Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araaghchi, biyyi isaanii "osoo ummanni keenya haleellaa boombii jala jiruu US waliin marii keessa galuu hin dandeessu" jechuun gaazexeessitootatti himan.
Itti dabaluunis, "US guyyaa tokko irraa eegalee weerara kana keessatti hirmaattee jirti" jedha, haata'u malee himannaa kanaaf ragaa hin dhiheessinel.
Araaghchi bakka marii dippilomaasii itti fufuuf jiran Istaanbul keessatti gaazexeessitootatti wayita dubbataniitti, waldhabdee Israa'elii fi Iraan gidduutti deemaa jiru keessatti Ameerikaan hirmaachuun "baay'ee baay'ee balaa qaba" jechuun akeekkachiisaniiru.
Akka yaadachiisaatti, pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp jalqaba torban kanaatti karoora Iraan haleelu raggaasisaniiru, garuu ammoo Iraan sagantaa nikilaaraa ishee dhiisuuf yoo waliigalte jechuun haleellaa irraa of qusatan.
Ministirri dhimma alaa Iraan kun, ''karaa mariitiin sagantaa nikulaaraa keenyaaf furbaata barbaaduuf baayyee qophiidha'' jedhan.
Bara 2015tti, Iraan sagantaa nikulaaraa ishee irratti garee biyyoota aanga'oota addunyaa waliin waliigaltee yeroo dheeraa taasiftee turte. Kunis kan taasifame erga biyyattiin meeshaa nikulaaraa hojjechuuf tattaaffii goote jedhamuun waggootaaf mudamni uumamee ture boodadha.
Araaghchiin itti dabaluudhaan: "Dippilomaasiin kanaan dura ittiin hojjeteera, gara fuulduraattis deebi'ee hojjechuu danda'a. Gara dippilomaasiitti deebi'uuf haleellaan kun dhaabbachuu qaba."