Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'US weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi - Pirezidantii Iraan

Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan US"weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi jedhan. Pirezidantiin Iraan kana kan jedhan haasaa bilbilaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon waliin taasisaniinidha. ''Miidhaa hangam akka gahe sakatta'insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta'insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,'' jedhan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sirni siyaasa Iraaniifi Israa'el akkamiin wal madaalaa?

    Israa'elii i Iraan wal waraanaa kan jiran yoo ta'u, hoggansi biyya lamaaniii waan ta'aa jiru to'achaa jiru. Haata'u malee, sirni siyaasaa biyyoota lamaanii adda adda waan ta'eef karaa adda addaatiin geggeeffama.

    Israa'el paarlaamaa dimokiraasiin kan durfamtu yoo taatu, Iraan irratti duuluudhaaf murtee ministira mummee Beeniyaamin Netaaniyaahuun deeggarsa Kaabinee Nageenyaa isaaniitiin kan murteefamedha.

    Netaaniyaahuun tarsiimoo waraanaa fi duulawwan irratti olaantummaa kan qaban ta'us, murtoon duula kana dhaabuu kamiyyuu kaabinee olaanaa ministeeraa sana waliin mari'atama.

    Waraanni Israa'el hogganaa olaanaa waraanaatiin kan gaggeeffamu yoo ta'u, innis akkaataa haleellaan kun itti gaggeeffamu irratti itti gaafatamummaa kan qabu fi kan ajaja kallattiin ministeera ittisaa, buufata siiviilii jalatti argamudha.

    Iraan filannoo sagalee sagaleedhaa kuffiisuu cimaa (heavily vetteod) qabaatus, ulaagaa warra lixaatiin akka dimokiraasiitti hin ilaalamu. Aangoon dhumaa Hogganaa Olaanaa ishee kan ta'an Ayatolaah Alii Kameenii kan aangoon isaa kan qondaaltota filataman caalu harka jira.

    Kameeniin ajajaa olaanaa humna waraanaa Iraan yoo ta'u, waraana ykn nagaa labsuuf mirga qaba. Iraan humnoota waraanaa gurguddoo lama qabdi. Tokko humna waraana idilee yoo ta'u, inni lammataa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) isa baayyee humna guddaa qabudha.

    Faallaa Israa'el humni waraanaa Iraan akka ajaja kallattiin hoggansa olaanaa isaa jala jira.

  2. Netaaniyaahuun Ayaatolaarratti xiyyeeffachuun 'walitti bu'insa kana hin hammeessu' jedhan

    Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaalolaah Alii Kaameenii ajjeesuu karoora qabaachuu hin haalle.

    Gaaffiifi deebii broodkaastii Ameerikaa 'ABC News' waliin taasisaniin, Netaaniyaahuun karoorri hogganaa Iraan ajjeesuu kamiyyuu "waldhabdee kana hin hammeessu, siriyyuu waldhabdee kana xumura itti godha" jedhan.

    Tiraamp kanaan dura karoora Israa'el Hogganaa Iraan ajjeessuuf qaban akka hin raawwanneef dhorkuu dubbachuunsaanii ni yaadatama.

    Akkasumas, Israa'el hogganaa olaanaa kana irratti xiyyeeffachuu fi dhiisuu ishee irratti kallattiin dhiibbaa akka taasisan kan gaafataman Netaaniyaahuun, "waan gochuu barbaadnu hojjechaa jirra" jechuun deebisan.

    "Saayintistoota nikulaaraa isaanii olaanoo irratti xiyyeeffanneerra," jechuun dubbatan dabalaniin. "Hanga ammaatti dirreewwan biroo irratti hojii hojjechuu qabna."

    Hogganaan Israa'el kun murteen isaanii Iraan irratti xiyyeeffachuus ''tajaajila dhala namaatiif'' raawwatamu ta'uu isaa, balaa nikulaaraa Iraan irra ga'aa jirtu jedhame irraa of eeguuf akka ta'es yaada dhiyeessan.

