Ashamaa!
Tamsaasni kallattii kuni xumurameera. Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo haaraa eegalletti ce'uf asiin seenaa.
Lafa nagaa oolaa!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan US"weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi jedhan. Pirezidantiin Iraan kana kan jedhan haasaa bilbilaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon waliin taasisaniinidha. ''Miidhaa hangam akka gahe sakatta'insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta'insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,'' jedhan.
Tamsaasni kallattii kuni xumurameera. Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo haaraa eegalletti ce'uf asiin seenaa.
Lafa nagaa oolaa!
Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan US "weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi'' jedhan. Pirezidantiin Iraan kana kan jedhan haasaa bilbilaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakroon waliin taasisaniinidha.
Ibsa marsariitii waajira pirezidantii Faransaay irratti bahe keessatti, Pezkeeshiyaan Iraan "humna waraanaan weeraramteetti, nutis cimnee dhaabannee ofirraa ittisneerra," jedhan.
Nuti fireemwoorkii seera addunyaa jalatti dubbachuufi mari'achuuf yeroo hunda qophiidha, garuu qajeeltoo jiru [loojikii] fudhachuurra qaamni kaan biyyi Iraan akka harka kennattu gaafata," jedhan.
Pezkeeshiyaan itti dabaluun, "Biyyi keenya doorsisaafi hacuuccaaf gonkumaa harka waan hin kennineef weerara itti dhufeef deebii sirrii kennuun waanuma jirudha," jedhan.
UK, Faransaay fi Jarmaniin, tarkaanfii dabalataa Baha Giddu Galeessaa ''tasgabbii dhabsiisuu'' danda'u akka hin fudhanne Iraan gaafatan.
Ministirri Muummee UK Kiir Istarmar, Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakrooniifi Chaansilarri Jarman Firiidrich Meerz ibsa waloo kennaniin, ''Iraan gonkumaa meeshaa nukilaaraa qabaachuu akka hin qabaanneerratti yeroo hunda ifa ta'uusaaniifi nageenya Israa'el akka deeggaran himaniiru.
Ibsichi haleellaa Ameerikaa ilaalchisee kan kaasee yoo ta'u, itti dabaluudhaanis: "Kaayyoon keenya Iraan meeshaa nukilaaraa akka hin qabaannee ittisuu ta'ee itti fufa" jedhan.
Hoggantoonni kunneenis Iraan waliigaltee, ''yaaddoo sagantaa nukilaaraa ishee waliin walqabatee jiru hunda ilaalu'' mirkaneessuuf ''marii irratti akka hirmaattu'' gaafatu.
"Qaamolee hunda waliin qindoominaan galma sanaaf gumaacha keenya gochuuf qophiidha," jedhu.
Dubbi-himaan Dhaabbata Humna Atoomikaa Iraan (AEOI), beekumsa biyyattiin anniisaa nukilaaraa irratti qabdu ''balleessuu hin danda'u'' jechusaanii dhaabbanni oduu ofiisaa Iraan IRNA'tti gabaase.
Behrouz Kaamaalvaandiin, indaastiriin nukilaaraa Iraan keessatti hundee kan qabu yoo ta'u, ''hundee kunas balleessuun hin danda'amu,'' jedhan.
"Miidhaan nurra gaheera, haata'u malee indaastirichi yoo miidhaan irra gahu kun kan yeroo jalqabaa miti," jechuun dabalanii dubbatan.
Haaluma walfakkaatuunis, ministirri dhimma alaa Iraan Abbaa Araaghchiin sagantaa nukilaaraa Iraan kan ''beekumsa nukilaaraa biyya keessaa'' irratti hundaa'e yoo ta'u, "boombii darbachuudhaan balleessuun'' hin danda'amu" jedhan.
Haleellaa Ameerikaan wiirtuulee nukilaaraa Iraan irratti raawwatte hordofee Peentaagan ibsa kennaa jira.
Hogganaan Humna Qilleensaa Jeneraal Daan Kaayen miidhaawiirtuulee kunneen irra gahe 'akkas' jedhanii himuuf yeroo fudhata jedhan.
''Miidhaa hangam akka gahe sakatta'insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta'insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,'' jedhan.
