Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Biyyoonni lamaan wal haleeluu yeroo itti fufanitti, Israa'el samii Tehraan guutummaatti to'achuu ibsite

Erga waldhabdeen tibbanaa kun eegalee kaasee Israa'eloonni 10 ol irra miidhaan qaqqabuun yoo himamu, ministeerri fayyaa Iraan ammoo namoonni 224 ajjeeffamu beeksiiseera.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattiin deebiineera!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo addunyaa gagabaasne ittiin isin biraan geenya kan guyyaa Sambataa amma eegalleerra.

    Oduu kaan bal'inaan yoo argachuu barbaaddan ammoo gara marsariitii keenyaa, ykn fuula Facebook keenyaa akkasumas Chaanaalii WhatsApp keenyaa millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  2. Iraan haleellaa misaa’elaa Israa’el irratti raawwachuun haaloo baate

    Iraan balistik misaa’el Israa'el irratti dhukaaste. Hogganaan olaanaa Iraan [Ayaatola Alii Komeenii] haleellaa Israa'el halkan tokkotti raawwatteef haaloo ba'uuf ''haleellaa cimaa akka raawwattu'' dhaadachaa jira.

    Gaazexaan BBC Ione Wells Yerusaalem keessatti dhohinsa dhaga'uusaa gabaaseera; yeroo aarri gurraacha samii Tel Aviv irratti ol ka'us mul'ateera

    Haleellaa haaloo bahuu Iraan raawwatte hordofuun namoonni 40 hospitaalota Israa’el keessatti yaalamaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa lama haala yaaddessaa keessa jiru

    Kanaan dura IDF haleellaa halkan darbe raawwatameen ajajoonni waraanaa Iraan sadii kan ajjeefaman ta’uu yoo himu, Tehraan ammoo saayintistoonni ja’a ana jalaa ajjeefamaniiru jette.

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan sagantaa niwukilaraashee irratti waliigaltee akka gootu gaafataniiru. Ta’uu baanaan haleellaa Israa’el “kana caalaa hamaa ta’e” akka ishee eeggatu akeekkachiiseera.

  3. Iraan Israa'elirratti 'haleellaa cimaa' akka gaggeessitu dubbatte

    Haleellaa Israa'el raawwatteen booda hogganaan olaanaa Iraan Alii Kameenii Iraan “haleellaa cimaa ni geessiti” jechuu isaa dhageenyeerra.

    Galgala kana ammoo magaalaa Yerusaalem irraa dhukaasa dhaga'ame hordofee samiirraa ifti mul'achaa jira.

  4. Amma nu gahe, Haleellaa Iraan Israa'elirratti raawwatteen booda aarri guddaan samii Teel Aviiv irratti mul'ate

    Amma magaala Israa'el -Teel Aviiv irratti, naannoo gamoowwan dhedheeroo magaalattii keessa jiran irratti aarri dukkanaa'aan ol ka'ee mul'ataa jira.

    Aarri kun gamoo dheeraa naannoo sana jiran haguugaa jira.

    Haata'u malee, aarri kun misaa'elaan haleellaa raawwatameen haa ta'uu ykn kan fashaleeffame irraa haa ta'uu ifa miti.

  5. Amma nu gahe, Iraan haleellaaa misaa'elaa Israa'el irratti bante

    Iraan misaa'eloota gara Israa'elitti dhukaasuu Humni Waraana Israa'eel beeksise.

    Haleellaa misaa'elaa Iraan kana qolachuuf sirni ittisaa biyyattii qolachuuf hojjataa jira jedhe.

    Uummannis hanga odeeffannoo dabalataa kennamutti bakka dahannoo akka turus Israa'el beeksifte.

    Haleellaa Israa'el Iraanirratti gaggeessite hordofee Iraan har'a dirooniwwan heddu gara Israa'elitti dhukaastus Israa'el qolachuu beeksifte.

    Haleellan misaa'elaa Iraan amma gaggeessite hangam guddaafi misaa'eloota akkamii akka ta'e waanti adda bahe hin jiru.

  6. IDF misaa'elli Yamanirraa gara Israa'elitti dhukaafamuu hime

    Sagaleen akeekkachiisa warana qilleensaarraan dhufuu Yerusaalem yeroo muraasa dura dhaga’amee ture.