    "Har'a Teel Aviiv, boru Niiw Yoork" jedhan. "Ani dursi Ameerikaaf nan hubadha, duuti Ameerikaaf [garuu] naaf hin galu."

  3. Iraan haleellaa dhaabuurratti mari'achuu ni barbaaddi -Tiraamp

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp konfiransii biyyoota garee G7 kan Kanaadaatti geggeeffamerratti yoo dubbatan reefuu dhaga'aman.

    Hogganaa Kaanaadaa Maark Kaarnii cinaa dhaabbachuun, Tiraamp Iraan ''waraana kana hin injifattu'' jechuun, amma waa'ee waldhabdee Israa'el waliin jiru kana dhaabsiisuu dubbachuu barbaaddi jedhan. Kunis ''qaamota lamaaniif waan cimaadha'' jechuun ibsan.

    "Osoo yeroon hin darbiin hatattamaan haasa'uu qabu," jedhan itti dabaluudhaan.

    Sana boodas, Tiraamp Ameerikaan waraanaan waldhabdee kana keessa seenuuf maaltu barbaachisa jedhamee gaafatamee, waa'ee sanaa dubbachuu akka hin barbaanne deebii kennan.

  4. Haleellaa TV Iraanirratti Israa'el gaggeessiteen namni du'uun gabaafame

    Haleellaa Israa'el gamoo TV mootummaarratti gaggeessiteen hojjentaan isaa du'uu televizhinichi ibse.

    Gaggeessaan TV kanaa Pemaan Jebelii TV mootummaarratti dhiyaachuun warqaa dhiigni xuqe agarsiiseera.

    TVn mootummaafi hojjetoonni isaa "osoo haleellaan hin hanga dhumaatti hojjechaa turan," jedhe.

  5. TV Iraan osoo oduu dabarsaa jiruu Israa'el haleelte

    Israa'el TV mopotummaa Iraan irratti haleellaa raawwachuun kan dhagahame yoo ta'u, gaazexeessituun oduu kallattiin dhiyeessaa turtee gamoo haleelamee irratti jigaa ture jalaa yoo baqattee kaatu mul'atti.

    Haleellaa raawwatame hordofee gamoon waajirichaa ibiddi akka itti qabate viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti qodameen ni mul'ata.

    TV haleellaan irratti raawwatame yeroo muraasaaf qilleensarraa kan adda cite yoo ta'u, booda tamsaasa kallattiitti deebi'eera.

    Buufanni TV ergaa barreeffamaan dabarseen ''sagantaaleen adda cituun booda gara tamsaasa kallatti deebii'uu saanii'' ibseera.

  6. Amma nu gahe, Israa'el dhaabbata TV mootummaa Iraan haleelte

    Israa'el dhaabbanni TV mootummaa Iraan haleeluun ibsame.

    Qaaman tamsaasa TV mootummaa Iraan kan ta'e Neetworkiin Niwus Rippabiliika Islaamaa Iraan, Israa'eeliin haleellan irratti raawwatamusaa gabaasni Rooyitars mul'iseera.

    Kunis doorsiisa har'a gara ganamaa ministirri ittisaa Israa'eliirraa dhufe hordofee kan yoo ta'u, biroodkaastarri mootummaa kun ''baduuf jedha'' jedhee ture.

  7. Viidiyoo yeroo ummanni Tehraan keessaa baqataa jiran daandiin tiraafkaan cufamu agariisu

    Qondaaltonni Iraan haleellaa Israa’el walirraa hin cinne hordofee ummanni akka hin rifanne gaafachuu itti fufanii jiru.

    Waraabbiin viidiyoo guyyoota darban keessa miidiyaa hawaasaarratti maxxanfaman, namoonni magaalaa guddoo Tehiraan gadhiisuuf yoo yaalan boba’aa guutachuufi tiraafikaa danqamuun tarree galuu agarsiisa.

