Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'US weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi - Pirezidantii Iraan

Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan US"weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi jedhan. Pirezidantiin Iraan kana kan jedhan haasaa bilbilaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon waliin taasisaniinidha. ''Miidhaa hangam akka gahe sakatta'insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta'insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,'' jedhan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan Ameerikaa akeekkachiisuuf 'warra dubbii barbaadaniif barumsa kennuuf dhaadatte' Miidiyaa Iraan

    Itaanaan Ministira Dhimma ALaa Iraan, wayita pirezidanti Doonaald Tiraamp haleellaa Israa'el iddoowwan nikulaaraa Iraan irratti raawwattutti makamuu fi dhiisuu itti yaadaa jiran kanatti Ameerikaa akeekkachiisan.

    Miidiyaaleen mootummaa Iraan, Kaazem Ghaaribaabaadi wabeeffachuudhaan akka gabaaseetti: "US Israa'el deeggaruuf dammaqinaan gidduu seenuuf yoo kna barbaaddu ta'e, Iraan meeshaaleeshee fayyadamtee dubbii barbaaddoota barumsa barsiisuu fi ofirraa ittisuu alatti filannoo gara biraa hin qabdu."

    ''Yaadni nuti US'f kenninu yoo xiqqaate dubbii barbaacha Israa'el dhaabuu yoo hin barbaanne,gara kallattii dhaabbadhaa kan jedhuudha,'' kan jedhan aanga'aan kun, itti dabaluudhaan, ''murteessitoonni waraanaa Iraan filannoowwan barbaachisoo ta'an hundaof fuulduraa qabu'' jedhan.

  2. Gamoo Israa'el Raamaat keessatti haleellaa Iraaniin barbadaa'e

    Israa'el fi Iraan erga guyyaa Jimaata darbee walitti dhukaasuu eegalaniin booda gama lamaaniinuu qabeenyaafi lubbuun namaa badeera.

    Viidiyoon asiin gaditti argitan kun ammoo gamoo haleellaa Iraan Israa'el irratti raawwatteen Raamaat keessatti barbadaa'eedha.

  3. IDF wiirtuu meeshaa nukilaraa Iraan 'Natanz' jedhamu rukutuu ibse

    Humni waraanaa Israa'el haleellaa eda galgala Iraan irratti raawwatteen buufata gabbisa meeshaa nukilaraa Natanz jedhamu rukutuu ibseera.

    ''Wiirtuun kun wantoota meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuuf qophii ta'an of keessaa qaba. Hojiin sagantaa nukilaraa Iraan akkaan saffisiisaa jiru asitti hojjetamaa jira,'' jedhe IDF.

    Israa'el buufata kana rukutuu kan ibsite yeroo jalqabaaf miti. Jalqaba torbee kanaa hoogganaan jaarmiyaa dhimma nukilaraa hordofuu BBCtti akka himetti wiirtuun Natanz guutummaatti barbadaa'uu baatus garuu rukutamuun miidhameera.

    Israa'el wiirtuu nukilaraa amma hojiirra hin jirre (kan hamma Natanz) hin geenye Arak jedhamus haleeluu ibsiteetti.

    Waraanni Israa'el akka jedhutti wiirtuun kun piluutooniyeemii akkaan jabaa ta'e oomishaa jira. Kun ammoo meeshaa waraanaa nukilaraa oomishuuf gargaara.

  4. Haleellaa Iraaniin hospitaalli Israa'el rukutamuun yoo xiqqaate namoonni 32 miidhaman

    Misaa'elli Iraan dhukaaste hospitaala magaalaa kibba Israa'el, Beersheba keessatti argamu rukutuun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 32 miidhamaniiru.

    Misaa'elli Iraan dhukaaste kallattiidhaan hospitaala kana rukute jedhan qondaalonni Israa'el.

    Haleellaa misaa'elaa Iraaniin iddoowwan jireenya uummataa sadi ta'anis miidhamuu qondaalli waraanaa Israa'el ibsaniiru.

    Erga Iraan misaa'eloota hedduu gara Israa'elitti dhukaastee booda dhohiinsa gurguddaan magaalaa Teel Aviiv keessatti heddumminaan dhagahamaa jira.

    Dubbi himaan hospitaala Soroka miidhaa guddaan qaqqabuu ibsan. Meeshaaleen balaafamoo ta'an uummata miidhuu danda'u sodaa jedhuun namoonni naannawa hospitaalichaarraa akka fagaatan akeekkachiifamaniiru.