    Booda garuu deebiyee cufamuusaatu gabaafame.

    Kun kan ta’e erga waraanni Israa’el rookkeettii Yamanirraa gara Israa’elitti dhukaafame adda baasuusaa gabaaseen boodadha.

    Humni waraanaa Israa’el amma "balaa kana to'achuuf socho'aa jira" jedha ibsi IDF irraa bahe.

    Poolisiin Israa'el Telegram irratti barreeffama baaseen akkas jedha: "Poolisiin Konyaa Yerusaalem naannoo meeshaan waraanaa itti kufe adda baasuuf sakatta'insa gaggeessuuf qophaa'eera."

  7. Viidiyoo yeroo magaalaa guddoo Iraan, Tehraan haleelamtu agarsiisu

    Viidiyoo yeroo magaalaa guddoo Iraan, Tehraan haleelamtu agarsiisu

  8. Suuraaleen saatalaayitii haaraan Iraan keessatti bakka niwukilaraa Naataanz irratti miidhaa gahe agarsiisu

    Suuraan saatalaayitii jalqabaa Iraan irraa kan dhufe yoo ta'u, buufata niwukilaraa Naataanz irratti miidhaa qaqqabsiisuun mallattoo ifa ta'e agarsiisa.

    Akkuma kanaan dura gabaasne, Naataanz iddoo ijoo gabbiasa yuuraaniyeemii guddaa waan ta'eef barbaachisaadha.

    Suuraa kana kan kaase dhaabbata Ameerikaa Umbra Space jedhamu yoo ta’u, mala baratamee osoo hin taane Synthetic Aperture Radar Synthetic Aperture Radar (SAR) fayyadamuun ture.

    Suurichis fuula Dacheerratti gur’achaafi adiin adda baasee kan mul’isudha.

    Faayidaan teeknooloojii kanaa uwwisa duumessaa keessaa darbee kaasuu isaati, kunis yeroo baayyee suuraawwan saatalaayitii baratameen kaafaman dukkaneessuu danda'a.

    Naannoo tokkotti yoo xiqqaate gamoo afur miidhamuu isaanii arguu dandeenya - kanneen suuraa armaan gadii irratti mul’atanis mallattoo itti gooneerra. Caasaaleen kun maaliif itti fayyadamuu akka danda’anis hubachuuf ogeeyyii mariisisaa jirra.

    Suuraaleerraa wanti ifa ta’ee mul’atu, haleellaan gaggeeffame sirriitti bakka xiyyeeffate akka rukkuteerudha. Gamoonni kallattiin irratti hin xiyyeeffatamne miidhaa xiqqaa ykn homaa akka irra hin geenye agarsiisa.

  9. "Haleellaa guddaafi ishee mancaasutu Israa'eel eeggata"- Iraan

    Hogganaan haaraan Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC), erga namni isa dura ture haleellaa Israa’el halkan dabre raawwatameen ajjeefame, reefuu ibsa baase.

    Mohammad Pakpour, Israa'el ''haleellaa guddaafi ishee mancaasuun hiree hadhawaafi laalessaa itti fiduti ishee mudata'' jedhe.

    Ibsichi itti dabaluun, Iraan namoota haleellaa kanaan ajjeefamaniif ''haloo baafti'' jechuun, Israa'el ''nageenya biyyaalessaa fi birmadummaa daangaa biyyattii sarbaa jirti'' jedhe.

    Haleellaa Israa’el raawwatteen yoo xiqqaate saayintistoonni niwukilaraa ja’aa fi qondaalonni olaanoo waraana Iraan hedduun ajjeefamaniiru

  10. Israa'el haleellaa walirraa hin cinne haaraa Iraan irratti banteetti

    Israa'el haleellaa walirraa hin cinne haaraa Iraan irratti banteetti

    Amma guutummaa Iraan keessatti dhohinsi haaraan akka mudate gabaasni nu qaqqabaa jira.

    Humni qilleensaa Israa'el fuula X isaarratt ibsa baaseen, Iraan keessatti ''misaa'ela furguggisuu fi bu'uuraalee misoomaa haleeluu itti fufee jira jedheera.

