Misaayelli Iraan Israa'el keessatti dubartoota afur miseensota maatii tokkoofi daa'imman lama dabalatee namoota 10 ajjeesuun booda namoonni Israa'el keessa jiran baayyeen naasuu keessa jiru.
Qondaaloti Israa'el biyyattiin guyyoota hamaa dabarsuu akka dandeessu akeekkachiisniiru, kunis Israa'el haleellaa mul'atee hin beekne Iraan irratti yeroo raawwachaa jirtutti dha.
Israa'el duulli kuni yeroo dheeraa fudhata- yoo baayyate guyyoota faa jettus kaayyoonshee dhumaa maal akka tahe garuu Israa'el hin ibsine.
Eda galgala Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu haleellaan hamma yoonaa raawwate kan sichii Iraan arguuf jirtuun yoo dorgomuu homaa miti jedhan.
Qondaaloti Israa'el gochaan isaanii sirrii tahuu yoo himan Iraan meeshaa waraanaa niwkilaaraa oomishuun iddoo boodatti hin deebinerra geesseetti jedhan.
Yaada kana gariin namootaa kan qeeqan yoo tahu, Iraan sagantaan niwkilaaraashee kaayyoo fayyaalessa taheef akka oolu himtus Israa'el kana takkaa fudhattee hin beektu.
Qeeqxonni ministira mummichaa waraana filannoodhaan taasifamaa jiru jechuun sagantaa niwkilaaraa Iraan furuuf karaan sirriin dippiloomaasii dha jedhan.
Pireezidant Tiraamp gamasaaniin Iraan waliigaltee niwkilaaraa akka fudhattu waamicha dhiyeessaa jiru, tahus waanti waliigalteef dhiyaate garuu maal akka tahe hin beekamu.
Waliigaltee niwkilaaraa biyyoota jajjaboon bara 2015 Iraan wajjin mallatteefame keessaa Tiraamp yeroo bulchiinsa isaa jalqabaa keessaa of baasuun ni yaadatama.
Waliigalteen sun mudaa kan hin qabne jedhamuu baatus waliigaltee Iraan irratti waliigalte ture.
Mariin waliigaltee niwkilaaraa Ameerikaafi Iraan gidduutti taasifamuuf har'atti qabme haqameera.
Ministirri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araaqchii haleellaa hamaa Israa'el otoo geggeessaa jirtuu mariin taasifamu hin jiru jedhe.