Wiirtuun gabbisa yuraaniyeemii kan akka Fordoo bifa garaagaraan haa jiraatuyyuu malee inni kuni boombii niwkilaaraa oomishuuf kan ooluu danda'a.
Tahus wiirtuu kanarratti boombii roobsuun ''taatee niwkilaaraa'' isa akka Jaappaan Fukushimaatti mudatee hordofsiisa jechuu miti.
''Yuuraaniyeemiin gabbifame isa gabbisa keessa hin dabarre dachaa sadii keemikaala radioactive gadhiisuu danda'a.
Garuu walumaagala lamman isaaniiyyuu akkamalee keemikaalota radioactive jedhamutti geeddaraman miti,'' jedhan dhimma balaa niwkilaaraa kan qoratan Piroofeesara Jim Ismiiz,Yunivarsiitii Poortis Maawuz irraa
''Faalama naannoo guddaa jedhamu hin uumu,'' jedhan.
Ismiiz isa kanarra yuraaniyeemiin boombii keessa gaafa kaa'amu haala inni itti jijjiiramu 'fission product' jedhamutu na yaaddeessaa jedhu.
Lafa gabbisa yuraaniyeemiitti adeemsi keemikaala niwkilaaraa adeemaa jiru waan hin jirreef dhukaasni boombii faalama qilleensaa fidu hin jiru jedhan.
Yuraaniyeemiin fageenya dheeraa ijaa hin deemu garuu namootni naannoo sanaa yuraaniyeemiin qilleensaan qaama isaanii keessa yoo seene rakkoo fayyaa isaaniitti fiduu danda'a jedhan.
Dameen UN sochii niwkilaaraa to'atu, International Atomic Energy Agency (IAEA) haleellaa US'n booda hammi keemikaalli radioactive hammisaa hin daballe jedheera.
Ameerikaan buufatawwan nukilaraa Iraan irratti haleellaa boombii gaggeessitee sa'aatii muraasa keessatti deebiin idil-addunyaa hedduurraa dhaga’amaa jira.
Biyyoonni Arabaa deebii kennuuf yeroo isaanitti hin fudhanne. Tokkoo tokkoo byyoonni Arabaa kan jedhan kunooti:
Omaan: Marii nukilaraa Waashingitan fi Tehraan gidduutti taasifamaa ture giddu-galeessa taatee keessumeessaa kan turte Omaan, haleellaa Ameerikaan iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti raawwatte cimsitee balaaleffatte.
Sulxaanni Galoo Galaanaa “haleellaa qilleensaa kallattiin Ameerikaan raawwatte irraa kan ka’e rakkoo hammaataa dhufuuf yaaddoo guddaa akka qabdu ibsuun, akka balaaleffattu ibsiteetti”.
Sa'ud Arabiyaa: US waliin hariiroo nageenyaa cimaa kan qabduufi michoota [Baha Giddu-galeessaa] isheen qabdu keessaa tokko kan taate Sa’ud Arabiyaan, “birmadummaan Iraan sarbamuu balaaleffachuun, [gocha] kanarraa akka of qusatamuuf cimsitee dubbatteetti”. I
tti dabaluun, hawaasni idil-addunyaa “haalota garmalee miira namaa kakaasan kana keessatti furmaata siyaasaa irra ga’uuf carraaqqii dachaa akka godhu” gaafatteetti Sa'ud Arabiyaa.
Qaataar: Ministeerri haajaa alaa Qaatar yeroo ammaa “dhiphinni balaafamaa sadarkaa naannoofi idil-addunyaatti balaa hamaa akka fidu” akeekkachiiseera. “Yeroo kanatti qaamonni hundi ogummaafi of to’achuu akka danda’an abdiin qaba,” jedheera.
Masirii: Masriin "naannichi gara jeequmsaafi muddamaatti seenaa jiraachuu akeekkachiisuun, "furmaanni waraanaan osoo hin taane, furmaanni karaa siyaasaafi mariin dippilomaasii qofaan jetti."
Libaanos: Gama biraatiin ammoo prezidaantiin Libaanos Jooseef Awuun "US wiirtuu nukilaraa Iraan irratti raawwachuun sodaafi muddamni inni uumu naannoofi biyya tokkoo ol," jedhan.
