Kanaan duras Kaamalaan ''jeequmsi Ameeriikaa keessatti eddoo hin qabu'' jechuun toora X gubbaatti barreessitee turte.
Namni yaalii ajjeechaa Tiraamp shakkame eenyu?
Madda suuraa, Reuters
Gabaasaan Ameerikaatti michuu BBC ta‘e CBS News, maddeen
amanamoo eeruun maqaan nama Tiraamp ajjeessuuf yaaluun shakkamee Raayaan Wesilii Raawuz jedhama jedhe.
Garuu waa’ee nama kanaa hanga ammaatti maal beekna?
BBC Verify pirofaayilii miidiyaa hawaasaa maqaa kana waliin
tokko ta’e adda baaseera. Miidiyaa hawaasaa isaa kanarrattis loltoonni biyya alaa
gara Yukireen deemanii humnoota Raashiyaa akka lolaniif waamicha taasiseera.
Muuxannoo waraanaa kan hin qabne Raayaan Wesilii Raawuz, akkuma
Raashiyaan Yukireen irratti weerara banteen, loltoota Afgaanistaan Taalibaanii baqatan qacaruuf bara 2023 gara Yukireen deemee akka ture New
York Times’tti himeera.