    Waraanni Israa'el ammoo ammas namoonni naannoo magaalattii guddaa keessaa "hatattamaan" akka gadhiisaniif "akeekkachiisa hatattamaa" kenneera. Kana jechuunis haleellaan akka itti fufuu hin oolle kan agarsiisuudha.

    Viidiyoo asiin gadii daawwadhaa:

  8. Waraanni Israa'el ummanni kutaa Tehraan bal'aa keessaa 'hatattamaan' akka bahuuf akeekkachiise

    Waraanni Israa'el ummanni kutaa bal'aa magaalaa guddoo Iraan Tehraan keessa jiraatan battalatti gadhiisanii akka bahaniif 'akeekkachiisa hatattamaa'' dabarseera.

    ''Sa'aatiiwwan itti aananitti humni ittisaa Israa'el akkuma guyyoota darban guutuu Tehraan keessatti misoomaawwan bu'uuraa waraanaa bulchiinsa Iraan haleelaa ture naannicha keessatti duula gaggeessa'' jechuun dubbi-himaan raayyaa ittisa Israa'el Aviichaay Adiree akeekkachiisa isaanii X irratti barreessaniiru.

    Dubbiuhimaan kun ergaa akeekkachiisaa isaanii waliin kaartaa kutaa Tehraan akka jiraattoonni keessaa bahan barbaadanii agarsiisu itti qabsiisaniiru.

    Dubbi-himaan waraanaa kun''naannoolee kanneen keessa kan turan yoo ta'e balaaf saaxilamtu'' jechuun ibsan.

    Magaalaan guddoo Iraan Tehraan kan aanaalee 22tti qoodamte yoo ta'u, naannoon waraanni Israa'el jiraattoonni gadhiisanii akka bahaniif ajajan aanaalee gurguddoo yoo ta'an, ummata 300,000tu keessa jiraata.

    Waajirri mummee sabaa-himaan Iraanis kan argamu naannoo kana keessattidha.

    Gama biraatiin ammoo lixa Tehraan keessaa galagala kana keessa dhohiinsi olaanaan dhagahamuun gabaafameera.

  9. 'Daandii injifannoo gonfachuurra jirra' - Nataaniyaahuu

    Ministirri Muummee Israa'el Beniyaamiin Netaniyaahuu, "daandii injifannoo gonfachuura jirra," jedhan.

    Buufata humna qilleensaa wayita daawwachaa jirutti waan har'a Israa'elirraa "samii Teehraan to'anneerra" jedhu dhaga'ame dabaluun mirkaneessaniiru.

    Galmawwan keenya lamaan mirkeessuuf daandiirra jira: yaadoo niwukilaraa barbadeessuufi yaaddoo misaa'elaa barbadeessuuf," jedhan.

    Netaniyaahuun haleellaa Israa'el gaggeessituufi Iraan gaggeessitu gidduu garaa garummaa jiru ibsuuf yaalaniiru. Akka isaan jedhanitti, Israa'el buufatawwan waraanaa [niwukilaraafi misaa'elaa] irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, Iraan garuu namoota nagaarrati xiyyeeffatti jedhan.

    "Lammilee Teehraaniin akkas jenna: 'Baqadhaa – nuti tarkaanfii ni fudhanna," jedhan.

    Netaniyaahuun warra buufata xiyyaaraarra hojjetan galateeffataniiru: "Galatoomaa, gargaarsa Waaqayyoo waliin – tarkanfii fudhannee ni milkoofna, hanga injifannuttis itti fufna."

    Ministeerri fayyaa Iraan akka jedhetti, erga Jimaata darbeeti haleella Israa'eliin oo xiqqaate namoonni 24 ajjeefamaniiru.

    Gaazexeessitoonni BBC sabab dhorkaa mootummaatiin BBC Iraan keessaa gabaasuu hin dandeenye.

