi eegalee kaasee kan imala daldalaatiif cufame yoo ta'u, kunis biyyoota ollaa kan akka Libaanos, Jordaan, Iraaq fi Sooriyaa kan hammatudha.

  6. Dubbii Tiraampii fi Kaameenii miidiyaa hawaasaa irratti

    Iraaniifi Israa'el yeroo ammaa kana meeshaa waraanaa walitti dhukaasaa kan jiran yoo tahu, Donaaldi Tiraampiifi Hogganaan Olaanaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kaameeniin, ammoo miidiyaa hawaasaa irratti 'ergaa' walitti daldalaa jiru.

    Ergaa hogganooti kunneen sa'aatii 24 darbanitti barreessan haa ilaallu:

    Kibxata Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social jedhamu irratti ''daangaa qilleensaa Iraan guutummaan,'' to'atamuu himan.

    ''Namni ''Hogganaa Olaanaa'' jedhan eessa akka dhokate beekna. Salphaatti itti qiyyaafachuu dandeenya, garuu ammaaf isa hin ajjeesnu, nagaa dha'' jechuun dubbatan.

    ''Obsa keenya fixachaa jirra'' jechuun Tiraamp akeekkachiisa dhumaa ''HAAL-DUREE TOKKO MALEE HARKA KENNI'' jedhan.

    Teehraan garuu akeekkachiisa kanaaf akka deebiitti mallattoon agarsiiste hin jiru

    Ergaa walitti fufinsaan X irratti barreessaniin Kaameeniin ''warra Tsiyooniif araara tokkollee hin qabaannu,'' jedhan.

    ''Warra Tsiyooniif araara hin qabnu,'' maxxansa biraa irratti ammoo ''waraanichi jalqabeera,'' jedhan.

  7. Iraan misaa'ela 'haypersonikii' Fattaah-1 jedhamu gara Tel Aviiv dhukaasuu himte

    Eegdoti Warraaqsaa Iraan (IRGC) jedhanitti, misaa’elli kuni galgala kaleessaa dhukaafame.

    Misaa’elli kuni jalqaba waggaa kana yeroo biyyoonni lamaan wal dhaban dhukaafameera. Erga dhihoo walitti bu’iinsi eegale garuu reefu dhukaafame.

    Misaa’elli Fattaah jedhamu jalqaba bara 2023 kan ifa ta’e yoo ta’u maqaa isaas kan moggaasan hogganaa olaanaa biyyattii, Alii Kaameeniidha.

    Eegdoti Warraaqsaa Iraan yeroo misaa’elichi ifa ta’e sanatti waa’ee misaa’elichaa yoo ibsu ‘’kan Israa’el haleelu’’ jedhee ture.

    Barjaan guddaa barreeffama Afaan Hibruun ‘’gara Tel Aviiv sakandii 400’’ jedhu irratti barraa’e magaalaa guddoo Tehiraan keessa dhaabatee ture.

    Iraan misaa’elli kuni haalaan saffisaadha jettus, ekispartoonni waraanaa garuu shakkii irraa qabu.

  8. Iraan jiraattonni ollaa Teel Aviiv akka gadhiisanii bahan akeekkachiifte

    Eegdoti Warraaqsaa Iraan jiraattonni magaalaa Israa’el, Teel Aviiv, akka gadhiisanii bahan akeekkachiisu miidiyaan Iraan gabaase.

    Akeekkachiisni kuni Rayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) dirooniiwwan lama gama bahaa dhufan ''qolachuu’’ erga ibse boodadha.

    Yeroo dirooniin dhufe bakkeewwan Israa’el Deed Sii jedhamanitti sagaleen akeekkachiiftuu dhagahameera.

  9. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Walitti bu'iinsi Israa'eliifi Iraan akkuma itti fufetti jira. Waan haaraa jiru jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan Chaanaalii WhatsApp fi fuula Facebook keenyarratti nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  10. Tiraamp buufata niwukilaraa Iraan haleeluuf akka jedhu maddeen akeekan

    Pirezidaantin Ameerikaa Doonald Tiraamp buufata niwukilaraa Iraan haleeluf yaadaa akka jiru maddeen ibsan.