  11. Daawwadhaa: Israa'el guutummaa Iraan irratti xiyyeeffattee haleelaa jirti

    Ministirri muummee Israa'el humni niwukilaraa Iraan Israa'eliif "yaaddoo hamaadha" jedhu, Pirezidantiin Iraan Masuun Pezeshkiyaan ammoo deebii "guddaa" akka kennan waadaa gale.

    Haleellaa Israa'el osoo walirraa hin citiin Iraan irratti gaggeessite hodofee lammileen Israa'el fi Iraan waraana hammaataa deeme kanaan yaaddoo keesa galaniiru.

    Israa'el wiirtuu gabbisa niwukilaraa hedduu haleelteetti. Akkasumas ajajoota waraanaa Iraanis ajjeesteetti. Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabasanitti, dirooniiwwan baayyee Iraan gara Israa'elitti dhukaafte haala milkaa'a ta'een qolatamaniiru.

    Viidiyoo kana daawwadhaa!

  12. Tiraamp haleellaan Iraan irratti gaggeeffame 'milkaa'eera' jechuun miidiyaalee Ameerikaatti hime

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp har'a ganama miidiyaalee Ameerikaatti kan dubbatan yoo ta'u, haleellaa Israa'el Iraan irratti gaggeeffame faarsaniiru.

    Tiraamp karoorri Israa'el iraan haleeluuf akka jettu dursee akka itti himame Wall Street Journal'f mirkaneesseera.

    Oppereeshiniin kun '' salphaatti yoo dubbanne, haleellaa baayyee milkaa'aadha,” jedheera.

    Gaaffiifi deebii addatti ABC News waliin taasiseen miira walfakkaatu ibsuun, haleellaan kun ''baay'ee gaariidha'' jechuun ibseera.

    "Carraa kennineef isaanis hin fudhanne," jechuun barreeffama Truth Social irratti ganama barreesseera.

    "Sirriitti rukkutamaniiru, baayyee haleelamaniiru. Hanga rukkutamuu qaban rukkutamaniiru. Kana caalaas ni jira. Kana caalaas baay'ee ni jira."

    Yaadachiisa: Iraan haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwatterratti US nideeggarti jechuun himattee turte, Waashingitan garuu kana haaltee jirti.

  13. Iraan yoo xiqqaate saayintistoonni niwukilaraashee jaha jalaa ajjeefamuu mirkaneessite

    Iraan hanga ammaatti haleellaa Israa'el halkan darbe raawwateen yoo xiqqaate saayintistoonni niwukilaraa ishee ja'a akka jalaa ajjeefaman mirkaneessiteetti.

    Kanneen ajjeeffaman keessaa qondaalli olaanoon Fereydon Abbaasi, hogganaa Dhaabbata Annisaa Atoomikaa Iraan duraanii isaan tokkodha.

    Mohammad Mehdii Tehraanchi, inni lammaffaan adda baafame, pirezidaantii Yunivarsiitii Islaam Azaad Teehraan ta'uun tajaajilaniiru.

    Abdolhamid Minouchehr, Ahmaad Reezaa Zolfagharii fi Amirhossein Feqhi Yunivarsiitii Shaahid Beheeshti Tehraan keessatti barsiisota turan.

    Miidhamaan 6ffaan maqaa maatii isaanii Motallebizadeh qofaan adda baafameera.

  14. Amma nu gahe, Iraan haleellaa Israa’el irratti raawwatteen namoonni 70 ol ajjeefaman - Miidiyaaleen mootummaa

    Mootummaan Iraaniin kan hoogganamu Nuur Niiws akka gabaasetti, haleellaa Israa’el halkan keessa naannoolee Teehraan irratti raawwatteen namoonni 78 du’uu fi kanneen 329 ta'an ammoo madaa’uu beeksise.

    Barreeffama chaanaalii Teleegraam isaaniirratti maxxansan kanaan baay'inni isaan ibsan kunis aanga'a ykn qaama walabaa irraa kan mirkannaa'e miti.

    Kanaaf, baayyina namoota miidhamuun himame kanarratti akkamu dabalataan argamnneen bal'inaan isiniif dhiyeessina.

