Oduu jijjiirraa taphattootaa: Saanchoo, Baarkolaa, Nuunez, Giriilish...

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Liiverpuul jifataa sarara cinaa PSG Biraadiliiy Baarkoolaa hawwaa jiraachuu, kilabootni Piriimiyeer Liigii sadii ammoo Saanchoo fedhuu fi Jaak Giriilish Evertaniifi Niiwkaasiliin barbaadamu.

Liiverpuul baroota darban jijjiirraa taphattootaaf gatii qaalii baasaa hin turre, Baayer Liverkusanirraa taphattoota lama mallattissifatus hin teenye.

Amma ammoo jifataa sarara cinaa PSG kan ganna 22 Biraadiliy Baarkollaa fudhachuu akka barbadu gabaasameera.

Liiverpuul jifataa Liverkusan Filooriyana Wiirtiziin gatii riikardii Piriimiyeer liigichaa ta'e paawundii miliyoona 127n Anfiilditti fiduuf waliigaleera.

Amma ammoo gatii paawundii miiliyoona 100 baasa kana jedhame Baarkollaa fudhachuuf Baayer Muuniik waliin dogommiitti galuu barruun ispoortii The Sun gabaaseera.

Liiverpuul jifataa Niiwkaasil kan hanga paawundiin miliyoona 50 itti gaafatamuu danda'a jedhame Aleksaander Isaak irraas abdii hin kutanne jedhameera.

Warri Anfiild kun jifataa isaanii Daarwiin Nuneez gaggeessuu akka hin oolle gabaasameera. Kilabni Saawdii Al-Hilaal taphataa ganna 25 kana fudhachuuf tattaaffii eegalus, Nuneez garuu gara Ispeen ykn Xaaliyaan imaluu akka filatu gabasame.

Taphataan sarara duubaa(ittisa) Liiverpuul ganna 22Jaarel Kuwaansaa ammoo gara Baayer Liverkusan godaanuu akka danda'u barruun Atileetik gabaaseera.

Oduu kaaniin taphataan Maanchister Yunaatiid ergisaan Cheelsii ture Jaadon Saanchoo kilaboota piriimiyeer Liigichaa sadiin barbaadamaa jira.

Astoon Viilaa, Niiwkaasiliifi Tootenhaam taphataa sarara cinaa ganna 25 kana hordofaa jiru. Saanchoon turtiisaa ergisaa Cheelsii xumuree gara Yunaayitiditti deebi'eera.

Viilaan ergisaan Saanchoo fudhachuu barbaadus Yunaatiid garuu gurguratee gareesaa ittiin ijaaruu akka barbaadu gabaafameera.

Warri shaampiyoonsi Liigiirratti hirmaatan Totenhaamiifi Niiwkaasil ammoo dorgommii Awurooppaa bara dhufuuf gareesaanii ittiin cimsuuf filannoo godhataniiru.

Jaak Gireelish ammoo Evertaniifi Niwkaasiliin barbaadamaa akka jiru Football Insider gabaaseera.

Arsenaal jifataa sarara cinaa lammii Ispeen kan ganna 22 Niikoo Wiiliyaamsirra ija buufateera. Baayer Muunikis akka barbaadu ibsameera.

Kilabni Atileetiik garuu gabaa baayyachaa jiru kana ofirraa qolachuuf taphataa kanaaf miindaa dabaluun kontiraatinsaa akka dheeratu gochuuf yaaliin gochaa jiru milkaaha'aa akka jiru gabaafameera.

Wiiliyaam warra Baayer Muunikitti yeroo dubbatu gara Jarman deemuuf fedha akka qabu ibseera. Manaajaroonnisaas Baayer Muunik waliin dubachaa akka jiran ammoo Iskaay Ispoort kan Jarmanii gabaaseera.

Oduu biraan Baayer Muunik waliin shampiyoonaa Jarmanii kan ta'e Lerooy Saanee gaaffii Al-Hilaal irraa dhiyaateef didee gara Galataasaraay godaanuuf jedha.

Baayer Muunik waliin kontiraata qabu dheeressuurratti waliigalteerra gahuu dhabuusaa hordofee Saaneen Galataasaraayitti makamuuf waliigale.

Taphataan sarara gidduu lammii Arjentiinaa Firaankoo Mastantu'onoo Riyaal Madriid gale.

Taphataan ganna 17 kilaba River Pileet kun Riyaal Maadriiditti makamuun ifa ta'eera.

Lammiin Biraazil taphataa Maadriid ta'e Roodiriigoon ammoo achuma turee leenjisaa Zhaabii Aloonsoo jalatti hireesaa yaaluu akka barbaadu beeksiseera.