    Miidiyaan Ameerikaa CBS akka gabaasetti, Tiraamp buufata niwukilaraa Fordow dabalatee buufataalee gabbisa niwukilaraa Iraan haleeluuf yaada qaba.

    Maaddeen keessa beekanirraa odeeffadhe jechuun CBS akka gabaasetti, marii Tiraamp galgala kana Mana Maree Nageenyaa waliin taasiseen, Ameerikaan Israa'elirra goruun Iraan haleeluu qabdi moo hin qabdu kan jedhu ajandaa marii keessaa tokko ture.

    Haata'u garuu, gorsitoota Tiraamp gidduutti yaadi wal-fakkaatan hin turre jedhame.

    Tiraamp walgahii biyyoota G7 Kanaadatti gaggeeffamu addaan kutuun ture hatattamaan gara biyyaa kan deebi'e.

  11. US xayyaarota waraanaashee gara Baha Giddu-Galeessatti geessaa jirti

    US xayyaarota waraanaa dabalataa gara Baha Giddu-Galeessatti geessaa jiraachuun dhagahame.

    Maddi oduu Rooyitars qondaalota US waabeffachuun akka gabaasetti, Peentaagoon dooniwwan xayyaarota waraanaa baatan gara Baha Giddu Galeessatti ergaa jira.

    Kunis Israa'elifi Iraan gidduutti lolli hammaataa deemuu hordofeeti.

    Qondaalli US tokko Rooyitarsitti akka himanitti, US xayyaarota waraanaashee ammayyaa kanneen akka F-16, F-22, fi F-35 jedhamaniidha.

    US waraana Iraanifi Israa'el gidduutti gaggeeffamu kanarratti kallattiin hirmaachuu dandeessi kan jedhu yaaddoon jabaataa dhufeera.

  12. Iraan "misaa'ela ammayyaa" har'a yeroo jalqabaaf Israa'elitti dhukaasuu beeksifte

    Iraan misaa'elashee ofii kalaqxeefi ammayyaa ta'e har'a yeroo jalqabaaf ittiin Israa'el haleeluu beeksifte.

    Gaazexaan Israa'el, Haaretz jedhamu Ministeera Ittisaa Iraan waabeffachuun akka gabaasetti, Iraan misaa'ela ammaayyaa har'a yeroo jalqabaaf Israa'el haleeluuf itti fayyadamte.

    Dubbi-himaan Ministeera Ittisaa Iraan TV mootummaa biyyattiitti dubbatan jechuun Haaretz akka gabaasetti, Iraan misaa'ela haaraa yeroo jalqabaaf fayyadamte.

    "Diinni [Israa'el] waraana yeroo dheeraa dandamachuu hin danda'u- haleellaa tasaa [misaa'ela haaraa] akkasii caalmatti isa eeggaata," jedhan qondaalli Iraan.

  13. Amma nu gahe, "Haal duree tokko malee harka kennadhaa!"- Tiraamp

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waa'ee Iraan har'a dubbii jajjabaa dubbataa jira. Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa "Truth" irratti barreessen "HAAL DUREE TOKKO MALEE HARKA LAADHAA!" jedhu maxxanse.

    Ergaawwan walitti aansee maxxansaa jiruun, hedduun US waraana Israa'elifi Iraanitti hirmaatti sodaa jedhu hammeessaa jira.

    Tiraamp ergaa jalqa har'a maxxanseen "qilleensa Iraan guutummaan to'annee olaantummaa irratti qabna" jedhee ture.

    Ittaansun ammoo, "Gaggeesan Iraan bakka dhokatee jiru beekna, garuu ammaaf hin ajjeefnu!" jechuun maxxanse.

    Maxxansa si'a sadaffaa har'a maxxanseen, "haal duree tokko malee harka laadhaa!" jechuun namoota heddu shakkii keessa galcheera.

  14. Gaggeessan Iraan eessa akka dhokatee jiru beekna, garuu ajjeesuu hin barbaannu- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp gaggeessan Iraan Ayaatolaa Kameenii bakka inni jiru akka beekufi garuu ajjeesuu akka hin barbaanne beeksise.

    Tiraamp kana kan jedhe maxxansa miidiyaa hawaasaa isaa "Truth" irratti barreesseni.

    "Gaggeessan Iraan 'Gaggeessaa Olaanaa' jedhamu eessa akka dhokatee jiru beekna."

