Jiim Maak Doonel qondaalonni poolisii magaalattii hookkara uumame tasgabbeessuu keessatti harkifataniiru ykn hirmaachuuf fedhii hin agarsiifne jedhamuun komii irratti ka'aa tureef deebii kennaniiru.
Maak Doonel miseensonni isaanii ''kallattii kamiinuu duula godaantota irratti eegalame hojiirra oolchuu keessatti hin hirmaatan,'' jedhan.
Hiriirri kanaaf ka'umsa kan ta'e duula mootummaan federaalaa godaantota eeyyama jireenyaa hin qaban jedheerratti eegaledha.
Qondaalli poolisii kun dameen poolisii isaan hoogganan duudhaa fi seera ittiin bulmaataa Bulchiinsa Kaalifoorniyaan taliigama.
Kaalifoorniyaan qaamoleen seera eegsisan, kan naannoos ta'e kan biyyaa, dhimma godaantotaa keessa seenuun mootummaa federaalaa akka deeggaran hin eeyyamtu.
''Sababa kanatti mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhachuu dura odeeffannoo nuuf kennuurraa of qusata,'' jedhan.
Tiraamp wayita duula filannoo gaggeessaa turan dhimma kanarratti akka qabsaa'an dhaadataa turan.
Seera maleessummaa Ameerikaa keessaa balleessuuf humna pirezidantiif eeyyamame hunda akka fayyadaman dubbatanii turan.
Mormiin duula godaantota eeyyama jireenyaa hin qaban jedhaman baasuu akkaan hammaachuun waadaa Tiraamp sana qoreera. Pirezidantichis waan waadaa seenan yaadachuun dhimma kanarratti xiyyeeffataniiru.
Qondaalonni bulchiinsa Tiraamp ejentoonni dhimma godaansaa doorsifamuu, irratti xiyyeeffatamuu fi miidhamaa jiraachuu himan.
Wayita kana qaamoleen seera kabachiisan kan naannoo tarkaanfii fudhachuurratti harkifataniiru jedhamuun komatamu.
Dippaartimentiin Poolisii Loos Anjalas hiriirichi garri caalaan naga-qabeessa jedhe. Aanga'oonni naannoo ammoo walitti bu'iinsa salphaa kana to'achuu ni dandeenya jechuun ga'ee federaalaa busheessan.
Dilbata kaleessaa ganama Pirezidant Tiraamp nageenyi bu'eera jechuun Eegdota Biyyaalessaa galateeffatanii turan. Garuu, loltoonni kunneen ammallee hojii xumuranii hin deebine.
Akkaataa Tiraamp xiyyeeffannaan dhimma kana hordofaa jiran yoo ilaallu pirezidantichi dhugumaan wal'aansoo kanaaf akka qophaa'an hubanna. Kana caalaayyuu loluu akka fedhan agarsiisa.