    Haleellaa mudate booda suuraaleen ba'aa jiran hospitaalli kun baayyee manca'uu mul'isu.

    Ministira dhimma alaa itti aanaa Israa'el kan ta'an Sharren Haskel tarkaanfii Iraan kanaan ''itti yaadamee kan raawwatamee'' fi ''yakka'' jechuun ibsan.

    Iraan wiirtuu humna waraanaa osoo hin taane ''hospitaala haleelte,'' jedhan.

  5. Iraan haleellaa misaa'elaa Israa'el irratti gaggeessite

    Iraan misaa'elotashee gara Israa'elitti dhukaasuu miidiyaalen Iraan gabaasaa jiru.

    Akka gabaaa miidiyalee kanaatti, misaa'elonni kun sirna ittisaa Israa'el miliquun qilleensa Israa'eel seenaa jiru.

    Humni Waraana Israa'el gamasaan waa'ee haleellaa Iraan kana homaa osoo hin jedhin Iraanirratti haleellaa gaggeessaa jiraachuu beeksise.

    Sirni ittisaa Israa'eel misaa'elota Iraan dhukaastu hedduusaa kan qolatu ta'us hundumaa qolachuu hin dandeenye.

  6. 'Waraana Israa'el-Iraanirratti hirmaachuun Tiraampif balaa hamaadha'

    Ameerikaan Israa’el waliin taatee Iraaniin waraanaatti seenuun biyyattii gara walitti bu'insa Baha Giddu-galeessaatti harkisa jetti gabaastuun BBC Ameerika, Noomiyaa Iqbal . Kun ammoo faallaa Tiraamp yeroo dheeraaf akka mormu himuun duulallee geggeessaa turedha.

    Doonaald Tiraampwarri Iraan gara Waayit Hawis dhufanii mariyachuu barbaadu jedhe. Isaan garuu kana cimsanii haalaniiru.

    Haata'u malee, pirezidaantichi ergaa miidiyaa hawaasaa isaarratti kaleessa maxxanse eeruun, haal-duree tokko malee harka akka kennan gaafataniiru.

    Tiraamp namni maal akka hojjechuuf jiru ykn hin hojjenne ilaalchisee namni kamiyyu tilmaamuu itti fufu gocha ajira.

    Tiraampiif balaa guddaadha jetti gabaastuun kun. US kallattiin keessatti hirmaachuun bara bulchiinsa isaatiif yeroo qormaataa ta'uu mala. Sababiin isaa ammoo Ameerikaan loltootashee gara naannoo sanaatti erguun boombii Ameerikaan qofti qabdu niwukilara gadi fagaatee lafa jalatti awwaalame barbadeessuu danda'u bobbaasuun isheerra jiraata.

    Kun ammoo US gara walitti bu'insa Baha Giddu-galeessaatti harkisa jechuudha. Kun ammoo ejjennoo Tiraamp qabaataa tureefi ittiin deeggarsa argate faallessa.

    Gara bara 2013 deebiyee maaliif Iraan waliin mariyatee dubbii hiikuu dadhabe jechuun Obaamaa ittiin qeeqaa tureera.

    Kun biyya alaatti USf miidhaa geessisu qaba - loltoonni Ameerikaa 50,000 ta'an Baha Giddu-galeessaa keessa jiru.

  7. BBC Afaan Oromoo YouTube irraan isiniif dhufeera

  8. Hakiimoonni lagannaa hojii gaggeessaa turan ji'aan booda hojiitti deebi'an

  9. Ministirri dhimma alaa Israa'el Iraan irratti haleellaa raawwachuun filmaata keenya dhumaati jedhan

    Ministirri dhimma alaa Israa'el, Geediyoon Saa'aar toora X isaaniirratti xalayaa Mana Maree Nageenya Biyyoota Gamtoomanii fi Barreessaa Olaanaa UN'f barreessan qoodaniiru.

    Xalayaa kanarratti Israa'el torban darbe keessa haleellaa Iraan irratti raawwatteef sababii kaasan.

    Ministirichi biyyisaanii, ''gochaa dinummaa dhoksaa waggoota kudhanootaa'' Tehraanii fi hoggantoonnishee Israa'el ''balleessuuf'' duuluu hordofee, biyyisaanii filmaanni omaatu akka hin kennamneef dubbatan.

    ''Haasaa qofaas miti, Iraan Israa'el balleessuuf karoora tarsimowaa qabdi. Galma kanarra gahuudhaaf karoorawwaniifi tarkaanfiiwwan qabatamaa itti dabalteetti'' jechuun barreessan.