    "Salphaatti qiyyeeffannoo keessa jira, garuummoo homtuu itti hin bu'u. Ammaaf hin ajjeesnu," jedhe.

    Dabaluunis, "Garuummoo misaa'elli lammiilee nagaatti ykn loltoota Ameerikaatti akka dhuka'u hin feenu. Baay'ee obsa fixataa jirra," jechuun "dhimma kanatti xiyyeeffannoo waan kennitaniif galatoomaa!" jedhe Tiraamp barreeffama isaa kanaan.

  15. 'Qilleensa Iraan guutummaan to'annee jirra'- Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp "qilleensa Iraanirratti olaantummaa guutuu qabna" jechuun fuula miidiyaa hawaasaa kan dhuunfaasaa "Truth" irrattu maxxanse.

    "Qilleensa Iraan guutumaan guutuutti to'annee olaantummaa irratti qabna," jedha.

    Dabaluunis, "Iraan meeshaalee ittiin sochii qilleensarraa to'attuufi sirna ittisaa gaarii qabdi turte. Garuummoo kan Ameerikaan omishtuufi qabduun tasumaa kan wal-gitu miti" jechuun Ameerikaa kan caalu akka hin jirre hime.

    Yeroo lolli Israa'eliifi Iraan gidduutti eegalee kaasee ejjannoon Tiraamp US waraanichatti akka hin hirmaanne kan agarsiisudha.

    Haata'u garuu, US waraana Israa'el-Iraan kana keessatti ni hirmaatti ni dhiisti kan jedhu Tiraamp homaa hin jenne maxxansa isaa kanaan.

  16. Tiraamp Israa'elirra goree Iraan loluu waan akeeke hin qabu- UK

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp walgahii biyyoota duroomanii (G7) Kanaadatti gaggeeffamu addaan kutuun biyyatti deebi'uu hordofee, US Israa'elirra goruun Iraanirratti lola banuu malti kan jedhu sodaan jira.

    Marii biyyoota G7 irratti hirmaachuf Kanaadaa kan jiran Ministiirri Muummee UK Kiir Istaarmar garuu sodaa kana waan qabbaneessu fakkaatu dubbatan.

    Doonald Tiraamp Iraanirratti lola banuu kan akeeku homaa akka hin dubbanne himan Kiir Istaarmar.

    Tiraamp walgahicha addaan kutuun Kanaadadhaa gara US osoo hin deebi'in dura, Kiir Istaarmarifi Tiraamp wal arganii turan.

  17. Iraan haleellaa misaa'elaa gaggeessite, Israa'eel qolachaan jira jette

    Daqiiqaa muraasa dura Iraan haleellaa misaa'elaa gaggeessuu hordofee, Israa'el lammiileen bakka dahannoo akka turan ajajje.

    Humni Waraanaa Israa'el haleellaa misaa'elaa Iraan qolachaa akka jiru beeksise.

    Gama biraan ammoo Iraan bakkeewwan garaa garaa keessatti sagaleen dhohiinsaa dhagahamaa jira.

    Miidiyaan Iraan "Mehr News Agency" ammoo Baha Iraanifi magaalaa Isfahan keessatti sagaleen dhukaasaa dhagahamaa jiraachuu gabaase.

    Haleellaa misaa'elaa Iraan har'a waaree booda Israa'el irratti gaggeessiteen miidhan qaqqabe hanga ammaa hin gabaafamne.

  18. Galmi Israa'el Iraan keessatti mootummaa jijjiiruu miti-Ministira Dhimma Alaa

    Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Geediyoon Sa'aar Iraan keessatti mootummaa jijjiruun kaayyoo tarkaanfii waraanaa IDF miti jedhe. Bu'aa isaa ta'uu mala, garuu kaayyoo miti jedha.

    Yaadni kun kan kenname magaalaa Giddugaleessa Israa’el Rishoon Leeziyon kan haleellaa Iraaniin rukutamte daawwannaa taasisaa wayita turettidha.

    Sa'aar gaazexeessitoota achitti walitti qabamanitti akka himanitti, Israa'el kaayyoowwan ijoo sadii qabdi: "Hunda dura sagantaa niwukilaraa [Iraan] akka malee miidhuu – kana mmallee hin xumurre."