Ministirri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Argaachii haleellaa wiirtuulee nukilaaraa Iraan irratti qaqqabeef deebii kennan. "Tiraamp haleellaa kana raawwachuun Iraaniifi uummata Ameerikaa gane," jedhan.
''Pireezidantiin Ameerikaa kan filatame waraana gama keenya jiru goolabuuf ture, cichooma dippiloomaasii sarbuun nuun qofa osoo hin taane uummata isa filate gowwomseera, kanas ergama yakkamaa waraanaa barbaadamaa jiruuufi lubbuu akkasumas qabeenya lammiilee Ameerikaa saamuuf bitamuun kaayyoo mootummaa Israa'el raawwachiisaa jira,'' jedhan Aragaachiin
Ministarichi haasaa Tuurkii irraa taasisaniin buufataalee waraanaa US Baha Gidduugalaa keessa jiran haleeluuf jiru yoo tahe ykn Istreet Hoormuuz cufu yoo tahe gaafatamaniiru.
Istreet Hormuuz daandii galaanaa dooniiwwanii yoo tahu hulaa ijoo boba'aan addunyaa keessa yaa'u dha.
Ministarichi ''filmaata garagaraa qabna,'' jechuun deebisan.
Dhaabbata saatalaayitii Maaksar irraa suuraaleen sochii gabbisa yuraaniyeemii Iraan Foordoo keessa guyyootaan dura ture agarsiisu baheera.
Maaksar akka jedhetti, suuraaleen kunneen Waxabajjii 19 fi 20 kaafaman kunneen balbala wiirtuu nukilaaraa lafa jalaa kanatti ''konkolaataa hin baramne tokkoofi sochii konkolaattota biroo kaan agarsiisu.''
Suuraalee kunneen keessaa isa jalqabaa irratti konkolaataawwan fe'umsaa 16 tarree galanii gara balbala hulaa wiirtuu kanaa biratti dhaabbataniiru. Dabalataan buuldoozariiwwanis mul'ataniiru.
Mallattooleen lafti qotamaa akka jiru agarsiisanis jiru, kunis Iraan haleellaa dhufuu danda'u tilmaamuun ijaarsa naannichaa jabeessaa akka turte agarsiisa.
Suuraan gaafa Jimaataa kaafame tokkos iddooma wal-fakkaataa irraa fageenya kiiloomeetira muraasaan hojiin ijaarsa ittisaa akka jiru agarsiisa.
UK'tti ambaasaaddarri Iraan haleellaa Ameerikaan eda galgala raawwatte Chaartar Biyyoota Gamtoomanii sarba jedhan.
Sayiid Alii Mosaavii haleellaan Ameerikaa ''seera idil-addunyaa sarbaa'' jechuun miidhaa bu'uuraalee niwkilaaraa irra qaqqabe ibsuurraa of qusatan.
Haleellaan mudate ''walabummaa fi daangaa'' Iraan sarbeera jedhan.
Yoo Ameerikaan lammata haleellaa raawwatte Iraan sagantaa niwkilaaraashee dhiisti jedhamuun kan gaafataman Sayiid, ''yeroo Israa'el Iraan irratti haleellaa raawwattu Iraaniifi Ameerikaan marii irra turan,'' jedhan.
Miidhaa qaqqabe irrattis gaaffii gaafatamaniif ''ofirraati ittisaa jirra,'' jedhan.
Pireezidantiin Israa'el ibsa baasaniin haleellaa Donaaldi Tiraamp Iraan irratti raawwatan ''seena-qabeessa'' jedhan.
Ayiizaak Herzoog dubbiin Tiraamp ''Ameerikaafi Israa'el gidduu michoomni gad fagoo tahe akka jiru agarsiisa,'' jedhan.
Dabaluunis ''duulli kuni hin goolabamne'' jechuun akeekkachiisa.
Guyyooti aananitti dubbiin kan of eeggannoo gaafatu, wal-xaxaafi rakkisaa taha,'' jechuun lamiileen Israa'el qajeelfamoota lubbuu baraaran kan qondaalotaan kennaman akka hordofan gaafatan.
Minsitirri Mummee UK Sar Kiir Staamar Ameerikaan ''yaaddoo hamaa sagantaa nukilaaraa Iraan laaffisuuf tarkaanfii fudhatte,'' jedhan.