  15. Israa'el haleellaa Iraanirratti gaggeessitu itti fufteetti

    Israa'el sa'aatiwwan muraasa darban keessatti bakkeewwan Iraan hedduu keessatti haleellaa gaggeessiteetti.

    Haleellichi ammas itti fufee akka jirutu himamaa jira. Magaalaa Taabriiz irraa gara Kaaba Lixaatti kan argamu buufata xayyaara waraanaa Iraanirratti haleellaa raawwachuu miidiyaalen Iraan gabaasaa jiru.

    Viidiyoon BBCn mirkaneesse akka agarsiisutti, aarri guddaan buufata xayyaara waraanaa Iraan kana keessaa gara samiitti ol ka'ee mul'ata.

    Gama biraan ammoo Israa'el haleellaa marsaa lammataa buufata nikularaa Iraan guddicha kan ta'e Nataanz irratti halellaa gaggeessaa jiraachutu gabaafame.

    Buufanni gabbisa nikularaa Nataanz, bakkeewwan gabbisa nikularaa Iraan isa guddaafi gabbisi yuraamii cimaan itti taasifamaa jiru akka ta'etu himama.

    Muummeen Ministiiraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu haleellan Iraanirratti gaggeeffamu akka itti fufu ibsaniiru.

  16. Iraan dhimma nikularaa irratti waliigalteerra gahuuf "carraa lammataa" qabdi- Tiraamp

    Pirezidaantiin US Doonald Tiraamp Iraan dhimma sagantaa nikularaa irratti waliigalteerra gahuuf carraa lammataa qabdi jedhe.

    Tiraamp kana jechuunsaa Israa'el Iraanirratti haleellaa gaggeessuu hordofeeti.

    Iraan marii dhimma nikularaa US waliin gaggeessituun waliigalteerra gahuuf carraa lammataa akka qabaachuu ibse Tiraamp.

    Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaa Truth irratti akka barreessetti, Iraan waliigalteerra akka geessuf kana duras akeekkachiisee ture.

    "Ji'a lama dura Iraan guyyoota 60 keessatti waliigalteerra akka geessuf yeroo kenneefin ture. Waliigalteerra gahuu qabu turan. Har'i guyyaa 61 dha.

    Maal gochuu akka qaban itti himeen ture, garuu hin raawwanne. Amma carraa lammataa qabu!" jechuun barreesse Tiraamp.

  17. Tiraamp haleellaa Israa'el raggaasisaa jiraa?

    Kaleessa galgala ibsi Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo kenne US haleellaa Israa’el Iraan keessatti raawwatterraa kan of fageessite fakkaata ture - ifatti US haleellaa kana keessatti gahee akka hin qabne dubbatteetti.

    Ganama har’aa garuu Waashingitan barreeffama miidiyaa hawaasaa Pirezidaanti Tiraamp Turth Social irratti bifa haleellaa kana deeggaruu fakkaatuun Iraan kara mariitti akka dhuftu akeekkachiiseera.

    Tiraamp barreeffama isaa kanaan Iraaniif "carraarratti carraa" akka kenne garuu "hammam yaaltus, hammam itti dhihaattus, milkeessuu hin dandeenye" ​​jedhe.

    Barreeffamni kun Iraan tarkaanfii haaloo bahuu akka fudhannee, fudhannaan ammoo waraana Ameerikaa irraa deebii qabachuu akka danda’u kan akeekkachiisu fakkaata.

    Tiraamp ''Iraan waliigaltee gochuu qabdi'' jechuun mariidhaaf yaada dhiyeesseera.

    Kaleessa galgala miidiyaalee Ameerikaa irratti qondaaltonni Ameerikaa ammallee marii Iraan waliin kan Wiixata Omaan keessatti gaggeeffamuuf beellamame gaggeessuuf abdii akka qaban gabaafameera.

    Qondaaltonni Ameerikaa hanga ammaatti ifatti kanarratti yaada kan hin kennine yoo ta'u, Iraan ammallee fedhii qabaachuufi dhiisuushee ifa miti.

    Traamp har’a Waayit Hawusitti Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa isaa waliin balbala cufameen walga’aa jiru.