  10. Iraan ummanni akka baqatu gaafachuun 'oppereeshinii qoor-qalbii' Israa'elidha jette

    Ergaa Israa’el namoonni magaalotaa akka baqatan gaafattu, qaama “oppereeshinii qoor-qalbii diinaa” ta’uu dubbi-himaan mootummaa Iraan himan.

    Faaxemeh Mohajeranii, intarneetiin Iraan ''haleellaa saayibarii'' biyyattiirratti raawwatamu qolachuuf ''saffisni isaa akka hir'ate'' mirkaneessan.

    Ministirri Ittisa Israa'el haleellaa Iraan lammiilee Israa'elirratti raawwattuuf jiraattonni Tehraan ''gatii akka baasan'' akeekkachiisuun, jiraattonni akka baqatan gaafataniiru.

    Kaleessa waraanni Israa’el lammiileen Iraan naannoo dhaabbilee omisha meeshaa waraanaa jiraatan akka gadhiisan akeekkachiisuun akka baqataniif ibsa baase.

    Namoota Tehraan keessa jiran irraa dhaga’amaa kan jiru ammallee daandii magaalattii sababa tiraafikaan cuccufatee haalli itti magaalattii keessaa itti baqatan hin jiru.

    Namoonni akkuma kaleessaa har’as boba’aa argachuuf tarree galanii jiru.

    Jiraataan tokko “bulchiinsa biroo keessatti hiriyoota ykn maatii waan hin qabneef, bakka biraa deeman waan hin qabneef” Tehraan keessa akka turan dubbate.

  11. Iraan nama Israa'eliif basaasuun yakkamaa ta'ee argame ajjeeste

    Iraan nama dhaabbata basaasaa Israa'el Mossadiif basaasuun yakkamaa ta'ee argame ajjeesuu himte.

    Qondaaltonni akka jedhanitti, shakkamaa Esmaa'eel Fekrii bara 2023 kan to'annoo jala oole yoo ta'u, maallaqan odeeffannoo iccittii Israa'eliif dabarsuu yaaluun isaa ni yaadatama.

    Ajjeechaan akkasii kun dhiheenya kana yoo raawwatamu yeroo sadaffaa akka ta'e yaadama.

    Israa'eliif akka basaasan kan shakkaman kanneen biroo hedduun Jimaata irraa eegalee Iraan keessatti to'annoo jala ooluu isaanii miidiyaaleen mootummaa Iraan ni mul'isu.

    Abbaan murtii olaanaa biyyattii, Gholaamhosseen Mohseeni Ejei, waldhabdee ammaa kana ilaalcha keessa galchuudhaan, dhaddachi tumsitoota Israa'el jedhamanii shakkaman irratti hatatamaan raawwachuu qaba jedhan.

    Gama biraatiin, lammiileen Israa'el lama ammoo Dilbata darbe Iraaniif basaasaa turan jedhamuun shakkamanii to'annoo jala oolaniiru.

    Aanga'oonni kunneen, akkasumas himannaa walfakkaatuun mucaa ganna 13 tokko torban darbe Teel Aviiv keessatti to'annoo jala oolchaniiru.

  12. Daawwadhaa: Iraan guutummaa Israa'elirratti haleellaa qilleensaa haaraa banteen miidhaa qaqqabe

    Iraan guutummaa Israa'el irratti haleellaa qilleensaa haaraa banuu hordofee dho'insi bakka garagaraatti dhaga'ameera, miidhaanis qaqqabeera.

  13. Pirezidantiin Iraan lammiileen irree tokkoon 'weerartoota yakkamtoota ta'an' dura akka dhaabbatan dhaaman

    Pirezidant Masuud Pezeshikiyaan Wiixata gar'aa wayita paarlaamaa biyyattii duratti dubbatan, lammiileen Iraan ''tokkoomuun weerara biyyasaaniirratti aggaamame dura akka dhaabbatan,'' waamicha dhiheessaniiru.

    ''Iraan adeemsa dippiloomaasiif carraa kenniteetti. Mariif ulaa banteetti,'' jedhan qondaalli Iraan kun.