Ibsa kennan keessatti, ''sagantaan niwkilaaraa Iraan nageenyaa addunyaaf yaaddoo hamaa dha,'' jedhan.
Iraan meeshaa waraanaa niwkilaaraa akka qabaattu eeyyamamu hin qabu, Ameerikaan yaaddoo sana laaffisuuf tarkaanfii fudhatte,'' jedhan.
''Haalli Baha Gidduugalaa waan tilmaamamu miti tasgabbiin dhimma ijoo naannichaaf barbaachisu dha.
Iraan gara mariitti akka deebitu gaafachuun, rakkoo kana furuuf dippiloomaasiitu baasa,'' jedhan.
Iraan Buufata Xiyyaaraa Been Guuriyoon dabalatee Israa'el keessatti bakkawwan gara garaarrattti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaa jirti.
Akka TVn mootummaa Iraan gabaasetti, bakkawwan haleellaan Iraan irratti xiyyeeffatan biroo buufataaleen deeggarsaa, ajajaafi wiirtuuwwan to'annoo, akkasumas wiirtuu qorannoo baayoloojikaalii dabalata.
Miidiyaaleen mootummaa akka jedhanitti, Islaamik Rivoluushinarii Gaard Koors (IRGC) haleellaan kun misaa'elii fageenyaa dheeraa deemu fayyadamuun ta'uu beeksiseera.
Jechi 'Bluff' jedhu hiikni isaa sobaan nama amansiisuuf yaaluu jedhu TV Iraanirratti irra deddeebiin dhaga'amaa jira.
Jechi kun haleellaa Ameerikaan buufatawwan nukilaraa Iraanirratti raawwatteef aanga'oonni Iraan deebii akkamii kennu kan jedhu yeroo ilaalametti irra deddeebiin osoo dubbatamuu dhaga'ameera.
Dhiyeessaan TV mootummaa tokko Doonaald Tiraamp waa’ee iddoo niwkilaraa Foordoo barbadeessuu irratti “sobaan nama amansiisuuf yaalaa” akka jiran ibsuun, “taanaalota [ulaawwan lafa jalaa] seensaa fi ba’a Foordoo irratti argaman lama qofti miidhaman” jedhe.
Miidiyaaleen Iraan haleellaa kana jalqabarraa kaasanii tuffataafi xiqqeessaa kan jiran yoo ta’u, [dubbii Tiraamp] “gabaasa hin mirkanoofnedhas” jechuun ibsan.
Dubbi-himaan hoggansa bala bulchiinsa Qoom, kan haleellaa “buufata” Foordoo irratti raawwatame mirkaneessanii turan, Mortezaa Heydarii, bulchiinsichi guutuun “guutummaatti tasgabbaa’aa” ta’uu isaa dubbataniiru.
Miidiyaaleen Iraan dhohinsi kun “hangas mara sagalee guddaa miti” jechuun xiqqeessuuf yaalaniiru.
Iraan “haleellaa saayibarii diinaa” akka sababaatti kaasuun, interneetiin uggurameera. Kunis viidiyoo fi suuraan gara BBCtti ergaman fi miidiyaa hawaasaairratti qoodaman xiqqaa taasiseera.
Ministirri dhimma alaa Iraan Seeyid Abbaas Araagchii haleellaa Ameerikaan iddoowwan nukilaara biyyattii irratti raawwatte ''aarii guddaa'' balaaleffatanii, Iraan ''walabummaashee eeggachuufi kan itti dhufe ofirraa ittisuuf filannoowwan hunda''qabdi jedhan.
"Taateewwan ganama har'aa raawwataman kan nama aarsaniifi 'bu'aa bara baraan turu kan hordofsiisudha. Tokkoon tokkoonmiseensa Biyyoota Gamtomanii (UN) amala garmalee balaafamaa, seera maleessaa fi yakkaa kana yaadda'uu qaba," jechuun barreeffama X irratti maxxansaniin.
Araagchiin itti dabaluun, US akka miseensa Mana Maree Nageenyaa tokkootti ''gochaa sarbuu chaartarii'' Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) '' hamaa raawwatteetti'' jedhan.