    Haleellaa Iraan gara fulduraa fashaleessuuf, ''foddaa carraa dhumaa'' argataniitti haleellaa raawwachu dubbatan.

    Saa'aar namoota 24 haleellaa Iraaniin ajjeeffaman kaasuudhaan haleellaa namoota nagaarratti kiyyeefachuun 'haaluma barbaadeen' raawwatame jechuun ibsan.

    Ministeerri fayyaa Iraan ammoo guyyaa Dilabataa haleellaa Israa'eliin yoo xinnaate namoonni 224 ajjeeffamu ibsee irra jiraan namoota nagaati ejdhan.

  10. Israa'el 'dinagdee wal-jalaan banuuf' - Ministira Ittisaa

    Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa'el, Israa'el Kaatz amma Israa'el kutaalee biyyattii hedduu keessatti dinadgee ''wal-jalaan banamuu'' dandeesseetti,jechuun kun ammoo ''ergaa injifannoo'' Iraan irratti gonfanne jedhan.

    Kaatz akka jedhutti, ummata Israa'el eeguu bira taruudhaan amma, haaluma nageenyaarratti hundaa'uun "adeemsa wal-jalaatiin dinagdee fi naannolee adda addaa banamuu jalqabamanii jiru" jedhan.

    Kunis mootummaan balaan haleellaa hir'ateera jedhee akka amanu agarsiisa.

    Akkasumas, ''lolli cimaan'' Iraan irratti gaggeeffamu ''hanga doorsisni kun kaafamutti'' akka itti fufu dubbatan.

  11. Walitti bu'insa Israa’el fi Iraan gidduutti hanga ammaatti maaltu ta'e?

    Israa’el Iraan irratti haleellaa erga jalqabdee guyyaa ja'a ta’eera. Kana hordofee Tehraan Israa'eliif deebii kennuuf haleellaa misaa'elii walirraa hin cinne itti dhukaaste.

    Erga waldhabdeen kun jalqabee waan ta'e ijoon kunooti:

    Jimaata darbe Israa’el Tehraan keessatti wiirtuuwwan waraanaa, dhaabbata nikulaaraa fi bakka jireenyaa dabalatee, iddoowwan hedduu rukutte. Haleellaa gaggeessite kanaan, ajajoota olaanoo Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC), saayintistoota nikulaaraa fi namoota nagaa hedduu ajjeeste.

    Sana booda Iraan diroonii fi balastik misaa'elii wiirtuuwwan waraanaa fi buufataalee qilleensaa Israa'el keessatti furguggisuudhaan haaloo baate.

    Dhuma torban darbee haleellaan gama lachuutiin itti fufee, bu’uuraaleen boba’aa rukutamaniiru. Israa’el akka jettetti, haleellaa adda addaa baayyee gaggeeffameen yoo xiqqaate hanga Wixataatti namoonni 20 ajjeefamaniiru. Gama kaaniin ministeerri fayyaa Iraan hanga Wiixata galgalaatti namoonni 224 du’uu fi 1,277 madaa’uu beeksiseera.

    Wixata ammoo Israa’el jiraattoonni kutaalee kaaba Tehraan akka baqatan ajaja dabarsite. Booda guyyaadhuma sana, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaarratti ''namni hundi hatattamaan Tehraan keessaa bahuu qaba'' jechuun barreessan.

    Kibxata darbe namoonni Tehraan - magaalaa ummata miliyoona 10 qabdu - keessaa baqachuuf yaalan. Namni baqachuuf jedhu baayyachuurraa kan ka'e magaalattii keessattis daandiin muddamuun gabaafameera.

    Addatti miidiyaa hawaasaa isaa "Truth" irratti Tiraamp Kaameenii "salphaatti irratti xiyeeffachuun [ajjeesuun] ni danda'ama." Ammaaf garuu ''isa baasuun'' hin barbaachisu," jechuun barreesse.

    Haalli saffisaan deemaa jira, nutis itti fifnee isin biraan geenya.

  12. Ejjannoo Tiraamp haleellaa Israa'elitti makamuurratti qaban

    Hogganaa olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii erga haasawa karaa miidiyaa mootummaatiin haleellaa Israa'el irratti deebii kennaniin booda, mee oduu kaleessaa Waashingitan haleellaa Israa'el deeggaruurratti yaadaa akka jirtu dubbatte haa yaadannu.

