Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Biyyoonni lamaan wal haleeluu yeroo itti fufanitti, Israa'el samii Tehraan guutummaatti to'achuu ibsite

Erga waldhabdeen tibbanaa kun eegalee kaasee Israa'eloonni 10 ol irra miidhaan qaqqabuun yoo himamu, ministeerri fayyaa Iraan ammoo namoonni 224 ajjeeffamu beeksiiseera.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Battala balaan xiyyaaraa Indiyaatti mudate agarsiisu

    Xiyyaarri gara Landan imalaa ture kun lixa Indiyaa, Ahmedabad irraa akkuma ka'een kufe.

    Air India akka jedhetti, xiyyaarri lakkoofsa balalii AI171 ta'e Ahmedabad irraa gara Landanitti wayita imala eegalu rakkoon isa mudate.

  2. Wayita xiyyaarri Indiyaa gara Landan imalaa ture iddoo jireenyaa doktarootaa irratti kufu

    Xiyyaarri Boyiing 787-8 Dreamliner ta'e kun akkuma lafaa ka'een faana 625 irra ga'een deebi'ee iddoo jireenyaa doktarootaa irratti kufe.

    Boyiing balaan kun mudachuu quba qabaachuu fi maddi rakkoo maal akka ta'e adda baasaa jiraachuu himeera.

    Minstirri Muummee UK Keeyir Istarmar balaan kun akkaan hamaadha jechuun ibsan.

    UK fi Indiyaan waliin ta'uun odeeffannoo balaa xiyyaaraa kanaan walqabatu ibsuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

    Wayita balaan kun mudatu viidiyoo agarsiisu daawwadhaa!

  3. Xiyyaarri namoota 240 ol fe'ee Indiyaarraa gara Landan imalaa ture kufee caccabe

    Xiyyaarri gara Landan imalaa ture kun lixa Indiyaa, Ahmedabad irraa akkuma ka'een kufe.

    Air India akka jedhetti xiyyaarri lakkoofsa balalii AI171 ta'e Ahmedabad irraa gara Landanitti wayita imala eegalu rakkoon isa mudate.

    Xiyyaarri imaltoota 230 fi balaliistota dabalatee hojjettoota 12 qabatee balalii eegale kun olkaa'iinsa faana 625 qofarra wayita ga'u bakka mana jireenyaa namootaatti kufe.

    Xiyyaarri Boyiing 787-8 Dreamliner ta'e kun kufee caccauun walqabatee hanga ammaatti miidhaan qaqqabe hin ibsamne.

    Daarektara Siivil Aviyeeshinii Indiyaa Fa'iiz Ahmad Kidwaayii xiyyaarichi akkuma lafaa ka'een iddoo jireenyaa Megaanii Negaar jedhamu keessatti kufuu miidiyaa Associated Press jedhamutti himan.

    Taatee kana booda buufata xiyyaaraa Ahmedabad keessatti balaliin hunduu yeroof dhaabbateera.

    Imaltoota xiyyaaricha keessa turan keessaa 169 lammiilee Indiyaati, 53 Biriteen, Kanaadaan tokko, lammiileen Poorchugaal torba.

    Paayileetota lamaa fi garee hojjettootaa 10 dabalatee waliigalatti namoota 242 ta'antu xiyyaaricha keessa turan.

  4. Dhaabbanni nuukilara addunyaa to'atu Iraan dirqama barbaachisu akka hin guunne adda baase

    Dhaabbanni to'ataa niwukilaraa addunyaa (watchdog), Iraan waggoota 20 keessatti yeroo jalqabaaf dirqama meeshaa niwukilaraa akka hin babal'isneef kaa'ame guutuu akka hin dandeenye adda baase.

    Murteen boordii bulchitoota Ejensii Humna Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA)tiin ragga'e kun, dhuma irratti gara Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti akka ergamu akeekkachisa qabateera.