    Sa'aar itti dabaluun, “ammallee waan irratti xiyyeeffanne qabna,” xiyyaaronni waraanaa Israa'el amma qilleensaa Iraan irratti olaantummaa akka qaban hime.

    Kaayyoon Israa'el inni lammaffaan: ''sagantaa misaa'ela balistikii mootummaa Iraan haalaan miidhuu'' fi dhumarratti ''karoora mootummaa Israa'el dhabamsiisuuf qophaa'e haalaan miidhuu'' akka ta'e dubbate.

  19. Mormii du’uu biloogarii hordofee gaggeeffamaa jiruun kutaa magaalaa Naayiroobiitti muddamni dhalate

    Biloogariin beekamaa Albert Ojwaang jedhamu mana hidhaa keessatti du’uu hordofee mormii kutaa magaalaa Naayiroobii keessatti gaggeeffamaa jiruun muddamni dabalaa jira.

    Kutaa magaalaa Naayiroobii wiirtuu biizinasii ta’e CBD jedhamutti walitti bu’insi namoota daandiitti bahanii mormaa jiraniifi poolisii farra- mormii gidduutti dhalateera. Kun ammoo haalli magaalattii keessa jiru muddamni dabalaa jiraachuusaati.

    Poolisooonni bakka mormiin kun addatti jabaatee gaggeeffamaa jiru CBDtti kan bobba’an yoo ta’u, mormitoota daandii gurguddaafi gamoowwan mootummaarraa dhorkuuf yaalii taasisaa jiru.

    Wiirtuuwwan biizinasii magaalattii keessa jiran harki caalaan cufamanii kan jiran yoo ta’u, mormitootarraa kan hafe namoonni daandiirratti mul’atan muraasadha.

    Namoonni suuqii isaanii cufanis akka sababaatti kan kaasan yaaddoo nageneyaadha.

    Mormiin har’aa kun kan kanaan dura gaggeeffamerraa kan adda godhu, gareewwan faallaa mormitootaa jiraachuusaati.

    Gareen namootaa, hanga tokko uffannaa wal fakkaatu uffatan maqaa “qabeenya eegna” jedhuun magaalattii keessa bobbaafamanii mul’atu. Jarri kun ammo si’a hedduu warra mormiif ba’an waliin walitti kan bu’an yoo ta’u, kun ammoo dubbii hammeessee hokkara kaasa jedhamee sodaatamaa jira.

    Kana malees, gareen doqdoqeedhaan, ‘gurmuu qacaramanii ergamamni itti kennamedha’ jedhamanii shakkamanis bobbaaffaman mul’ataniiru. Gareen doqdoqeen bobbaafame kun ammoo osoo namoonni hiriiran daandiitti hin ba’iin dura ganamaan bakka qabachuun bittimsuuf yaalaa turan.

    Mormitoonni daandiitti ba’an kunneen ajjeechaa Albert Ojwaand duuba jira jedhamee shakkamu Itti-aanaan hogganaan poolisii Keeniyaa Eliwuud Laagaat, hojiirraa ar’amee akka qabamu gaafachaa jiru.

    Wixata qondaalli poolisii kun yeroo bu’aa qorannoo du’a biloogarii gaggeeffamaa jirutti akka gadhiisu beeksisee ture.

  20. Haleellaa misaa'elaa Iraan gaggeessiteen lammiilen Israa'el 154 miidhamanii hospitaala galan

    Haleellaa misaa'elaa Iraan halkan edaarraa kaastee Israa'el irratti gaggeessiteen hanga ammaa namoonni 154 miidhamanii hospitaala galuu Ministeerri Fayyaa Israa'el beeksise.

    Haleellaa biyyoonni lachuu walirratti gaggeessaa jiraniin gama lachuuyyuu lakkoofsi namoota du'aniifi miidhamanii dabalaa jira.

    Misniteerri Fayyaa Iraan akka beeksisetti, haleellaa Israa'el gaggeessaa jirtuun hanga ammaa namoonni 224 yoo du'an, namoonni 1,200 ammoo madaa'aniiru.

    Gama Israa'elii ammoo haleellaa misaa'elaa Iraan gaggeessituun hanga ammaa namoonni 24 du'aniiru.