'Ammaan tana Humni Qilleensaa Iraan haleeluu itti fufeera'- Waraana Israa'el
Dubbi himaa olaanaa Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) Effie Deefriin irraa odeeffannoo haaraa argachaa jirra.
Innis, "sa'aatii kanattillee balaliistonni humna qilleensaa naannoolee Iraan adda addaa irratti haleellaa walitti fufaa raawwachuu itti fufaniiru" jedhan.
"Haleellaa walduraa duubaan gara sa'aatii 40'f osoo hin dhaabbannee fi eddoowwan xiyyeeffannaa 150 ol irratti raawwatamaa jira. Xiyyeeffannaan haleellaa sa'aatii 24 darban keessatti raawwatame," jechuun dabaluun himan.
Deefriin ibsa Televijiinii irratti kenneen, Israa'el bakka lafa jalaa lixa Iraan keessaa kanneen ''misaa'ela lafa irraa gara lafaatti fi misaa'ela kiruuzii furguggisuufi kuusuudhaaf itti fayyadamtu'' irratti kan xiyyeeffatameedha jedha.
"Iddoo kunneen irratti haleellaan kan raawwatame yoo ta'u, qondaaltoonni olaanoo yeroo darbe daawwatanis dhabamsiifamaniiru," jedha.
Deefriin itti dabaluudhaan, misaa'eloonni achitti kuufaman silaa ''lammiilee Israa'el irratt ykn humnoota biyyoota lixaa biroo Baha Giddu Galeessaa keessatti argaman irratti illee kan dhukaafamuuf turaniidha'' jedha.