Gareen hidhataa Gaazaa keessaa Hamaas, haleellaa qilleensaa Ameerikaan Iraan irratti raawwatteen 'haleellaa ifa ta'e' jechuun ibseera.
Hamaas ibsa baaseen, haleellaan kun kan ''ifatti seera addunyaa sarbee fi balaa kallattii tasgabbiifi nageenya idil-addunyaati'' jedheera.
Hamaas haleellaa Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwateen namoonni gara 1,200 ta'an ajjeeffamunsaanii ni yaadatama.
Israa'el ammoo kanaaf deebii kennuuf Gaazaa keessatti tarkaanfii waraanaa gaggeessiteen Filisxeemoonni kumootaan lakkaa'aman ajjeeffamaniiru.
Gareen hidhataa Filisxeem fi sochiin siyaasaa, Hamaas, Ameerikaa, UK fi Israa'el dabalate biyyoota biraa hedduun akka dhaaba shororkeessatti farrajameera.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, yaada haaloo ba'uu Iraan kamiyyuu cimsanii akeekkachiisaniiru.
Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti maxxansaniin, erga Waayit Hawusitti haasaa taasisaniin booda, akkas jechuun barreessan:
"TARKAANFIIN HAALOO BAHUMSAA IRAANIIN YUNAAYITID ISTEET OF AMEERIKAA IRRATTI AGGAMAMU KAMUU, HUNMA HALKAN HAR'A MUL"ATE CAALUU HUMNA GUDDAAN KAN DEEBIIN KENNAMUUF TA'A."
Yeroo muraasaan dura misaa’eloonni Iraanirraa gara Israa’elitti dhukaafamuu adda baasuu isaa Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) ibsa baaseen beeksiseera.
Israa'el keessatti sagaleen akeekkachiisa balaas dhaamameera.
Akkasumas sirnoonni ittisaa balaa, misaa'ela dhukaafame kana to'achuuf socho'aa jiru.
IDF ummanni bakka eegumsa qabu seenee hanga beeksisi biraa bahutti akka achi turu gaafatee jira.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un har'a dugdasaa ofiin of rukutuu hin oolan ta'a.
Pirezidant Tiraamp bara aangoosaanii marsaa jalqabaarratti iddoowwan nukilaraa Kooriyaa Kaabaa boombiin haleelluuf yaadaniiru. Dhumarratti Waashingitan haleellaa waraanaarra dippilomaasii filatte.
Ameerikaan biyya durstee boombii nukilaaraa hojjechaa jiraachuu agarsiifte haleeluun balaadhaaf saaxilamuu akka hin qabne hubatameera.
Iraan bara 2015tti erga Ameerikaa fi Awurooppaa waliin waliigalteen mallattaa'ee booda, gabbisa yuuraaniyeemii qabdu dhiiftee turte.
Hoggantuun Tikaa Tiraamp, Tuulsii Gaabaard baatii Bitooteessaa keessa Iraan meeshaa nukilaaraa ijaaraa akka hin jirre dubbattee turte.
Haleellaa har'aatiin booda ammoo, mormitoonni US gara fuula duraa, Kooriyaan Kaabaa sirritti shallagdee jirti jedhanii amanuu danda'u.
Barreessaan Olaanaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) haleellaa Ameericaan dhaabbilee gabbisa nikulaaraa Iraan irratti raawwatte ilaalchisuun yaada kennan.
Barreessaan Olaanaa UN Antooniyoo Guteerez, haleellaan Ameerikaan raawwatte ''balaa hammeessa' jechuun ibsuudhaan, yeroo ammaa''yaaddoon walitti bu'iinsi kun saffiisaan to'annoon ala itti bahuu danda'u dabalaa jirau Kunis namoota nagaa, naannoo fi addunyaarratti balaa cimaa qabaata'' jedhan.
Barreessaan Olaanaa kun barreeffama karaa toora X isaaniirratti qoodaniin, ''yeroo balaafamaa kana keessatti maraammartoo balaa hambiisuun baayyee barbaachisaadha'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''falli waraanaa omaa hin qabu. Furmaanni tokkichi dippilomaasii qofaadha. Abdii tokkichii ammoo nagaadha'' jechuun barreessan.