Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waan dubbatan dabalataan reefu dhageenyeerra. Tiraamp haasaa kana kan taasisan 'Air Force One' irratti yeroo gaazexeessitoota dubbatan turan.
Tiraamp dhukaasa dhaabuu akka hin barbaannu dubbachuu garuu, ''waan dhukaasa dhaabuutiin ol ta'e biraa ilaalaa jirra'' jedhan.
Dhukaasa dhaabuu caalaa maaltu ta'u danda'a jedhamuun wayita gaafatamaniitti akkas jedhan: "Dhugaadhumatti akka dhaabbatu. Dhukaasa dhaabuu miti. Xumuradha."
Tiraamp kan hojjetaa jiran dhukaasa dhaabuu caala yoo jedhan
maal jechuusaaniiti?
Xiyyaara Air Force One jedhamuun erga Kanaadaadhaa ba’anii
deebi’anii gaazexeessitootatti dubbataniiru.
Kora G7 adda kutanii kan gara Waayit Haawus deebi’aniif
marii dhukaasa dhaabuu Iraan fi Israa’el gidduutti tolchuuf akka hin taane cimsanii
dubbatan Tiraamp.
Kan hojjetaa jiran kanaa ol ta’uu ibsu. Bu’aa ‘’dhukaasa
dhaabuu’’ caalu akka barbaadan dubbatan.
Kana jechuun maal akka ta’e wayita gaafataman ammas
sirriitti hin ibsine.
‘’Xumura isa
dhugaa. Kan Iraan guutummaatti harka kennuu of keessatti hammatu,’’ jedhan.
Tiraamp Iraan
guutummaatti sagantaa nukilaraa ishee akka dhaabdu itti cichanii dhiibbaa uumaa
jiru.
Kun ammoo ammas
mariidhaan xumuruu gaafata, Tiraamp garuu ‘’amma miira mari’achuu keessa hin
jiru,’’ jedhan.
Iraan waanan
dhiheesseef irratti waliigaluu qabdu jedhu Tiraamp.
Tiraamp yeroo
ammaa gara Waayit Haawus deebi’uun mana maree nageenya biyyaalessaa waliin
mariitti jiru.