    ''Diinni salphaatti Iraan fi uummata Iraan ajjeesuu fi shororkeessuun balleessuu hin dandeessu,'' kan jedhan Pirezidantichi ''gootonni qabsoo dhaalanii itti fufsiisan hedduutu jiru. Haleellaa hamaa booda daandii qabsoo kan itti fufsiisan hedduudha,'' jedhan.

    Biyyisaanii meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuuf fedhii akka hin qabne kan dubbatan Pirezidant Pezeshkiyaan ''garuu anniisaa nukilaraa misoomsuun uummatashee fayyaduuf mirga qabdi,'' jedhan.

  14. Israa'el samii magaalaa Teehiraan ‘guutuutti’ to’atteetti - Waraana Israa’el

    Dubbii himaan waraana Israa’el waraanni isaanii ‘’samii magaalaa Teehiraan gubbaa guutuutti to’atteetti,’’ jedhan.

    Birgaader Janaraal Efii Defriin akka jedhanitti, Israa’el meeshaawwan Iraan misaa’ela ittin dhukaaftu keessaa 1/3ffaa jalaa mancaasaniiru.

    Lakkoofsaan yoo ibsaniis, meeshaalee misaa’ela itti dhukaasan 120 ol jalaa mancaasuu himan.

    Kanneen keessaa 20 eda galgala haleelaman jedhame. Dhimma kana irratti gama Iraan wanti jedhame hin jiru.

    Akka qondaalli kuni jedhanitti, Israa’el qiyyaafannoowwan waraanaa Iraan 100 irratti xiyyeeffachuun haleellaa bananiiru.

    Haleellaa kanaafis jeettiiwwan waraanaa 50 bobbaafamuu himan.

  15. Israa'el fi Iraan muddama 'atattamaan' akka xiqqeessan Chaayinaan gaafatte

    Yeroo Israa’el fi Iraan wal haleeluu itti fufan kanatti Chaayinaan biyyoonni lamaan haala jiru akka tasgabbeessan gaafatteetti.

    ‘’Qaamoleen hunduu waan haalicha tasgabbeessu atattamaan fudhachuun naannichi hookkara jabaatti akka hin seenne dhorkuufi,’’ mariin akka furan gaafatte.

    Kana kan dubbatan dubbii himaa ministeera dhimma alaa Chaayinaa Guwoo Jiyaakunidha.

    Gaafa Dilbataa aangawaan Chaayinaa biroo Chaayinaan ‘’qooda ijaaraa’’ bahuuf qophii ta’u dubbatanii turan.

  16. Ajajaan duraanii Sooriyaa gaazexessaan Ameerikaa Oostiin Taayis ajjeefamuu isaa himan

    Namichi bakka buutee gaazexeessaa lammii Ameerikaa Oostiin Taayis jedhamuf itti gaafatamummaadha jedhameuun himatame, Pirezidantiin Sooriyaa aangoo irraa ari’ame Baashaar Al-Asaad akka ajjeefamuuf ajaja kennuu dubbachuu maddeen nageenyaa BBCtti himan.

    Meejar Janaraal Baasaam Al Haasaan, ajajaa Eegdota Rippabilikaan duraanii yoo ta'an, inni qaama geengoo keessoo Pirezidantii Asaad ture.

    Akkasumas, hoogganaan Humnoota Raayyaa Ittisa Biyyaaleessaa (NDF), kan garee paaraamilitaarii kun, BBCn qorannoosaa taasiseen, erga Aab Taayis bara 2012tti butameen booda to'achuun itti gaafatamummaa qabu jedhee ture.

    Argannoon kunis haaluma qaama argannoo podcast BBC Radio 4 irratti waa'ee dhabamuu Austiin Taayis irratti dhiyaachuuf jiruuttiidha.

    Gaazexeessaan Ameerikaa kunis guyyaa dhaloota isaa waggaa 31ffaadhaan guyyoota muraasaan booda Hagayya 2012 naannawa magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqootti dhabame.