    Kunis gabaasa torban darbe dhaabbata IAEA irraa bahe hordofee kan dhufe yoo ta'u, gabaasichis Iraan irraa "tumsa" waliigalaa dhabuu kaasuudhaan, naannoowwan yeroo dheeraaf qoratamaa turan keessatti sochiileen dhoksaa fi meeshaalee niwukilaraa hin labsamne irratti yaaddoo kaasuunsaa ni yaadatama.

    Ministirri dhimma alaa Iraan jalqaba torbee kanaarratti humnoota Awurooppaa murtee kana deeggaruun dogoggora akka ta'uu fi deebii cimaan akka itti kennamu akeekkachiisanii ture.

  5. Yukireen wal jijjiraa loltootaa Raashiyaa waliin taasifteen reeffa 1,212 fudhatte

    Yukireeniifi Raashiyaan wal jijjirraa reeffa loltootaa taasisaniin, Yukireen reenfa 1,212 yoo fudhattu, Mooskoon ammoo reeffa loltoota 27 Yukireen irraa fudhatte.

    Reeffi kunneenis Raashiyaarraa gara Yukireen ergamuusaanii aanga'oonni Kiiv dubbataniiru.

    Akkasumas Raashiyaanis reeffa loltoota 27 fudhachuu qondaalli biyyattii Vilaadmiir Meedniisk mirkaneessaniiru.

    Wal jijjirraan hidhamtootaa fi reeffaa kunis haaluma waliigaltee biyyoonni lamaan torban darbe keessaa marii nagaa Tarkii keessatti taa'aniin bu'aa qabatamaa tokkichaa irratti waliigalameetiin kan raawwatameedha.

    Marii kanaan biyyoonni lamaanu reeffaa fi loltoota miidhaan qaamaa cimaan irra gahe fi kanneen umuriinsaanii waggaa 25 hanga kuma jagaa wal jijjiruuf waliigalanii ture.

    Meendiinskiin loltoota miidhaan qaamaa olaanaan irra gahe wal jijjiruun Raashiyaan har'a irraa kaaftee akka jalqabdu himaniiru.

    Reeffii loltoota Yukireen kan adda waraanaawwan adda addaa irraa walitti qabame ta'u jidduugalli kunuunsa hidhamtoota waraanaa Yukireen toora Telegiraamii isaarratti beeksiiseera.

    Jidduugalichis dabaluudhaan eenyummaa reeffa Raashiyaa irraa simate saffiisaan adda baasuuf akka yaalu beeksiisera.

    Raashiyaa fi Yukireen kanaan duras reeffa kumaatamaan lakkaa'aman karaawwan adda addaa 70n wal jijjiraniiru.

  6. Oduu jijjiirraa taphattootaa: Saanchoo, Baarkolaa, Nuunez, Giriilish...

    Liiverpuul jifataa sarara cinaa PSG Biraadiliiy Baarkoolaa hawwaa jiraachuu, kilabootni Piriimiyeer Liigii sadii ammoo Saanchoo fedhuu fi Jaak Giriilish Evertaniifi Niiwkaasiliin barbaadamu.

    Liiverpuul baroota darban jijjiirraa taphattootaaf gatii qaalii baasaa hin turre, Baayer Liverkusanirraa taphattoota lama mallattissifatus hin teenye.

    Amma ammoo jifataa sarara cinaa PSG kan ganna 22 Biraadiliy Baarkollaa fudhachuu akka barbadu gabaasameera.

    Liiverpuul jifataa Liverkusan Filooriyana Wiirtiziin gatii riikardii Piriimiyeer liigichaa ta'e paawundii miliyoona 127n Anfiilditti fiduuf waliigaleera.

    Amma ammoo gatii paawundii miiliyoona 100 baasa kana jedhame Baarkollaa fudhachuuf Baayer Muuniik waliin dogommiitti galuu barruun ispoortii The Sun gabaaseera.