    Guyyaa keessatti ibsa jechoota ciccimoo bulchiinsa irraa dhaga’uu fi arguun keenya hin oolu, keessumaa xiyyeeffannaan isaa US haleellaa kana keessatti gahee guddaa akka hin qabne irra deebi’uu irratti, akkasumas humnoonni Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa keessa jiran yoo haleelaman deebii cimaa akka kennitu Iraaniin akeekkachiisaniiru.

  18. Balaliin Xiyyaraa naannawa Israa’el, Iraan, Joordaanif Iraaq irran hin taasifamne

    Erga Kaleessa halkanii kaasee daangaa qilleensa biyyota akka Israa’el, Iraan, Joordaan fi Iraaq hunda keessatti baalliin xiyyaaraa akka hin taasifamnee beeksisanii ture. Ergasiis balalliin hundi akka hin taasifamnin ragaan hordoffii balalii ni mul’isa.

    Marsariitin hordoffii balalii Flightradar24 akka agarsiisutti yeroo ammaa biyyoota sadan keessatti balaliin akka hin jirre ni mul’isa.

    Daandiin qilleensaa hedduun balalii gara Tel Aviv fi Tel Aviv irraa dhufu ''hanga beeksisa biraatti'' addaan kutuu isaanii ibsaa jiru

  19. Ajajaan Humna Qilleensaa Iraan haleellaa Israa'eliin ajjeefame

    Ajaajaan Humna Qilleensaa Humna Eegumsa Warraaqsaa Iraan haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu Israa'el beeksifte.

    Haleellaa Israa'el gaggeesiteen qondaalota waraanaa Iraan ajjeefaman keessaa ajajaan Humna Qilleensaa Iraan ajjeefamuu Humni Waraanaa Israa'eel beeksise.

    Iraanis ajaan humna qilleensaashee Birgaader Jeneraal Amiir Alii Hajizadeh jalaa ajjeefamuu karaa madda oduu biyyattii IRNA beeksifteetti.

    Jeneraal Amiir bara 2009 hogganaa Humna Qilleensaa Eegdota Warraaqsaa Iraan godhamuun Ayaatolaa Kaameenidhaan muudame.

    Qondaalli waraanaa kun bara 1962tti magaalaa Teehraan keessatti kan dhalate yoo ta'u, bara 1980tti humna waraana biyyattiitti makame.

  20. Tiraamp Israa’el haleellaa ‘caalaa hamaa’ ta’e raawwachuu malti jechuun Iraaniin akeekkachiise

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haleellaa cimaa niwukilaraa fi buufatawwan waraanaarratti erga raawwatteen boodas, Israa’el ammas haleellaa ‘caalaa hamaa’ ta’e raawwachuu malti jechuun Iraaniin akeekkachiise.

    Tehraaniif ‘carraa irratti carraa’ kenneeraaf kan jedhu Tiraamp, akka dhimma sagantaa niwukilaraashee ilaalchisuun waliigalteerra ga’uu akka qabdus gaafateera.

    Mariin waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamaa ture Wiixata marsaa 6ffaa isaa seenuuf ture.

    “Jechoota cimaan, “irratti hojjedhu” jedheen itti hime, garuu hammam yoo yaalanillee, hammam itti dhihaatanillee, waliigalteerra gahuun milkeessuu hin dandeenye,” jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti barreessa.

    "Duraanuu du'aa fi badiisa guddaatu ​​jira, garuu ammallee yeroon itti qalma kana, haleellaan itti aanu duraan karoorfame daran gara jabeessa ta'ee, akka xumuramu gochuuf jira," jedhe.

    "Iraan waliigaltee gochuu qabdi, osoo wanti tokkollee hin hafiiniifi waan yeroo tokko Impaayera Iraan jedhamuun beekamu baraaruu qabdi. Kana booda duuuti, kana booda badiisni akka hin jiraanne, OSOO YEROON HIN DABIIN AMMA HOJJEDHU.”

    Traamp Israa’el osoo haleellaa hin raawwatiin dura akka karoorfatte akka beeku dubbate, garuu waraanni Ameerikaa hojii kana keessatti gahee akka hin qabne ifa godheera.