Haleellaa Israa'el iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti raawwachuu ilaalchisee tilmaamni waggootaaf naanna'aa kan ture yoo ta'u, guyyoota muraasa darban keessatti garuu haalaan cimee ture. Kamisa darbe miidiyaaleen Ameerikaa haleellaan akkanaa dhihoo ta'uu gabaasan.
Israa'el mariin Ameerikaa fi Iraan gidduutti (Ebla irraa eegalee adeemsifamaa ture) waliigaltee nikulaaraa haaraa Iraan sagantaa nikulaaraa qabaachuu dandeessisuu mala jettee yaaddoo keessa turte. Kanas ammoo Israa'el bifa kamiinuu fudhachuu akka hin dandeenye dubbatteetti.
Waggootaaf sagantaa nikulaaraa Iraan irraa balaa jiraachuu akka danda'au waggootaaf akeekkachiisaa turte. Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun walakkeessa bara 1990moota irraa eegalee kana mata duree haasaa taasisaniiru.
Iraan ammoo sagantaa nikulaaraanshee nagaa, kan kaayyoo siiviilii qofaaf ooluu ta'uu cimsitee himuu itti fufuudhaan meeshaa nikulaara oomishuu barbaaduu haaltee jirti.
Haata'u malee, aanga'oonni Lixaa fi Ejjansiin Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) kan niikulaara addunyaa to'atu, dhimma kanarratti hin gammadne.
Guyyaa Kamisa darbee IAEAn waggoota 20 keessatti yeroo jalqabaatiif Iraan dirqama niikulaaraa cabsuu ilaalichiisee ibsa baasee ture.
Haleellaan kun yeroo jalqabamu kan dubbatan Netaaniyaahuun, haala madaallii dhiheenya IAEAn taasiseen wal simuun, Iraan meeshaa gahaa, akka yaadaatti, boombiiwwan nikulaaraa sagal oomishtee jirti jedhan.
Itti dabaluunis, Iraan ''dhimma jiraachuuf Israa'eliif baayyee yaaddodha'' jedhan.
Haleellaan kunis marii nikulaaraa marsaa itti aanu kan Dilbata gaggeeffamuu qabu dursee jira.