  7. Obbo Tasfaayee Niwaay walitti qabaa itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa ta'uun muudaman

    Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa yaa'ii Kamisa har'aa gaggeessaa jiru irratti, Obbo Tasfaayee Niwaay walitti qabaa itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa gochuun muuduu beeksise.

    Paarlaamaa Itoophiyaatti Itti gaafatamaan mootummaa Tasfaayee Baljigee (PhD) Obbo Tasfaayee Niwaay miseensa paartii kamuu akka hin taanefi loogiirraa wlaba ta'uu ibsaniiru.

    Dabalataan Obbo Takiliit Yimeesliifi Aadde Nasiim Alii hooggantoota boordichaa akka ta'an filachuu Paarlaamaan biyyattii ibseera.

    Aanga'oonni kun kan filataman sagalee callisaa lamaafi sagalee caalmaan ta'uu ibseera.

  8. 'Sodaan qabnu akka hin dhugoomne birmadhaa'- Waamicha paartilee mormitootaa

    Dhaabbileen siyaasaa mormitu gamtaa Kookasii Paartiiwwan Mormitootaa jedhu jala jiran marii biyyaalessaafi filannoo waliigalaa bara dhuftuuf qophii eegalame ilaalchisee ibsa baasaniin 'sodaan qabnu akka hin dhugoomne' jechuun waamicha dhiyeessan.

    Adda Bilisummaa Oromoofi Kongireesii Federaalawaa Oromoo of keessatti kan qabatu gamtaan mormitotaa hundeeffama komishinii marii biyyaalessaarratti gaaffii kaasuun irratti akka hin hirmaanne ji'oota dura ifa godhee ture.

    Komishinichi naannoleerraa ajandaa walitti qabaa bahee tibba darbe ammoo sadarkaa federaalaatti dhimmoota ijoo ajandaa guddaa ta'an filachaa ture.

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaas filannoo waliigalaa bara dhufu gaggeeffamuuf qophii eegaluu fi haalli nageenyaa biyyattii tasgabbii agarsiisaa waan jiruuf ammaaf filannicha bakka hundatti akka raawwatu dhiyoo ibsa baasee ture. Odeessa kanarratti guutummaasaa argachuuf karaa kanaan seena.

  9. Humnoonni Israa'el Gaazaadhaa reeffa namoota butamanii lamaa argachuu MM himan

    Humnoonni nageenyaa Israa'el Gaazaa keessa socho'aa jiran reeffa namoota Israa'el keessaa butamanii lama deebifachuu isaanii Ministirri Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuun himan.

    Isaan keessaa tokko Yaayir (Yaayaa) Yaakov kan umuriin waggaa 59 fi abbaa ijoollee sadii yoo ta'u, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 kibba Israa'el irratti raawwateen manasaa Kibbutz Nir Oz keessatti hidhattoota Jihaadii Islaamaa Filisxeemiin ajjeefame.

    Ilmaansaa dhiiraa kanneen umuriinsaanii waggaa kurnan keessa jiru, Orii fi Yaagil fi haadha warraa isaa Meeyiraav Taal's butamanii kan turan yoo ta'u, haaluma qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaasii fi Israa'el jidduutti taasifameetiin Sadaasa 2023 keessa lubbuun gadhiifaman.

    Netaaniyaahuun akka jedhanitti, maqaan nama butamee kan biraa hanga ammaatti hin ibsamne, garuu maatiinsaanii akka itti himamee dubbataniiru.

    Hanga ammaatti namoonni Israa'el keessaa butaman 53 Hamaasiin Gaazaa keessatti to'atamanii kan jiran yoo ta'u, isaan keessaa yoo xiqqaate 20 lubbuun akka jiran amanama.

  10. Hakimiin Gaazaa kan ijoolleenshee sagal fi abbaan warraa haleellaa Israa'eliin jalaa ajjeefaman ilma waliin baqate

    Doktarri Filisxeem ji'a darbe keessa haleellaa qilleensaa Israa'el Gaazaatti raawwateen ijoolleeshee sagalii fi abbaan warraa ishee ajjeefaman, amma mucaa ishee tokkicha lubbuun hafe waliin gara Xaaliyaaniitti geeffamaa jirti.