    Tiraamp haleellaa Israa'el iddoowwan niwukilaaraa Iraan irratti raawwattutti makamuuf ''yaadaa'' akka jiran himamaa jira jechuun michuu BBC Ameerikaa kan ta'e 'CBS news' gabaasee ture.

    Bakki xiyyeeffannaa haleellaa ta'uu danda'u tokko bakka gabbisa yuuraaniyeemii 'Fordo' jedhamu kan lafa jala gadi fagoo ta'e ta'uu danda'a. Haata'u malee, kanaaf ammoo boombii 30,000lb barbadeessuu danda'u kan qabdu Ameerikaa qofadha.

    Tiraamp Kibxata kaleessaa garee nageenya biyyaalessaa isaanii waliin walgahii gara daqiiqaa 90 fudhate kutaa 'Situaion Room' kan Waayit Haawus keessatti tarkaanfii ittaanurratti mari'ataniiru.

    Akka 'CBS News' gabaasetti, gorsitoonni pirezidantichaa ammallee akkamitti akka itti fufan irratti wal qoqqoodaniiru.

    Ameerikaan Israa'elitti makamuunshee haala waraana kanaa ''guutumaan guutuutti ni jijjiira'' jechuun Daaraa Konduut kana duraa BBC News'tti kan himte.

    Kaleessa Tiraamp miidiyaa hawaasaarratti bahuudhaan Iraan ''haalduree tokko malee harka akka kennattuuf '' gaafatanii ture.

  13. Viidiyoon ittisni qilleensaa Iraan Teehraan gubbaatti yoo mul'atu agarsiise

    Akkuma gabaasaa turre, Israa'el halkan darbe keessa Iraan irratti haleellaa dabalataa raawwatteetti.

    Amma ammoo waraabbii viidiyoo Tajaajila Oduu Mehr Iraan irraa arganne isiniif fidneerra.

    Kunis yoo ittisni qilleensa biyyattii samii Tehiraan olitti dhukaasaa jiru kan agarsiisu fakkaata.

    BBC'n viidiyoo kana addatti hin mirkaneessine.

    Sababa uggura mootummaan biyyattii miidiyaa Iraan cimsee to'ateetiin miidiyaaleen idil-addunyaa Iraan keessaa gabaasuu hin danda'an.

  14. 'Lammiileen Iraan kan booji'aman miti' - Kaameenii

    Yeroo ammaa kana Hogganaan Olaanaa Ayaatoolaa Alii Kaameenii miidiyaa biyyattiin ibsa kennaa jiru.

    Ibsa isaanii kana garuu ofii otoo hin taane nama dhiyeessu biraatu dubbisaafii jira.

    ''Humni waraanaa Ameerikaa gidduugallaan shakkii tokko malee miidhaa dhinuu hin dandeenyeen deebiin kennamaaf,'' jedha ibsichi.

    ''Namni beekaan Iraaniifi uummatashee akkasumas seenaa beeku uummata kana afaan doorsisaaa itti hin dubbatu sababiinsaas lammiileen Iraan kan harka kennan miti,'' jedhan hoggantichi ibsa isaanii keessatti.

  15. Waraanni Israa'el dirooniinsaa tokko Iraaniitti itti dhukaafame kufuu hime

    Humni Waraanaa Israa'el (IDF) dirooniiwwan isaa keessaa tokko Iraanitti itti dhukaafamee lafaan dhahuu hime.

    ''Yeroo sochiin oppireeshinii taasifamutti, misaayeloonni lafaa qilleensatti dhukaafaman xiyyaara Humna Qilleensaa Israa'el paayilatii fagoo jiruun to'atamu kuffisaniiru,'' jedhe

    ''Meeshaan kuni daangaa qilleensaa Iraan keessatti kan kufe yoo tahu miidhaan namarra gahe ykn sodaan icciitiin bahuu hin jiru,'' jedhan dubbii himaan Humna Waraanaa Israa'el.

    Har'a ganama TV'n mootummaa Iraan diroonii akkaan ammayyaa'aa tahe bulchiinsa Isfahaan keessatti haleelee kuffisuu hime.

    Tahus dirooniin Humni Waraanaa Israa'el jedhuufi kan Iraan jettu tokko tahuu BBC'n mirkaneessuu hin dandeenye.

  16. Aangawaan olaanaa Iraan Ayaatolaah Alii Kameenii, eenyu?

    Ayaatolaah Alii Kameenii gaggeessaa hafuuraa [amantaa] Iraan yoo ta'an, biyyattii keessatti aangoo hundaa ol ta'e qabu.