    Gaazexeessaa kunis yeroos firiilaansara ta'uun hojjataa kan ture yoo ta'u, yeroo butametti Sooriyaa gadhiisee bahuuf ture.

    Sirni kufe garuu yeroo hunda bakka inni jiru akka hin beekne himaa ture. Qorannoon BBC ammoo sun soba ta'uu fi Mr Taaysi Damaasqootti hidhamuu isaa agarsiise ture.

    Qoqqobbii uggura UK, EU, Kanaadaa fi Ameerikaa jala jiran Al Hassan, bakka Mr Taayisi itti hidhaman to’ataa turan.

    Jalqaba bara kanaatti Libaanos keessatti yoo xiqqaate yeroo sadiif qaamolee seera kabachiisoo Ameerikaa waliin wal arguunsaa ni himama.

    Walgahii sana keessaa yoo xiqqaate inni tokko gamoo imbaasii Ameerikaa keessatti akka ta’e maddeen kan himan. Haasaa kana keessatti, Pirezidantiin amma aangoo irraa kaafame, Asaad gaazexeessaan Ameerikaa bakka buuteensaa dhabame, Austiin Taayisi akka ajjeefamu ajaja akka kenne qorattoota FBI fi CIA irraa akka himan dhagahame.

    Maddeen haasawa kana quba qaban BBC'tti akka himanitti, Al Haasaan jalqaba irratti pirezidanti Asaad, Taaysi akka hin ajjeesne ofirraa deebisuuf yaaleera jedhu, haata'u malee dhumarratti ajaja kana dabarsee, kan raawwatames isuma jedhan.

  17. Tiraamp godaantota biyyattii deebisuun akka dabalu ajajan

    Pirezidantiin Ameerikaa godaantota qabuufi biyyaa baasuun bal'inaan akka itti fufu ajaja kan dabarsan yeroo guutuu biyyattiitti mormiin imaammata isaan godaantota irratti qaban irratti adeemsifamaa jiruttidha.

    Miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti eejansiiwwan federaalaa ''hamma humni isaanii eeyyamu'' seenaa keessatti godaantota biyyaa baasuu isa bal'aa tahe akka raawwatan waamicha dhiyeessaniif.

    Loos Anjalas, Chikaagoofi Niiw Yoork irratti addatti xiyyeeffatamuu qaba jedhan.

    Magaalawwan kunneen Waxabajjii 6 irraa qabee mormii bal'aatu adeemsifamaa ture.

    Tiraamp hiriira mormii kanaaf haala ittiin deebii kennan irratti seeraan gaafatamaafi qeeqamaa jiru - keessumaa hiriirtota bittinsuuf waraana bobbaasuu isaaniin.

    Tiraamp ''bulchiinsa isaanii keessatti qaamni marti humna isaanii tattaaffii kanarra akka kaa'an ajajeera,'' jedhan.

    Dabaluunis ''namni nagaa biyya keessaaf rakkoo tahuu danda'u kamiyyuu,'' Ameerikaa galuurraa dhorkamuu qaba jedhan.

    Dhaabbata godaantota biyyatti deebisaa jiru ICE dabalatee qaamota mootummaa dhimmi ilaallatu ''deeggarsa jabaa qabdu. Deemaa hojiin agarsiisaa,'' jedheen.

    Tiraamp kana kan dubbatan imaammata godaantota irratti qaban irratti hiriiri mormii guddaan bahamuu guyyaa tokko booda.

  18. Waajjirri Teel Aviiv rukutamuu booda US imbaesiin ishee Israa'el jiru cufamee akka itti fufu himte

    Israa'elitti ambaasaaddarri US waajjirri isaanii Teel Aviiv haleellaa qilleensarraa Iraan halkan edaa Israa'el irratti raawwatteen miidhamuu ibsan.