    Dr Alaa al-Naajaar fi ilmishee kan umuriin ganna 11 Adaam al-Naajaar Roobii galgala gara kaaba Xaaliyaanii Miilaanitti balali'uuf akka turan Ministeerri Dhimma Alaa Xaaliyaanii beeksise. Mucaan kun achitti miidhaan irra gaheef yaala ni argata.

    Abbaan warraa Alaa, Dr Haamdi al-Naajaar fi ijoolleen isaanii sagal Caamsaa 23, 2025 manasaanii kan magaalaa kibbaa Kaan Yuunis keessatti argamu irratti haleellaa raawwatameen ajjeefaman.

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) yeroo sanatti taatee sun qoratamaa akka ture ibseera. BBC'n dhimmicharratti yaadonni haarawaan yoo jiraate argachuuf IDF qunnamee jira.

    Waraabbiin viidiyoo gaazexeessitoonni Filisxeem toora interneetii irratti maxxansan, Mohaammad Salaamaa fi Haalaa Asfuur gaafa Roobii kaleessaa mucaa fi haatisaa ambulaansii Addeecha Diimaa keessa seenuun wayita Gaazaa keessaa ba'aniitti yoo harkasaanii mirmirsaa nagaa dhaaman agarsiisa.

    Gaaffii fi deebii gaazexaa Xaaliyaanii 'la Repubblica' jedhamu waliin osoo biyyaa hin bahiin dura taasisuun maxxanfame irratti, Alaa haalli Addaam tasgabbaa'aa ta'us ''harkisaa bitaa haala hamaa keessa jira, lafeen isaa caccabee narviin miidhameera'' jette jirti.

  11. Mormitoota miidiyaa gubbaatti dhiibbaa uuman mootummaa deeggaruutti wanti fide maali?

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad aangoo erga qabatanii booda mormitootni hedduun isaan deeggaruutti dhufaniiru, deeggartootni baayyeenis mormitoota isaanii ta'aniiru.

    Waggoota dhiyoo namooti miidiyaa hawaasaa gubbaatti beekamtii qabaniifi qabsoo mormitoota mootummaa keessatti beekaman ifatti mootummaa deeggaruutti ce'an jiru.

    Namootni dhiibbaa uumuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti beekaman kunniin gariin isaanii deeggartoota amanamoo nama siyaasaa Jawaar Mohaammad turan.

    Kaan ammoo qabsoo ABO keessatti guddatan dhufaatii MM Abiy Ahimad booda akkuma namoota siyaasaa hedduu gara jalqabaa jijjiirama ture deeggaranii booda ta'iiwwan dhalatan adda addaa hordofuun irraa fagaatanii mormiitti deebi'anii ture.

    Ofii namootni dhiibbaa uumuun beekaman gariin waggoota dhiyoo as mootummaa deeggaruufi mormitoota balaaleeffachuutti maaliif ce'an?

  12. Itoophiyaatti namoonni Maaree Jaldeessaan qabaman 18 gahuun ibsame

    Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa baayyinni lakkoofsa namoota Maaree Jaldeessaa (Mpox)n qabaman 18 gahuu beeksise.

    Ministeerri fayyaa Itoophiyaa Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa waliin ta'un ibsa baasaniin, ALI hanga Waxabajjii 4, 2017tti qofa namoonni vaayirasichaan qabaman 18 gahaniiru jedheera.

    Maareen Jaldeessaa yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa keessatti mul'achuunsaa kan ibsame ALI Caamsaa 17, 2017 yoo ta'u, kunis kan mudate Magaalaa Moyyaaleetti akka ta'e himamee ture.

    Namoota dhukkubichaan qabaman keessaa daa'imni dhalattuun guyyaa 21 du'uun gabaafamee ture.

    Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa hanga kaleessa Waxabajjii 4, 2027tti namoota 102 irratti qorannoo laaboraatorii taasisuu miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti beeksiseera.

    Namoota qorataman keessaa 18 dhukkubaan qabamunsaanii mirkanaa'u beeksiseera ibsichi.

    Namoota vaayirasii Maaree Jaldeessaa kanaan qabamunsaanii mirkanaa'e keessaayis namoonni shan gUutummaatti bayyanachuu beeksiseera.

    Dhimma kanarratti balinasaa dubbiifachuudhaaf asiin ni argattu.

  13. Qondaali CIA karoora Israa’el saaxilee waggaa sadii itti murame

    Xinxalaan duraanii Dhaabbata Basaasa Ameerikaa (CIA) ragaawwan icciitii olaanaa Israa’el Iraaniin haleeluuf qopheessite saaxile waggaa sadiifi ji’a tokko itti murame.

    Namni kuni Asiif Wiiliyaam Raahimaan, ganna 34, baatii Amajjii keessa badii raawwatuu amaneera.

    Angawoonni akka jedhanitti, hojii isaan walqabatee carraa odeeffannoowwan icciitii argachuu qabutti fayyadamuun odeeffannoo gad yaase.

    Odeeffannoo kanneenis maxxanse, suuraas kaasuun erge. Boodarra miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa turan.

    Israa’el jalqaba waggaa kana Iraan irratti haleellaa raawwatteetti.

    Kunis, erga Iraan misaa’eloota hedduu gara Israa’el dhukaaste boodadha.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Oduufi xiinxala akkasumas taateewwan addunyaa guutuutti mudatan keessaa filannee jala jalaa isin biraan geenya.

    Asumaan Chaanaalii WhatsApp akkasumas fuula Facebook keenya hordofuu hin dagatiinaa.

    Nagaa oolaa!

  15. Daawwadhaa: Mormiin LA irra darbee magaalota US biroo keessatti babal'atee itti fufeera

    Magaalota gurguddoo US biro keessattis mormiin kun gaggeeffamaa jira.

    Mormiin godaantota adamsuu akka dhaabbatuuf Kibxata darbe Kaalifoorniyaa magaalaa Los Angeles keessatti itti fufee kan jiru yoo ta’u, magaalota gurguddoo Ameerikaa biroo keessattis hiriirri walfakkaataan raawwatamaa jira.

    Tiraamp Loltoota 2,000 LAtti ergus dhaabuu hin dandeenye.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mormiin kun ''miidhaa nagaa fi tasgabbii ummataarratti'' ta'uudha jechuun dubbatan. Kantiibaan magaalaa Loos Aangeles Kaaren Baas karaan mormii kana dhabsisan adamsuu dhaabuudha jedhan.

    Chikaagoo, Illinois keessatti mormitoonni Kibxata darbe poolisii waliin walitti bu’aniiru.

  16. Maask waayee Tiraamp wantoota maxxanse keessaa gariin irratti gaabbii qabaachuu hime

    Biliyeenarri addunyaafi michuu Pirezidant Tiraamp kan ture Eloon Maask waayee Tiraamp wanta miidiyaa hawaasaa gubbaa maxxansee turee gariin irratti gaabbii qabaachuu hime.

    Yaada Roobii kenneen maxxansa isaa gariin irratti gaabbii qabaachuu dubbate.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa gubbaatti wal arrabsaa bahuu isaanii booda Sambata darbe yaada hariiroon Eloon waliin qaban raawwachuu ibsan.

    Eloon waayee karoora gibiraa Tiraamp biyyootarra kaahanii hadheessee dubbateera.

    Maask maxxansaalee gariin miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa haqeera. Kana keessaa tokko isa waayee pirezidantii aangoorraa buqqisuu haasa'uudha.