    Biyyattii keessatti dhimmoota mootummaa ilaallatan hundarratti murtee dhumaa namni kennu Ayatolaah Alii Kameeniidha.

    Dursaan amantaa umuriin isaanii waggaa 85 ta'e kun abbaafi hundeessaa Rippablika Iraan Ayaatolaah Ruhollaa Komeenii du'uu hordofee ture bara 1989 kan gara hogganaa olaanaa ta'an.

    Yeroo sanarraa kaasee, siyaasa Iraaniifi humnoota hidhatan irratti olaantummaa qabachuun sirna bulchiinsaafi aangoo biyyattii kamiiniyyu ol ta'anii jiraatu.

    Ayatolaah Kameenii waldhabdee Ameerikaa waliin deemaa jiru dabalatee dhimmoota alaa irrattis yeroo hunda ejjennoo cimaa fudhachaa tureera.

    Waa'ee Hogganaa Olaanoo kanarratti dabalataan dubbiifachuudhaaf asiin galuu dandeessu.

  17. ODUU DANSAA: BBC Afaan Oromoo YouTube eegale

    BBC Afaan Oromoo guddachaa jira. Baga gammaddan, baga waliin gammanne.

    Kana dura karaa marsariitii, Facebook fi WhatsApp gubbaa wal argaa turre.

    Amma ammoo akkuma waadaa seenne gama YouTube dhufuutti jirra. Imalli kun kan walooti.

    Viidiyoowwan baafnu akka battalumaan isin gahaniif asiin seenaa 'subscribe' tolchaa: https://www.youtube.com/@BBCNewsAfaanOromoo?sub_confirmation=1

    Galata guddaa nu biraa qabdu!

  18. 'Tiraamp Israa'elirra goranii waraanatti seenuu malu' - ogeessa imaammata alaa Israa'el

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social jedhamurratti ergaan barreessan Israa'elirra goranii waraanatti akka seenuu malan akeeka jedhan ogeessi imaammata hajaa alaa Isaraa'el Piroofeesar Amnoom Araan.

    Tiraamp kaleessa miidiyaa hawaasummaa isaanii kanarratti Waashingitan ''obsa fixachaa jirti'' Iraan ''haal-duree tokko malee harka kennuu qabdi'' jedhan.

    Araan Tiraamp jecha akkasii fayyadamuunsaanii kuni daangaa darbuusaa agarsiisaa, ''kana jechuun kana booda duubatti waan deebi'u miti,'' jechuun BBCtti himan.

    Labsiiwwaniifi ibsi,'' Tiraampiin yeroo garagaraa bahaa jiran suuta suuta waraana kan gidduugaluu akka fedhan agarsiisa,'' jedhan.

    Waraanni kuni erga jalqabee Ameerikaan waraana kanatti seenuuf hamma kanaa itti dhiyaattee hin beektu jedhan.

  19. Wiirtuu niwkilaaraa Iraan barbadeessuun 'ni cima' - qorataa

    Hayyuun fiiziksii niwkilaaraa fi qorataan niwkilaaraa duraanii UN, Deeviid Albiraayiit, wiirtuu niwkilaara lafa jalaa Iraan Fordootti argamu barbadeessuuf ''baayyee rakkisaa'' dha jedhan.

    Bakki kuni lafa jala meetira 80 gadi fagaatee jira.

    Namni kuni muuxannoon Iraan keessatti qaban dhaabbati aannisaa atoomikii qoratu International Inspection Agency of Atomic jedhamu ''sagantaawwan icciitii biyyootaa maloota itti qoratu akka tolfatu,'' gargaaraniiru.

    ''Amma Israa'el haleellaa irra jirti kanaanis wiirtuu kana yeroo dheeraaf hojii ala akka tahu gochuu dandeessi. Ameerikaan ammoo guutummaatti barbadeessuu dandeessi,'' jedhan.

    Albiraayiit iddoowwan niwkilaaraa keessaa ammatti kan akkaan 'sodaatamaa tahe'' Fordoo qofa jedhan.

    Tahus wiirtuun niwkilaaraa isa qofaa waan hin taaneef xiyyeeffannoon isa irratti qofa tahuu hin qabu jedhan.

    Fordoon jalqaba kan ijaarame bara 2000 yoo tahu qaama sagantaa meeshaa waraanaa niwkilaaraa Iraanidha.