    Ambaasaaddar Maayiik Huukabii waajjirri isaanii Teel Aviiv kun erga misaa'elli Iraan gamoo guddaa ollaasaa jiru haleelee booda miidhaan salphaan isa mudate jedhan.

    Imbaasiin US magaalaa Jerusaalam kan jiru yoo ta'u, duraanuu akka hojii dhaabu taasifamee ture.

    Ammas erga waajjirri Teel Aviiv miidhamee akkuma cufametti itti fufeera.

    Miidhaa qaqqabe kanaan namni miidhame hin jiru jedhan ambaasaaddarri US kun.

  19. Tiraamp lola kana dhaabuuf aangoo qaba - dippiloomaatii duraanii Israa'el

    Lola Iraaniifi Israa'el gidduu adeemaa jiru dhaabuuf humna guddaa kan qabu Donaaldi Tiraamp dha, jedhan dippiloomaatiin duraanii Israa'el fi ministira muummee biyyattii duraanii lama gorsaa kan turan Aloon Pinkaas.

    Tiraamp marii nagaatti akka dhufan gochuu danda'a jechuun Piinkaas BBCtti himan.

    Haala qabatamaan yoo ilaalle jedhan, pireezidantichi aangoo Iraan waliigaltee nagaa akka fudhattuufi salphinarraa akka ooltu godhu dhiyeessuu danda'u jedhan.

    Haa tahu malee, Iraan mariif qophii waan hin fakkaanneef lola itti fufuun Israa'el miidhuu feeti.

    ''Faallaa kanaan ammoo Pireezidant Tiraamp bilbila kaasanii bilbiluun Netaaniyaahuudhaan ''si gaha egaa'' kana goolabuuf sa'atii 24 si gaha jechuu danda'a'' jedhan.

    ''Dhimmoota lamaan kunneen gochuu danda'a? Hin beeku,'' jedhan.

  20. Namoonni balaa xiyyaara Indiyaatiin lubbuu dhaban 270 gahe

    Doktooronni Indiyaa, bakka balaan xiyyaara Kamisa darbe magaalaa Ahmedaabaad keessatti mudate irraa reeffa namoota 270 argamuu himan.

    Xiyyaarri silaa gara Landanitti imaluuf ture bataluma balalii eegaleen sakandoota muraasaan booda naannoo mana jireenyaa irratti kufee imaltootaa fi hojjettoota xiyyaarichaa 242 keessaa namni tokkoon alatti hunda galaafate.

    Namni tokkichi lubbuun oole kan umuriinsaa ganna 40 fi lammii Biriteen tokko malee kanneen xiyyaaricha keessa ture 241 hundi isaanii du'aniiru.

    Qondaaltonni namoonni meeqa lafarratti akka ajjeefaman adda baasuuf yaalii gochaa kan turan yoo ta'u, adeemsa harkiifataa saamuda qaccee sanyii (DNA) walsimsiisuun eenyummaa namoota miidhaman mirkaneessuu itti fufaniiru.

    Kabajni namoota du'aniif guutuu Indiyaa fi UK keessatti gaggeeffameera.

    Dilabata kaleessaa namoonni gara 100 ta’an Landan Komishinii Ol’aanaa Indiyaatiin alatti walitti kan qabaman yoo ta'u, namoonni hedduunis yaadannoo namoota balaa kanaan du’aniif dubgoo kaa’aniiru.

    Dursaan hawaasaa tokko miseensoota maatii reeffa firootasaanii adda baasuu gara Indiyaatti balal'ina fi bu'aa qorannoo qaccee sanyii hospitaalaa eeggataa jiran waliin wal quunnamaa jiraachu himan.

    Namoonni baayyeen bakkichatti walitti qabamanis balaan sun attamiifi maaliif akka mudateerratti deebii akka barbaadan dura bu'aan hawaasichaa kan himan.

    Biiroon Qorataa Balaa Xiyyaara Indiyaa (AAIB)n deeggarsa garee Ameerikaa UKtiin qarannoo balaa xiyyaaraa kana gaggeessaa jira.