    Namootni dureessa addunyaa kanatti dhiyoo ta'an aariinsaa qabbanaa'aa akka dhufeefii hariiroo Tiraamp waliin qabu qajeelchuu akka barbaadu dubbataniiru.

    ''Maxxansakoo waayee Tiraamp torban darbaniirratti gaabbeera. Baayyee keessa bahan'' jechuun Maask miidiyaa hawaasaa kan dhuunfaasaa ta'e X gubbaa maxanseera. Ammoo maxxansootni inni irraa gaabbuu dubbatu warra kam akka ta'an hin himne.

  17. LA'tti dhorkaan sa'aatii kaa'amus mormiin itti fufeera

    Ameerikaa Loos Anjalasiitti dhorkaan sa'aatii labsamu illeen mormiiin ammalleen akkuma itti fufeetti jira.

    Moormii tibbana adeemaa jiruun wal qabatee uggurri sa'aatii hojiirra oolfamulleen, garee mormiitootaa guddaan ammas poolisii waliin wal dura dhaabbataa jira.

    Kun mormii seeraan alaa waan ta'eef yoo naannoo sana gadhiisanii hin baane hidhaa akka isaan eeggatuu himamaa jira.

    Helikooptarri namoota moormiif bahan gubbaarra naannawuudhaan akeekkachiisaa jira fakkaata.

  18. Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo gagabaasne ittiin isin biraan geenya kan guyyaa Roobii kunoo amma eegalleerra.

    Oduu kaan bal'inaan yoo argachuu barbaaddan ammoo gara marsariitii keenyaa, ykn fuula Facebook keenyaa akkasumas Chaanaalii WhatsApp keenyaa millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa!

  19. UKn ministiirota Israa'el waraana Gaazaa leellisan lamarra qoqqobbii keesse

    UKn ministiirota Israa'el kan waraanni Gaazaa akka hin dhaabanneef falman lama: Itaamaar Been Giviir fi Bezaalel Simotirich irra qoqqobbii kaa'uu beeksifte.

    Ministirri Dhimma Alaa UK akka beeksisetti, qondaalonni olaanoon Israa'el kun lamaan gara UK imaluu hin danda'an. Akkasumas, qabeenyi isaan UK keessaa qaban akka jalaa fudhatamu beeksiseera.

    Ministiirri Dhimma Alaa UK Deevid Laamii akka jedhanitti, Ministiira Faayinaansii Israa'el kan ta'an Bezaalel Simootirich hokkara hammeeessuu akkasumas Filisxeemota irratti sarba mirga namoomaa raawwachuun himatamu.

    Israa'el gamasheen tarkaanfii UKn fudhattetti gadduu ibsiteetti. "Bakka bu'oonni uummataan filamaniifi kaabinee mootummaa ta'an tarkaanfii akkanaaf saaxilamuunsaanii nama gaddisiisa," jette Israa'el.

    UKn qondaalota Israa'el lamaan irra qoqqobbii kaa'un cinatti waraanni Gaazaa akka dhaabatuufi lammiilen Israa'el butamanii jiran akka gadi lakkifamaniif tattaaffii gochuu akka itti fuftu beeksisfte.

  20. Ostiriyaatti haleellaa mana barumsaarratti raawwateen namoonni kudhan ajjeefaman

    Haleellaa hamaan kun mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaalaa Ostiriyaa, Graz jedhamtu keessatti argamurratti raawwatame.

    Kantiibaan magaalattii Elke Kaahr haleellaa kanaan lakkoofsi namoota du'anii 10 ga'uu ibsan.

    Kanneen du'an hedduunsaanii barattoota yoo ta'an, namoonni biraa kaan hedduunis madaa'aniiru.

    Poolisiin akka jedhetti, namni meeshaa waraanaan mana barumsaa kanarratti haleellaa raawwate lubbuu ofiisaas balleesseera.

    Namni dhukaasa bane kun barataa ta'uu ykn barataa duraanii mana barumsichaa ta'uu ykn haa dhiisuu ammatti wanti beekame hin jiru.